سوره محمّد به زبان اورومویی

  1. گوش دادن به سوره
  2. سورهای دیگر
  3. ترجمه سوره
قرآن کریم | ترجمه معانی قرآن | زبان اورومویی | سوره محمّد | محمد - تعداد آیات آن 38 - شماره سوره در مصحف: 47 - معنی سوره به انگلیسی: Muhammad.

الَّذِينَ كَفَرُوا وَصَدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ أَضَلَّ أَعْمَالَهُمْ(1)

 Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera

وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَآمَنُوا بِمَا نُزِّلَ عَلَىٰ مُحَمَّدٍ وَهُوَ الْحَقُّ مِن رَّبِّهِمْ ۙ كَفَّرَ عَنْهُمْ سَيِّئَاتِهِمْ وَأَصْلَحَ بَالَهُمْ(2)

 Warra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ jechuu amanan, (Rabbiin) dilii isaanii isaan irraa haqeeti, haala isaaniis tolche

ذَٰلِكَ بِأَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا اتَّبَعُوا الْبَاطِلَ وَأَنَّ الَّذِينَ آمَنُوا اتَّبَعُوا الْحَقَّ مِن رَّبِّهِمْ ۚ كَذَٰلِكَ يَضْرِبُ اللَّهُ لِلنَّاسِ أَمْثَالَهُمْ(3)

 Kun waan warri kafaran dhara bu’ura hin qabne hordofaniifi warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii biraa ta’e hordofaniifiAkka kanatti Rabbiin fakkeenya isaanii ilma namaatiif taasisa

فَإِذَا لَقِيتُمُ الَّذِينَ كَفَرُوا فَضَرْبَ الرِّقَابِ حَتَّىٰ إِذَا أَثْخَنتُمُوهُمْ فَشُدُّوا الْوَثَاقَ فَإِمَّا مَنًّا بَعْدُ وَإِمَّا فِدَاءً حَتَّىٰ تَضَعَ الْحَرْبُ أَوْزَارَهَا ۚ ذَٰلِكَ وَلَوْ يَشَاءُ اللَّهُ لَانتَصَرَ مِنْهُمْ وَلَٰكِن لِّيَبْلُوَ بَعْضَكُم بِبَعْضٍ ۗ وَالَّذِينَ قُتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَلَن يُضِلَّ أَعْمَالَهُمْ(4)

 Yeroo warra kafare qunnamtan morma dhawaaYeroo isaan baay’ee ajjeeftan, hidhaa jabeessaaSana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa)Dubbiin kanaRabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahataGaruu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jechaWarra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu

سَيَهْدِيهِمْ وَيُصْلِحُ بَالَهُمْ(5)

 Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha

وَيُدْخِلُهُمُ الْجَنَّةَ عَرَّفَهَا لَهُمْ(6)

 Jannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن تَنصُرُوا اللَّهَ يَنصُرْكُمْ وَيُثَبِّتْ أَقْدَامَكُمْ(7)

 Yaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isin tumsaFaana keessanis gadi dhaaba

وَالَّذِينَ كَفَرُوا فَتَعْسًا لَّهُمْ وَأَضَلَّ أَعْمَالَهُمْ(8)

 Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha(Rabbiin) dalagaa (hojii) isaaniis ni balleessa

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَرِهُوا مَا أَنزَلَ اللَّهُ فَأَحْبَطَ أَعْمَالَهُمْ(9)

 Kun waan isaan (Qur’aana) Rabbiin buuse jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii duraa balleesse

۞ أَفَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ دَمَّرَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ ۖ وَلِلْكَافِرِينَ أَمْثَالُهَا(10)

 Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan duraa maal akka ta’e hin ilaallee? Rabbiin guutumatti isaan barbadeesseKaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha

ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ مَوْلَى الَّذِينَ آمَنُوا وَأَنَّ الْكَافِرِينَ لَا مَوْلَىٰ لَهُمْ(11)

 Kun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafirootaaf immoo gargaaraan waan hin jirreefi

إِنَّ اللَّهَ يُدْخِلُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا يَتَمَتَّعُونَ وَيَأْكُلُونَ كَمَا تَأْكُلُ الْأَنْعَامُ وَالنَّارُ مَثْوًى لَّهُمْ(12)

 Rabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannata laggeen isaan keessa yaa’u seensisaWarri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa jiraatanIbiddi bakka jireenya isaaniiti

وَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ هِيَ أَشَدُّ قُوَّةً مِّن قَرْيَتِكَ الَّتِي أَخْرَجَتْكَ أَهْلَكْنَاهُمْ فَلَا نَاصِرَ لَهُمْ(13)

 Baay’ee magaalotaa, kan magaalaa kee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirraHomaa tumsaan isaaniif hin jiru

أَفَمَن كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٍ مِّن رَّبِّهِ كَمَن زُيِّنَ لَهُ سُوءُ عَمَلِهِ وَاتَّبَعُوا أَهْوَاءَهُم(14)

 Sila inni ragaa ifa ba’aa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee, fedha lubbuu isaanii hordofanii ni ta’aa

مَّثَلُ الْجَنَّةِ الَّتِي وُعِدَ الْمُتَّقُونَ ۖ فِيهَا أَنْهَارٌ مِّن مَّاءٍ غَيْرِ آسِنٍ وَأَنْهَارٌ مِّن لَّبَنٍ لَّمْ يَتَغَيَّرْ طَعْمُهُ وَأَنْهَارٌ مِّنْ خَمْرٍ لَّذَّةٍ لِّلشَّارِبِينَ وَأَنْهَارٌ مِّنْ عَسَلٍ مُّصَفًّى ۖ وَلَهُمْ فِيهَا مِن كُلِّ الثَّمَرَاتِ وَمَغْفِرَةٌ مِّن رَّبِّهِمْ ۖ كَمَنْ هُوَ خَالِدٌ فِي النَّارِ وَسُقُوا مَاءً حَمِيمًا فَقَطَّعَ أَمْعَاءَهُمْ(15)

 Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaataniif waadaa galamee (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’e, laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa ta’etu jiraAmmas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira(Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii

وَمِنْهُم مَّن يَسْتَمِعُ إِلَيْكَ حَتَّىٰ إِذَا خَرَجُوا مِنْ عِندِكَ قَالُوا لِلَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ مَاذَا قَالَ آنِفًا ۚ أُولَٰئِكَ الَّذِينَ طَبَعَ اللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ وَاتَّبَعُوا أَهْوَاءَهُمْ(16)

 Isaan irraa namoota si dhaggeeffatee yeroo si biraa gadi bahe, warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?” jedhantu jiraIsaan sun warra qalbii isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhii isaanii hordofaniidha

وَالَّذِينَ اهْتَدَوْا زَادَهُمْ هُدًى وَآتَاهُمْ تَقْوَاهُمْ(17)

 Isaan karaa qajeelaa hordofan, (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne

فَهَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا السَّاعَةَ أَن تَأْتِيَهُم بَغْتَةً ۖ فَقَدْ جَاءَ أَشْرَاطُهَا ۚ فَأَنَّىٰ لَهُمْ إِذَا جَاءَتْهُمْ ذِكْرَاهُمْ(18)

 Sila (Qiyaaman) tasa isaanitti dhufuu malee maal eegu? Mallattooleen ishee dhufaniiruYeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a

فَاعْلَمْ أَنَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَاسْتَغْفِرْ لِذَنبِكَ وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مُتَقَلَّبَكُمْ وَمَثْوَاكُمْ(19)

 Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki; dilii keetiifis araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu)Rabbiin sochii keessaniifi iddoo isin qubattanis ni beeka

وَيَقُولُ الَّذِينَ آمَنُوا لَوْلَا نُزِّلَتْ سُورَةٌ ۖ فَإِذَا أُنزِلَتْ سُورَةٌ مُّحْكَمَةٌ وَذُكِرَ فِيهَا الْقِتَالُ ۙ رَأَيْتَ الَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ يَنظُرُونَ إِلَيْكَ نَظَرَ الْمَغْشِيِّ عَلَيْهِ مِنَ الْمَوْتِ ۖ فَأَوْلَىٰ لَهُمْ(20)

 Warri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhuYeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onnee isaanii keessa dhukkubni jiru ilaalcha nama machii du’aa keessa jiruu kan gara kee ilaalu argitaBadiin isaaniif haa ta’u

طَاعَةٌ وَقَوْلٌ مَّعْرُوفٌ ۚ فَإِذَا عَزَمَ الْأَمْرُ فَلَوْ صَدَقُوا اللَّهَ لَكَانَ خَيْرًا لَّهُمْ(21)

 Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala)Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture

فَهَلْ عَسَيْتُمْ إِن تَوَلَّيْتُمْ أَن تُفْسِدُوا فِي الْأَرْضِ وَتُقَطِّعُوا أَرْحَامَكُمْ(22)

 Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii

أُولَٰئِكَ الَّذِينَ لَعَنَهُمُ اللَّهُ فَأَصَمَّهُمْ وَأَعْمَىٰ أَبْصَارَهُمْ(23)

 Isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ija isaaniis jaamseedha

أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ أَمْ عَلَىٰ قُلُوبٍ أَقْفَالُهَا(24)

 Sila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onnee isaanii irra cufaa isheetu jira

إِنَّ الَّذِينَ ارْتَدُّوا عَلَىٰ أَدْبَارِهِم مِّن بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ الْهُدَى ۙ الشَّيْطَانُ سَوَّلَ لَهُمْ وَأَمْلَىٰ لَهُمْ(25)

 Isaan erga karaan qajeelaan ifa isaaniif ta’ee booda duubatti jedhan, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا لِلَّذِينَ كَرِهُوا مَا نَزَّلَ اللَّهُ سَنُطِيعُكُمْ فِي بَعْضِ الْأَمْرِ ۖ وَاللَّهُ يَعْلَمُ إِسْرَارَهُمْ(26)

 Kun waan isaan warra waan Rabbiin buuse jibbaniin “dhimma garii keessatti ajaja keessan fudhanna” jedhaniifRabbiin iccitii isaanii ni beeka

فَكَيْفَ إِذَا تَوَفَّتْهُمُ الْمَلَائِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَارَهُمْ(27)

 Yeroo maleeykonni fuula isaaniitiifi dugda isaanii rukutuun isaan ajjeesan akkam tahuu taa’an

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمُ اتَّبَعُوا مَا أَسْخَطَ اللَّهَ وَكَرِهُوا رِضْوَانَهُ فَأَحْبَطَ أَعْمَالَهُمْ(28)

 Kun waan isaan wanta Rabbiin dallansiisu hordofanii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse

أَمْ حَسِبَ الَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ أَن لَّن يُخْرِجَ اللَّهُ أَضْغَانَهُمْ(29)

 Sila warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa garaa isaanii keessa jiru hin baasuu yaadanii

وَلَوْ نَشَاءُ لَأَرَيْنَاكَهُمْ فَلَعَرَفْتَهُم بِسِيمَاهُمْ ۚ وَلَتَعْرِفَنَّهُمْ فِي لَحْنِ الْقَوْلِ ۚ وَاللَّهُ يَعْلَمُ أَعْمَالَكُمْ(30)

 Odoo feenee isaan sitti argisiifneeti, mallattoolee isaanitiin isaan beekta turteErgaa jechootaatiinis isaan ni beektaRabbiin dalagaa keessan ni beeka

وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ حَتَّىٰ نَعْلَمَ الْمُجَاهِدِينَ مِنكُمْ وَالصَّابِرِينَ وَنَبْلُوَ أَخْبَارَكُمْ(31)

 Hanga qabsaa’otaafi obsitoota isin irraa adda baafnee, oduu keessanis hanga mul’ifnutti isin mokkorra

إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَصَدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ وَشَاقُّوا الرَّسُولَ مِن بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ الْهُدَىٰ لَن يَضُرُّوا اللَّهَ شَيْئًا وَسَيُحْبِطُ أَعْمَالَهُمْ(32)

 Isaan kafaranii karaa Rabbii irraa dhorgan, erga karaan qajeelaan isaaniif ifa ta’e booda ergamaa (Rabbii) faallessan, homaa Rabbiin hin miidhanu(Rabbiin) dalagaa isaanii balleessuuf jira

۞ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَطِيعُوا اللَّهَ وَأَطِيعُوا الرَّسُولَ وَلَا تُبْطِلُوا أَعْمَالَكُمْ(33)

 Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamaa (Isaatifis) ajajamaa; dalagaawwan keessanis hin balleessinaa

إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَصَدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ ثُمَّ مَاتُوا وَهُمْ كُفَّارٌ فَلَن يَغْفِرَ اللَّهُ لَهُمْ(34)

 Isaan kafaranii (namoota) karaa Rabbii irraa dhorganii ergasii kafaroo ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu

فَلَا تَهِنُوا وَتَدْعُوا إِلَى السَّلْمِ وَأَنتُمُ الْأَعْلَوْنَ وَاللَّهُ مَعَكُمْ وَلَن يَتِرَكُمْ أَعْمَالَكُمْ(35)

 Hin dadhabinaa; haala isinumti gubbaa aantanii jirtanuun gara araaramaatti hin waaminaaRabbiin isin waliin jira; (mindaa) dalagaa keessaniis hin hir’isu

إِنَّمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا لَعِبٌ وَلَهْوٌ ۚ وَإِن تُؤْمِنُوا وَتَتَّقُوا يُؤْتِكُمْ أُجُورَكُمْ وَلَا يَسْأَلْكُمْ أَمْوَالَكُمْ(36)

 Jireenyi addunyaa taphaafi yeroo dabarfannaadhaYoo amantanii Rabbiin sodaattan mindaa keessan isiniif kenna; qabeenya keessan isin hin gaafatu

إِن يَسْأَلْكُمُوهَا فَيُحْفِكُمْ تَبْخَلُوا وَيُخْرِجْ أَضْغَانَكُمْ(37)

 Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) iccitii keessan ni baasa

هَا أَنتُمْ هَٰؤُلَاءِ تُدْعَوْنَ لِتُنفِقُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَمِنكُم مَّن يَبْخَلُ ۖ وَمَن يَبْخَلْ فَإِنَّمَا يَبْخَلُ عَن نَّفْسِهِ ۚ وَاللَّهُ الْغَنِيُّ وَأَنتُمُ الْفُقَرَاءُ ۚ وَإِن تَتَوَلَّوْا يَسْتَبْدِلْ قَوْمًا غَيْرَكُمْ ثُمَّ لَا يَكُونُوا أَمْثَالَكُم(38)

 Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtuIsin irraa nama doynoomuutu jiraNamni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irrattiRabbiin dureessa; isintu hiyyeeyyiidhaYoo duubatti deebitanis, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusaIsaan ergasii akka keessan hin ta’an


سورهای بیشتر به زبان اورومویی:

سوره البقره آل عمران سوره نساء
سوره مائده سوره يوسف سوره ابراهيم
سوره حجر سوره کهف سوره مریم
سوره حج سوره قصص سوره عنکبوت
سوره سجده سوره یس سوره دخان
سوره فتح سوره حجرات سوره ق
سوره نجم سوره رحمن سوره واقعه
سوره حشر سوره ملک سوره حاقه
سوره انشقاق سوره أعلى سوره غاشية

دانلود سوره محمّد با صدای معروف‌ترین قراء:

انتخاب خواننده برای گوش دادن و دانلود کامل سوره محمّد با کیفیت بالا.
سوره محمّد را با صدای احمد العجمی
أحمد العجمي
سوره محمّد را با صدای ابراهيم الاخضر
ابراهيم الاخضر
سوره محمّد را با صدای بندر بليلة
بندر بليلة
سوره محمّد را با صدای خالد الجليل
خالد الجليل
سوره محمّد را با صدای حاتم فريد الواعر
حاتم فريد الواعر
سوره محمّد را با صدای خليفة الطنيجي
خليفة الطنيجي
سوره محمّد را با صدای سعد الغامدي
سعد الغامدي
سوره محمّد را با صدای سعود الشريم
سعود الشريم
سوره محمّد را با صدای الشاطري
الشاطري
سوره محمّد را با صدای صلاح ابوخاطر
صلاح بوخاطر
سوره محمّد را با صدای عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سوره محمّد را با صدای عبد الرحمن العوسي
عبدالرحمن العوسي
سوره محمّد را با صدای عبد الرشيد صوفي
عبد الرشيد صوفي
سوره محمّد را با صدای عبد العزيز الزهراني
عبدالعزيز الزهراني
سوره محمّد را با صدای عبد الله بصفر
عبد الله بصفر
سوره محمّد را با صدای عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سوره محمّد را با صدای علي الحذيفي
علي الحذيفي
سوره محمّد را با صدای علي جابر
علي جابر
سوره محمّد را با صدای غسان الشوربجي
غسان الشوربجي
سوره محمّد را با صدای فارس عباد
فارس عباد
سوره محمّد را با صدای ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سوره محمّد را با صدای محمد أيوب
محمد أيوب
سوره محمّد را با صدای محمد المحيسني
محمد المحيسني
سوره محمّد را با صدای محمد جبريل
محمد جبريل
سوره محمّد را با صدای محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سوره محمّد را با صدای الحصري
الحصري
سوره محمّد را با صدای العفاسي
مشاري العفاسي
سوره محمّد را با صدای ناصر القطامي
ناصر القطامي
سوره محمّد را با صدای وديع اليمني
وديع اليمني
سوره محمّد را با صدای ياسر الدوسري
ياسر الدوسري


Tuesday, February 11, 2025

به قرآن کریم چنگ بزنید