La sourate Al-Qalam en Oromo
NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha |
Ati niimaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane |
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira |
Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta |
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru |
Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu) |
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ(7) Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka |
Kijibsiiftotaaf hin ajajamin |
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu |
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin |
Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan taeef (hin ajajamin) |
Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis |
Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan taeen (hin ajajamin) |
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii taeef (boonee kafare) |
إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا قَالَ أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ(15) Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe |
Funyaan irratti isa mallatteessina |
Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra |
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan) |
فَطَافَ عَلَيْهَا طَائِفٌ مِّن رَّبِّكَ وَهُمْ نَائِمُونَ(19) Odoo isaan rafanuu, naannaaan (adabbiin) Rabbii kee biraa tae ishee irra naannae |
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte |
Bariidhaan walitti lallaban |
Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan) |
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman |
Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan) |
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti dandaoo taanii bariisifatan |
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha |
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha |
قَالَ أَوْسَطُهُمْ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ لَوْلَا تُسَبِّحُونَ(28) Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe |
Gooftaan keenya qulqullaae; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan |
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale |
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota |
عَسَىٰ رَبُّنَا أَن يُبْدِلَنَا خَيْرًا مِّنْهَا إِنَّا إِلَىٰ رَبِّنَا رَاغِبُونَ(32) Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan) |
كَذَٰلِكَ الْعَذَابُ ۖ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَكْبَرُ ۚ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ(33) Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan) |
إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّاتِ النَّعِيمِ(34) Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira |
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa |
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu |
Dhugumatti, kitaaba (samii bue) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa |
Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu) |
Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka gaaa taetu isiniif jira moo |
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu |
أَمْ لَهُمْ شُرَكَاءُ فَلْيَأْتُوا بِشُرَكَائِهِمْ إِن كَانُوا صَادِقِينَ(41) Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan taaniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu |
يَوْمَ يُكْشَفُ عَن سَاقٍ وَيُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ(42) Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu] |
Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan |
فَذَرْنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا الْحَدِيثِ ۖ سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ(44) Anaafi nama haasaa (Quraana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna |
Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha |
أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ(46) Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali) |
Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo |
فَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ الْحُوتِ إِذْ نَادَىٰ وَهُوَ مَكْظُومٌ(48) Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin tain |
لَّوْلَا أَن تَدَارَكَهُ نِعْمَةٌ مِّن رَّبِّهِ لَنُبِذَ بِالْعَرَاءِ وَهُوَ مَذْمُومٌ(49) Odoo niimaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa taeeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture |
Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe |
Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhagaan ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu |
Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Qalam : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Qalam complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide