Müddessir suresi çevirisi Oromo
Yaa mammarataa |
Kaii akeekkachiisi |
Gooftaa keetis guddisi |
Uffata keetis qulqulleessi |
Taabotaanis oodi |
Baayifannaa barbaachaaf hin arjoomin |
Gooftaa keetiif obsi |
Yeroo xurumbaa keessa afuufame |
Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha |
Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti |
Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi |
Kan Ani qabeenya balaas isaaf godhe |
Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis |
Balisuus kan Ani isaaf balise |
Ergasii akka Ani isaaf dabalus kan kajeelu |
Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture |
Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa |
Inni ni xiinxale; ni tilmaames |
Abaarame! Akkamumatti tilmaame |
Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame |
ثُمَّ نَظَرَ(21) Ergasii ni ilaale |
Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame |
Ergasii gara gale; ni boone |
Ni jedhes: "(Quraanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa |
Kun jecha namaa malee hin taane |
Saqar isa seensisuufin jira |
Saqar maal akka tae maaltu si barsiise |
(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu |
Gogaas gubduudha |
Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira |
Eegdota Ibiddaas malaykota malee kan biraa hin gooneLakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi muuminoonnis akka hin shakkinee,fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif malee kana hin gooneAkka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha(Baayina) waraana Gooftaa keetiis Isa malee homtuu hin beekuIsheenis namaaf gorsa malee waan biraatii miti |
Haa dhorgamu! Jiattin kakadha |
Halkaniinis; yeroo inni deeme |
Bariidhaanis yeroo inni ife |
Dhugumatti, isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti |
Namaaf akeekkachiiftuudha |
Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha) |
Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha |
Warra mirgaa malee |
(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu |
Yakkamtoota irraa (wal gaafatu) |
Maaltu Saqariin keessa isin seensise?" (isaanin jedhu) |
Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre |
Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre |
Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre |
Guyyaa mindaas kan sobsiifnu turre |
Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu) |
Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu |
Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Quraanaa) irraa gara galoo tau |
(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu |
Leenca irraa kan baqatan |
بَلْ يُرِيدُ كُلُّ امْرِئٍ مِّنْهُمْ أَن يُؤْتَىٰ صُحُفًا مُّنَشَّرَةً(52) Inumaa namni isaan irraa tae hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha |
Dhugumatti, (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu |
Dhugumatti, inni (Quraanni) gorsa |
Nama fedheetu isaan gorfama |
وَمَا يَذْكُرُونَ إِلَّا أَن يَشَاءَ اللَّهُ ۚ هُوَ أَهْلُ التَّقْوَىٰ وَأَهْلُ الْمَغْفِرَةِ(56) Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanuInni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati |
Oromo diğer sureler:
En ünlü okuyucuların sesiyle Müddessir Suresi indirin:
Surah Al-Muddaththir mp3: yüksek kalitede dinlemek ve indirmek için okuyucuyu seçerek
Ahmed El Agamy
Saad Al Ghamdi
Saud Al Shuraim
Abdul Basit
Abdullah Basfar
Abdullah Al Juhani
Ali Al Hudhaifi
Fares Abbad
Maher Al Muaiqly
Muhammad Jibril
Al Minshawi
Al Hosary
Mishari Al-afasi
Nasser Al Qatami
Yasser Al Dosari
Bizim için dua et, teşekkürler