📖 0/604 fuulawwan dubbifaman
📄 282
Suuratu Al-Isra

Suuratu Al-Isra

17:1
سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِيٓ أَسۡرَىٰ بِعَبۡدِهِۦ لَيۡلًا مِّنَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ إِلَى ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡأَقۡصَا ٱلَّذِي بَٰرَكۡنَا حَوۡلَهُۥ لِنُرِيَهُۥ مِنۡ ءَايَٰتِنَآۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ ١
Inni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa goonee, mallattoowwan keenya akka itti argisiifnuuf deemsise qulqullaa’eDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha
17:2
وَءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلۡنَٰهُ هُدًى لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَلَّا تَتَّخِذُواْ مِن دُونِي وَكِيلًا ٢
Muusaafis kitaaba kenninee Ilmaan Israa’iilif “anaa gaditti hirkoo hin godhatinaa” (jechuun) qajeelfama isa goone
17:3
ذُرِّيَّةَ مَنۡ حَمَلۡنَا مَعَ نُوحٍۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَبۡدًا شَكُورًا ٣
(Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! Dhugumatti, inni gabricha galatoomfataa ture
17:4
وَقَضَيۡنَآ إِلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ فِي ٱلۡكِتَٰبِ لَتُفۡسِدُنَّ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَرَّتَيۡنِ وَلَتَعۡلُنَّ عُلُوًّا كَبِيرًا ٤
Gara Ilmaan Israa’iil kitaaba keessatti “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa ta’es of tuuluuf jirtu” (jechuun) beeksisa goonee jirra
17:5
فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ أُولَىٰهُمَا بَعَثۡنَا عَلَيۡكُمۡ عِبَادًا لَّنَآ أُوْلِي بَأۡسٍ شَدِيدٍ فَجَاسُواْ خِلَٰلَ ٱلدِّيَارِۚ وَكَانَ وَعۡدًا مَّفۡعُولًا ٥
Isaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergineIsaanis gola manneen keessanii keessa ni deddeebi’ani(Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera
17:6
ثُمَّ رَدَدۡنَا لَكُمُ ٱلۡكَرَّةَ عَلَيۡهِمۡ وَأَمۡدَدۡنَٰكُم بِأَمۡوَٰلٍ وَبَنِينَ وَجَعَلۡنَٰكُمۡ أَكۡثَرَ نَفِيرًا ٦
Ergasii isaan irratti dabaree injifannoo isiniif deebifnee qabeenyaafi ilmaanis isiniif daballeGama gosaatiinis baay’ee isin taasifne
17:7
إِنۡ أَحۡسَنتُمۡ أَحۡسَنتُمۡ لِأَنفُسِكُمۡۖ وَإِنۡ أَسَأۡتُمۡ فَلَهَاۚ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ ٱلۡأٓخِرَةِ لِيَسُـُٔواْ وُجُوهَكُمۡ وَلِيَدۡخُلُواْ ٱلۡمَسۡجِدَ كَمَا دَخَلُوهُ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَلِيُتَبِّرُواْ مَا عَلَوۡاْ تَتۡبِيرًا ٧
Yoo toltuu hojjattaniif lubbuma keessaniif toltuu hojjattuYoo hamtuu hojjattanis isuma irrattiYeroo waadaan lamaffaa dhufe, akka (diinotiin keessan) fuula keessan hammeessan, akka masjiidichas (Aqsaas) akkuma yeroo jalqabaa isa seenanitti seenaniifi akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina)
العربيةEnglishBahasa IndonesiaTürkçeРусскийفارسیFrançaisاردوবাংলাDeutschEspañol中文हिन्दीPortuguêsItalianoภาษาไทยPolskiNederlandsShqipKiswahiliO'zbekதமிழ்MelayuBosanskiSoomaaliAzərbaycanکوردی한국어日本語SvenskaDanskNorskپښتوമലയാളംසිංහලTamazightHausaአማርኛБългарскиТоҷикӣҚазақшаFilipinoسنڌيYorùbáFulfuldeТатарчаئۇيغۇرچەКыргызчаਪੰਜਾਬੀJawaతెలుగుမြန်မာગુજરાતીOromoमराठीTiếng ViệtMalagasyНохчийнWolofދިވެހިಕನ್ನಡУкраїнськаΕλληνικάქართულიខ្មែរدریQafar afMaranaoनेपाली
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 25, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







