Suuratu Al-Ghashiyah Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Ghashiyah hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (26 Aayah — مكية). Al-Ghashiyah Caqasi, Al-Ghashiyah Hiikkaa, Al-Ghashiyah mp3, Al-Ghashiyah pdf.

Suuratu Al-Ghashiyah Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
هَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ الْغَاشِيَةِ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ خَاشِعَةٌ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha
عَامِلَةٌ نَّاصِبَةٌ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Hojjattuu ifaajjuudha
تَصْلَىٰ نَارًا حَامِيَةً ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Ibidda gubduu seenti
تُسْقَىٰ مِنْ عَيْنٍ آنِيَةٍ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Burqituu danfituu irraa obaafamti
لَّيْسَ لَهُمْ طَعَامٌ إِلَّا مِن ضَرِيعٍ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru
لَّا يُسْمِنُ وَلَا يُغْنِي مِن جُوعٍ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ نَّاعِمَةٌ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha
لِّسَعْيِهَا رَاضِيَةٌ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Dalagaa ishee jaalattuudha
فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٍ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti
لَّا تَسْمَعُ فِيهَا لَاغِيَةً ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Ishee keessatti waca hin dhagaanu
فِيهَا عَيْنٌ جَارِيَةٌ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti
فِيهَا سُرُرٌ مَّرْفُوعَةٌ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti
وَأَكْوَابٌ مَّوْضُوعَةٌ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti
وَنَمَارِقُ مَصْفُوفَةٌ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira)
وَزَرَابِيُّ مَبْثُوثَةٌ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti)
أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى الْإِبِلِ كَيْفَ خُلِقَتْ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu
وَإِلَى السَّمَاءِ كَيْفَ رُفِعَتْ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)
وَإِلَى الْجِبَالِ كَيْفَ نُصِبَتْ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)
وَإِلَى الْأَرْضِ كَيْفَ سُطِحَتْ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)
فَذَكِّرْ إِنَّمَا أَنتَ مُذَكِّرٌ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa
لَّسْتَ عَلَيْهِم بِمُصَيْطِرٍ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane
إِلَّا مَن تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Garuu nama gara galee kafare
فَيُعَذِّبُهُ اللَّهُ الْعَذَابَ الْأَكْبَرَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba
إِنَّ إِلَيْنَا إِيَابَهُمْ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Deebiin isaanii garuma Keenya
ثُمَّ إِنَّ عَلَيْنَا حِسَابَهُم ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira
← 87 Al-Ghashiyah (88/114) 89 →
Dubbisi Suuratu Al-Ghashiyah Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

88الغاشية Al-Ghashiyah 📚 26 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Ghashiyah — 26 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers