Suuratu Fussilat Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Fussilat hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (54 Aayah — مكية). Fussilat Caqasi, Fussilat Hiikkaa, Fussilat mp3, Fussilat pdf.

Suuratu Fussilat Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
حم ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Haa Miim
تَنزِيلٌ مِّنَ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
(Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha
كِتَابٌ فُصِّلَتْ آيَاتُهُ قُرْآنًا عَرَبِيًّا لِّقَوْمٍ يَعْلَمُونَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Kitaaba keeyyattoonni isaa namoota beekaniif, dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, adda baafamteedha
بَشِيرًا وَنَذِيرًا فَأَعْرَضَ أَكْثَرُهُمْ فَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galanSaniifuu isaan hin dhagayan
وَقَالُوا قُلُوبُنَا فِي أَكِنَّةٍ مِّمَّا تَدْعُونَا إِلَيْهِ وَفِي آذَانِنَا وَقْرٌ وَمِن بَيْنِنَا وَبَيْنِكَ حِجَابٌ فَاعْمَلْ إِنَّنَا عَامِلُونَ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Ni jedhan: “onneen keenya waan isin itti nu waamtan irraa haguuggaa keessa jiraGurra keenya keessas duudummaatu jiraGidduu keenyaafi gidduu keetis waan haguugutu jiraKanaaf ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagna
قُلْ إِنَّمَا أَنَا بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ يُوحَىٰ إِلَيَّ أَنَّمَا إِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ فَاسْتَقِيمُوا إِلَيْهِ وَاسْتَغْفِرُوهُ ۗ وَوَيْلٌ لِّلْمُشْرِكِينَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Jedhi: “ani namuma akka keessaniiti; ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa gaafadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira’ jechuutu gara kiyyatti beeksisa godhama.”
الَّذِينَ لَا يُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَهُم بِالْآخِرَةِ هُمْ كَافِرُونَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhirattis kafaraniidha
إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Dhugumatti, isaan amananii, toltuu hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira
۞ قُلْ أَئِنَّكُمْ لَتَكْفُرُونَ بِالَّذِي خَلَقَ الْأَرْضَ فِي يَوْمَيْنِ وَتَجْعَلُونَ لَهُ أَندَادًا ۚ ذَٰلِكَ رَبُّ الْعَالَمِينَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaa Isaaf gootuu? Sun Gooftaa aalama hundaati
وَجَعَلَ فِيهَا رَوَاسِيَ مِن فَوْقِهَا وَبَارَكَ فِيهَا وَقَدَّرَ فِيهَا أَقْوَاتَهَا فِي أَرْبَعَةِ أَيَّامٍ سَوَاءً لِّلسَّائِلِينَ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessattis barakaa godheIshee keessatti wantoota ittiin jiraatan guyyuma afur guutuu keessatti warra itti haajamaniif murteesse
ثُمَّ اسْتَوَىٰ إِلَى السَّمَاءِ وَهِيَ دُخَانٌ فَقَالَ لَهَا وَلِلْأَرْضِ ائْتِيَا طَوْعًا أَوْ كَرْهًا قَالَتَا أَتَيْنَا طَائِعِينَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Ergasii haala isheen aara taatee jirtuun samii ol ta’e, isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedheIsaanis “jaalannee dhufne” jedhan
فَقَضَاهُنَّ سَبْعَ سَمَاوَاتٍ فِي يَوْمَيْنِ وَأَوْحَىٰ فِي كُلِّ سَمَاءٍ أَمْرَهَا ۚ وَزَيَّنَّا السَّمَاءَ الدُّنْيَا بِمَصَابِيحَ وَحِفْظًا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Guyyaa lama keessatti samii torba godhee xumuree, samii hunda keessatti, dhimma ishee ilaalchisee beeksisa itti godheSamii addunyaas ifaadhaan (urjiin) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine)Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati
فَإِنْ أَعْرَضُوا فَقُلْ أَنذَرْتُكُمْ صَاعِقَةً مِّثْلَ صَاعِقَةِ عَادٍ وَثَمُودَ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Yoo isaan gara galan “ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin isin sodaachiseera” jedhiin
إِذْ جَاءَتْهُمُ الرُّسُلُ مِن بَيْنِ أَيْدِيهِمْ وَمِنْ خَلْفِهِمْ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا اللَّهَ ۖ قَالُوا لَوْ شَاءَ رَبُّنَا لَأَنزَلَ مَلَائِكَةً فَإِنَّا بِمَا أُرْسِلْتُم بِهِ كَافِرُونَ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
(adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; kanaaf nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise)
فَأَمَّا عَادٌ فَاسْتَكْبَرُوا فِي الْأَرْضِ بِغَيْرِ الْحَقِّ وَقَالُوا مَنْ أَشَدُّ مِنَّا قُوَّةً ۖ أَوَلَمْ يَرَوْا أَنَّ اللَّهَ الَّذِي خَلَقَهُمْ هُوَ أَشَدُّ مِنْهُمْ قُوَّةً ۖ وَكَانُوا بِآيَاتِنَا يَجْحَدُونَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Aad immoo dachii keessatti haqaan ala boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhanSila Rabbiin, Inni isaan uume sun dhugumatti, humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormitoota turan
فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِي أَيَّامٍ نَّحِسَاتٍ لِّنُذِيقَهُمْ عَذَابَ الْخِزْيِ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَخْزَىٰ ۖ وَهُمْ لَا يُنصَرُونَ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine(Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadhaIsaan hin tumsamanu
وَأَمَّا ثَمُودُ فَهَدَيْنَاهُمْ فَاسْتَحَبُّوا الْعَمَىٰ عَلَى الْهُدَىٰ فَأَخَذَتْهُمْ صَاعِقَةُ الْعَذَابِ الْهُونِ بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; waan isaan hojjataa turaniif duuti adabbii salphisaa isaan qabatte
وَنَجَّيْنَا الَّذِينَ آمَنُوا وَكَانُوا يَتَّقُونَ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Isaan amananii, Rabbiin kan sodaatan turan nagaya baafne
وَيَوْمَ يُحْشَرُ أَعْدَاءُ اللَّهِ إِلَى النَّارِ فَهُمْ يُوزَعُونَ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii ittifaman san [yaadadhu]
حَتَّىٰ إِذَا مَا جَاءُوهَا شَهِدَ عَلَيْهِمْ سَمْعُهُمْ وَأَبْصَارُهُمْ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u
وَقَالُوا لِجُلُودِهِمْ لِمَ شَهِدتُّمْ عَلَيْنَا ۖ قَالُوا أَنطَقَنَا اللَّهُ الَّذِي أَنطَقَ كُلَّ شَيْءٍ وَهُوَ خَلَقَكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Gogaa isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan[Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtantu nu dubbachiise.”
وَمَا كُنتُمْ تَسْتَتِرُونَ أَن يَشْهَدَ عَلَيْكُمْ سَمْعُكُمْ وَلَا أَبْصَارُكُمْ وَلَا جُلُودُكُمْ وَلَٰكِن ظَنَنتُمْ أَنَّ اللَّهَ لَا يَعْلَمُ كَثِيرًا مِّمَّا تَعْمَلُونَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Isinis dhageettiin keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitanu hin taaneHaa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan
وَذَٰلِكُمْ ظَنُّكُمُ الَّذِي ظَنَنتُم بِرَبِّكُمْ أَرْدَاكُمْ فَأَصْبَحْتُم مِّنَ الْخَاسِرِينَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidhaIsin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan
فَإِن يَصْبِرُوا فَالنَّارُ مَثْوًى لَّهُمْ ۖ وَإِن يَسْتَعْتِبُوا فَمَا هُم مِّنَ الْمُعْتَبِينَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Yoo obsanis, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefamu irraayii miti
۞ وَقَيَّضْنَا لَهُمْ قُرَنَاءَ فَزَيَّنُوا لَهُم مَّا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَحَقَّ عَلَيْهِمُ الْقَوْلُ فِي أُمَمٍ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِم مِّنَ الْجِنِّ وَالْإِنسِ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا خَاسِرِينَ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechanJechi (adabbiin) akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, isaan irrattis mirkanaa’eIsaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru
وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لَا تَسْمَعُوا لِهَٰذَا الْقُرْآنِ وَالْغَوْا فِيهِ لَعَلَّكُمْ تَغْلِبُونَ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; akka injifattaniif (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa” jedhan
فَلَنُذِيقَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا عَذَابًا شَدِيدًا وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَسْوَأَ الَّذِي كَانُوا يَعْمَلُونَ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Isaan kafaran dhugumaan adabbii cimaa isaan dhandhamsiifnaDhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis isaan mindeessina
ذَٰلِكَ جَزَاءُ أَعْدَاءِ اللَّهِ النَّارُ ۖ لَهُمْ فِيهَا دَارُ الْخُلْدِ ۖ جَزَاءً بِمَا كَانُوا بِآيَاتِنَا يَجْحَدُونَ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefiIsaaniif ishee keessa mana yeroo hundaatu jiraWaan keeyyattoota keenya mormaniif isaaniif mindaa ta’a
وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا رَبَّنَا أَرِنَا اللَّذَيْنِ أَضَلَّانَا مِنَ الْجِنِّ وَالْإِنسِ نَجْعَلْهُمَا تَحْتَ أَقْدَامِنَا لِيَكُونَا مِنَ الْأَسْفَلِينَ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Isaan kafaran “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; akka warra jalaa keessa ta’aniif faana keenya jala isaan goona” jedhan
إِنَّ الَّذِينَ قَالُوا رَبُّنَا اللَّهُ ثُمَّ اسْتَقَامُوا تَتَنَزَّلُ عَلَيْهِمُ الْمَلَائِكَةُ أَلَّا تَخَافُوا وَلَا تَحْزَنُوا وَأَبْشِرُوا بِالْجَنَّةِ الَّتِي كُنتُمْ تُوعَدُونَ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Dhugumatti, isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa
نَحْنُ أَوْلِيَاؤُكُمْ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَفِي الْآخِرَةِ ۖ وَلَكُمْ فِيهَا مَا تَشْتَهِي أَنفُسُكُمْ وَلَكُمْ فِيهَا مَا تَدَّعُونَ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasumaIsiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuun keessan feetutu jiraIsiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira
نُزُلًا مِّنْ غَفُورٍ رَّحِيمٍ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu)
وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِّمَّن دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Nama gara Rabbiitti waameefi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu
وَلَا تَسْتَوِي الْحَسَنَةُ وَلَا السَّيِّئَةُ ۚ ادْفَعْ بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ فَإِذَا الَّذِي بَيْنَكَ وَبَيْنَهُ عَدَاوَةٌ كَأَنَّهُ وَلِيٌّ حَمِيمٌ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
(Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’anIshee toltuu taateen deebisiYoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta)
وَمَا يُلَقَّاهَا إِلَّا الَّذِينَ صَبَرُوا وَمَا يُلَقَّاهَا إِلَّا ذُو حَظٍّ عَظِيمٍ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatuAbbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu
وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ الشَّيْطَانِ نَزْغٌ فَاسْتَعِذْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha
وَمِنْ آيَاتِهِ اللَّيْلُ وَالنَّهَارُ وَالشَّمْسُ وَالْقَمَرُ ۚ لَا تَسْجُدُوا لِلشَّمْسِ وَلَا لِلْقَمَرِ وَاسْجُدُوا لِلَّهِ الَّذِي خَلَقَهُنَّ إِن كُنتُمْ إِيَّاهُ تَعْبُدُونَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis mallattoolee Isaa irraayyiYoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan Aduufis ta’ee baatiif hin salaatinaaRabbii isaan uume qofaaf sagadaa
فَإِنِ اسْتَكْبَرُوا فَالَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ يُسَبِّحُونَ لَهُ بِاللَّيْلِ وَالنَّهَارِ وَهُمْ لَا يَسْأَمُونَ ۩ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Yoo boonanis, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu
وَمِنْ آيَاتِهِ أَنَّكَ تَرَى الْأَرْضَ خَاشِعَةً فَإِذَا أَنزَلْنَا عَلَيْهَا الْمَاءَ اهْتَزَّتْ وَرَبَتْ ۚ إِنَّ الَّذِي أَحْيَاهَا لَمُحْيِي الْمَوْتَىٰ ۚ إِنَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa irraayiErgasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftisDhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadhaInni waan hunda irratti danda’aadha
إِنَّ الَّذِينَ يُلْحِدُونَ فِي آيَاتِنَا لَا يَخْفَوْنَ عَلَيْنَا ۗ أَفَمَن يُلْقَىٰ فِي النَّارِ خَيْرٌ أَم مَّن يَأْتِي آمِنًا يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ اعْمَلُوا مَا شِئْتُمْ ۖ إِنَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa dhokachuu hin danda’anuSila Guyyaa Qiyaamaa isa ibidda keessatti darbamu moo, isa nagaa ta’ee dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِالذِّكْرِ لَمَّا جَاءَهُمْ ۖ وَإِنَّهُ لَكِتَابٌ عَزِيزٌ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Dhugumatti, isaan erga inni itti dhufee booda yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran (mindaa ni argatu)Dhugumatti, inni kitaaba injifataadha
لَّا يَأْتِيهِ الْبَاطِلُ مِن بَيْنِ يَدَيْهِ وَلَا مِنْ خَلْفِهِ ۖ تَنزِيلٌ مِّنْ حَكِيمٍ حَمِيدٍ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame
مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدْ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبْلِكَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغْفِرَةٍ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٍ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiruDhugumatti, Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati
وَلَوْ جَعَلْنَاهُ قُرْآنًا أَعْجَمِيًّا لَّقَالُوا لَوْلَا فُصِّلَتْ آيَاتُهُ ۖ أَأَعْجَمِيٌّ وَعَرَبِيٌّ ۗ قُلْ هُوَ لِلَّذِينَ آمَنُوا هُدًى وَشِفَاءٌ ۖ وَالَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ فِي آذَانِهِمْ وَقْرٌ وَهُوَ عَلَيْهِمْ عَمًى ۚ أُولَٰئِكَ يُنَادَوْنَ مِن مَّكَانٍ بَعِيدٍ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin; ergamaan Arabaa, akkamitti afaan Ajamiin bu’e?” jedhu turan(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qorichaIsaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jiraInnis isaan irratti jaamummaadhaIsaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”
وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ فَاخْتُلِفَ فِيهِ ۗ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيْنَهُمْ ۚ وَإِنَّهُمْ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ مُرِيبٍ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama tureIsaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru
مَّنْ عَمِلَ صَالِحًا فَلِنَفْسِهِ ۖ وَمَنْ أَسَاءَ فَعَلَيْهَا ۗ وَمَا رَبُّكَ بِظَلَّامٍ لِّلْعَبِيدِ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Namni toltuu hojjate ofumaafiNamni hamtuu hojjates isheedhuma irrattiGooftaan kee gabroota kan miidhuu miti
۞ إِلَيْهِ يُرَدُّ عِلْمُ السَّاعَةِ ۚ وَمَا تَخْرُجُ مِن ثَمَرَاتٍ مِّنْ أَكْمَامِهَا وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِ ۚ وَيَوْمَ يُنَادِيهِمْ أَيْنَ شُرَكَائِي قَالُوا آذَنَّاكَ مَا مِنَّا مِن شَهِيدٍ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Beekumsi Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamaBeekumsa Rabbiitiin ala firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessusGuyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u dhabamuu si beeksifneerra.”
وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا يَدْعُونَ مِن قَبْلُ ۖ وَظَنُّوا مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turanis isaan irraa badeKarri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu
لَّا يَسْأَمُ الْإِنسَانُ مِن دُعَاءِ الْخَيْرِ وَإِن مَّسَّهُ الشَّرُّ فَيَئُوسٌ قَنُوطٌ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Namni qabeenya kadhachuu irraa hin hifatuYeroo hiyyummaan isa tuqe akkaan abdii murataa, rahmata Rabbii irraa garaa kutataa ta’a
وَلَئِنْ أَذَقْنَاهُ رَحْمَةً مِّنَّا مِن بَعْدِ ضَرَّاءَ مَسَّتْهُ لَيَقُولَنَّ هَٰذَا لِي وَمَا أَظُنُّ السَّاعَةَ قَائِمَةً وَلَئِن رُّجِعْتُ إِلَىٰ رَبِّي إِنَّ لِي عِندَهُ لَلْحُسْنَىٰ ۚ فَلَنُنَبِّئَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِمَا عَمِلُوا وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنْ عَذَابٍ غَلِيظٍ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Odoo erga rakkoon isa tuqee booda rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifnee silaa “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira (carraa) gaariitu naaf jira” jedhaDhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjachaa turan isaanitti odeessinee, adabbii ulfaataas isaan dhandamsiisuuf jirra
وَإِذَا أَنْعَمْنَا عَلَى الْإِنسَانِ أَعْرَضَ وَنَأَىٰ بِجَانِبِهِ وَإِذَا مَسَّهُ الشَّرُّ فَذُو دُعَاءٍ عَرِيضٍ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, inni gara galeeti (iimaana) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a
قُلْ أَرَأَيْتُمْ إِن كَانَ مِنْ عِندِ اللَّهِ ثُمَّ كَفَرْتُم بِهِ مَنْ أَضَلُّ مِمَّنْ هُوَ فِي شِقَاقٍ بَعِيدٍ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru irra jallaan ni jiraa
سَنُرِيهِمْ آيَاتِنَا فِي الْآفَاقِ وَفِي أَنفُسِهِمْ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَهُمْ أَنَّهُ الْحَقُّ ۗ أَوَلَمْ يَكْفِ بِرَبِّكَ أَنَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifnaInni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu
أَلَا إِنَّهُمْ فِي مِرْيَةٍ مِّن لِّقَاءِ رَبِّهِمْ ۗ أَلَا إِنَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ مُّحِيطٌ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
Mee dhagayaa! Dhugumatti, isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiruDhaga’aa! Dhugumatti, Inni waan hundaan marsee jira
← 40 Fussilat (41/114) 42 →
Dubbisi Suuratu Fussilat Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

41فصلت Fussilat 📚 54 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Fussilat — 54 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers