Suuratu Ash-Shura Arabiffaa fi Oromoo
Suuratu Ash-Shura hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (53 Aayah — مكية). Ash-Shura Caqasi, Ash-Shura Hiikkaa, Ash-Shura mp3, Ash-Shura pdf.Suuratu Ash-Shura Dubbisi fi Caqasi
🎧 Aayah
M
Mishary Rashid Alafasy
✓
Mishary Rashid Alafasy
✓
M
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
A
Abdurrahman As-Sudais
✓
Abdurrahman As-Sudais
✓
M
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
A
Abdul Basit Abdul Samad
✓
Abdul Basit Abdul Samad
✓
A
Ali Al-Hudhaify
✓
Ali Al-Hudhaify
✓
A
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
A
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
M
Muhammad Ayyoub
✓
Muhammad Ayyoub
✓
A
Abdullah Basfar
✓
Abdullah Basfar
✓
A
Abdullah Al-Juhani
✓
Abdullah Al-Juhani
✓
M
Maher Al Muaiqly
✓
Maher Al Muaiqly
✓
—
x1
كَذَٰلِكَ يُوحِي إِلَيْكَ وَإِلَى الَّذِينَ مِن قَبْلِكَ اللَّهُ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ٣
📖 Hiikkaa
Aayah 3
Akka kanaan Rabbiin injifataa ogeessa ta’e gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha
لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ ٤
📖 Hiikkaa
Aayah 4
Wanti samiifi wanti dachii keessaa hundi kan IsaatiInni ol ta’aa, guddaadha
تَكَادُ السَّمَاوَاتُ يَتَفَطَّرْنَ مِن فَوْقِهِنَّ ۚ وَالْمَلَائِكَةُ يُسَبِّحُونَ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَيَسْتَغْفِرُونَ لِمَن فِي الْأَرْضِ ۗ أَلَا إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ ٥
📖 Hiikkaa
Aayah 5
Samiin (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaattiMaleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessuNama dachii keessa jiruufis araarama kadhatuDhaga’aa! Dhugumatti, Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha
وَالَّذِينَ اتَّخَذُوا مِن دُونِهِ أَوْلِيَاءَ اللَّهُ حَفِيظٌ عَلَيْهِمْ وَمَا أَنتَ عَلَيْهِم بِوَكِيلٍ ٦
📖 Hiikkaa
Aayah 6
Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ataAti isaan irratti itti gaafatamaa miti
وَكَذَٰلِكَ أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ قُرْآنًا عَرَبِيًّا لِّتُنذِرَ أُمَّ الْقُرَىٰ وَمَنْ حَوْلَهَا وَتُنذِرَ يَوْمَ الْجَمْعِ لَا رَيْبَ فِيهِ ۚ فَرِيقٌ فِي الْجَنَّةِ وَفَرِيقٌ فِي السَّعِيرِ ٧
📖 Hiikkaa
Aayah 7
Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa)fi waarra moggaa ishee sodaachiftee, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa gooneGariin jannata seenu; gariin immoo ibidda keessa
وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ لَجَعَلَهُمْ أُمَّةً وَاحِدَةً وَلَٰكِن يُدْخِلُ مَن يَشَاءُ فِي رَحْمَتِهِ ۚ وَالظَّالِمُونَ مَا لَهُم مِّن وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ ٨
📖 Hiikkaa
Aayah 8
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galchaMiidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru
أَمِ اتَّخَذُوا مِن دُونِهِ أَوْلِيَاءَ ۖ فَاللَّهُ هُوَ الْوَلِيُّ وَهُوَ يُحْيِي الْمَوْتَىٰ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ٩
📖 Hiikkaa
Aayah 9
Moo Isaan ala jaalallee taasifatu? Rabbiin Isumatu jaalalleedhaIsumatu du’aas kaasaInni waan hunda irratti danda’aadha
وَمَا اخْتَلَفْتُمْ فِيهِ مِن شَيْءٍ فَحُكْمُهُ إِلَى اللَّهِ ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبِّي عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَإِلَيْهِ أُنِيبُ ١٠
📖 Hiikkaa
Aayah 10
Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma RabbiitiInni sun Allaahdha; Gooftaa kiyya; Isa irratti hirkadhe; garuma Isaattin deebi’as
فَاطِرُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ جَعَلَ لَكُم مِّنْ أَنفُسِكُمْ أَزْوَاجًا وَمِنَ الْأَنْعَامِ أَزْوَاجًا ۖ يَذْرَؤُكُمْ فِيهِ ۚ لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ ۖ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ ١١
📖 Hiikkaa
Aayah 11
(Inni) uumaa samiifi dachiitiLubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise)Bifa kanaan isin baay’isaFakkaataan Isaa (Allaah) hin jiruInni dhaga’aa, argaadha
لَهُ مَقَالِيدُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَن يَشَاءُ وَيَقْدِرُ ۚ إِنَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ ١٢
📖 Hiikkaa
Aayah 12
Furtuun samiifi dachii kan IsaatiNama fedheef kennaa bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisaDhugumatti Inni waan hunda beekaadha
۞ شَرَعَ لَكُم مِّنَ الدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِ نُوحًا وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِ إِبْرَاهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰ ۖ أَنْ أَقِيمُوا الدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا فِيهِ ۚ كَبُرَ عَلَى الْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِ ۚ اللَّهُ يَجْتَبِي إِلَيْهِ مَن يَشَاءُ وَيَهْدِي إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ ١٣
📖 Hiikkaa
Aayah 13
Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha
وَمَا تَفَرَّقُوا إِلَّا مِن بَعْدِ مَا جَاءَهُمُ الْعِلْمُ بَغْيًا بَيْنَهُمْ ۚ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ إِلَىٰ أَجَلٍ مُّسَمًّى لَّقُضِيَ بَيْنَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ أُورِثُوا الْكِتَابَ مِن بَعْدِهِمْ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ مُرِيبٍ ١٤
📖 Hiikkaa
Aayah 14
Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaaneOdoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a tureWarri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru
فَلِذَٰلِكَ فَادْعُ ۖ وَاسْتَقِمْ كَمَا أُمِرْتَ ۖ وَلَا تَتَّبِعْ أَهْوَاءَهُمْ ۖ وَقُلْ آمَنتُ بِمَا أَنزَلَ اللَّهُ مِن كِتَابٍ ۖ وَأُمِرْتُ لِأَعْدِلَ بَيْنَكُمُ ۖ اللَّهُ رَبُّنَا وَرَبُّكُمْ ۖ لَنَا أَعْمَالُنَا وَلَكُمْ أَعْمَالُكُمْ ۖ لَا حُجَّةَ بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ ۖ اللَّهُ يَجْمَعُ بَيْنَنَا ۖ وَإِلَيْهِ الْمَصِيرُ ١٥
📖 Hiikkaa
Aayah 15
Kanaafuu (tokkummaa) sanatti waamiAkkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhuFedhii isaanii hin hordofin“Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameeraAllaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessaniNuuf hojii keenyatu jira; Isiniifis hojii keessantu jiraGidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiruRabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qabaDeebiinis garuma Isaatti” jedhi
وَالَّذِينَ يُحَاجُّونَ فِي اللَّهِ مِن بَعْدِ مَا اسْتُجِيبَ لَهُ حُجَّتُهُمْ دَاحِضَةٌ عِندَ رَبِّهِمْ وَعَلَيْهِمْ غَضَبٌ وَلَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ١٦
📖 Hiikkaa
Aayah 16
Warri erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, (diin) Rabbii keessatti falman ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudhaDallansuun Rabbii isaan irra jira; adabbiin cimaanis isaaniif jira
اللَّهُ الَّذِي أَنزَلَ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ وَالْمِيزَانَ ۗ وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّ السَّاعَةَ قَرِيبٌ ١٧
📖 Hiikkaa
Aayah 17
Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedhaQiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise
يَسْتَعْجِلُ بِهَا الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِهَا ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا مُشْفِقُونَ مِنْهَا وَيَعْلَمُونَ أَنَّهَا الْحَقُّ ۗ أَلَا إِنَّ الَّذِينَ يُمَارُونَ فِي السَّاعَةِ لَفِي ضَلَالٍ بَعِيدٍ ١٨
📖 Hiikkaa
Aayah 18
Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarfatuIsaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beekuDhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru
اللَّهُ لَطِيفٌ بِعِبَادِهِ يَرْزُقُ مَن يَشَاءُ ۖ وَهُوَ الْقَوِيُّ الْعَزِيزُ ١٩
📖 Hiikkaa
Aayah 19
Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaNama fedhes ni sooraInni jabaa injifataadha
مَن كَانَ يُرِيدُ حَرْثَ الْآخِرَةِ نَزِدْ لَهُ فِي حَرْثِهِ ۖ وَمَن كَانَ يُرِيدُ حَرْثَ الدُّنْيَا نُؤْتِهِ مِنْهَا وَمَا لَهُ فِي الْآخِرَةِ مِن نَّصِيبٍ ٢٠
📖 Hiikkaa
Aayah 20
Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballaNama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kenninaAakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru
أَمْ لَهُمْ شُرَكَاءُ شَرَعُوا لَهُم مِّنَ الدِّينِ مَا لَمْ يَأْذَن بِهِ اللَّهُ ۚ وَلَوْلَا كَلِمَةُ الْفَصْلِ لَقُضِيَ بَيْنَهُمْ ۗ وَإِنَّ الظَّالِمِينَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ ٢١
📖 Hiikkaa
Aayah 21
Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama tureMiidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
تَرَى الظَّالِمِينَ مُشْفِقِينَ مِمَّا كَسَبُوا وَهُوَ وَاقِعٌ بِهِمْ ۗ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فِي رَوْضَاتِ الْجَنَّاتِ ۖ لَهُم مَّا يَشَاءُونَ عِندَ رَبِّهِمْ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ ٢٢
📖 Hiikkaa
Aayah 22
Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argitaIsaan amananii, toltuu hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jiraKun isumatu tola guddaadha
ذَٰلِكَ الَّذِي يُبَشِّرُ اللَّهُ عِبَادَهُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ ۗ قُل لَّا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ أَجْرًا إِلَّا الْمَوَدَّةَ فِي الْقُرْبَىٰ ۗ وَمَن يَقْتَرِفْ حَسَنَةً نَّزِدْ لَهُ فِيهَا حُسْنًا ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ شَكُورٌ ٢٣
📖 Hiikkaa
Aayah 23
Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha“Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhuNama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballaRabbiin araaramaa, galateeffataadha
أَمْ يَقُولُونَ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا ۖ فَإِن يَشَإِ اللَّهُ يَخْتِمْ عَلَىٰ قَلْبِكَ ۗ وَيَمْحُ اللَّهُ الْبَاطِلَ وَيُحِقُّ الْحَقَّ بِكَلِمَاتِهِ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ ٢٤
📖 Hiikkaa
Aayah 24
Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin immoo yoo fedhe onnee kee irratti cufeeti dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessaInni waan qoma keessa jiru beekaadha
وَهُوَ الَّذِي يَقْبَلُ التَّوْبَةَ عَنْ عِبَادِهِ وَيَعْفُو عَنِ السَّيِّئَاتِ وَيَعْلَمُ مَا تَفْعَلُونَ ٢٥
📖 Hiikkaa
Aayah 25
Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuus irra dabruufi waan isin dalagdan beekuudha
وَيَسْتَجِيبُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَيَزِيدُهُم مِّن فَضْلِهِ ۚ وَالْكَافِرُونَ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ٢٦
📖 Hiikkaa
Aayah 26
Isaan amananii toltuu dalaganiif ni owwaataToltuu Isaa irraas isaaniif dabalaKaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira
۞ وَلَوْ بَسَطَ اللَّهُ الرِّزْقَ لِعِبَادِهِ لَبَغَوْا فِي الْأَرْضِ وَلَٰكِن يُنَزِّلُ بِقَدَرٍ مَّا يَشَاءُ ۚ إِنَّهُ بِعِبَادِهِ خَبِيرٌ بَصِيرٌ ٢٧
📖 Hiikkaa
Aayah 27
Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turanGaruu waan fedhe qixa sirrii ta’een buusaInni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha
وَهُوَ الَّذِي يُنَزِّلُ الْغَيْثَ مِن بَعْدِ مَا قَنَطُوا وَيَنشُرُ رَحْمَتَهُ ۚ وَهُوَ الْوَلِيُّ الْحَمِيدُ ٢٨
📖 Hiikkaa
Aayah 28
Inni Isa erga abdii kutatanii, bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuudhaInni gargaaraa, faarfamaadha
وَمِنْ آيَاتِهِ خَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَثَّ فِيهِمَا مِن دَابَّةٍ ۚ وَهُوَ عَلَىٰ جَمْعِهِمْ إِذَا يَشَاءُ قَدِيرٌ ٢٩
📖 Hiikkaa
Aayah 29
Samii torban, dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun mallattoolee Isaa irraayyiInni yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irrattis danda’aadha
وَمَا أَصَابَكُم مِّن مُّصِيبَةٍ فَبِمَا كَسَبَتْ أَيْدِيكُمْ وَيَعْفُو عَن كَثِيرٍ ٣٠
📖 Hiikkaa
Aayah 30
Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha
وَمَا أَنتُم بِمُعْجِزِينَ فِي الْأَرْضِ ۖ وَمَا لَكُم مِّن دُونِ اللَّهِ مِن وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ ٣١
📖 Hiikkaa
Aayah 31
Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo mitiRabbiin ala jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru
وَمِنْ آيَاتِهِ الْجَوَارِ فِي الْبَحْرِ كَالْأَعْلَامِ ٣٢
📖 Hiikkaa
Aayah 32
Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’anis mallattoolee Isaa irraayi
إِن يَشَأْ يُسْكِنِ الرِّيحَ فَيَظْلَلْنَ رَوَاكِدَ عَلَىٰ ظَهْرِهِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ ٣٣
📖 Hiikkaa
Aayah 33
Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turanKana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira
أَوْ يُوبِقْهُنَّ بِمَا كَسَبُوا وَيَعْفُ عَن كَثِيرٍ ٣٤
📖 Hiikkaa
Aayah 34
Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ees dhiifama godha
وَيَعْلَمَ الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِنَا مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ ٣٥
📖 Hiikkaa
Aayah 35
Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakka itti daban dhabuu isaanii akka beekaniif (isaan balleesse)
فَمَا أُوتِيتُم مِّن شَيْءٍ فَمَتَاعُ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا ۖ وَمَا عِندَ اللَّهِ خَيْرٌ وَأَبْقَىٰ لِلَّذِينَ آمَنُوا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ ٣٦
📖 Hiikkaa
Aayah 36
(Qabeenya) irraa wanti isin kennamtan kamiyyuu meeshaa jireenya addunyaatiWaan Rabbiin bira jiruutu isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif caalaafi hafaadha
وَالَّذِينَ يَجْتَنِبُونَ كَبَائِرَ الْإِثْمِ وَالْفَوَاحِشَ وَإِذَا مَا غَضِبُوا هُمْ يَغْفِرُونَ ٣٧
📖 Hiikkaa
Aayah 37
Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha
وَالَّذِينَ اسْتَجَابُوا لِرَبِّهِمْ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَأَمْرُهُمْ شُورَىٰ بَيْنَهُمْ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنفِقُونَ ٣٨
📖 Hiikkaa
Aayah 38
Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraas arjoomaniidha
وَالَّذِينَ إِذَا أَصَابَهُمُ الْبَغْيُ هُمْ يَنتَصِرُونَ ٣٩
📖 Hiikkaa
Aayah 39
Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha
وَجَزَاءُ سَيِّئَةٍ سَيِّئَةٌ مِّثْلُهَا ۖ فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّهُ لَا يُحِبُّ الظَّالِمِينَ ٤٠
📖 Hiikkaa
Aayah 40
Galanni hamtuu hamtuma akka isheetiNamni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jiraInni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu
وَلَمَنِ انتَصَرَ بَعْدَ ظُلْمِهِ فَأُولَٰئِكَ مَا عَلَيْهِم مِّن سَبِيلٍ ٤١
📖 Hiikkaa
Aayah 41
Namni erga miidhamee booda haaloo bahates, isaan sun diliin isaan irra hin jiru
إِنَّمَا السَّبِيلُ عَلَى الَّذِينَ يَظْلِمُونَ النَّاسَ وَيَبْغُونَ فِي الْأَرْضِ بِغَيْرِ الْحَقِّ ۚ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ ٤٢
📖 Hiikkaa
Aayah 42
Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irrattiIsaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira
وَلَمَن صَبَرَ وَغَفَرَ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ ٤٣
📖 Hiikkaa
Aayah 43
Namni obsee irra dabre, dhugumatti sun dhimmoota gurguddoo irraayi
وَمَن يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِن وَلِيٍّ مِّن بَعْدِهِ ۗ وَتَرَى الظَّالِمِينَ لَمَّا رَأَوُا الْعَذَابَ يَقُولُونَ هَلْ إِلَىٰ مَرَدٍّ مِّن سَبِيلٍ ٤٤
📖 Hiikkaa
Aayah 44
Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiruMiidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan gaabbanii kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita
وَتَرَاهُمْ يُعْرَضُونَ عَلَيْهَا خَاشِعِينَ مِنَ الذُّلِّ يَنظُرُونَ مِن طَرْفٍ خَفِيٍّ ۗ وَقَالَ الَّذِينَ آمَنُوا إِنَّ الْخَاسِرِينَ الَّذِينَ خَسِرُوا أَنفُسَهُمْ وَأَهْلِيهِمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ أَلَا إِنَّ الظَّالِمِينَ فِي عَذَابٍ مُّقِيمٍ ٤٥
📖 Hiikkaa
Aayah 45
Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argitaIsaan amanan immoo “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatii isaanii hoonga’aniidha” jedhuDhagayaa! Miidhaa hojjattoonni adabbii yeroo hundaa keessa jiraatu
وَمَا كَانَ لَهُم مِّنْ أَوْلِيَاءَ يَنصُرُونَهُم مِّن دُونِ اللَّهِ ۗ وَمَن يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِن سَبِيلٍ ٤٦
📖 Hiikkaa
Aayah 46
Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiruNama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru
اسْتَجِيبُوا لِرَبِّكُم مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِيَ يَوْمٌ لَّا مَرَدَّ لَهُ مِنَ اللَّهِ ۚ مَا لَكُم مِّن مَّلْجَإٍ يَوْمَئِذٍ وَمَا لَكُم مِّن نَّكِيرٍ ٤٧
📖 Hiikkaa
Aayah 47
Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura Rabbii keessaniif owwaadhaaGuyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiruMormiinis isiniif hin jiru
فَإِنْ أَعْرَضُوا فَمَا أَرْسَلْنَاكَ عَلَيْهِمْ حَفِيظًا ۖ إِنْ عَلَيْكَ إِلَّا الْبَلَاغُ ۗ وَإِنَّا إِذَا أَذَقْنَا الْإِنسَانَ مِنَّا رَحْمَةً فَرِحَ بِهَا ۖ وَإِن تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ فَإِنَّ الْإِنسَانَ كَفُورٌ ٤٨
📖 Hiikkaa
Aayah 48
Yoo (dhugaa irraa) garagalanis, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergineKan sirra jiru (ergaa) geessuu qofaNuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne, isheetti gammadaYoo hamtuun waan harki isaanii hojjatteef isaan tuqxe, dhugumatti, namni kufrii baay’isa
لِّلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ ۚ يَهَبُ لِمَن يَشَاءُ إِنَاثًا وَيَهَبُ لِمَن يَشَاءُ الذُّكُورَ ٤٩
📖 Hiikkaa
Aayah 49
Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiWaan fedhe uumaNama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna
أَوْ يُزَوِّجُهُمْ ذُكْرَانًا وَإِنَاثًا ۖ وَيَجْعَلُ مَن يَشَاءُ عَقِيمًا ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ قَدِيرٌ ٥٠
📖 Hiikkaa
Aayah 50
Yookiin dhiiraafi dubara makaa kennaNama fedhe immoo maseena godhaInni beekaa, danda’aadha
۞ وَمَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُكَلِّمَهُ اللَّهُ إِلَّا وَحْيًا أَوْ مِن وَرَاءِ حِجَابٍ أَوْ يُرْسِلَ رَسُولًا فَيُوحِيَ بِإِذْنِهِ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّهُ عَلِيٌّ حَكِيمٌ ٥١
📖 Hiikkaa
Aayah 51
Namaaf Rabbiin isa dubbisuun, wahyiin yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee hin taaneInni ol aanaa, ogeessa
وَكَذَٰلِكَ أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ رُوحًا مِّنْ أَمْرِنَا ۚ مَا كُنتَ تَدْرِي مَا الْكِتَابُ وَلَا الْإِيمَانُ وَلَٰكِن جَعَلْنَاهُ نُورًا نَّهْدِي بِهِ مَن نَّشَاءُ مِنْ عِبَادِنَا ۚ وَإِنَّكَ لَتَهْدِي إِلَىٰ صِرَاطٍ مُّسْتَقِيمٍ ٥٢
📖 Hiikkaa
Aayah 52
Akkasumas Qur’aana ruuhii keenya irraa ta’e gara keetti wahyii gooneKitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turreGaruu ifaa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa gooneAtis gara karaa qajeelaatti ni qajeelchita
صِرَاطِ اللَّهِ الَّذِي لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ أَلَا إِلَى اللَّهِ تَصِيرُ الْأُمُورُ ٥٣
📖 Hiikkaa
Aayah 53
Karaa Rabbii wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita)Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a
Dubbisi Suuratu Ash-Shura Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers

