Suuratu Al-Jumu'ah Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Jumu'ah hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (11 Aayah — مدنية). Al-Jumu'ah Caqasi, Al-Jumu'ah Hiikkaa, Al-Jumu'ah mp3, Al-Jumu'ah pdf.

Suuratu Al-Jumu'ah Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ الْمَلِكِ الْقُدُّوسِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa Rabbii mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa tae qulqulleessa
هُوَ الَّذِي بَعَثَ فِي الْأُمِّيِّينَ رَسُولًا مِّنْهُمْ يَتْلُو عَلَيْهِمْ آيَاتِهِ وَيُزَكِّيهِمْ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَإِن كَانُوا مِن قَبْلُ لَفِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa tae, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qarau, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedhaIsaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa tae keessa turan
وَآخَرِينَ مِنْهُمْ لَمَّا يَلْحَقُوا بِهِمْ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
(Ummata) biroos kan isaan irraa taanii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge)Inni injifataa ogeessa
ذَٰلِكَ فَضْلُ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Kun tola RabbiitiIsa abbaa fedheef kennaRabbiinis abbaa tola guddaati
مَثَلُ الَّذِينَ حُمِّلُوا التَّوْرَاةَ ثُمَّ لَمْ يَحْمِلُوهَا كَمَثَلِ الْحِمَارِ يَحْمِلُ أَسْفَارًا ۚ بِئْسَ مَثَلُ الْقَوْمِ الَّذِينَ كَذَّبُوا بِآيَاتِ اللَّهِ ۚ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isa hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuutiFakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan fokkataa dha! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu
قُلْ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ هَادُوا إِن زَعَمْتُمْ أَنَّكُمْ أَوْلِيَاءُ لِلَّهِ مِن دُونِ النَّاسِ فَتَمَنَّوُا الْمَوْتَ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif dua hawwaa" jedhiin
وَلَا يَتَمَنَّوْنَهُ أَبَدًا بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالظَّالِمِينَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha yoomuu isa hin hawwanuRabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha
قُلْ إِنَّ الْمَوْتَ الَّذِي تَفِرُّونَ مِنْهُ فَإِنَّهُ مُلَاقِيكُمْ ۖ ثُمَّ تُرَدُّونَ إِلَىٰ عَالِمِ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
(Yaa Muhammad! ammas yahuudotaan): "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun isinuma argataErgasii gara beekaa fagoofi dhihoo taeetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima" jedhiin
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نُودِيَ لِلصَّلَاةِ مِن يَوْمِ الْجُمُعَةِ فَاسْعَوْا إِلَىٰ ذِكْرِ اللَّهِ وَذَرُوا الْبَيْعَ ۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaaYoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala
فَإِذَا قُضِيَتِ الصَّلَاةُ فَانتَشِرُوا فِي الْأَرْضِ وَابْتَغُوا مِن فَضْلِ اللَّهِ وَاذْكُرُوا اللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa facaaa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaaAkka milkooftaniif jechas baayinaan Rabbiin faarsaa
وَإِذَا رَأَوْا تِجَارَةً أَوْ لَهْوًا انفَضُّوا إِلَيْهَا وَتَرَكُوكَ قَائِمًا ۚ قُلْ مَا عِندَ اللَّهِ خَيْرٌ مِّنَ اللَّهْوِ وَمِنَ التِّجَارَةِ ۚ وَاللَّهُ خَيْرُ الرَّازِقِينَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Yeroo daldala yookiin tapha wahii argan dhaabiitti si dhiisanii gara isaaniitti faffacau; "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caalaRabbiinis Irra caalaa arjootaati" jedhiin
← 61 Al-Jumu'ah (62/114) 63 →
Dubbisi Suuratu Al-Jumu'ah Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

62الجمعة Al-Jumu'ah 📚 11 Aayah مدنية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Jumu'ah — 11 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers