PDF —
11 Aayah Medinan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Jumu'ah pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Jumu'ah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Jumu'ah Hiikkaa. Suuratu Al-Jumu'ah (Medinan) 11 Aayah.

← As-SaffSuuratu Al-Jumu'ah Al-Munafiqun →


11 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
62:1 Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa Rabbii mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa tae qulqulleessa
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
62:2 Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa tae, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qarau, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedhaIsaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa tae keessa turan
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
62:3 (Ummata) biroos kan isaan irraa taanii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge)Inni injifataa ogeessa
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
62:4 Kun tola RabbiitiIsa abbaa fedheef kennaRabbiinis abbaa tola guddaati
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
62:5 Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isa hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuutiFakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan fokkataa dha! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
62:6 Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif dua hawwaa" jedhiin
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
62:7 Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha yoomuu isa hin hawwanuRabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
62:8 (Yaa Muhammad! ammas yahuudotaan): "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun isinuma argataErgasii gara beekaa fagoofi dhihoo taeetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima" jedhiin
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
62:9 Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaaYoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
62:10 Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa facaaa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaaAkka milkooftaniif jechas baayinaan Rabbiin faarsaa
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
62:11 Yeroo daldala yookiin tapha wahii argan dhaabiitti si dhiisanii gara isaaniitti faffacau; "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caalaRabbiinis Irra caalaa arjootaati" jedhiin

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers