Suuratu Al-Munafiqun Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Munafiqun hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (11 Aayah — مدنية). Al-Munafiqun Caqasi, Al-Munafiqun Hiikkaa, Al-Munafiqun mp3, Al-Munafiqun pdf.

Suuratu Al-Munafiqun Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
إِذَا جَاءَكَ الْمُنَافِقُونَ قَالُوا نَشْهَدُ إِنَّكَ لَرَسُولُ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ إِنَّكَ لَرَسُولُهُ وَاللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّ الْمُنَافِقِينَ لَكَاذِبُونَ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii tauu kee ragaa baana" jedhuDhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa tauu ni beekaMunaafiqoonni akkaan sobdoota tauu Rabbiin ragaa baa
اتَّخَذُوا أَيْمَانَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ ۚ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Kakuu isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuIsaan dhugumatti wanti isaan dalagaa turan fokkate
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ آمَنُوا ثُمَّ كَفَرُوا فَطُبِعَ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَفْقَهُونَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Kunis sababa isaan amananii ergasii kafaraniifiWaan onnee isaanii irratti cufameef isaan hin hubatanu
۞ وَإِذَا رَأَيْتَهُمْ تُعْجِبُكَ أَجْسَامُهُمْ ۖ وَإِن يَقُولُوا تَسْمَعْ لِقَوْلِهِمْ ۖ كَأَنَّهُمْ خُشُبٌ مُّسَنَّدَةٌ ۖ يَحْسَبُونَ كُلَّ صَيْحَةٍ عَلَيْهِمْ ۚ هُمُ الْعَدُوُّ فَاحْذَرْهُمْ ۚ قَاتَلَهُمُ اللَّهُ ۖ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Yeroo isaan argites qaamoleen isaanii si dinqisiiftiYoo isaan haasaanis dubbii isaanii ni dhageeffataIsaan akka mukkeen hirkifameetiIyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaaduIsaanumatu diinota; kanaafuu isaan eeggadhuRabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebiu
وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا يَسْتَغْفِرْ لَكُمْ رَسُولُ اللَّهِ لَوَّوْا رُءُوسَهُمْ وَرَأَيْتَهُمْ يَصُدُّونَ وَهُم مُّسْتَكْبِرُونَ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Yeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama isiniif haa barbaadu" isaaniin jedhame mataa isaanii naannessuKan isaan boonaa gara galanus ni argita
سَوَاءٌ عَلَيْهِمْ أَسْتَغْفَرْتَ لَهُمْ أَمْ لَمْ تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ لَن يَغْفِرَ اللَّهُ لَهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Araarama isaanii barbaaddus isaanii barbaaduu dhiiftus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramuRabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu
هُمُ الَّذِينَ يَقُولُونَ لَا تُنفِقُوا عَلَىٰ مَنْ عِندَ رَسُولِ اللَّهِ حَتَّىٰ يَنفَضُّوا ۗ وَلِلَّهِ خَزَائِنُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَلَٰكِنَّ الْمُنَافِقِينَ لَا يَفْقَهُونَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Isaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranu hanga isaan faffacaanutti isaan irratti hin arjoominaa" jedhanuudhaKuusaaleen samiifi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu
يَقُولُونَ لَئِن رَّجَعْنَا إِلَى الْمَدِينَةِ لَيُخْرِجَنَّ الْأَعَزُّ مِنْهَا الْأَذَلَّ ۚ وَلِلَّهِ الْعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِ وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَلَٰكِنَّ الْمُنَافِقِينَ لَا يَعْلَمُونَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Yoo gara Madiinaa deebineef, dhugumatti, (nuti) injifattoonni ishee irraa salphattoota baasuuf jirra" jedhuInjifannoon kan Rabbii, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekanu
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُلْهِكُمْ أَمْوَالُكُمْ وَلَا أَوْلَادُكُمْ عَن ذِكْرِ اللَّهِ ۚ وَمَن يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Yaa warra amantan! Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin daginNamoonni kana dalagan isaanumatu hoongaoota
وَأَنفِقُوا مِن مَّا رَزَقْنَاكُم مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِيَ أَحَدَكُمُ الْمَوْتُ فَيَقُولَ رَبِّ لَوْلَا أَخَّرْتَنِي إِلَىٰ أَجَلٍ قَرِيبٍ فَأَصَّدَّقَ وَأَكُن مِّنَ الصَّالِحِينَ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Odoo tokkoon keessanitti duuti dhufnaan "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis taa" hin jedhin dura waan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa
وَلَن يُؤَخِّرَ اللَّهُ نَفْسًا إِذَا جَاءَ أَجَلُهَا ۚ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Rabbiin immoo lubbuu tokko yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisuRabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti
← 62 Al-Munafiqun (63/114) 64 →
Dubbisi Suuratu Al-Munafiqun Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

63المنافقون Al-Munafiqun 📚 11 Aayah مدنية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Munafiqun — 11 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers