La sourate Al-Haqqah en Oromo
الْحَاقَّةُ(1) Mirkaneessituun |
Mirkaneessituttiin maali |
Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise |
(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru |
Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman |
Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman |
Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita |
Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa |
وَجَاءَ فِرْعَوْنُ وَمَن قَبْلَهُ وَالْمُؤْتَفِكَاتُ بِالْخَاطِئَةِ(9) Firawn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan |
فَعَصَوْا رَسُولَ رَبِّهِمْ فَأَخَذَهُمْ أَخْذَةً رَّابِيَةً(10) Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe |
إِنَّا لَمَّا طَغَى الْمَاءُ حَمَلْنَاكُمْ فِي الْجَارِيَةِ(11) Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne |
لِنَجْعَلَهَا لَكُمْ تَذْكِرَةً وَتَعِيَهَا أُذُنٌ وَاعِيَةٌ(12) Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone) |
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte |
وَحُمِلَتِ الْأَرْضُ وَالْجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةً وَاحِدَةً(14) Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban |
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti |
Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha |
وَالْمَلَكُ عَلَىٰ أَرْجَائِهَا ۚ وَيَحْمِلُ عَرْشَ رَبِّكَ فَوْقَهُمْ يَوْمَئِذٍ ثَمَانِيَةٌ(17) Maleeykonnis daangawwan ishee irratti tauArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu |
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu |
فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ فَيَقُولُ هَاؤُمُ اقْرَءُوا كِتَابِيَهْ(19) Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa |
Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.” |
Innis jireenya jaalatamtuu keessa taa |
Jannata ol fuudhamtuu keessa (taa) |
Kan firiiwwan ishee dhihoo taan |
كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا أَسْلَفْتُمْ فِي الْأَيَّامِ الْخَالِيَةِ(24) Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama) |
وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِشِمَالِهِ فَيَقُولُ يَا لَيْتَنِي لَمْ أُوتَ كِتَابِيَهْ(25) Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee |
Qormaanni kiyya maal akka taes (odoon) beekuu hafee |
Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa |
Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne) |
Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha) |
Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa) |
Ergasii ibidda isa seensisaa |
ثُمَّ فِي سِلْسِلَةٍ ذَرْعُهَا سَبْعُونَ ذِرَاعًا فَاسْلُكُوهُ(32) Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama tae keessa isa seensisaa |
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture |
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture |
Har’a asitti firri isaaf hin jiru |
Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru |
Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu |
Waan isin argitaniinis niin kakadha |
Waan isin hin argineenis (niin kakadha) |
Dhugumatti, inni (Quraanni) jecha ergamaa kabajamaati |
Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu |
Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu |
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha |
Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee |
Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre |
Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre |
Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru |
Innis (Quraanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa |
Dhugumatti isin irraa namoonni (Quraana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna |
Inni (Quraanni) kaafiroota irratti gaabbiidha |
Dhugumatti, inni (Quraanni) dhugaa mirkanaa’aadha |
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Haqqah : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Haqqah complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide