Hakka suresi çevirisi Oromo

  1. Suresi mp3
  2. Başka bir sure
  3. Oromo
Kuranı Kerim türkçe meali | Kur'an çevirileri | Oromo dili | Hakka Suresi | الحاقة - Ayet sayısı 52 - Moshaf'taki surenin numarası: 69 - surenin ingilizce anlamı: The Sure Reality.

الْحَاقَّةُ(1)

 Mirkaneessituun

مَا الْحَاقَّةُ(2)

 Mirkaneessituttiin maali

وَمَا أَدْرَاكَ مَا الْحَاقَّةُ(3)

 Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise

كَذَّبَتْ ثَمُودُ وَعَادٌ بِالْقَارِعَةِ(4)

 (Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru

فَأَمَّا ثَمُودُ فَأُهْلِكُوا بِالطَّاغِيَةِ(5)

 Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman

وَأَمَّا عَادٌ فَأُهْلِكُوا بِرِيحٍ صَرْصَرٍ عَاتِيَةٍ(6)

 Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman

سَخَّرَهَا عَلَيْهِمْ سَبْعَ لَيَالٍ وَثَمَانِيَةَ أَيَّامٍ حُسُومًا فَتَرَى الْقَوْمَ فِيهَا صَرْعَىٰ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ خَاوِيَةٍ(7)

 Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita

فَهَلْ تَرَىٰ لَهُم مِّن بَاقِيَةٍ(8)

 Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa

وَجَاءَ فِرْعَوْنُ وَمَن قَبْلَهُ وَالْمُؤْتَفِكَاتُ بِالْخَاطِئَةِ(9)

 Firawn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan

فَعَصَوْا رَسُولَ رَبِّهِمْ فَأَخَذَهُمْ أَخْذَةً رَّابِيَةً(10)

 Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe

إِنَّا لَمَّا طَغَى الْمَاءُ حَمَلْنَاكُمْ فِي الْجَارِيَةِ(11)

 Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne

لِنَجْعَلَهَا لَكُمْ تَذْكِرَةً وَتَعِيَهَا أُذُنٌ وَاعِيَةٌ(12)

 Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)

فَإِذَا نُفِخَ فِي الصُّورِ نَفْخَةٌ وَاحِدَةٌ(13)

 Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte

وَحُمِلَتِ الْأَرْضُ وَالْجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةً وَاحِدَةً(14)

 Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban

فَيَوْمَئِذٍ وَقَعَتِ الْوَاقِعَةُ(15)

 Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti

وَانشَقَّتِ السَّمَاءُ فَهِيَ يَوْمَئِذٍ وَاهِيَةٌ(16)

 Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha

وَالْمَلَكُ عَلَىٰ أَرْجَائِهَا ۚ وَيَحْمِلُ عَرْشَ رَبِّكَ فَوْقَهُمْ يَوْمَئِذٍ ثَمَانِيَةٌ(17)

 Maleeykonnis daangawwan ishee irratti tauArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu

يَوْمَئِذٍ تُعْرَضُونَ لَا تَخْفَىٰ مِنكُمْ خَافِيَةٌ(18)

 Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu

فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ فَيَقُولُ هَاؤُمُ اقْرَءُوا كِتَابِيَهْ(19)

 Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa

إِنِّي ظَنَنتُ أَنِّي مُلَاقٍ حِسَابِيَهْ(20)

 Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”

فَهُوَ فِي عِيشَةٍ رَّاضِيَةٍ(21)

 Innis jireenya jaalatamtuu keessa taa

فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٍ(22)

 Jannata ol fuudhamtuu keessa (taa)

قُطُوفُهَا دَانِيَةٌ(23)

 Kan firiiwwan ishee dhihoo taan

كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا أَسْلَفْتُمْ فِي الْأَيَّامِ الْخَالِيَةِ(24)

 Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama)

وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِشِمَالِهِ فَيَقُولُ يَا لَيْتَنِي لَمْ أُوتَ كِتَابِيَهْ(25)

 Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee

وَلَمْ أَدْرِ مَا حِسَابِيَهْ(26)

 Qormaanni kiyya maal akka taes (odoon) beekuu hafee

يَا لَيْتَهَا كَانَتِ الْقَاضِيَةَ(27)

 Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa

مَا أَغْنَىٰ عَنِّي مَالِيَهْ ۜ(28)

 Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne)

هَلَكَ عَنِّي سُلْطَانِيَهْ(29)

 Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha)

خُذُوهُ فَغُلُّوهُ(30)

 Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa)

ثُمَّ الْجَحِيمَ صَلُّوهُ(31)

 Ergasii ibidda isa seensisaa

ثُمَّ فِي سِلْسِلَةٍ ذَرْعُهَا سَبْعُونَ ذِرَاعًا فَاسْلُكُوهُ(32)

 Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama tae keessa isa seensisaa

إِنَّهُ كَانَ لَا يُؤْمِنُ بِاللَّهِ الْعَظِيمِ(33)

 Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture

وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ الْمِسْكِينِ(34)

 Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture

فَلَيْسَ لَهُ الْيَوْمَ هَاهُنَا حَمِيمٌ(35)

 Har’a asitti firri isaaf hin jiru

وَلَا طَعَامٌ إِلَّا مِنْ غِسْلِينٍ(36)

 Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru

لَّا يَأْكُلُهُ إِلَّا الْخَاطِئُونَ(37)

 Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu

فَلَا أُقْسِمُ بِمَا تُبْصِرُونَ(38)

 Waan isin argitaniinis niin kakadha

وَمَا لَا تُبْصِرُونَ(39)

 Waan isin hin argineenis (niin kakadha)

إِنَّهُ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ(40)

 Dhugumatti, inni (Quraanni) jecha ergamaa kabajamaati

وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَاعِرٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تُؤْمِنُونَ(41)

 Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu

وَلَا بِقَوْلِ كَاهِنٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ(42)

 Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu

تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ(43)

 Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha

وَلَوْ تَقَوَّلَ عَلَيْنَا بَعْضَ الْأَقَاوِيلِ(44)

 Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee

لَأَخَذْنَا مِنْهُ بِالْيَمِينِ(45)

 Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre

ثُمَّ لَقَطَعْنَا مِنْهُ الْوَتِينَ(46)

 Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre

فَمَا مِنكُم مِّنْ أَحَدٍ عَنْهُ حَاجِزِينَ(47)

 Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru

وَإِنَّهُ لَتَذْكِرَةٌ لِّلْمُتَّقِينَ(48)

 Innis (Quraanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa

وَإِنَّا لَنَعْلَمُ أَنَّ مِنكُم مُّكَذِّبِينَ(49)

 Dhugumatti isin irraa namoonni (Quraana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna

وَإِنَّهُ لَحَسْرَةٌ عَلَى الْكَافِرِينَ(50)

 Inni (Quraanni) kaafiroota irratti gaabbiidha

وَإِنَّهُ لَحَقُّ الْيَقِينِ(51)

 Dhugumatti, inni (Quraanni) dhugaa mirkanaa’aadha

فَسَبِّحْ بِاسْمِ رَبِّكَ الْعَظِيمِ(52)

 Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi


Oromo diğer sureler:

Bakara suresi Âl-i İmrân Nisâ suresi
Mâide suresi Yûsuf suresi İbrâhîm suresi
Hicr suresi Kehf suresi Meryem suresi
Hac suresi Kasas suresi Ankebût suresi
As-Sajdah Yâsîn suresi Duhân suresi
fetih suresi Hucurât suresi Kâf suresi
Necm suresi Rahmân suresi vakıa suresi
Haşr suresi Mülk suresi Hâkka suresi
İnşikâk suresi Alâ suresi Gâşiye suresi

En ünlü okuyucuların sesiyle Hakka Suresi indirin:

Surah Al-Haqqah mp3: yüksek kalitede dinlemek ve indirmek için okuyucuyu seçerek
Hakka Suresi Ahmed El Agamy
Ahmed El Agamy
Hakka Suresi Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
Hakka Suresi Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
Hakka Suresi Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
Hakka Suresi Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
Hakka Suresi Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
Hakka Suresi Ali Al Hudhaifi
Ali Al Hudhaifi
Hakka Suresi Fares Abbad
Fares Abbad
Hakka Suresi Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
Hakka Suresi Muhammad Jibril
Muhammad Jibril
Hakka Suresi Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
Hakka Suresi Al Hosary
Al Hosary
Hakka Suresi Al-afasi
Mishari Al-afasi
Hakka Suresi Nasser Al Qatami
Nasser Al Qatami
Hakka Suresi Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Tuesday, February 11, 2025

Bizim için dua et, teşekkürler