سوره حجر به زبان اورومویی

  1. گوش دادن به سوره
  2. سورهای دیگر
  3. ترجمه سوره
قرآن کریم | ترجمه معانی قرآن | زبان اورومویی | سوره حجر | الحجر - تعداد آیات آن 99 - شماره سوره در مصحف: 15 - معنی سوره به انگلیسی: Al-Hijr City.

الر ۚ تِلْكَ آيَاتُ الْكِتَابِ وَقُرْآنٍ مُّبِينٍ(1)

 Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti

رُّبَمَا يَوَدُّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَوْ كَانُوا مُسْلِمِينَ(2)

 Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu

ذَرْهُمْ يَأْكُلُوا وَيَتَمَتَّعُوا وَيُلْهِهِمُ الْأَمَلُ ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ(3)

 Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku

وَمَا أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٌ مَّعْلُومٌ(4)

 Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine

مَّا تَسْبِقُ مِنْ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسْتَأْخِرُونَ(5)

 Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu

وَقَالُوا يَا أَيُّهَا الَّذِي نُزِّلَ عَلَيْهِ الذِّكْرُ إِنَّكَ لَمَجْنُونٌ(6)

 “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan

لَّوْ مَا تَأْتِينَا بِالْمَلَائِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ(7)

 Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan)

مَا نُنَزِّلُ الْمَلَائِكَةَ إِلَّا بِالْحَقِّ وَمَا كَانُوا إِذًا مُّنظَرِينَ(8)

 Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane

إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا الذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُ لَحَافِظُونَ(9)

 Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ فِي شِيَعِ الْأَوَّلِينَ(10)

 Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra

وَمَا يَأْتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ(11)

 Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne

كَذَٰلِكَ نَسْلُكُهُ فِي قُلُوبِ الْمُجْرِمِينَ(12)

 Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna

لَا يُؤْمِنُونَ بِهِ ۖ وَقَدْ خَلَتْ سُنَّةُ الْأَوَّلِينَ(13)

 Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)

وَلَوْ فَتَحْنَا عَلَيْهِم بَابًا مِّنَ السَّمَاءِ فَظَلُّوا فِيهِ يَعْرُجُونَ(14)

 Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii

لَقَالُوا إِنَّمَا سُكِّرَتْ أَبْصَارُنَا بَلْ نَحْنُ قَوْمٌ مَّسْحُورُونَ(15)

 Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu

وَلَقَدْ جَعَلْنَا فِي السَّمَاءِ بُرُوجًا وَزَيَّنَّاهَا لِلنَّاظِرِينَ(16)

 Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra

وَحَفِظْنَاهَا مِن كُلِّ شَيْطَانٍ رَّجِيمٍ(17)

 Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine

إِلَّا مَنِ اسْتَرَقَ السَّمْعَ فَأَتْبَعَهُ شِهَابٌ مُّبِينٌ(18)

 Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa tae isa hordofe malee

وَالْأَرْضَ مَدَدْنَاهَا وَأَلْقَيْنَا فِيهَا رَوَاسِيَ وَأَنبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ شَيْءٍ مَّوْزُونٍ(19)

 Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra

وَجَعَلْنَا لَكُمْ فِيهَا مَعَايِشَ وَمَن لَّسْتُمْ لَهُ بِرَازِقِينَ(20)

 Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone

وَإِن مِّن شَيْءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَائِنُهُ وَمَا نُنَزِّلُهُ إِلَّا بِقَدَرٍ مَّعْلُومٍ(21)

 Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu

وَأَرْسَلْنَا الرِّيَاحَ لَوَاقِحَ فَأَنزَلْنَا مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَسْقَيْنَاكُمُوهُ وَمَا أَنتُمْ لَهُ بِخَازِنِينَ(22)

 Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane

وَإِنَّا لَنَحْنُ نُحْيِي وَنُمِيتُ وَنَحْنُ الْوَارِثُونَ(23)

 Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas

وَلَقَدْ عَلِمْنَا الْمُسْتَقْدِمِينَ مِنكُمْ وَلَقَدْ عَلِمْنَا الْمُسْتَأْخِرِينَ(24)

 Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra

وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحْشُرُهُمْ ۚ إِنَّهُ حَكِيمٌ عَلِيمٌ(25)

 Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha

وَلَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنسَانَ مِن صَلْصَالٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ(26)

 Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne

وَالْجَانَّ خَلَقْنَاهُ مِن قَبْلُ مِن نَّارِ السَّمُومِ(27)

 Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne

وَإِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَائِكَةِ إِنِّي خَالِقٌ بَشَرًا مِّن صَلْصَالٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ(28)

 Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha

فَإِذَا سَوَّيْتُهُ وَنَفَخْتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُوا لَهُ سَاجِدِينَ(29)

 Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa

فَسَجَدَ الْمَلَائِكَةُ كُلُّهُمْ أَجْمَعُونَ(30)

 Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an

إِلَّا إِبْلِيسَ أَبَىٰ أَن يَكُونَ مَعَ السَّاجِدِينَ(31)

 Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide

قَالَ يَا إِبْلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ السَّاجِدِينَ(32)

 (Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee

قَالَ لَمْ أَكُن لِّأَسْجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقْتَهُ مِن صَلْصَالٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ(33)

 [Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe

قَالَ فَاخْرُجْ مِنْهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٌ(34)

 (Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha

وَإِنَّ عَلَيْكَ اللَّعْنَةَ إِلَىٰ يَوْمِ الدِّينِ(35)

 Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.”

قَالَ رَبِّ فَأَنظِرْنِي إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ(36)

 “Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe

قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ الْمُنظَرِينَ(37)

 (Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe

إِلَىٰ يَوْمِ الْوَقْتِ الْمَعْلُومِ(38)

 “Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”

قَالَ رَبِّ بِمَا أَغْوَيْتَنِي لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمْ فِي الْأَرْضِ وَلَأُغْوِيَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ(39)

 (Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa

إِلَّا عِبَادَكَ مِنْهُمُ الْمُخْلَصِينَ(40)

 Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee

قَالَ هَٰذَا صِرَاطٌ عَلَيَّ مُسْتَقِيمٌ(41)

 (Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha

إِنَّ عِبَادِي لَيْسَ لَكَ عَلَيْهِمْ سُلْطَانٌ إِلَّا مَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْغَاوِينَ(42)

 Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru

وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمَوْعِدُهُمْ أَجْمَعِينَ(43)

 Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti

لَهَا سَبْعَةُ أَبْوَابٍ لِّكُلِّ بَابٍ مِّنْهُمْ جُزْءٌ مَّقْسُومٌ(44)

 Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”

إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ(45)

 Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru

ادْخُلُوهَا بِسَلَامٍ آمِنِينَ(46)

 “Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan)

وَنَزَعْنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنْ غِلٍّ إِخْوَانًا عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَابِلِينَ(47)

 Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne

لَا يَمَسُّهُمْ فِيهَا نَصَبٌ وَمَا هُم مِّنْهَا بِمُخْرَجِينَ(48)

 Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu

۞ نَبِّئْ عِبَادِي أَنِّي أَنَا الْغَفُورُ الرَّحِيمُ(49)

 “Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi

وَأَنَّ عَذَابِي هُوَ الْعَذَابُ الْأَلِيمُ(50)

 “Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi)

وَنَبِّئْهُمْ عَن ضَيْفِ إِبْرَاهِيمَ(51)

 Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi

إِذْ دَخَلُوا عَلَيْهِ فَقَالُوا سَلَامًا قَالَ إِنَّا مِنكُمْ وَجِلُونَ(52)

 Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen

قَالُوا لَا تَوْجَلْ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَامٍ عَلِيمٍ(53)

 “Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan

قَالَ أَبَشَّرْتُمُونِي عَلَىٰ أَن مَّسَّنِيَ الْكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ(54)

 “Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen

قَالُوا بَشَّرْنَاكَ بِالْحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ الْقَانِطِينَ(55)

 “(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin

قَالَ وَمَن يَقْنَطُ مِن رَّحْمَةِ رَبِّهِ إِلَّا الضَّالُّونَ(56)

 “Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe

قَالَ فَمَا خَطْبُكُمْ أَيُّهَا الْمُرْسَلُونَ(57)

 “Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen

قَالُوا إِنَّا أُرْسِلْنَا إِلَىٰ قَوْمٍ مُّجْرِمِينَ(58)

 “Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan

إِلَّا آلَ لُوطٍ إِنَّا لَمُنَجُّوهُمْ أَجْمَعِينَ(59)

 “Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”

إِلَّا امْرَأَتَهُ قَدَّرْنَا ۙ إِنَّهَا لَمِنَ الْغَابِرِينَ(60)

 “Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”

فَلَمَّا جَاءَ آلَ لُوطٍ الْمُرْسَلُونَ(61)

 Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu

قَالَ إِنَّكُمْ قَوْمٌ مُّنكَرُونَ(62)

 “Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe

قَالُوا بَلْ جِئْنَاكَ بِمَا كَانُوا فِيهِ يَمْتَرُونَ(63)

 “Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan

وَأَتَيْنَاكَ بِالْحَقِّ وَإِنَّا لَصَادِقُونَ(64)

 “Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota

فَأَسْرِ بِأَهْلِكَ بِقِطْعٍ مِّنَ اللَّيْلِ وَاتَّبِعْ أَدْبَارَهُمْ وَلَا يَلْتَفِتْ مِنكُمْ أَحَدٌ وَامْضُوا حَيْثُ تُؤْمَرُونَ(65)

 Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.”

وَقَضَيْنَا إِلَيْهِ ذَٰلِكَ الْأَمْرَ أَنَّ دَابِرَ هَٰؤُلَاءِ مَقْطُوعٌ مُّصْبِحِينَ(66)

 “Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine

وَجَاءَ أَهْلُ الْمَدِينَةِ يَسْتَبْشِرُونَ(67)

 Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan

قَالَ إِنَّ هَٰؤُلَاءِ ضَيْفِي فَلَا تَفْضَحُونِ(68)

 (Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe

وَاتَّقُوا اللَّهَ وَلَا تُخْزُونِ(69)

 “Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.”

قَالُوا أَوَلَمْ نَنْهَكَ عَنِ الْعَالَمِينَ(70)

 (Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan

قَالَ هَٰؤُلَاءِ بَنَاتِي إِن كُنتُمْ فَاعِلِينَ(71)

 (Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”

لَعَمْرُكَ إِنَّهُمْ لَفِي سَكْرَتِهِمْ يَعْمَهُونَ(72)

 (Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u

فَأَخَذَتْهُمُ الصَّيْحَةُ مُشْرِقِينَ(73)

 Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte

فَجَعَلْنَا عَالِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِمْ حِجَارَةً مِّن سِجِّيلٍ(74)

 Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّلْمُتَوَسِّمِينَ(75)

 Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira

وَإِنَّهَا لَبِسَبِيلٍ مُّقِيمٍ(76)

 Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لِّلْمُؤْمِنِينَ(77)

 Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti

وَإِن كَانَ أَصْحَابُ الْأَيْكَةِ لَظَالِمِينَ(78)

 Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an

فَانتَقَمْنَا مِنْهُمْ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٍ مُّبِينٍ(79)

 Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru

وَلَقَدْ كَذَّبَ أَصْحَابُ الْحِجْرِ الْمُرْسَلِينَ(80)

 Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru

وَآتَيْنَاهُمْ آيَاتِنَا فَكَانُوا عَنْهَا مُعْرِضِينَ(81)

 Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an

وَكَانُوا يَنْحِتُونَ مِنَ الْجِبَالِ بُيُوتًا آمِنِينَ(82)

 Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru

فَأَخَذَتْهُمُ الصَّيْحَةُ مُصْبِحِينَ(83)

 Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte

فَمَا أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا يَكْسِبُونَ(84)

 Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne

وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا إِلَّا بِالْحَقِّ ۗ وَإِنَّ السَّاعَةَ لَآتِيَةٌ ۖ فَاصْفَحِ الصَّفْحَ الْجَمِيلَ(85)

 Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ الْخَلَّاقُ الْعَلِيمُ(86)

 Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha

وَلَقَدْ آتَيْنَاكَ سَبْعًا مِّنَ الْمَثَانِي وَالْقُرْآنَ الْعَظِيمَ(87)

 Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra

لَا تَمُدَّنَّ عَيْنَيْكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعْنَا بِهِ أَزْوَاجًا مِّنْهُمْ وَلَا تَحْزَنْ عَلَيْهِمْ وَاخْفِضْ جَنَاحَكَ لِلْمُؤْمِنِينَ(88)

 Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi

وَقُلْ إِنِّي أَنَا النَّذِيرُ الْمُبِينُ(89)

 “Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi

كَمَا أَنزَلْنَا عَلَى الْمُقْتَسِمِينَ(90)

 Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne

الَّذِينَ جَعَلُوا الْقُرْآنَ عِضِينَ(91)

 Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran)

فَوَرَبِّكَ لَنَسْأَلَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ(92)

 Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna

عَمَّا كَانُوا يَعْمَلُونَ(93)

 Waan isaan dalagaa turan irraa

فَاصْدَعْ بِمَا تُؤْمَرُ وَأَعْرِضْ عَنِ الْمُشْرِكِينَ(94)

 Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali

إِنَّا كَفَيْنَاكَ الْمُسْتَهْزِئِينَ(95)

 Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra

الَّذِينَ يَجْعَلُونَ مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ ۚ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ(96)

 (Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku

وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدْرُكَ بِمَا يَقُولُونَ(97)

 Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna

فَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ وَكُن مِّنَ السَّاجِدِينَ(98)

 Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i

وَاعْبُدْ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأْتِيَكَ الْيَقِينُ(99)

 Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari


سورهای بیشتر به زبان اورومویی:

سوره البقره آل عمران سوره نساء
سوره مائده سوره يوسف سوره ابراهيم
سوره حجر سوره کهف سوره مریم
سوره حج سوره قصص سوره عنکبوت
سوره سجده سوره یس سوره دخان
سوره فتح سوره حجرات سوره ق
سوره نجم سوره رحمن سوره واقعه
سوره حشر سوره ملک سوره حاقه
سوره انشقاق سوره أعلى سوره غاشية

دانلود سوره حجر با صدای معروف‌ترین قراء:

انتخاب خواننده برای گوش دادن و دانلود کامل سوره حجر با کیفیت بالا.
سوره حجر را با صدای احمد العجمی
أحمد العجمي
سوره حجر را با صدای ابراهيم الاخضر
ابراهيم الاخضر
سوره حجر را با صدای بندر بليلة
بندر بليلة
سوره حجر را با صدای خالد الجليل
خالد الجليل
سوره حجر را با صدای حاتم فريد الواعر
حاتم فريد الواعر
سوره حجر را با صدای خليفة الطنيجي
خليفة الطنيجي
سوره حجر را با صدای سعد الغامدي
سعد الغامدي
سوره حجر را با صدای سعود الشريم
سعود الشريم
سوره حجر را با صدای الشاطري
الشاطري
سوره حجر را با صدای صلاح ابوخاطر
صلاح بوخاطر
سوره حجر را با صدای عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سوره حجر را با صدای عبد الرحمن العوسي
عبدالرحمن العوسي
سوره حجر را با صدای عبد الرشيد صوفي
عبد الرشيد صوفي
سوره حجر را با صدای عبد العزيز الزهراني
عبدالعزيز الزهراني
سوره حجر را با صدای عبد الله بصفر
عبد الله بصفر
سوره حجر را با صدای عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سوره حجر را با صدای علي الحذيفي
علي الحذيفي
سوره حجر را با صدای علي جابر
علي جابر
سوره حجر را با صدای غسان الشوربجي
غسان الشوربجي
سوره حجر را با صدای فارس عباد
فارس عباد
سوره حجر را با صدای ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سوره حجر را با صدای محمد أيوب
محمد أيوب
سوره حجر را با صدای محمد المحيسني
محمد المحيسني
سوره حجر را با صدای محمد جبريل
محمد جبريل
سوره حجر را با صدای محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سوره حجر را با صدای الحصري
الحصري
سوره حجر را با صدای العفاسي
مشاري العفاسي
سوره حجر را با صدای ناصر القطامي
ناصر القطامي
سوره حجر را با صدای وديع اليمني
وديع اليمني
سوره حجر را با صدای ياسر الدوسري
ياسر الدوسري


Wednesday, February 12, 2025

به قرآن کریم چنگ بزنید