La sourate Al-Maarij en Oromo
Adaba (kaafiroota irratti) argamaa tae kadhataan wahii kadhate |
Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru |
Rabbii Abbaa kortoowwanii tae irraa (argama) |
تَعْرُجُ الْمَلَائِكَةُ وَالرُّوحُ إِلَيْهِ فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ(4) Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama tae keessatti gara Isaa ol koru |
Obsa gaarii obsi |
Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu |
Nuti immoo dhihootti isa argina |
Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu |
(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu |
(Guyyaa) firri fira hin gaafanne |
يُبَصَّرُونَهُمْ ۚ يَوَدُّ الْمُجْرِمُ لَوْ يَفْتَدِي مِنْ عَذَابِ يَوْمِئِذٍ بِبَنِيهِ(11) Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa baee jaalata |
Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata) |
Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis |
Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata) |
Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati |
Buqqiftuu gogaa sammuuti |
Nama (amantii irraa) duubatti deebiee, gara gale ni waamti |
(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti) |
Dhugumatti, namni obsa dhabeessa taee uumame |
Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba) |
Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha |
Warra sagadan malee |
Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee) |
Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru |
Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef |
Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan |
Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha) |
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti |
Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan |
إِلَّا عَلَىٰ أَزْوَاجِهِمْ أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُمْ فَإِنَّهُمْ غَيْرُ مَلُومِينَ(30) Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti |
فَمَنِ ابْتَغَىٰ وَرَاءَ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْعَادُونَ(31) Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha |
Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan |
Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan |
Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan |
Warri sun jannata keessatti kabajamoodha |
Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu |
Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii |
أَيَطْمَعُ كُلُّ امْرِئٍ مِّنْهُمْ أَن يُدْخَلَ جَنَّةَ نَعِيمٍ(38) Sila namni isaan irraa tae hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa |
Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne |
فَلَا أُقْسِمُ بِرَبِّ الْمَشَارِقِ وَالْمَغَارِبِ إِنَّا لَقَادِرُونَ(40) Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha |
عَلَىٰ أَن نُّبَدِّلَ خَيْرًا مِّنْهُمْ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ(41) Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (dandaoo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane |
فَذَرْهُمْ يَخُوضُوا وَيَلْعَبُوا حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي يُوعَدُونَ(42) Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi |
يَوْمَ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ سِرَاعًا كَأَنَّهُمْ إِلَىٰ نُصُبٍ يُوفِضُونَ(43) Guyyaa qabrii irraa arifataa baan isaan waan gara taabotaa dhangalaan fakkaatu |
خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۚ ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الَّذِي كَانُوا يُوعَدُونَ(44) Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Maarij : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Maarij complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide