La sourate An-Naziat en Oromo
[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha) |
[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis |
[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis |
[Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis |
(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha) |
Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu |
Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa |
Onneen gariin guyyaa san rifattuudha |
Ijji ishee salphattuudha |
Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa |
Sila erga lafee dhumte taanee moo |
Yoo akkas tae sun deebii hoongooti" jedhan |
Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa |
Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti tau |
Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee |
Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe |
Gara Firawn deemi; inni daangaa darbee jira |
Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa |
Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa) |
[Muusan] mallattoo guddaa isa (Firawniin) agarsiise |
Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse |
Ergasii ariifataa gara gale |
Sana booda walitti qabee lallabe |
“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe |
Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe |
Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira |
Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare |
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse |
Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse |
Dachii sana booda sirreesse |
Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase |
Gaarreenis dachii irra ni dhaabe |
Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe] |
Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte |
Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu |
(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mulatte |
Namni daangaa dabree |
Jireenya addunyaa kanaa filate |
Dhugumatti, teesson isaa jahannami |
وَأَمَّا مَنْ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِ وَنَهَى النَّفْسَ عَنِ الْهَوَىٰ(40) Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge |
Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati |
[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu |
Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta |
Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti |
Dhugumatti, ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti |
كَأَنَّهُمْ يَوْمَ يَرَوْنَهَا لَمْ يَلْبَثُوا إِلَّا عَشِيَّةً أَوْ ضُحَاهَا(46) Isaan guyyaa ishee argan waan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate An-Naziat : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate An-Naziat complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide