La sourate At-Tur en Oromo
وَالطُّورِ(1) (Gaara) Xuuriin kakadhe |
Kitaaba barreeffamaanis |
Xalaayaa bal’ifamaa keessatti |
Mana jiraachifamaanis |
Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis |
Galaana qabsiifamaaniis |
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha |
Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru |
Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu |
(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu |
Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira |
(Isaan) warra soba keessa taphataniidha |
Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman |
(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha |
Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu |
Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman) |
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu |
فَاكِهِينَ بِمَا آتَاهُمْ رَبُّهُمْ وَوَقَاهُمْ رَبُّهُمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ(18) Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse |
“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama) |
مُتَّكِئِينَ عَلَىٰ سُرُرٍ مَّصْفُوفَةٍ ۖ وَزَوَّجْنَاهُم بِحُورٍ عِينٍ(20) Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna |
Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha |
وَأَمْدَدْنَاهُم بِفَاكِهَةٍ وَلَحْمٍ مِّمَّا يَشْتَهُونَ(22) Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa |
يَتَنَازَعُونَ فِيهَا كَأْسًا لَّا لَغْوٌ فِيهَا وَلَا تَأْثِيمٌ(23) Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu) |
۞ وَيَطُوفُ عَلَيْهِمْ غِلْمَانٌ لَّهُمْ كَأَنَّهُمْ لُؤْلُؤٌ مَّكْنُونٌ(24) Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u |
Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu |
Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre |
Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse |
إِنَّا كُنَّا مِن قَبْلُ نَدْعُوهُ ۖ إِنَّهُ هُوَ الْبَرُّ الرَّحِيمُ(28) Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.” |
فَذَكِّرْ فَمَا أَنتَ بِنِعْمَتِ رَبِّكَ بِكَاهِنٍ وَلَا مَجْنُونٍ(29) Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti |
أَمْ يَقُولُونَ شَاعِرٌ نَّتَرَبَّصُ بِهِ رَيْبَ الْمَنُونِ(30) “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii |
قُلْ تَرَبَّصُوا فَإِنِّي مَعَكُم مِّنَ الْمُتَرَبِّصِينَ(31) “Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin |
أَمْ تَأْمُرُهُمْ أَحْلَامُهُم بِهَٰذَا ۚ أَمْ هُمْ قَوْمٌ طَاغُونَ(32) Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha |
Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne |
Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu |
أَمْ خُلِقُوا مِنْ غَيْرِ شَيْءٍ أَمْ هُمُ الْخَالِقُونَ(35) Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha |
أَمْ خَلَقُوا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ ۚ بَل لَّا يُوقِنُونَ(36) Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu |
أَمْ عِندَهُمْ خَزَائِنُ رَبِّكَ أَمْ هُمُ الْمُصَيْطِرُونَ(37) Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota |
أَمْ لَهُمْ سُلَّمٌ يَسْتَمِعُونَ فِيهِ ۖ فَلْيَأْتِ مُسْتَمِعُهُم بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ(38) Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu |
Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru |
أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ(40) Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate |
Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan |
أَمْ يُرِيدُونَ كَيْدًا ۖ فَالَّذِينَ كَفَرُوا هُمُ الْمَكِيدُونَ(42) Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu |
أَمْ لَهُمْ إِلَٰهٌ غَيْرُ اللَّهِ ۚ سُبْحَانَ اللَّهِ عَمَّا يُشْرِكُونَ(43) Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e |
وَإِن يَرَوْا كِسْفًا مِّنَ السَّمَاءِ سَاقِطًا يَقُولُوا سَحَابٌ مَّرْكُومٌ(44) Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu |
فَذَرْهُمْ حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي فِيهِ يُصْعَقُونَ(45) Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi |
يَوْمَ لَا يُغْنِي عَنْهُمْ كَيْدُهُمْ شَيْئًا وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ(46) Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti) |
وَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُوا عَذَابًا دُونَ ذَٰلِكَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ(47) Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu |
وَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ بِأَعْيُنِنَا ۖ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ حِينَ تَقُومُ(48) Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi |
Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi) |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate At-Tur : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate At-Tur complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide