La sourate An-Najm en Oromo
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’u (seenu) |
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres |
Fedha lubbuu irraas hin haasa’u |
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa |
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise |
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e |
Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e) |
Ergasii dhihaatee gadis bu’e |
Hanga fageenya qabannaa gooboo lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e |
Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe |
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne |
Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu |
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera |
Qurquraa daangaa (samii torbaffaa) biratti arge |
Ishee bira jannata qubsumaatu jira |
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge) |
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre |
Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera |
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa |
Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa) |
Sila isiniif dhiirri taeeti dubartiin isaaf taatee |
Isheen kun oggas qooda jalloodha |
Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan odoo Rabbiin ragaa isheef hin buusin moggaaftani malee homaa mitiSe’aafi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofuDhugumaan qajeelfamni Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira |
Moo namaaf waanuma hawwetu jira |
Aakiraafi addunyaanis kan Rabbiiti |
Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay’eetu samii keessa jiru |
إِنَّ الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِالْآخِرَةِ لَيُسَمُّونَ الْمَلَائِكَةَ تَسْمِيَةَ الْأُنثَىٰ(27) Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu |
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanShakkii malee homaa hin hordofanuShakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu |
فَأَعْرِضْ عَن مَّن تَوَلَّىٰ عَن ذِكْرِنَا وَلَمْ يُرِدْ إِلَّا الْحَيَاةَ الدُّنْيَا(29) Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali |
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniitiDhugumatti, Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadhaInni nama qajeeles akkaan beekaadha |
Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan RabbiitiIsaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif mindeessuufi isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume) |
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidhaDhugumatti, Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadhaInni yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha keessanii keessatti ulfa taatanii jirtan akkaan isin beekaLubbuu keessan hin qulqulleessinaaInni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha |
Mee isa gara gale naaf himi |
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate |
Sila beekumsi fagoo isa bira jiraannaan inni (isa) beekee |
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii |
Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees |
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha |
Namaafis waan hojjate malee hintaaneedha |
Hojiin isaas of duratti mul’achuuf jiraadha |
Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha |
Xumurri (waan hundaas) gara Rabbiitti ta’uudha |
Inni Isumatu kofalchiise; boochises |
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises |
Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume |
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo buufamtu |
Uumuun boodaas Rabbuma irra jira |
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha |
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati |
Isumatu Aadii duraa balleesse |
(Ummata) Samuudis hin hambifne |
وَقَوْمَ نُوحٍ مِّن قَبْلُ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا هُمْ أَظْلَمَ وَأَطْغَىٰ(52) Ummata Nuuhis sana dura (balleesse)Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan |
Ganda gombifamtuus gadi kuffise |
Wanti haguuge ishee haguuge |
Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita |
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha |
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti |
Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu |
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii |
Ni kolfituu! Hin boochanuu |
Haala sirbitanuun (irraa garagaltuu) |
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate An-Najm : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate An-Najm complète en haute qualité.
![surah An-Najm Ahmed El Agamy mp3 surah An-Najm Ahmed El Agamy](https://i.pinimg.com/564x/b1/9f/03/b19f03a9f2f09c46afbfd4f03727aee7.jpg)
![surah An-Najm Bandar Balila mp3 surah An-Najm Bandar Balila](https://i.pinimg.com/564x/3e/27/fa/3e27fa5bbbd4d19ee2f4b4975224913e.jpg)
![surah An-Najm Khalid Al Jalil mp3 surah An-Najm Khalid Al Jalil](https://i.pinimg.com/564x/9b/26/36/9b2636f5bbf7ef72abdb817018e96a4d.jpg)
![surah An-Najm Saad Al Ghamdi mp3 surah An-Najm Saad Al Ghamdi](https://i.pinimg.com/564x/85/27/cf/8527cf694f379425e43b9a4fe54b6cfb.jpg)
![surah An-Najm Saud Al Shuraim mp3 surah An-Najm Saud Al Shuraim](https://i.pinimg.com/564x/ad/79/67/ad79679d76062df7166c6e2f52d397d6.jpg)
![surah An-Najm Abdul Basit Abdul Samad mp3 surah An-Najm Abdul Basit Abdul Samad](https://i.pinimg.com/564x/52/95/ae/5295ae7c08e4ebdc7eda3ddb5c6c0a19.jpg)
![surah An-Najm Abdul Rashid Sufi mp3 surah An-Najm Abdul Rashid Sufi](https://i.pinimg.com/564x/80/56/ee/8056ee030160e5c7216811b7b209343c.jpg)
![surah An-Najm Abdullah Basfar mp3 surah An-Najm Abdullah Basfar](https://i.pinimg.com/236x/f5/7b/a1/f57ba14ba4844cee88cdf7cfb2b06510.jpg)
![surah An-Najm Abdullah Awwad Al Juhani mp3 surah An-Najm Abdullah Awwad Al Juhani](https://i.pinimg.com/564x/aa/4d/0b/aa4d0b16c5fbc41efcd692947a4d75ad.jpg)
![surah An-Najm Fares Abbad mp3 surah An-Najm Fares Abbad](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/2b/28/ae/2b28aef3f9678b7cd89315d5ffceba2f.jpg)
![surah An-Najm Maher Al Muaiqly mp3 surah An-Najm Maher Al Muaiqly](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/ab/cc/99/abcc9949d0419ef1f0963a54aef06397.jpg)
![surah An-Najm Al Minshawi mp3 surah An-Najm Muhammad Siddiq Al Minshawi](https://i.pinimg.com/564x/21/76/8d/21768d297bd3460f7339b7b755f53d03.jpg)
![surah An-Najm Mahmoud Khalil Al Hosary mp3 surah An-Najm Al Hosary](https://i.pinimg.com/564x/3f/da/7e/3fda7ed5056347e700cac64d07e164c3.jpg)
![surah An-Najm Mishari Al-afasi mp3 surah An-Najm Al-afasi](https://i.pinimg.com/564x/0a/40/9e/0a409ef09a55700877c20d7195fe9126.jpg)
![surah An-Najm Yasser Al Dosari mp3 surah An-Najm Yasser Al Dosari](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/32/3e/17/323e173f4833680898f51240bedd4973.jpg)
Donnez-nous une invitation valide