La sourate Abasa en Oromo
Fuula guuree gara gale |
Sababa jaamaan isatti dhufeef |
Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama |
Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi |
Nama duroome immoo |
Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta |
Haala qulqullaauu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen |
Nama fiigaa sitti dhufe immoo |
Kan Rabbiin sodaatu ta’ee |
Ati isa irraa dagatta |
Dhorgami! Isheen gorsa |
Nama fedhetu isa (Quraana) yaadata |
Galmeewwan kabajamtuu keessa jira |
Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira) |
Harka barressitootaa (maleykotaa) jira |
كِرَامٍ بَرَرَةٍ(16) Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira) |
Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise |
(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu) |
Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse |
Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise |
Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise |
Ergasii yeroo fedhe isa kaasa |
Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne |
Namni gara nyaata isaa haa ilaalu |
Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne |
Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne |
Achumaan Ishee keessatti firii magarsine |
Inabaafi margas |
Zeytunaafi muka timiraas |
Ashaakiltiilee muka baay’atanis |
Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu] |
Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf |
Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan)dhufte |
Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu |
Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas |
Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti) |
Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira |
Fuulli gariin guyyaa san ni ifti |
Kolfituu, gammadduudha |
Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira |
Gurraachinni ishee haguuga |
Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Abasa : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Abasa complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide