Tur suresi çevirisi Oromo

  1. Suresi mp3
  2. Başka bir sure
  3. Oromo
Kuranı Kerim türkçe meali | Kur'an çevirileri | Oromo dili | Tur Suresi | الطور - Ayet sayısı 49 - Moshaf'taki surenin numarası: 52 - surenin ingilizce anlamı: The Mount.

وَالطُّورِ(1)

 (Gaara) Xuuriin kakadhe

وَكِتَابٍ مَّسْطُورٍ(2)

 Kitaaba barreeffamaanis

فِي رَقٍّ مَّنشُورٍ(3)

 Xalaayaa bal’ifamaa keessatti

وَالْبَيْتِ الْمَعْمُورِ(4)

 Mana jiraachifamaanis

وَالسَّقْفِ الْمَرْفُوعِ(5)

 Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis

وَالْبَحْرِ الْمَسْجُورِ(6)

 Galaana qabsiifamaaniis

إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ لَوَاقِعٌ(7)

 Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha

مَّا لَهُ مِن دَافِعٍ(8)

 Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru

يَوْمَ تَمُورُ السَّمَاءُ مَوْرًا(9)

 Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu

وَتَسِيرُ الْجِبَالُ سَيْرًا(10)

 (Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu

فَوَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ(11)

 Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira

الَّذِينَ هُمْ فِي خَوْضٍ يَلْعَبُونَ(12)

 (Isaan) warra soba keessa taphataniidha

يَوْمَ يُدَعُّونَ إِلَىٰ نَارِ جَهَنَّمَ دَعًّا(13)

 Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman

هَٰذِهِ النَّارُ الَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ(14)

 (Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha

أَفَسِحْرٌ هَٰذَا أَمْ أَنتُمْ لَا تُبْصِرُونَ(15)

 Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu

اصْلَوْهَا فَاصْبِرُوا أَوْ لَا تَصْبِرُوا سَوَاءٌ عَلَيْكُمْ ۖ إِنَّمَا تُجْزَوْنَ مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ(16)

 Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman)

إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَنَعِيمٍ(17)

 Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu

فَاكِهِينَ بِمَا آتَاهُمْ رَبُّهُمْ وَوَقَاهُمْ رَبُّهُمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ(18)

 Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse

كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ(19)

 “Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama)

مُتَّكِئِينَ عَلَىٰ سُرُرٍ مَّصْفُوفَةٍ ۖ وَزَوَّجْنَاهُم بِحُورٍ عِينٍ(20)

 Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna

وَالَّذِينَ آمَنُوا وَاتَّبَعَتْهُمْ ذُرِّيَّتُهُم بِإِيمَانٍ أَلْحَقْنَا بِهِمْ ذُرِّيَّتَهُمْ وَمَا أَلَتْنَاهُم مِّنْ عَمَلِهِم مِّن شَيْءٍ ۚ كُلُّ امْرِئٍ بِمَا كَسَبَ رَهِينٌ(21)

 Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha

وَأَمْدَدْنَاهُم بِفَاكِهَةٍ وَلَحْمٍ مِّمَّا يَشْتَهُونَ(22)

 Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa

يَتَنَازَعُونَ فِيهَا كَأْسًا لَّا لَغْوٌ فِيهَا وَلَا تَأْثِيمٌ(23)

 Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu)

۞ وَيَطُوفُ عَلَيْهِمْ غِلْمَانٌ لَّهُمْ كَأَنَّهُمْ لُؤْلُؤٌ مَّكْنُونٌ(24)

 Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u

وَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَسَاءَلُونَ(25)

 Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu

قَالُوا إِنَّا كُنَّا قَبْلُ فِي أَهْلِنَا مُشْفِقِينَ(26)

 Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre

فَمَنَّ اللَّهُ عَلَيْنَا وَوَقَانَا عَذَابَ السَّمُومِ(27)

 Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse

إِنَّا كُنَّا مِن قَبْلُ نَدْعُوهُ ۖ إِنَّهُ هُوَ الْبَرُّ الرَّحِيمُ(28)

 Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.”

فَذَكِّرْ فَمَا أَنتَ بِنِعْمَتِ رَبِّكَ بِكَاهِنٍ وَلَا مَجْنُونٍ(29)

 Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti

أَمْ يَقُولُونَ شَاعِرٌ نَّتَرَبَّصُ بِهِ رَيْبَ الْمَنُونِ(30)

 “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii

قُلْ تَرَبَّصُوا فَإِنِّي مَعَكُم مِّنَ الْمُتَرَبِّصِينَ(31)

 “Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin

أَمْ تَأْمُرُهُمْ أَحْلَامُهُم بِهَٰذَا ۚ أَمْ هُمْ قَوْمٌ طَاغُونَ(32)

 Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha

أَمْ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُ ۚ بَل لَّا يُؤْمِنُونَ(33)

 Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne

فَلْيَأْتُوا بِحَدِيثٍ مِّثْلِهِ إِن كَانُوا صَادِقِينَ(34)

 Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu

أَمْ خُلِقُوا مِنْ غَيْرِ شَيْءٍ أَمْ هُمُ الْخَالِقُونَ(35)

 Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha

أَمْ خَلَقُوا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ ۚ بَل لَّا يُوقِنُونَ(36)

 Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu

أَمْ عِندَهُمْ خَزَائِنُ رَبِّكَ أَمْ هُمُ الْمُصَيْطِرُونَ(37)

 Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota

أَمْ لَهُمْ سُلَّمٌ يَسْتَمِعُونَ فِيهِ ۖ فَلْيَأْتِ مُسْتَمِعُهُم بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ(38)

 Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu

أَمْ لَهُ الْبَنَاتُ وَلَكُمُ الْبَنُونَ(39)

 Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru

أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ(40)

 Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate

أَمْ عِندَهُمُ الْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ(41)

 Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan

أَمْ يُرِيدُونَ كَيْدًا ۖ فَالَّذِينَ كَفَرُوا هُمُ الْمَكِيدُونَ(42)

 Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu

أَمْ لَهُمْ إِلَٰهٌ غَيْرُ اللَّهِ ۚ سُبْحَانَ اللَّهِ عَمَّا يُشْرِكُونَ(43)

 Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e

وَإِن يَرَوْا كِسْفًا مِّنَ السَّمَاءِ سَاقِطًا يَقُولُوا سَحَابٌ مَّرْكُومٌ(44)

 Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu

فَذَرْهُمْ حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي فِيهِ يُصْعَقُونَ(45)

 Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi

يَوْمَ لَا يُغْنِي عَنْهُمْ كَيْدُهُمْ شَيْئًا وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ(46)

 Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti)

وَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُوا عَذَابًا دُونَ ذَٰلِكَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ(47)

 Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu

وَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ بِأَعْيُنِنَا ۖ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ حِينَ تَقُومُ(48)

 Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi

وَمِنَ اللَّيْلِ فَسَبِّحْهُ وَإِدْبَارَ النُّجُومِ(49)

 Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi)


Oromo diğer sureler:

Bakara suresi Âl-i İmrân Nisâ suresi
Mâide suresi Yûsuf suresi İbrâhîm suresi
Hicr suresi Kehf suresi Meryem suresi
Hac suresi Kasas suresi Ankebût suresi
As-Sajdah Yâsîn suresi Duhân suresi
fetih suresi Hucurât suresi Kâf suresi
Necm suresi Rahmân suresi vakıa suresi
Haşr suresi Mülk suresi Hâkka suresi
İnşikâk suresi Alâ suresi Gâşiye suresi

En ünlü okuyucuların sesiyle Tur Suresi indirin:

Surah At-Tur mp3: yüksek kalitede dinlemek ve indirmek için okuyucuyu seçerek
Tur Suresi Ahmed El Agamy
Ahmed El Agamy
Tur Suresi Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
Tur Suresi Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
Tur Suresi Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
Tur Suresi Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
Tur Suresi Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
Tur Suresi Ali Al Hudhaifi
Ali Al Hudhaifi
Tur Suresi Fares Abbad
Fares Abbad
Tur Suresi Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
Tur Suresi Muhammad Jibril
Muhammad Jibril
Tur Suresi Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
Tur Suresi Al Hosary
Al Hosary
Tur Suresi Al-afasi
Mishari Al-afasi
Tur Suresi Nasser Al Qatami
Nasser Al Qatami
Tur Suresi Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Tuesday, February 11, 2025

Bizim için dua et, teşekkürler