سوره يس به زبان اورومویی

  1. گوش دادن به سوره
  2. سورهای دیگر
  3. ترجمه سوره
قرآن کریم | ترجمه معانی قرآن | زبان اورومویی | سوره يس | يس - تعداد آیات آن 83 - شماره سوره در مصحف: 36 - معنی سوره به انگلیسی: yaseen.

يس(1)

 Yaa Siin

وَالْقُرْآنِ الْحَكِيمِ(2)

 Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha

إِنَّكَ لَمِنَ الْمُرْسَلِينَ(3)

 Dhugumatti, ati ergamtoota irraayyi

عَلَىٰ صِرَاطٍ مُّسْتَقِيمٍ(4)

 Karaa qajeelaa irra jirta

تَنزِيلَ الْعَزِيزِ الرَّحِيمِ(5)

 Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame)

لِتُنذِرَ قَوْمًا مَّا أُنذِرَ آبَاؤُهُمْ فَهُمْ غَافِلُونَ(6)

 Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan akka ittiin akeekkachiiftuuf (buufame)

لَقَدْ حَقَّ الْقَوْلُ عَلَىٰ أَكْثَرِهِمْ فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ(7)

 Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; kanaafuu isaan hin amananu

إِنَّا جَعَلْنَا فِي أَعْنَاقِهِمْ أَغْلَالًا فَهِيَ إِلَى الْأَذْقَانِ فَهُم مُّقْمَحُونَ(8)

 Nuti morma isaanii irratti takaallaa goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi)Kanaafuu isaan (mataa) ol fudhamoodha

وَجَعَلْنَا مِن بَيْنِ أَيْدِيهِمْ سَدًّا وَمِنْ خَلْفِهِمْ سَدًّا فَأَغْشَيْنَاهُمْ فَهُمْ لَا يُبْصِرُونَ(9)

 Dura isaaniitti cufaa, duuba isaanittis cufaa goonee isaan haguugneKanaafuu isaan hin argan

وَسَوَاءٌ عَلَيْهِمْ أَأَنذَرْتَهُمْ أَمْ لَمْ تُنذِرْهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ(10)

 Isaan akeekkachiiftus, isaan akeekkachiisuu baattus isaan irratti wal qixa; hin amananu

إِنَّمَا تُنذِرُ مَنِ اتَّبَعَ الذِّكْرَ وَخَشِيَ الرَّحْمَٰنَ بِالْغَيْبِ ۖ فَبَشِّرْهُ بِمَغْفِرَةٍ وَأَجْرٍ كَرِيمٍ(11)

 Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofaAraaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi

إِنَّا نَحْنُ نُحْيِي الْمَوْتَىٰ وَنَكْتُبُ مَا قَدَّمُوا وَآثَارَهُمْ ۚ وَكُلَّ شَيْءٍ أَحْصَيْنَاهُ فِي إِمَامٍ مُّبِينٍ(12)

 Nuti numatu du’aa jiraachifnaWaan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessinaWaan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra

وَاضْرِبْ لَهُم مَّثَلًا أَصْحَابَ الْقَرْيَةِ إِذْ جَاءَهَا الْمُرْسَلُونَ(13)

 Isaaniif fakkeenya warra gandaa kan yeroo ergamtoonni isheetti dhufee godhi

إِذْ أَرْسَلْنَا إِلَيْهِمُ اثْنَيْنِ فَكَذَّبُوهُمَا فَعَزَّزْنَا بِثَالِثٍ فَقَالُوا إِنَّا إِلَيْكُم مُّرْسَلُونَ(14)

 Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif)

قَالُوا مَا أَنتُمْ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَمَا أَنزَلَ الرَّحْمَٰنُ مِن شَيْءٍ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا تَكْذِبُونَ(15)

 Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa mitiRabbiinis homa tokkoyyuu hin buufne; isinis kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan

قَالُوا رَبُّنَا يَعْلَمُ إِنَّا إِلَيْكُمْ لَمُرْسَلُونَ(16)

 (Ergamtoonnis) “nuti gara keessanitti ergamoo ta’uu Rabbiin keenya ni beeka” jedhan

وَمَا عَلَيْنَا إِلَّا الْبَلَاغُ الْمُبِينُ(17)

 “(Ergaa Rabbii) kan ifa ta’e geessuu malee homtuu nurra hin jiru.”

قَالُوا إِنَّا تَطَيَّرْنَا بِكُمْ ۖ لَئِن لَّمْ تَنتَهُوا لَنَرْجُمَنَّكُمْ وَلَيَمَسَّنَّكُم مِّنَّا عَذَابٌ أَلِيمٌ(18)

 (Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumnaAdabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan

قَالُوا طَائِرُكُم مَّعَكُمْ ۚ أَئِن ذُكِّرْتُم ۚ بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ مُّسْرِفُونَ(19)

 “Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhaniSila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii mitiIsinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan

وَجَاءَ مِنْ أَقْصَى الْمَدِينَةِ رَجُلٌ يَسْعَىٰ قَالَ يَا قَوْمِ اتَّبِعُوا الْمُرْسَلِينَ(20)

 Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa

اتَّبِعُوا مَن لَّا يَسْأَلُكُمْ أَجْرًا وَهُم مُّهْتَدُونَ(21)

 Namoota mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa

وَمَا لِيَ لَا أَعْبُدُ الَّذِي فَطَرَنِي وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ(22)

 Ani maaliifan Isa na uume, kan isiniis gara Isaa deebifamtanu hin gabbarre

أَأَتَّخِذُ مِن دُونِهِ آلِهَةً إِن يُرِدْنِ الرَّحْمَٰنُ بِضُرٍّ لَّا تُغْنِ عَنِّي شَفَاعَتُهُمْ شَيْئًا وَلَا يُنقِذُونِ(23)

 Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadneefi isaaniis ana hin baraarsinen taasifadhaa

إِنِّي إِذًا لَّفِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ(24)

 Ani yeroo san jallina ifa galaa keessa ta’eera

إِنِّي آمَنتُ بِرَبِّكُمْ فَاسْمَعُونِ(25)

 Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” [jedhe](Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan)

قِيلَ ادْخُلِ الْجَنَّةَ ۖ قَالَ يَا لَيْتَ قَوْمِي يَعْلَمُونَ(26)

 “Jannata seeni” jedhameenInnis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa

بِمَا غَفَرَ لِي رَبِّي وَجَعَلَنِي مِنَ الْمُكْرَمِينَ(27)

 Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).”

۞ وَمَا أَنزَلْنَا عَلَىٰ قَوْمِهِ مِن بَعْدِهِ مِن جُندٍ مِّنَ السَّمَاءِ وَمَا كُنَّا مُنزِلِينَ(28)

 Booda isaatii ummata isaa irratti hoomaa waraanaa samii irraa hin buufne! Kan buufnus hin turre

إِن كَانَتْ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً فَإِذَا هُمْ خَامِدُونَ(29)

 Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taaneYeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha

يَا حَسْرَةً عَلَى الْعِبَادِ ۚ مَا يَأْتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ(30)

 Yaa gaabbii gabroota kiyyaa! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu

أَلَمْ يَرَوْا كَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّنَ الْقُرُونِ أَنَّهُمْ إِلَيْهِمْ لَا يَرْجِعُونَ(31)

 Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu (hin arginee)

وَإِن كُلٌّ لَّمَّا جَمِيعٌ لَّدَيْنَا مُحْضَرُونَ(32)

 Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) fuuldura keenyatti dhihaatu

وَآيَةٌ لَّهُمُ الْأَرْضُ الْمَيْتَةُ أَحْيَيْنَاهَا وَأَخْرَجْنَا مِنْهَا حَبًّا فَمِنْهُ يَأْكُلُونَ(33)

 Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee isa irraa nyaatan isaaniif mallattoodha

وَجَعَلْنَا فِيهَا جَنَّاتٍ مِّن نَّخِيلٍ وَأَعْنَابٍ وَفَجَّرْنَا فِيهَا مِنَ الْعُيُونِ(34)

 Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerraIshee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra

لِيَأْكُلُوا مِن ثَمَرِهِ وَمَا عَمِلَتْهُ أَيْدِيهِمْ ۖ أَفَلَا يَشْكُرُونَ(35)

 Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone)Sila hin galateeffatanuu

سُبْحَانَ الَّذِي خَلَقَ الْأَزْوَاجَ كُلَّهَا مِمَّا تُنبِتُ الْأَرْضُ وَمِنْ أَنفُسِهِمْ وَمِمَّا لَا يَعْلَمُونَ(36)

 Inni waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuu isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa cimdii hunda uume qulqullaa’eera

وَآيَةٌ لَّهُمُ اللَّيْلُ نَسْلَخُ مِنْهُ النَّهَارَ فَإِذَا هُم مُّظْلِمُونَ(37)

 Halkanis isaaniif mallattoodhaIsarraa guyyaa baafnaYeroma san isaan dukkana keessatti ta’u

وَالشَّمْسُ تَجْرِي لِمُسْتَقَرٍّ لَّهَا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ(38)

 Aduunis hanga daangaa murtaa’eetti deemtiSun murtee (Rabbii) injifataa, beekaati

وَالْقَمَرَ قَدَّرْنَاهُ مَنَازِلَ حَتَّىٰ عَادَ كَالْعُرْجُونِ الْقَدِيمِ(39)

 Baatiis hanga inni akka damee meexxiitti deebi’utti buufata isaa goonee jirra

لَا الشَّمْسُ يَنبَغِي لَهَا أَن تُدْرِكَ الْقَمَرَ وَلَا اللَّيْلُ سَابِقُ النَّهَارِ ۚ وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ(40)

 Aduun baatii dhaqqabuun isheef hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursuHunduu sarara keessa deemu

وَآيَةٌ لَّهُمْ أَنَّا حَمَلْنَا ذُرِّيَّتَهُمْ فِي الْفُلْكِ الْمَشْحُونِ(41)

 Nuti sanyii isaanii doonii guutame keessatti fe’uun keenya isaaniif mallattoodha

وَخَلَقْنَا لَهُم مِّن مِّثْلِهِ مَا يَرْكَبُونَ(42)

 Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif gooneerra

وَإِن نَّشَأْ نُغْرِقْهُمْ فَلَا صَرِيخَ لَهُمْ وَلَا هُمْ يُنقَذُونَ(43)

 Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turreBirmataan tokkos isaaniif hin jiruIsaan hin baraarfamanus

إِلَّا رَحْمَةً مِّنَّا وَمَتَاعًا إِلَىٰ حِينٍ(44)

 Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre)

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ اتَّقُوا مَا بَيْنَ أَيْدِيكُمْ وَمَا خَلْفَكُمْ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ(45)

 Yeroo “akka rahmanni isiniif godhamuuf waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa” isaanin jadhame (irraa gara galu)

وَمَا تَأْتِيهِم مِّنْ آيَةٍ مِّنْ آيَاتِ رَبِّهِمْ إِلَّا كَانُوا عَنْهَا مُعْرِضِينَ(46)

 Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan

وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ أَنفِقُوا مِمَّا رَزَقَكُمُ اللَّهُ قَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِلَّذِينَ آمَنُوا أَنُطْعِمُ مَن لَّوْ يَشَاءُ اللَّهُ أَطْعَمَهُ إِنْ أَنتُمْ إِلَّا فِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ(47)

 Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا الْوَعْدُ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ(48)

 Ni jedhu: “Yoo warra dhugaa dubbatu taatan waadaan kun yoomi?”

مَا يَنظُرُونَ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً تَأْخُذُهُمْ وَهُمْ يَخِصِّمُونَ(49)

 Iyyansa tokkittii kan haala isaan wal falmaa jiranuun isaan qabdu malee homaa hin eeganu

فَلَا يَسْتَطِيعُونَ تَوْصِيَةً وَلَا إِلَىٰ أَهْلِهِمْ يَرْجِعُونَ(50)

 Yeroo san dhaamsa (walii dabarsuu) hin danda’an; gara maatii isaaniis hin deebi’anu

وَنُفِخَ فِي الصُّورِ فَإِذَا هُم مِّنَ الْأَجْدَاثِ إِلَىٰ رَبِّهِمْ يَنسِلُونَ(51)

 Garriin (xurunbaan) ni afuufama; yoosuu isaan awwaala keessaa gara Gooftaa isaanii bahu

قَالُوا يَا وَيْلَنَا مَن بَعَثَنَا مِن مَّرْقَدِنَا ۜ ۗ هَٰذَا مَا وَعَدَ الرَّحْمَٰنُ وَصَدَقَ الْمُرْسَلُونَ(52)

 “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan

إِن كَانَتْ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً فَإِذَا هُمْ جَمِيعٌ لَّدَيْنَا مُحْضَرُونَ(53)

 Isheen afuuffii tokko malee waan biraatii mitiYeroo san isaan hundi nu bira fidaman

فَالْيَوْمَ لَا تُظْلَمُ نَفْسٌ شَيْئًا وَلَا تُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ(54)

 “Har’a lubbuun kamillee homaa hin miidhamtuWaan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” isaaniin jedhama

إِنَّ أَصْحَابَ الْجَنَّةِ الْيَوْمَ فِي شُغُلٍ فَاكِهُونَ(55)

 Dhugumatti, warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamu

هُمْ وَأَزْوَاجُهُمْ فِي ظِلَالٍ عَلَى الْأَرَائِكِ مُتَّكِئُونَ(56)

 Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisa keessa, sireewwan irratti hirkatu

لَهُمْ فِيهَا فَاكِهَةٌ وَلَهُم مَّا يَدَّعُونَ(57)

 Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jiraWanti isaan kadhatan hunduu isaaniif jira

سَلَامٌ قَوْلًا مِّن رَّبٍّ رَّحِيمٍ(58)

 Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama

وَامْتَازُوا الْيَوْمَ أَيُّهَا الْمُجْرِمُونَ(59)

 “Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama)

۞ أَلَمْ أَعْهَدْ إِلَيْكُمْ يَا بَنِي آدَمَ أَن لَّا تَعْبُدُوا الشَّيْطَانَ ۖ إِنَّهُ لَكُمْ عَدُوٌّ مُّبِينٌ(60)

 “Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee

وَأَنِ اعْبُدُونِي ۚ هَٰذَا صِرَاطٌ مُّسْتَقِيمٌ(61)

 “Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)

وَلَقَدْ أَضَلَّ مِنكُمْ جِبِلًّا كَثِيرًا ۖ أَفَلَمْ تَكُونُوا تَعْقِلُونَ(62)

 Dhugumatti (sheyxaanni) isin irraa uumama baay’ee jalliseeraSila isin sammuu hin qabdanuu

هَٰذِهِ جَهَنَّمُ الَّتِي كُنتُمْ تُوعَدُونَ(63)

 “Isheen kun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha

اصْلَوْهَا الْيَوْمَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ(64)

 Waan kafaraa turtaniif har’a ishee seenaa” (jedhamaani)

الْيَوْمَ نَخْتِمُ عَلَىٰ أَفْوَاهِهِمْ وَتُكَلِّمُنَا أَيْدِيهِمْ وَتَشْهَدُ أَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ(65)

 Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati

وَلَوْ نَشَاءُ لَطَمَسْنَا عَلَىٰ أَعْيُنِهِمْ فَاسْتَبَقُوا الصِّرَاطَ فَأَنَّىٰ يُبْصِرُونَ(66)

 Odoo feenee ija isaanii haqna turreGama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu

وَلَوْ نَشَاءُ لَمَسَخْنَاهُمْ عَلَىٰ مَكَانَتِهِمْ فَمَا اسْتَطَاعُوا مُضِيًّا وَلَا يَرْجِعُونَ(67)

 Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turreIsaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu

وَمَن نُّعَمِّرْهُ نُنَكِّسْهُ فِي الْخَلْقِ ۖ أَفَلَا يَعْقِلُونَ(68)

 Nama umrii dheeressine uumaa kessatti isa gadi dabsina (cabsina)Sila hin yaadanuu

وَمَا عَلَّمْنَاهُ الشِّعْرَ وَمَا يَنبَغِي لَهُ ۚ إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ وَقُرْآنٌ مُّبِينٌ(69)

 Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin maluInni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti

لِّيُنذِرَ مَن كَانَ حَيًّا وَيَحِقَّ الْقَوْلُ عَلَى الْكَافِرِينَ(70)

 Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne)

أَوَلَمْ يَرَوْا أَنَّا خَلَقْنَا لَهُم مِّمَّا عَمِلَتْ أَيْدِينَا أَنْعَامًا فَهُمْ لَهَا مَالِكُونَ(71)

 Sila waan harki keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee

وَذَلَّلْنَاهَا لَهُمْ فَمِنْهَا رَكُوبُهُمْ وَمِنْهَا يَأْكُلُونَ(72)

 Ishee isaaniif laaffifneGariin yaabbii isaaniitiif oolu; garii isaanii immoo ni nyaatu

وَلَهُمْ فِيهَا مَنَافِعُ وَمَشَارِبُ ۖ أَفَلَا يَشْكُرُونَ(73)

 Isaaniif ishee keessa faayidaafi dhugaatiiwwantu jiraSila hin galateeffattanuu

وَاتَّخَذُوا مِن دُونِ اللَّهِ آلِهَةً لَّعَلَّهُمْ يُنصَرُونَ(74)

 Akka tumsamaniif jecha Rabbiin ala gabbaramtoota godhatan

لَا يَسْتَطِيعُونَ نَصْرَهُمْ وَهُمْ لَهُمْ جُندٌ مُّحْضَرُونَ(75)

 Isaan tumsuu hin danda’anIsaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha

فَلَا يَحْزُنكَ قَوْلُهُمْ ۘ إِنَّا نَعْلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعْلِنُونَ(76)

 Jechi isaanii si hin yaaddessinNuti waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekna

أَوَلَمْ يَرَ الْإِنسَانُ أَنَّا خَلَقْنَاهُ مِن نُّطْفَةٍ فَإِذَا هُوَ خَصِيمٌ مُّبِينٌ(77)

 Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama

وَضَرَبَ لَنَا مَثَلًا وَنَسِيَ خَلْقَهُ ۖ قَالَ مَن يُحْيِي الْعِظَامَ وَهِيَ رَمِيمٌ(78)

 Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe

قُلْ يُحْيِيهَا الَّذِي أَنشَأَهَا أَوَّلَ مَرَّةٍ ۖ وَهُوَ بِكُلِّ خَلْقٍ عَلِيمٌ(79)

 “Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhiInni uumama hunda beekaadha

الَّذِي جَعَلَ لَكُم مِّنَ الشَّجَرِ الْأَخْضَرِ نَارًا فَإِذَا أَنتُم مِّنْهُ تُوقِدُونَ(80)

 (Inni) Isa muka magariisa irraa ibidda isiniif godheedhaYeroo san isin isa irraa qabsiifattu

أَوَلَيْسَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِقَادِرٍ عَلَىٰ أَن يَخْلُقَ مِثْلَهُم ۚ بَلَىٰ وَهُوَ الْخَلَّاقُ الْعَلِيمُ(81)

 Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha

إِنَّمَا أَمْرُهُ إِذَا أَرَادَ شَيْئًا أَن يَقُولَ لَهُ كُن فَيَكُونُ(82)

 Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” jechuma qofa; yoosuu taha

فَسُبْحَانَ الَّذِي بِيَدِهِ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيْءٍ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ(83)

 Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru qulqullaa’e! Garuma Isaatti deebifamtu


سورهای بیشتر به زبان اورومویی:

سوره البقره آل عمران سوره نساء
سوره مائده سوره يوسف سوره ابراهيم
سوره حجر سوره کهف سوره مریم
سوره حج سوره قصص سوره عنکبوت
سوره سجده سوره یس سوره دخان
سوره فتح سوره حجرات سوره ق
سوره نجم سوره رحمن سوره واقعه
سوره حشر سوره ملک سوره حاقه
سوره انشقاق سوره أعلى سوره غاشية

دانلود سوره يس با صدای معروف‌ترین قراء:

انتخاب خواننده برای گوش دادن و دانلود کامل سوره يس با کیفیت بالا.
سوره يس را با صدای احمد العجمی
أحمد العجمي
سوره يس را با صدای ابراهيم الاخضر
ابراهيم الاخضر
سوره يس را با صدای بندر بليلة
بندر بليلة
سوره يس را با صدای خالد الجليل
خالد الجليل
سوره يس را با صدای حاتم فريد الواعر
حاتم فريد الواعر
سوره يس را با صدای خليفة الطنيجي
خليفة الطنيجي
سوره يس را با صدای سعد الغامدي
سعد الغامدي
سوره يس را با صدای سعود الشريم
سعود الشريم
سوره يس را با صدای الشاطري
الشاطري
سوره يس را با صدای صلاح ابوخاطر
صلاح بوخاطر
سوره يس را با صدای عبد الباسط عبد الصمد
عبد الباسط
سوره يس را با صدای عبد الرحمن العوسي
عبدالرحمن العوسي
سوره يس را با صدای عبد الرشيد صوفي
عبد الرشيد صوفي
سوره يس را با صدای عبد العزيز الزهراني
عبدالعزيز الزهراني
سوره يس را با صدای عبد الله بصفر
عبد الله بصفر
سوره يس را با صدای عبد الله عواد الجهني
عبد الله الجهني
سوره يس را با صدای علي الحذيفي
علي الحذيفي
سوره يس را با صدای علي جابر
علي جابر
سوره يس را با صدای غسان الشوربجي
غسان الشوربجي
سوره يس را با صدای فارس عباد
فارس عباد
سوره يس را با صدای ماهر المعيقلي
ماهر المعيقلي
سوره يس را با صدای محمد أيوب
محمد أيوب
سوره يس را با صدای محمد المحيسني
محمد المحيسني
سوره يس را با صدای محمد جبريل
محمد جبريل
سوره يس را با صدای محمد صديق المنشاوي
المنشاوي
سوره يس را با صدای الحصري
الحصري
سوره يس را با صدای العفاسي
مشاري العفاسي
سوره يس را با صدای ناصر القطامي
ناصر القطامي
سوره يس را با صدای وديع اليمني
وديع اليمني
سوره يس را با صدای ياسر الدوسري
ياسر الدوسري


Thursday, April 17, 2025

به قرآن کریم چنگ بزنید