Suuratu Al-Anfal Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Al-Anfal hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (75 Aayah — مدنية). Al-Anfal Caqasi, Al-Anfal Hiikkaa, Al-Anfal mp3, Al-Anfal pdf.

Suuratu Al-Anfal Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
يَسْأَلُونَكَ عَنِ الْأَنفَالِ ۖ قُلِ الْأَنفَالُ لِلَّهِ وَالرَّسُولِ ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَصْلِحُوا ذَاتَ بَيْنِكُمْ ۖ وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Boojii irraa si gaafatu“Boojiin kan Rabbiifi ergamaa IsaatiKanaafuu Rabbiin sodaadhaaHariiroo gidduu keessan jirus tolchaaYoo mu’uminoota taatan Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa” jedhi
إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ اللَّهُ وَجِلَتْ قُلُوبُهُمْ وَإِذَا تُلِيَتْ عَلَيْهِمْ آيَاتُهُ زَادَتْهُمْ إِيمَانًا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Mu’uminoonni (dhugaa) warra yeroo maqaan Rabbii dubbatamu onneen isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuufi Gooftaa isaanii irratti irkataniidha
الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنفِقُونَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Isaannan salaata seera ishee guutanii dhaabaniifi waan isaaniif kennine irraas kennitaniidha
أُولَٰئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا ۚ لَّهُمْ دَرَجَاتٌ عِندَ رَبِّهِمْ وَمَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’uminootaGooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduu, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) isaaniif jiraaf
كَمَا أَخْرَجَكَ رَبُّكَ مِن بَيْتِكَ بِالْحَقِّ وَإِنَّ فَرِيقًا مِّنَ الْمُؤْمِنِينَ لَكَارِهُونَ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
(Qoodiinsa boojii kana gariin namaa jibbuun) akkuma gariin mu’uminootaa kan jibban ta’anii dhugaa irratti taatee Rabbiin kee mana kee irraa si baaseeti
يُجَادِلُونَكَ فِي الْحَقِّ بَعْدَمَا تَبَيَّنَ كَأَنَّمَا يُسَاقُونَ إِلَى الْمَوْتِ وَهُمْ يَنظُرُونَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Dhugaa irratti, erga inni ifa ta’ee booda, akka waan odoo argan gara du’aa oofamaaraniitti siin falmu
وَإِذْ يَعِدُكُمُ اللَّهُ إِحْدَى الطَّائِفَتَيْنِ أَنَّهَا لَكُمْ وَتَوَدُّونَ أَنَّ غَيْرَ ذَاتِ الشَّوْكَةِ تَكُونُ لَكُمْ وَيُرِيدُ اللَّهُ أَن يُحِقَّ الْحَقَّ بِكَلِمَاتِهِ وَيَقْطَعَ دَابِرَ الْكَافِرِينَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Yeroo tokkoon gareewwan lamaanii isiniif ta’uu Rabbiin waadaa isiniif galee, isinis isheen abbaa lolaa hin ta’Islaamni (gareen daldaalaa) isiniif ta’uu jaallattan, Rabbiin immoo jechoota (waadaa) Isaatiin dhugaa mirkaneessuufi hidda kaafirootaa kutuu yeroo fedhe san (waan ta’e yaadadhu)
لِيُحِقَّ الْحَقَّ وَيُبْطِلَ الْبَاطِلَ وَلَوْ كَرِهَ الْمُجْرِمُونَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
(Wanti kana hojjateef) odoo kaafiroonni jibban akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi
إِذْ تَسْتَغِيثُونَ رَبَّكُمْ فَاسْتَجَابَ لَكُمْ أَنِّي مُمِدُّكُم بِأَلْفٍ مِّنَ الْمَلَائِكَةِ مُرْدِفِينَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii “Ani maleykoota kuma tokko wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” jechuun isiniif owwaate [yaadadhu]
وَمَا جَعَلَهُ اللَّهُ إِلَّا بُشْرَىٰ وَلِتَطْمَئِنَّ بِهِ قُلُوبُكُمْ ۚ وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِندِ اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Rabbiin gammachuu (keessanii)fi akka onneen keessan ittiin tasgabbooftuuf malee waan biraatiif isa hin gooneInjifannoon Rabbiin biraa malee hin jiruDhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa
إِذْ يُغَشِّيكُمُ النُّعَاسَ أَمَنَةً مِّنْهُ وَيُنَزِّلُ عَلَيْكُم مِّنَ السَّمَاءِ مَاءً لِّيُطَهِّرَكُم بِهِ وَيُذْهِبَ عَنكُمْ رِجْزَ الشَّيْطَانِ وَلِيَرْبِطَ عَلَىٰ قُلُوبِكُمْ وَيُثَبِّتَ بِهِ الْأَقْدَامَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Yeroo Inni tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti) hirribaan isin haguugeefi ittiin isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaas isin irraa deemsisuuf, onnee keessanis (obsaan) jabeessuuf, faanawwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse [yaadadhaa]
إِذْ يُوحِي رَبُّكَ إِلَى الْمَلَائِكَةِ أَنِّي مَعَكُمْ فَثَبِّتُوا الَّذِينَ آمَنُوا ۚ سَأُلْقِي فِي قُلُوبِ الَّذِينَ كَفَرُوا الرُّعْبَ فَاضْرِبُوا فَوْقَ الْأَعْنَاقِ وَاضْرِبُوا مِنْهُمْ كُلَّ بَنَانٍ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti “dhugumatti, Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaaAni onnee isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Morma (isaanii) gubbaa rukutaaIsaan irraas quba hunda rukutaa” (jedhee) beeksisa godhe [yaadadhu]
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ شَاقُّوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ وَمَن يُشَاقِقِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَإِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaa faallessaniifiNamni Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa cimaadha
ذَٰلِكُمْ فَذُوقُوهُ وَأَنَّ لِلْكَافِرِينَ عَذَابَ النَّارِ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaaDhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا لَقِيتُمُ الَّذِينَ كَفَرُوا زَحْفًا فَلَا تُوَلُّوهُمُ الْأَدْبَارَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin baqatinaa)
وَمَن يُوَلِّهِمْ يَوْمَئِذٍ دُبُرَهُ إِلَّا مُتَحَرِّفًا لِّقِتَالٍ أَوْ مُتَحَيِّزًا إِلَىٰ فِئَةٍ فَقَدْ بَاءَ بِغَضَبٍ مِّنَ اللَّهِ وَمَأْوَاهُ جَهَنَّمُ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jiraTeessoon isaas jahannamiDeebiin (isaanii jahannam) waa fokkate
فَلَمْ تَقْتُلُوهُمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ قَتَلَهُمْ ۚ وَمَا رَمَيْتَ إِذْ رَمَيْتَ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ رَمَىٰ ۚ وَلِيُبْلِيَ الْمُؤْمِنِينَ مِنْهُ بَلَاءً حَسَنًا ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Isin isaan hin ajjeefneGaruu Rabbitu isaan ajjeeseYeroo darbattus ati hin darbanneGaruu Rabbiitu darbateMu’uminootaafis tola gaarii isa biraa ta’e akka kennuuf (kana hojjate)Dhugumatti, Rabbiin dhagahaa, beekaadha
ذَٰلِكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ مُوهِنُ كَيْدِ الْكَافِرِينَ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Kun (dhugaadha)Dhugumatti, Rabbiinis dadhabsiisaa tooftaa kaafirootati
إِن تَسْتَفْتِحُوا فَقَدْ جَاءَكُمُ الْفَتْحُ ۖ وَإِن تَنتَهُوا فَهُوَ خَيْرٌ لَّكُمْ ۖ وَإِن تَعُودُوا نَعُدْ وَلَن تُغْنِيَ عَنكُمْ فِئَتُكُمْ شَيْئًا وَلَوْ كَثُرَتْ وَأَنَّ اللَّهَ مَعَ الْمُؤْمِنِينَ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
(Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jiraYoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadhaAmmas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (tumsa keenyaan) ni deebinaTuunni keessan odoo baay’atanillee homaa isin hin fayyadanuDhugumatti Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَوَلَّوْا عَنْهُ وَأَنتُمْ تَسْمَعُونَ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajajamaaOdoo dhageessanuu Isa irraas gara hin galinaa
وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ قَالُوا سَمِعْنَا وَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Akka isaan haala hin dhageenyeen “dhageenyee jirra” jedhanii hin ta’inaa
۞ إِنَّ شَرَّ الدَّوَابِّ عِندَ اللَّهِ الصُّمُّ الْبُكْمُ الَّذِينَ لَا يَعْقِلُونَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti duudaa, arraba qabamaa, isaan hubannoo hin qabneedha
وَلَوْ عَلِمَ اللَّهُ فِيهِمْ خَيْرًا لَّأَسْمَعَهُمْ ۖ وَلَوْ أَسْمَعَهُمْ لَتَوَلَّوا وَّهُم مُّعْرِضُونَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee, silaa isaan dhageessisa tureOdoo isaan dhageessisees, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اسْتَجِيبُوا لِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ إِذَا دَعَاكُمْ لِمَا يُحْيِيكُمْ ۖ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يَحُولُ بَيْنَ الْمَرْءِ وَقَلْبِهِ وَأَنَّهُ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Yaa warra amantan! Rabbiif awwaadhaaErgamaa Isaatiifis; yeroo inni waan isin jiraachisutti isin waame (awwaadhaa)Dhugumatti Rabbiin gidduu namichaatiifi onnee isaa akka golguufi isinis gara Isaatti kan walitti qabamtan ta’uu beekaa
وَاتَّقُوا فِتْنَةً لَّا تُصِيبَنَّ الَّذِينَ ظَلَمُوا مِنكُمْ خَاصَّةً ۖ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Rakkoo (Fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophaatti hin mudannes sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaa akka ta’es beekaa
وَاذْكُرُوا إِذْ أَنتُمْ قَلِيلٌ مُّسْتَضْعَفُونَ فِي الْأَرْضِ تَخَافُونَ أَن يَتَخَطَّفَكُمُ النَّاسُ فَآوَاكُمْ وَأَيَّدَكُم بِنَصْرِهِ وَرَزَقَكُم مِّنَ الطَّيِّبَاتِ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Yeroo isin muraasa, dachii keessattis hacuucamoo, namoonnis (saamichaafi ajjeechaan) isin bubbutuu sodaachaa, (Rabbiin) isin qubsiisee, tumsa Isaatiinis isin gargaaree, akka isin galateeffattaniif wantoota gaggaarii irraas isin soore yaadadhaa
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَخُونُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ وَتَخُونُوا أَمَانَاتِكُمْ وَأَنتُمْ تَعْلَمُونَ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa hin ganinaaOdoo beektanii amaanaa keessanis hin ganinaa
وَاعْلَمُوا أَنَّمَا أَمْوَالُكُمْ وَأَوْلَادُكُمْ فِتْنَةٌ وَأَنَّ اللَّهَ عِندَهُ أَجْرٌ عَظِيمٌ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessanis mokkoroo (fitnaa) akka ta’an beekaaDhugumatti Rabbiin mindaan guddaan Isa bira jira
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن تَتَّقُوا اللَّهَ يَجْعَل لَّكُمْ فُرْقَانًا وَيُكَفِّرْ عَنكُمْ سَيِّئَاتِكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Yaa warra amantan! Yoo Rabbiin sodaattaniif, addaan baasaa (dhugaafi dharaa) isiniif godhaBadii keessanis isin irraa harcaasaIsiniif araaramasRabbiin abbaa tola guddaati
وَإِذْ يَمْكُرُ بِكَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِيُثْبِتُوكَ أَوْ يَقْتُلُوكَ أَوْ يُخْرِجُوكَ ۚ وَيَمْكُرُونَ وَيَمْكُرُ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
Yeroo isaan kafaran si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf tooftaa sirratti baasan [yaadadhu]Isaan tooftaa baasu; Rabbiinis tooftaa baasa (tooftaa isaanii isaan irratti deebisa)Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti
وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ آيَاتُنَا قَالُوا قَدْ سَمِعْنَا لَوْ نَشَاءُ لَقُلْنَا مِثْلَ هَٰذَا ۙ إِنْ هَٰذَا إِلَّا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti” jedhu
وَإِذْ قَالُوا اللَّهُمَّ إِن كَانَ هَٰذَا هُوَ الْحَقَّ مِنْ عِندِكَ فَأَمْطِرْ عَلَيْنَا حِجَارَةً مِّنَ السَّمَاءِ أَوِ ائْتِنَا بِعَذَابٍ أَلِيمٍ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Yeroo isaan “Yaa Allaah! Yoo kuni dhugaa si biraa (bu’e) ta’e, samii irraa dhagaa nurratti roobsi; yookiin adabbii laalessaa nutti fidi” jedhan [yaadadhu]
وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنتَ فِيهِمْ ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ مُعَذِّبَهُمْ وَهُمْ يَسْتَغْفِرُونَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Rabbiinis odoo ati isaan keessa jirtuu kan isaan adabu hin taaneAmmas Rabbiin odoo isaan araarama kadhatanuu kan isaan adabu hin taane
وَمَا لَهُمْ أَلَّا يُعَذِّبَهُمُ اللَّهُ وَهُمْ يَصُدُّونَ عَنِ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ وَمَا كَانُوا أَوْلِيَاءَهُ ۚ إِنْ أَوْلِيَاؤُهُ إِلَّا الْمُتَّقُونَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) kan dhorganiifi itti gaafatamaa isaas hin ta’aniin, Rabbiin maaliif isaan hin adabne? Warra Rabbiin sodaatan malee itti gaafatamaan isaa kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu
وَمَا كَانَ صَلَاتُهُمْ عِندَ الْبَيْتِ إِلَّا مُكَاءً وَتَصْدِيَةً ۚ فَذُوقُوا الْعَذَابَ بِمَا كُنتُمْ تَكْفُرُونَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu)fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taaneSababa kufrii keessaniif adabbii dhandhamaa
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ لِيَصُدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ ۚ فَسَيُنفِقُونَهَا ثُمَّ تَكُونُ عَلَيْهِمْ حَسْرَةً ثُمَّ يُغْلَبُونَ ۗ وَالَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ جَهَنَّمَ يُحْشَرُونَ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Dhugumatti, isaan kafaran (namoota) karaa Rabbii irraa dhorguuf jecha qabeenya isaanii kennuFuula duras ishee kennuSana booda isaan irratti gaabbii taatiErgasiis ni injifatamu; isaan kafaran gara jahannamitti walitti qabamu
لِيَمِيزَ اللَّهُ الْخَبِيثَ مِنَ الطَّيِّبِ وَيَجْعَلَ الْخَبِيثَ بَعْضَهُ عَلَىٰ بَعْضٍ فَيَرْكُمَهُ جَمِيعًا فَيَجْعَلَهُ فِي جَهَنَّمَ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Rabbiin fokkataa gaarii irraa adda baasee, fokkataas garii isaa garii gubbaatti taasisee, hunda isaanii walitti tuulee, ergasii jahannam keessatti isaan taasisuuf (walitti qabamu)Warri sun isaanumatu hoonga’oodha
قُل لِّلَّذِينَ كَفَرُوا إِن يَنتَهُوا يُغْفَرْ لَهُم مَّا قَدْ سَلَفَ وَإِن يَعُودُوا فَقَدْ مَضَتْ سُنَّتُ الْأَوَّلِينَ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Isaan kafaraniin, yoo (kufrii irraa) dhorgamtan wanti dabre isaaniif araaramamaYoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti
وَقَاتِلُوهُمْ حَتَّىٰ لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ وَيَكُونَ الدِّينُ كُلُّهُ لِلَّهِ ۚ فَإِنِ انتَهَوْا فَإِنَّ اللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ بَصِيرٌ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhorgaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaadha
وَإِن تَوَلَّوْا فَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَوْلَاكُمْ ۚ نِعْمَ الْمَوْلَىٰ وَنِعْمَ النَّصِيرُ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Yoo isaan irraa gara galanis, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessan ta’uu beekaaTiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole
۞ وَاعْلَمُوا أَنَّمَا غَنِمْتُم مِّن شَيْءٍ فَأَنَّ لِلَّهِ خُمُسَهُ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَابْنِ السَّبِيلِ إِن كُنتُمْ آمَنتُم بِاللَّهِ وَمَا أَنزَلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا يَوْمَ الْفُرْقَانِ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Wanti isin boojitan kumiyyuu, tokko shanaffaan isaa Rabbiif, ergamaa Isaa, firoota dhihoo, yatiima, hiyyeeyyiifi kara deemaaf ta’uu isaa beekaa; yoo kan Rabbiifi waan Nuti gabricha keenya irratti guyyaa addaba’iinsaa (dhugaafi soba addaan baafne), guyyaa (Badrii kan) tuutti lamaan wal qunnaman buufnetti kan amantan taatan (sana beekaa)Rabbiinis waan hunda irratti danda’aadha
إِذْ أَنتُم بِالْعُدْوَةِ الدُّنْيَا وَهُم بِالْعُدْوَةِ الْقُصْوَىٰ وَالرَّكْبُ أَسْفَلَ مِنكُمْ ۚ وَلَوْ تَوَاعَدتُّمْ لَاخْتَلَفْتُمْ فِي الْمِيعَادِ ۙ وَلَٰكِن لِّيَقْضِيَ اللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا لِّيَهْلِكَ مَنْ هَلَكَ عَن بَيِّنَةٍ وَيَحْيَىٰ مَنْ حَيَّ عَن بَيِّنَةٍ ۗ وَإِنَّ اللَّهَ لَسَمِيعٌ عَلِيمٌ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihoo taatanii, isaanis moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa)Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtanGaruu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa ifa ta’e booda akka baduuf, namni jiraatus ragaa ifa ta’e booda akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe)Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha
إِذْ يُرِيكَهُمُ اللَّهُ فِي مَنَامِكَ قَلِيلًا ۖ وَلَوْ أَرَاكَهُمْ كَثِيرًا لَّفَشِلْتُمْ وَلَتَنَازَعْتُمْ فِي الْأَمْرِ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ سَلَّمَ ۗ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Yeroo Rabbiin abjuu kee keessatti xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiises [yaadadhu]Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee, silaa luynoomtanii, dhimmicha keessattis wal mormitu turtanGaruu Rabbiin nagaya (isin) godheDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti
وَإِذْ يُرِيكُمُوهُمْ إِذِ الْتَقَيْتُمْ فِي أَعْيُنِكُمْ قَلِيلًا وَيُقَلِّلُكُمْ فِي أَعْيُنِهِمْ لِيَقْضِيَ اللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا ۗ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Yeroo walitti dhuftanii Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) raawwatamaa ta’e galmaan ga’uuf jecha, isin ija isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’ee, yeroo ilaalcha keessan keessatti xiqqoo taasisee isaan isin agarsiise [yaadadhu]Wantoonni hundi gara Rabbii deebifamti
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا لَقِيتُمْ فِئَةً فَاثْبُتُوا وَاذْكُرُوا اللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Yaa warra amantan! Yeroo garee (diinaa) wahii qunnamtan, gadi dhaabbadhaa; akka milkooftaniifis (faaruu) baay’ee Rabbiin faarsaa
وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَنَازَعُوا فَتَفْشَلُوا وَتَذْهَبَ رِيحُكُمْ ۖ وَاصْبِرُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; walis hin morminaa; luynoomtanii humni keessanis (isin irraa) ni deemtii; obsaaDhugumatti, Rabbiin obsitoota wajjin jira
وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ خَرَجُوا مِن دِيَارِهِم بَطَرًا وَرِئَاءَ النَّاسِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ ۚ وَاللَّهُ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Akka isaan boonaa, namootatti of argisiisiisan ta’anii, karaa Rabbii irraas (namoota) dhorgaa, manneen isaanii irraa bahanii hin ta’inaaRabbiin waan isaan dalaganitti marsaadha
وَإِذْ زَيَّنَ لَهُمُ الشَّيْطَانُ أَعْمَالَهُمْ وَقَالَ لَا غَالِبَ لَكُمُ الْيَوْمَ مِنَ النَّاسِ وَإِنِّي جَارٌ لَّكُمْ ۖ فَلَمَّا تَرَاءَتِ الْفِئَتَانِ نَكَصَ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ وَقَالَ إِنِّي بَرِيءٌ مِّنكُمْ إِنِّي أَرَىٰ مَا لَا تَرَوْنَ إِنِّي أَخَافُ اللَّهَ ۚ وَاللَّهُ شَدِيدُ الْعِقَابِ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Yeroo sheyxaanni dalagaa isaanii (gadhee) miidhagsee, “har’a nama irraa injifataan isiniif hin jiruAnis gargaaraa keessan” jedheen san [yaadadhu]Yeroma gareen lamaan wal argan, of duuba deebi’ee “Dhugumatti, ani isin irraa qulqulluudha; ani waan isin hin agarren argaa jiraAni Rabbiinin sodaadhaRabbiin adabbiin Isaa cimaadha” jedhe
إِذْ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ غَرَّ هَٰؤُلَاءِ دِينُهُمْ ۗ وَمَن يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَإِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Yeroo munaafiqoonniifi warri onnee isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse” jedhan [yaadadhu]Namni Rabbi irratti hirkate (ni moo’ata)Dhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa
وَلَوْ تَرَىٰ إِذْ يَتَوَفَّى الَّذِينَ كَفَرُوا ۙ الْمَلَائِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَارَهُمْ وَذُوقُوا عَذَابَ الْحَرِيقِ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Yeroo maleeykonni lubbuu warra kafaranii fuula isaaniitiifi duuba isaanii rukutaa “adabbii gubu dhandhamaa” jedhaa fuudhan odoo gartee (dubbii cimaa argita)
ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّامٍ لِّلْعَبِيدِ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
”Kun waan harki keessan dabarfatteefi (waan) Rabbiinis gabroota miidhaa hin ta’iniifi” (isaaniin jedhama)
كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ ۙ وَالَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَفَرُوا بِآيَاتِ اللَّهِ فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ شَدِيدُ الْعِقَابِ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
(Haalli ummata kanaa) Akkuma haala warra Fir’awniifi warra isaan dura turan kan keeyyattoota Rabbiitti kafaranii Rabbiin badiiwwan isaaniitiin isaan qabeetiDhugumatti Rabbiin jabaa, adabbiin Isaa cimaati
ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ لَمْ يَكُ مُغَيِّرًا نِّعْمَةً أَنْعَمَهَا عَلَىٰ قَوْمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُوا مَا بِأَنفُسِهِمْ ۙ وَأَنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
Kun waan Rabbiin tola ummata irratti oole tokko hanga isaan waan lubbuu isaaniitti jiru jijjiiranitti kan hin jijjiirre ta’eefi Rabbiinis dhagayaa beekaa waan ta’eefi
كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ ۙ وَالَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَذَّبُوا بِآيَاتِ رَبِّهِمْ فَأَهْلَكْنَاهُم بِذُنُوبِهِمْ وَأَغْرَقْنَا آلَ فِرْعَوْنَ ۚ وَكُلٌّ كَانُوا ظَالِمِينَ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
Akka haala namoota Fir’awniifi warra isaan duraa, kan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaranii, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessineeti; ummata Fir’awnis bishaaniin dhidhimsine; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan
إِنَّ شَرَّ الدَّوَابِّ عِندَ اللَّهِ الَّذِينَ كَفَرُوا فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ ۝٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 55
Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu
الَّذِينَ عَاهَدتَّ مِنْهُمْ ثُمَّ يَنقُضُونَ عَهْدَهُمْ فِي كُلِّ مَرَّةٍ وَهُمْ لَا يَتَّقُونَ ۝٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 56
(Isaan) warra ati waadaa isaan irraa fuutee, yeroo (waadaa seenan) hunda kan Rabbiin hin sodaanne ta’anii waadaa isaanii diiganiidha
فَإِمَّا تَثْقَفَنَّهُمْ فِي الْحَرْبِ فَشَرِّدْ بِهِم مَّنْ خَلْفَهُمْ لَعَلَّهُمْ يَذَّكَّرُونَ ۝٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 57
Yoo lola irratti isaan argite akka isaan gorfamaniif jecha namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi
وَإِمَّا تَخَافَنَّ مِن قَوْمٍ خِيَانَةً فَانبِذْ إِلَيْهِمْ عَلَىٰ سَوَاءٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْخَائِنِينَ ۝٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 58
Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (waadaa isaanii) gara isaanitti darbiDhugumatti, Rabbiin warra (waadaa) ganan hin jaalatu
وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا سَبَقُوا ۚ إِنَّهُمْ لَا يُعْجِزُونَ ۝٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 59
Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliquu hin yaadinDhugumatti, isaan Nu hin dadhabsiisanu
وَأَعِدُّوا لَهُم مَّا اسْتَطَعْتُم مِّن قُوَّةٍ وَمِن رِّبَاطِ الْخَيْلِ تُرْهِبُونَ بِهِ عَدُوَّ اللَّهِ وَعَدُوَّكُمْ وَآخَرِينَ مِن دُونِهِمْ لَا تَعْلَمُونَهُمُ اللَّهُ يَعْلَمُهُمْ ۚ وَمَا تُنفِقُوا مِن شَيْءٍ فِي سَبِيلِ اللَّهِ يُوَفَّ إِلَيْكُمْ وَأَنتُمْ لَا تُظْلَمُونَ ۝٦٠
📖 Hiikkaa Aayah 60
Humnaafi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessaniin, kan ittiin diina Rabbii, diina keessaniifi ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan Rabbiin isaan beeku, isin isaan hin beekne ittiin akka sodaachiftaniif isaaniif qopheessaaWanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) isiniif kennamaIsin hin miidhamtanu
۞ وَإِن جَنَحُوا لِلسَّلْمِ فَاجْنَحْ لَهَا وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ ۝٦١
📖 Hiikkaa Aayah 61
Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhuDhugumatti, Inni dhaga’aa, argaadha
وَإِن يُرِيدُوا أَن يَخْدَعُوكَ فَإِنَّ حَسْبَكَ اللَّهُ ۚ هُوَ الَّذِي أَيَّدَكَ بِنَصْرِهِ وَبِالْمُؤْمِنِينَ ۝٦٢
📖 Hiikkaa Aayah 62
Yoo isaan si ganuu fedhanis, dhugumatti ga’aan kee RabbumaInni Isa tumsa Isaatiifi mu’uminootaan si jabeesseedha
وَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ ۚ لَوْ أَنفَقْتَ مَا فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا مَّا أَلَّفْتَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ أَلَّفَ بَيْنَهُمْ ۚ إِنَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ ۝٦٣
📖 Hiikkaa Aayah 63
Gidduu onnee isaaniis kan wal taasiseedhaGaruu Rabbitu wal taasise malee odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu, gidduu onnee isaanii wal taasisuu hin dandeessuDhugumatti Inni injifataa, ogeessa
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ حَسْبُكَ اللَّهُ وَمَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ ۝٦٤
📖 Hiikkaa Aayah 64
Yaa nabiyyii (kiyya)! Siifi mu’uminoota irraa namoota si hordofaniifis Rabbiin gahaadha
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ حَرِّضِ الْمُؤْمِنِينَ عَلَى الْقِتَالِ ۚ إِن يَكُن مِّنكُمْ عِشْرُونَ صَابِرُونَ يَغْلِبُوا مِائَتَيْنِ ۚ وَإِن يَكُن مِّنكُم مِّائَةٌ يَغْلِبُوا أَلْفًا مِّنَ الَّذِينَ كَفَرُوا بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَفْقَهُونَ ۝٦٥
📖 Hiikkaa Aayah 65
Yaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasiIsin irraa obsitoonni digdamni yoo argame, dhibba lama haa injifatanuIsin irraa dhibbi tokko yoo argame, waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu
الْآنَ خَفَّفَ اللَّهُ عَنكُمْ وَعَلِمَ أَنَّ فِيكُمْ ضَعْفًا ۚ فَإِن يَكُن مِّنكُم مِّائَةٌ صَابِرَةٌ يَغْلِبُوا مِائَتَيْنِ ۚ وَإِن يَكُن مِّنكُمْ أَلْفٌ يَغْلِبُوا أَلْفَيْنِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ مَعَ الصَّابِرِينَ ۝٦٦
📖 Hiikkaa Aayah 66
Amma Rabbiin isin irraa laaffiseeraIsin keessa dadhabbiin akka jirus beekeeraIsin irraa obsitoonni dhibbi tokko yoo argame, dhibba lama haa injifatuIsin irraa kumni tokko yoo argame, hayyama Rabbiitiin kuma lama haa injifatuRabbiinis obsitootaa wajjin jira
مَا كَانَ لِنَبِيٍّ أَن يَكُونَ لَهُ أَسْرَىٰ حَتَّىٰ يُثْخِنَ فِي الْأَرْضِ ۚ تُرِيدُونَ عَرَضَ الدُّنْيَا وَاللَّهُ يُرِيدُ الْآخِرَةَ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ ۝٦٧
📖 Hiikkaa Aayah 67
Nabiyyii kamiifuu hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti), booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin maluIsin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedhaRabbiin injifataa, ogeessa
لَّوْلَا كِتَابٌ مِّنَ اللَّهِ سَبَقَ لَمَسَّكُمْ فِيمَا أَخَذْتُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ ۝٦٨
📖 Hiikkaa Aayah 68
Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattaniif adabbiin guddaan isin mudata ture
فَكُلُوا مِمَّا غَنِمْتُمْ حَلَالًا طَيِّبًا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝٦٩
📖 Hiikkaa Aayah 69
Haala hayyamamaafi gaarii ta’een waan boojitan irraa nyaadhaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُل لِّمَن فِي أَيْدِيكُم مِّنَ الْأَسْرَىٰ إِن يَعْلَمِ اللَّهُ فِي قُلُوبِكُمْ خَيْرًا يُؤْتِكُمْ خَيْرًا مِّمَّا أُخِذَ مِنكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ۝٧٠
📖 Hiikkaa Aayah 70
Yaa nabiyyii (kiyya)! Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “Odoo Rabbiin onnee keessan keessatti toltuu wahii beekee, silaa waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna ture; isiniifis ni araarama tureRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
وَإِن يُرِيدُوا خِيَانَتَكَ فَقَدْ خَانُوا اللَّهَ مِن قَبْلُ فَأَمْكَنَ مِنْهُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ ۝٧١
📖 Hiikkaa Aayah 71
Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraas (ajjeesuufi booji’uun) mijjeeffatee jiraRabbiin beekaa, ogeessa
إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالَّذِينَ آوَوا وَّنَصَرُوا أُولَٰئِكَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَلَمْ يُهَاجِرُوا مَا لَكُم مِّن وَلَايَتِهِم مِّن شَيْءٍ حَتَّىٰ يُهَاجِرُوا ۚ وَإِنِ اسْتَنصَرُوكُمْ فِي الدِّينِ فَعَلَيْكُمُ النَّصْرُ إِلَّا عَلَىٰ قَوْمٍ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُم مِّيثَاقٌ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ ۝٧٢
📖 Hiikkaa Aayah 72
Dhugumatti, isaan amananii godaananii, karaa Rabbii keessattis qabeenyaafi lubbuu isaanitiin qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsas (isiniif) godhan, warri sun gariin isaanii jaalallee gariitiIsaan amananii hin godaanin immoo hanga godaananitti jaalala isaanii irraa homtuu isiniif hin taaneYoo amantii keessatti gargaarsa isin gaafatan, namoota gidduu keessaniifi gidduu isaanii waadaan jiru irratti (yoo ta’e) malee isaan gargaaruun isin irratti dirqamaRabbiin waan isin hojjattan argaadha
وَالَّذِينَ كَفَرُوا بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ إِلَّا تَفْعَلُوهُ تَكُن فِتْنَةٌ فِي الْأَرْضِ وَفَسَادٌ كَبِيرٌ ۝٧٣
📖 Hiikkaa Aayah 73
Isaan kafaranis gariin isaanii jaalallee gariitiYoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) raawwachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama
وَالَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالَّذِينَ آوَوا وَّنَصَرُوا أُولَٰئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا ۚ لَّهُم مَّغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ ۝٧٤
📖 Hiikkaa Aayah 74
Isaan amananii, godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsa (isiniif) godhan, warri sun isaanumatu mu’uminoota dhugaatiIsaaniif araaramaafi soorata gaariitu jira
وَالَّذِينَ آمَنُوا مِن بَعْدُ وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا مَعَكُمْ فَأُولَٰئِكَ مِنكُمْ ۚ وَأُولُو الْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِي كِتَابِ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ ۝٧٥
📖 Hiikkaa Aayah 75
Warri sana booda amananii, godaananiifi isin waliin qabsaa’an, isaan isin irraayyi(Dhaala ilaalchisee) kitaaba Rabbii keessatti warri firaa gariin isaanii garii (dhaaluu)tti irra caalaadhaDhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha
← 7 Al-Anfal (8/114) 9 →
Dubbisi Suuratu Al-Anfal Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

8الأنفال Al-Anfal 📚 75 Aayah مدنية

Aayah amma aayah – Suuratu Al-Anfal — 75 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers