La sourate Al-Hijr en Oromo
Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti |
رُّبَمَا يَوَدُّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَوْ كَانُوا مُسْلِمِينَ(2) Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu |
ذَرْهُمْ يَأْكُلُوا وَيَتَمَتَّعُوا وَيُلْهِهِمُ الْأَمَلُ ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ(3) Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku |
وَمَا أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٌ مَّعْلُومٌ(4) Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine |
مَّا تَسْبِقُ مِنْ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسْتَأْخِرُونَ(5) Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu |
وَقَالُوا يَا أَيُّهَا الَّذِي نُزِّلَ عَلَيْهِ الذِّكْرُ إِنَّكَ لَمَجْنُونٌ(6) “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan |
لَّوْ مَا تَأْتِينَا بِالْمَلَائِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ(7) Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan) |
مَا نُنَزِّلُ الْمَلَائِكَةَ إِلَّا بِالْحَقِّ وَمَا كَانُوا إِذًا مُّنظَرِينَ(8) Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane |
إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا الذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُ لَحَافِظُونَ(9) Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha |
وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ فِي شِيَعِ الْأَوَّلِينَ(10) Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra |
وَمَا يَأْتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ(11) Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne |
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna |
لَا يُؤْمِنُونَ بِهِ ۖ وَقَدْ خَلَتْ سُنَّةُ الْأَوَّلِينَ(13) Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa) |
وَلَوْ فَتَحْنَا عَلَيْهِم بَابًا مِّنَ السَّمَاءِ فَظَلُّوا فِيهِ يَعْرُجُونَ(14) Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii |
لَقَالُوا إِنَّمَا سُكِّرَتْ أَبْصَارُنَا بَلْ نَحْنُ قَوْمٌ مَّسْحُورُونَ(15) Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu |
وَلَقَدْ جَعَلْنَا فِي السَّمَاءِ بُرُوجًا وَزَيَّنَّاهَا لِلنَّاظِرِينَ(16) Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra |
Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine |
إِلَّا مَنِ اسْتَرَقَ السَّمْعَ فَأَتْبَعَهُ شِهَابٌ مُّبِينٌ(18) Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa tae isa hordofe malee |
Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra |
وَجَعَلْنَا لَكُمْ فِيهَا مَعَايِشَ وَمَن لَّسْتُمْ لَهُ بِرَازِقِينَ(20) Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone |
وَإِن مِّن شَيْءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَائِنُهُ وَمَا نُنَزِّلُهُ إِلَّا بِقَدَرٍ مَّعْلُومٍ(21) Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu |
Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane |
وَإِنَّا لَنَحْنُ نُحْيِي وَنُمِيتُ وَنَحْنُ الْوَارِثُونَ(23) Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas |
وَلَقَدْ عَلِمْنَا الْمُسْتَقْدِمِينَ مِنكُمْ وَلَقَدْ عَلِمْنَا الْمُسْتَأْخِرِينَ(24) Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra |
وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحْشُرُهُمْ ۚ إِنَّهُ حَكِيمٌ عَلِيمٌ(25) Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha |
وَلَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنسَانَ مِن صَلْصَالٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ(26) Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne |
وَالْجَانَّ خَلَقْنَاهُ مِن قَبْلُ مِن نَّارِ السَّمُومِ(27) Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne |
وَإِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَائِكَةِ إِنِّي خَالِقٌ بَشَرًا مِّن صَلْصَالٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ(28) Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha |
فَإِذَا سَوَّيْتُهُ وَنَفَخْتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُوا لَهُ سَاجِدِينَ(29) Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa |
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an |
Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide |
قَالَ يَا إِبْلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ السَّاجِدِينَ(32) (Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee |
قَالَ لَمْ أَكُن لِّأَسْجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقْتَهُ مِن صَلْصَالٍ مِّنْ حَمَإٍ مَّسْنُونٍ(33) [Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe |
(Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha |
Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.” |
“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe |
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe |
“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.” |
قَالَ رَبِّ بِمَا أَغْوَيْتَنِي لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمْ فِي الْأَرْضِ وَلَأُغْوِيَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ(39) (Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa |
Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee |
(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha |
إِنَّ عِبَادِي لَيْسَ لَكَ عَلَيْهِمْ سُلْطَانٌ إِلَّا مَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْغَاوِينَ(42) Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru |
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti |
لَهَا سَبْعَةُ أَبْوَابٍ لِّكُلِّ بَابٍ مِّنْهُمْ جُزْءٌ مَّقْسُومٌ(44) Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.” |
Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru |
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan) |
وَنَزَعْنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنْ غِلٍّ إِخْوَانًا عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَابِلِينَ(47) Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne |
لَا يَمَسُّهُمْ فِيهَا نَصَبٌ وَمَا هُم مِّنْهَا بِمُخْرَجِينَ(48) Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu |
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi |
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi) |
Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi |
إِذْ دَخَلُوا عَلَيْهِ فَقَالُوا سَلَامًا قَالَ إِنَّا مِنكُمْ وَجِلُونَ(52) Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen |
قَالُوا لَا تَوْجَلْ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَامٍ عَلِيمٍ(53) “Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan |
قَالَ أَبَشَّرْتُمُونِي عَلَىٰ أَن مَّسَّنِيَ الْكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ(54) “Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen |
قَالُوا بَشَّرْنَاكَ بِالْحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ الْقَانِطِينَ(55) “(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin |
قَالَ وَمَن يَقْنَطُ مِن رَّحْمَةِ رَبِّهِ إِلَّا الضَّالُّونَ(56) “Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe |
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen |
“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan |
“Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.” |
إِلَّا امْرَأَتَهُ قَدَّرْنَا ۙ إِنَّهَا لَمِنَ الْغَابِرِينَ(60) “Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.” |
Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu |
“Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe |
“Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan |
“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota |
Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.” |
وَقَضَيْنَا إِلَيْهِ ذَٰلِكَ الْأَمْرَ أَنَّ دَابِرَ هَٰؤُلَاءِ مَقْطُوعٌ مُّصْبِحِينَ(66) “Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine |
Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan |
(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe |
“Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.” |
(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan |
(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).” |
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u |
Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte |
فَجَعَلْنَا عَالِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِمْ حِجَارَةً مِّن سِجِّيلٍ(74) Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine |
Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira |
Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti |
Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti |
Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an |
فَانتَقَمْنَا مِنْهُمْ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٍ مُّبِينٍ(79) Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru |
Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru |
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an |
Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru |
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte |
Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne |
Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali |
Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha |
وَلَقَدْ آتَيْنَاكَ سَبْعًا مِّنَ الْمَثَانِي وَالْقُرْآنَ الْعَظِيمَ(87) Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra |
Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi |
“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi |
Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne |
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran) |
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna |
Waan isaan dalagaa turan irraa |
Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali |
Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra |
الَّذِينَ يَجْعَلُونَ مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ ۚ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ(96) (Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku |
وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدْرُكَ بِمَا يَقُولُونَ(97) Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna |
Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i |
Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Hijr : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Hijr complète en haute qualité.
![surah Al-Hijr Ahmed El Agamy mp3 surah Al-Hijr Ahmed El Agamy](https://i.pinimg.com/564x/b1/9f/03/b19f03a9f2f09c46afbfd4f03727aee7.jpg)
![surah Al-Hijr Bandar Balila mp3 surah Al-Hijr Bandar Balila](https://i.pinimg.com/564x/3e/27/fa/3e27fa5bbbd4d19ee2f4b4975224913e.jpg)
![surah Al-Hijr Khalid Al Jalil mp3 surah Al-Hijr Khalid Al Jalil](https://i.pinimg.com/564x/9b/26/36/9b2636f5bbf7ef72abdb817018e96a4d.jpg)
![surah Al-Hijr Saad Al Ghamdi mp3 surah Al-Hijr Saad Al Ghamdi](https://i.pinimg.com/564x/85/27/cf/8527cf694f379425e43b9a4fe54b6cfb.jpg)
![surah Al-Hijr Saud Al Shuraim mp3 surah Al-Hijr Saud Al Shuraim](https://i.pinimg.com/564x/ad/79/67/ad79679d76062df7166c6e2f52d397d6.jpg)
![surah Al-Hijr Abdul Basit Abdul Samad mp3 surah Al-Hijr Abdul Basit Abdul Samad](https://i.pinimg.com/564x/52/95/ae/5295ae7c08e4ebdc7eda3ddb5c6c0a19.jpg)
![surah Al-Hijr Abdul Rashid Sufi mp3 surah Al-Hijr Abdul Rashid Sufi](https://i.pinimg.com/564x/80/56/ee/8056ee030160e5c7216811b7b209343c.jpg)
![surah Al-Hijr Abdullah Basfar mp3 surah Al-Hijr Abdullah Basfar](https://i.pinimg.com/236x/f5/7b/a1/f57ba14ba4844cee88cdf7cfb2b06510.jpg)
![surah Al-Hijr Abdullah Awwad Al Juhani mp3 surah Al-Hijr Abdullah Awwad Al Juhani](https://i.pinimg.com/564x/aa/4d/0b/aa4d0b16c5fbc41efcd692947a4d75ad.jpg)
![surah Al-Hijr Fares Abbad mp3 surah Al-Hijr Fares Abbad](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/2b/28/ae/2b28aef3f9678b7cd89315d5ffceba2f.jpg)
![surah Al-Hijr Maher Al Muaiqly mp3 surah Al-Hijr Maher Al Muaiqly](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/ab/cc/99/abcc9949d0419ef1f0963a54aef06397.jpg)
![surah Al-Hijr Al Minshawi mp3 surah Al-Hijr Muhammad Siddiq Al Minshawi](https://i.pinimg.com/564x/21/76/8d/21768d297bd3460f7339b7b755f53d03.jpg)
![surah Al-Hijr Mahmoud Khalil Al Hosary mp3 surah Al-Hijr Al Hosary](https://i.pinimg.com/564x/3f/da/7e/3fda7ed5056347e700cac64d07e164c3.jpg)
![surah Al-Hijr Mishari Al-afasi mp3 surah Al-Hijr Al-afasi](https://i.pinimg.com/564x/0a/40/9e/0a409ef09a55700877c20d7195fe9126.jpg)
![surah Al-Hijr Yasser Al Dosari mp3 surah Al-Hijr Yasser Al Dosari](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/32/3e/17/323e173f4833680898f51240bedd4973.jpg)
Donnez-nous une invitation valide