Перевод суры Сад на Оромо язык

  1. Сура mp3
  2. Другие суры
  3. Оромо
Священный Коран | Перевод Корана | Язык Оромо | Сура Сад | ص - получите точный и надежный Оромо текст сейчас - Количество аятов: 88 - Номер суры в мушафе: 38 - Значение названия суры на русском языке: Sad.

ص ۚ وَالْقُرْآنِ ذِي الذِّكْرِ(1)

 SaadQur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)

بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا فِي عِزَّةٍ وَشِقَاقٍ(2)

 Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru

كَمْ أَهْلَكْنَا مِن قَبْلِهِم مِّن قَرْنٍ فَنَادَوا وَّلَاتَ حِينَ مَنَاصٍ(3)

 Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirraYeroo baqaaf hin taane walitti lallaban

وَعَجِبُوا أَن جَاءَهُم مُّنذِرٌ مِّنْهُمْ ۖ وَقَالَ الْكَافِرُونَ هَٰذَا سَاحِرٌ كَذَّابٌ(4)

 Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha

أَجَعَلَ الْآلِهَةَ إِلَٰهًا وَاحِدًا ۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيْءٌ عُجَابٌ(5)

 Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”

وَانطَلَقَ الْمَلَأُ مِنْهُمْ أَنِ امْشُوا وَاصْبِرُوا عَلَىٰ آلِهَتِكُمْ ۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيْءٌ يُرَادُ(6)

 Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha

مَا سَمِعْنَا بِهَٰذَا فِي الْمِلَّةِ الْآخِرَةِ إِنْ هَٰذَا إِلَّا اخْتِلَاقٌ(7)

 Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenyeKun waanuma haara’a uumame malee homaa miti

أَأُنزِلَ عَلَيْهِ الذِّكْرُ مِن بَيْنِنَا ۚ بَلْ هُمْ فِي شَكٍّ مِّن ذِكْرِي ۖ بَل لَّمَّا يَذُوقُوا عَذَابِ(8)

 Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiruGaruu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran)

أَمْ عِندَهُمْ خَزَائِنُ رَحْمَةِ رَبِّكَ الْعَزِيزِ الْوَهَّابِ(9)

 Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa

أَمْ لَهُم مُّلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ فَلْيَرْتَقُوا فِي الْأَسْبَابِ(10)

 Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaa keessaan (gara samii) ol haa ba’anii

جُندٌ مَّا هُنَالِكَ مَهْزُومٌ مِّنَ الْأَحْزَابِ(11)

 Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo(dha)Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru)

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَعَادٌ وَفِرْعَوْنُ ذُو الْأَوْتَادِ(12)

 Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa kan ta’an (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru

وَثَمُودُ وَقَوْمُ لُوطٍ وَأَصْحَابُ الْأَيْكَةِ ۚ أُولَٰئِكَ الْأَحْزَابُ(13)

 Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru)Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha)

إِن كُلٌّ إِلَّا كَذَّبَ الرُّسُلَ فَحَقَّ عِقَابِ(14)

 Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafneKanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e

وَمَا يَنظُرُ هَٰؤُلَاءِ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً مَّا لَهَا مِن فَوَاقٍ(15)

 Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan

وَقَالُوا رَبَّنَا عَجِّل لَّنَا قِطَّنَا قَبْلَ يَوْمِ الْحِسَابِ(16)

 Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”

اصْبِرْ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَاذْكُرْ عَبْدَنَا دَاوُودَ ذَا الْأَيْدِ ۖ إِنَّهُ أَوَّابٌ(17)

 Waan isaan jedhan irratti obsiGabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhuDhugumatti, inni akkaan tawbataa ture

إِنَّا سَخَّرْنَا الْجِبَالَ مَعَهُ يُسَبِّحْنَ بِالْعَشِيِّ وَالْإِشْرَاقِ(18)

 Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra

وَالطَّيْرَ مَحْشُورَةً ۖ كُلٌّ لَّهُ أَوَّابٌ(19)

 Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra)Hunduu gara Isaa deebi’oodha

وَشَدَدْنَا مُلْكَهُ وَآتَيْنَاهُ الْحِكْمَةَ وَفَصْلَ الْخِطَابِ(20)

 Mootummaa isaa jabeessinee jirraHikmaa (nabiyyummaa)fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra

۞ وَهَلْ أَتَاكَ نَبَأُ الْخَصْمِ إِذْ تَسَوَّرُوا الْمِحْرَابَ(21)

 Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa

إِذْ دَخَلُوا عَلَىٰ دَاوُودَ فَفَزِعَ مِنْهُمْ ۖ قَالُوا لَا تَخَفْ ۖ خَصْمَانِ بَغَىٰ بَعْضُنَا عَلَىٰ بَعْضٍ فَاحْكُم بَيْنَنَا بِالْحَقِّ وَلَا تُشْطِطْ وَاهْدِنَا إِلَىٰ سَوَاءِ الصِّرَاطِ(22)

 Yeroo isaan isa irra seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedhaKanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessiHin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan

إِنَّ هَٰذَا أَخِي لَهُ تِسْعٌ وَتِسْعُونَ نَعْجَةً وَلِيَ نَعْجَةٌ وَاحِدَةٌ فَقَالَ أَكْفِلْنِيهَا وَعَزَّنِي فِي الْخِطَابِ(23)

 Dhugumatti, kun obboleessa kiyyaIsaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jiraAnaaf immoo hoolaa dhaltuu tokko qofatu jira“Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse

قَالَ لَقَدْ ظَلَمَكَ بِسُؤَالِ نَعْجَتِكَ إِلَىٰ نِعَاجِهِ ۖ وَإِنَّ كَثِيرًا مِّنَ الْخُلَطَاءِ لَيَبْغِي بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَقَلِيلٌ مَّا هُمْ ۗ وَظَنَّ دَاوُودُ أَنَّمَا فَتَنَّاهُ فَاسْتَغْفَرَ رَبَّهُ وَخَرَّ رَاكِعًا وَأَنَابَ ۩(24)

 (Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa kee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jiraDhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan maleeIsaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e

فَغَفَرْنَا لَهُ ذَٰلِكَ ۖ وَإِنَّ لَهُ عِندَنَا لَزُلْفَىٰ وَحُسْنَ مَآبٍ(25)

 (Nutis) sana isaaf araaramneDhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira

يَا دَاوُودُ إِنَّا جَعَلْنَاكَ خَلِيفَةً فِي الْأَرْضِ فَاحْكُم بَيْنَ النَّاسِ بِالْحَقِّ وَلَا تَتَّبِعِ الْهَوَىٰ فَيُضِلَّكَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ ۚ إِنَّ الَّذِينَ يَضِلُّونَ عَن سَبِيلِ اللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ بِمَا نَسُوا يَوْمَ الْحِسَابِ(26)

 Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirraKanaaf gidduu namootaatti dhugaan murteessiKaraa Rabbii irraa si jallisaa fedha lubbuu hin hordofinDhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira

وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاءَ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا بَاطِلًا ۚ ذَٰلِكَ ظَنُّ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا مِنَ النَّارِ(27)

 Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran hunda, taphaaf hin uumneSun hubannoo isaan kafaraniitiIsaan kafaraniif ibidda irraa laga hamaa ta’etu isaaniif jira

أَمْ نَجْعَلُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ كَالْمُفْسِدِينَ فِي الْأَرْضِ أَمْ نَجْعَلُ الْمُتَّقِينَ كَالْفُجَّارِ(28)

 Sila isaan amananii, toltuu dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Warra Allaah sodaatanis akka warra yakkamoo ni taasifnaa

كِتَابٌ أَنزَلْنَاهُ إِلَيْكَ مُبَارَكٌ لِّيَدَّبَّرُوا آيَاتِهِ وَلِيَتَذَكَّرَ أُولُو الْأَلْبَابِ(29)

 (Kun) kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamuuf jecha gara keetti isa buufneedha

وَوَهَبْنَا لِدَاوُودَ سُلَيْمَانَ ۚ نِعْمَ الْعَبْدُ ۖ إِنَّهُ أَوَّابٌ(30)

 Daawuudiifis Suleeymaaniin kennineGabricha akkam tole! Dhugumatti, inni akkaan tawbataadha

إِذْ عُرِضَ عَلَيْهِ بِالْعَشِيِّ الصَّافِنَاتُ الْجِيَادُ(31)

 Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu)

فَقَالَ إِنِّي أَحْبَبْتُ حُبَّ الْخَيْرِ عَن ذِكْرِ رَبِّي حَتَّىٰ تَوَارَتْ بِالْحِجَابِ(32)

 Ni jedhe: “ani hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa filadhe

رُدُّوهَا عَلَيَّ ۖ فَطَفِقَ مَسْحًا بِالسُّوقِ وَالْأَعْنَاقِ(33)

 Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene

وَلَقَدْ فَتَنَّا سُلَيْمَانَ وَأَلْقَيْنَا عَلَىٰ كُرْسِيِّهِ جَسَدًا ثُمَّ أَنَابَ(34)

 Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorree turreSiree isaa irratti qaama laafaa darbineSana booda ( tawbaa) deebi’e

قَالَ رَبِّ اغْفِرْ لِي وَهَبْ لِي مُلْكًا لَّا يَنبَغِي لِأَحَدٍ مِّن بَعْدِي ۖ إِنَّكَ أَنتَ الْوَهَّابُ(35)

 Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenniDhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”

فَسَخَّرْنَا لَهُ الرِّيحَ تَجْرِي بِأَمْرِهِ رُخَاءً حَيْثُ أَصَابَ(36)

 Qilleensi isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti

وَالشَّيَاطِينَ كُلَّ بَنَّاءٍ وَغَوَّاصٍ(37)

 Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne)

وَآخَرِينَ مُقَرَّنِينَ فِي الْأَصْفَادِ(38)

 Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne)

هَٰذَا عَطَاؤُنَا فَامْنُنْ أَوْ أَمْسِكْ بِغَيْرِ حِسَابٍ(39)

 “Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! herregni homaatuu sirra hin jiru” (janneen)

وَإِنَّ لَهُ عِندَنَا لَزُلْفَىٰ وَحُسْنَ مَآبٍ(40)

 Dhugumatti, isaafis Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira

وَاذْكُرْ عَبْدَنَا أَيُّوبَ إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُ أَنِّي مَسَّنِيَ الشَّيْطَانُ بِنُصْبٍ وَعَذَابٍ(41)

 Gabricha keenya Ayyuubiinis yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe) dubbadhu

ارْكُضْ بِرِجْلِكَ ۖ هَٰذَا مُغْتَسَلٌ بَارِدٌ وَشَرَابٌ(42)

 (Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukutiKun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen)

وَوَهَبْنَا لَهُ أَهْلَهُ وَمِثْلَهُم مَّعَهُمْ رَحْمَةً مِّنَّا وَذِكْرَىٰ لِأُولِي الْأَلْبَابِ(43)

 Rahmata Nu biraa ta’eefi gorsa warra sammuu qabaniif jecha maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe)

وَخُذْ بِيَدِكَ ضِغْثًا فَاضْرِب بِّهِ وَلَا تَحْنَثْ ۗ إِنَّا وَجَدْنَاهُ صَابِرًا ۚ نِّعْمَ الْعَبْدُ ۖ إِنَّهُ أَوَّابٌ(44)

 “Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen)Dhugumatti, (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarreGabricha akkam gaarii ta’e! Dhugumatti, inni akkaan tawbaa deebi’aadha

وَاذْكُرْ عِبَادَنَا إِبْرَاهِيمَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ أُولِي الْأَيْدِي وَالْأَبْصَارِ(45)

 Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu

إِنَّا أَخْلَصْنَاهُم بِخَالِصَةٍ ذِكْرَى الدَّارِ(46)

 Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine(Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha

وَإِنَّهُمْ عِندَنَا لَمِنَ الْمُصْطَفَيْنَ الْأَخْيَارِ(47)

 Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi

وَاذْكُرْ إِسْمَاعِيلَ وَالْيَسَعَ وَذَا الْكِفْلِ ۖ وَكُلٌّ مِّنَ الْأَخْيَارِ(48)

 Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi

هَٰذَا ذِكْرٌ ۚ وَإِنَّ لِلْمُتَّقِينَ لَحُسْنَ مَآبٍ(49)

 Kuni (isaaniif) faaruudhaDhugumatti, isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira

جَنَّاتِ عَدْنٍ مُّفَتَّحَةً لَّهُمُ الْأَبْوَابُ(50)

 Jannata qubsumaa kan balballi isaaniif banaa ta’antu jira

مُتَّكِئِينَ فِيهَا يَدْعُونَ فِيهَا بِفَاكِهَةٍ كَثِيرَةٍ وَشَرَابٍ(51)

 Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatuIshee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu

۞ وَعِندَهُمْ قَاصِرَاتُ الطَّرْفِ أَتْرَابٌ(52)

 Dubartoota nama biraa ilaaluu irraa ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira

هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِيَوْمِ الْحِسَابِ(53)

 Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha

إِنَّ هَٰذَا لَرِزْقُنَا مَا لَهُ مِن نَّفَادٍ(54)

 Dhugumatti, kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru

هَٰذَا ۚ وَإِنَّ لِلطَّاغِينَ لَشَرَّ مَآبٍ(55)

 Kun (kan mu’uminootaati)Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira

جَهَنَّمَ يَصْلَوْنَهَا فَبِئْسَ الْمِهَادُ(56)

 Jahannama ishee seenantu jiraAfatichi waa fokkate

هَٰذَا فَلْيَذُوقُوهُ حَمِيمٌ وَغَسَّاقٌ(57)

 Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu

وَآخَرُ مِن شَكْلِهِ أَزْوَاجٌ(58)

 [Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira

هَٰذَا فَوْجٌ مُّقْتَحِمٌ مَّعَكُمْ ۖ لَا مَرْحَبًا بِهِمْ ۚ إِنَّهُمْ صَالُو النَّارِ(59)

 Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin)“Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan)

قَالُوا بَلْ أَنتُمْ لَا مَرْحَبًا بِكُمْ ۖ أَنتُمْ قَدَّمْتُمُوهُ لَنَا ۖ فَبِئْسَ الْقَرَارُ(60)

 (Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhaminIsintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee

قَالُوا رَبَّنَا مَن قَدَّمَ لَنَا هَٰذَا فَزِدْهُ عَذَابًا ضِعْفًا فِي النَّارِ(61)

 Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”

وَقَالُوا مَا لَنَا لَا نَرَىٰ رِجَالًا كُنَّا نَعُدُّهُم مِّنَ الْأَشْرَارِ(62)

 (Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine

أَتَّخَذْنَاهُمْ سِخْرِيًّا أَمْ زَاغَتْ عَنْهُمُ الْأَبْصَارُ(63)

 (Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijatu isaan irraa nu dabe?”

إِنَّ ذَٰلِكَ لَحَقٌّ تَخَاصُمُ أَهْلِ النَّارِ(64)

 Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati

قُلْ إِنَّمَا أَنَا مُنذِرٌ ۖ وَمَا مِنْ إِلَٰهٍ إِلَّا اللَّهُ الْوَاحِدُ الْقَهَّارُ(65)

 “Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi

رَبُّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا الْعَزِيزُ الْغَفَّارُ(66)

 Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee

قُلْ هُوَ نَبَأٌ عَظِيمٌ(67)

 Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha

أَنتُمْ عَنْهُ مُعْرِضُونَ(68)

 Isin isa irraa garagaltani

مَا كَانَ لِيَ مِنْ عِلْمٍ بِالْمَلَإِ الْأَعْلَىٰ إِذْ يَخْتَصِمُونَ(69)

 Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu

إِن يُوحَىٰ إِلَيَّ إِلَّا أَنَّمَا أَنَا نَذِيرٌ مُّبِينٌ(70)

 Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”

إِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَائِكَةِ إِنِّي خَالِقٌ بَشَرًا مِّن طِينٍ(71)

 Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu]

فَإِذَا سَوَّيْتُهُ وَنَفَخْتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُوا لَهُ سَاجِدِينَ(72)

 “Ergan isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufee booda isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen)

فَسَجَدَ الْمَلَائِكَةُ كُلُّهُمْ أَجْمَعُونَ(73)

 Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an

إِلَّا إِبْلِيسَ اسْتَكْبَرَ وَكَانَ مِنَ الْكَافِرِينَ(74)

 Garuu Ibliis boonee, kaafiroota irraa ta’e

قَالَ يَا إِبْلِيسُ مَا مَنَعَكَ أَن تَسْجُدَ لِمَا خَلَقْتُ بِيَدَيَّ ۖ أَسْتَكْبَرْتَ أَمْ كُنتَ مِنَ الْعَالِينَ(75)

 (Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”

قَالَ أَنَا خَيْرٌ مِّنْهُ ۖ خَلَقْتَنِي مِن نَّارٍ وَخَلَقْتَهُ مِن طِينٍ(76)

 (Ibliisis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”

قَالَ فَاخْرُجْ مِنْهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٌ(77)

 (Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati dhugumaan (rahmata irraa) fageeffamaadha

وَإِنَّ عَلَيْكَ لَعْنَتِي إِلَىٰ يَوْمِ الدِّينِ(78)

 Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”

قَالَ رَبِّ فَأَنظِرْنِي إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ(79)

 (Ibliisis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”

قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ الْمُنظَرِينَ(80)

 (Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen

إِلَىٰ يَوْمِ الْوَقْتِ الْمَعْلُومِ(81)

 “Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”

قَالَ فَبِعِزَّتِكَ لَأُغْوِيَنَّهُمْ أَجْمَعِينَ(82)

 (Ibliisis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa

إِلَّا عِبَادَكَ مِنْهُمُ الْمُخْلَصِينَ(83)

 Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”

قَالَ فَالْحَقُّ وَالْحَقَّ أَقُولُ(84)

 (Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedhas

لَأَمْلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكَ وَمِمَّن تَبِعَكَ مِنْهُمْ أَجْمَعِينَ(85)

 Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”

قُلْ مَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ وَمَا أَنَا مِنَ الْمُتَكَلِّفِينَ(86)

 (Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhuAni warra of dirqan irraayis miti

إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَالَمِينَ(87)

 Inni gorsa aalama hundaati malee homaa miti

وَلَتَعْلَمُنَّ نَبَأَهُ بَعْدَ حِينٍ(88)

 Dhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”


Больше сур в Оромо:


Аль-Бакара Аль-'Имран Ан-Ниса'
Аль-Маида Юсуф Ибрахим
Аль-Хиджр Аль-Кахф Марьям
Аль-Хадж Аль-Касас Аль-'Анкабут
Ас-Саджда Я-Син Ад-Духан
Аль-Фатх Аль-Худжурат Каф
Ан-Наджм Ар-Рахман Аль-Ваки'а
Аль-Хашр Аль-Мульк Аль-Хакка
Аль-Иншикак Аль-А'ла Аль-Гашия

Скачать суру Saad с голосом самых известных рекитаторов Корана:

Сура Saad mp3: выберите рекитатора, чтобы прослушать и скачать главу Saad полностью в высоком качестве
surah Saad Ahmed El Agamy
Ahmed Al Ajmy
surah Saad Bandar Balila
Bandar Balila
surah Saad Khalid Al Jalil
Khalid Al Jalil
surah Saad Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
surah Saad Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
surah Saad Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
surah Saad Abdul Rashid Sufi
Abdul Rashid Sufi
surah Saad Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
surah Saad Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
surah Saad Fares Abbad
Fares Abbad
surah Saad Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
surah Saad Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
surah Saad Al Hosary
Al Hosary
surah Saad Al-afasi
Mishari Al-afasi
surah Saad Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Wednesday, February 12, 2025

Помолитесь за нас хорошей молитвой