Suuratu Al-Jinn Arabiffaa fi Oromoo
Suuratu Al-Jinn hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (28 Aayah — مكية). Al-Jinn Caqasi, Al-Jinn Hiikkaa, Al-Jinn mp3, Al-Jinn pdf.Suuratu Al-Jinn Dubbisi fi Caqasi
🎧 Aayah
M
Mishary Rashid Alafasy
✓
Mishary Rashid Alafasy
✓
M
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
Mahmoud Khalil Al-Husary
✓
A
Abdurrahman As-Sudais
✓
Abdurrahman As-Sudais
✓
M
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
Mohamed Siddiq Al-Minshawi
✓
A
Abdul Basit Abdul Samad
✓
Abdul Basit Abdul Samad
✓
A
Ali Al-Hudhaify
✓
Ali Al-Hudhaify
✓
A
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
Ahmed ibn Ali al-Ajamy
✓
A
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
Abu Bakr Ash-Shaatree
✓
M
Muhammad Ayyoub
✓
Muhammad Ayyoub
✓
A
Abdullah Basfar
✓
Abdullah Basfar
✓
A
Abdullah Al-Juhani
✓
Abdullah Al-Juhani
✓
M
Maher Al Muaiqly
✓
Maher Al Muaiqly
✓
—
x1
قُلْ أُوحِيَ إِلَيَّ أَنَّهُ اسْتَمَعَ نَفَرٌ مِّنَ الْجِنِّ فَقَالُوا إِنَّا سَمِعْنَا قُرْآنًا عَجَبًا ١
📖 Hiikkaa
Aayah 1
(Yaa Muhammad SAW!) Gareen jinnii irraa taan (Quraana) dhageeffatanii (akkana) jedhaniin wahyiin natti godhameera jedhi: “nuti dhugumatti, Quraana dinqisiisaa dhageenye
يَهْدِي إِلَى الرُّشْدِ فَآمَنَّا بِهِ ۖ وَلَن نُّشْرِكَ بِرَبِّنَا أَحَدًا ٢
📖 Hiikkaa
Aayah 2
[Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; kanaafuu, isatti amanneerraGooftaa keenyattis waan tokkollee hin qindeessinu
وَأَنَّهُ تَعَالَىٰ جَدُّ رَبِّنَا مَا اتَّخَذَ صَاحِبَةً وَلَا وَلَدًا ٣
📖 Hiikkaa
Aayah 3
Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis taee ilmoo hin godhanne
وَأَنَّهُ كَانَ يَقُولُ سَفِيهُنَا عَلَى اللَّهِ شَطَطًا ٤
📖 Hiikkaa
Aayah 4
Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan
وَأَنَّا ظَنَنَّا أَن لَّن تَقُولَ الْإِنسُ وَالْجِنُّ عَلَى اللَّهِ كَذِبًا ٥
📖 Hiikkaa
Aayah 5
Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne
وَأَنَّهُ كَانَ رِجَالٌ مِّنَ الْإِنسِ يَعُوذُونَ بِرِجَالٍ مِّنَ الْجِنِّ فَزَادُوهُمْ رَهَقًا ٦
📖 Hiikkaa
Aayah 6
Ammas dhiironni nama irraa taan dhiirota jinnii irraa taanitti maganfatanii boona qofa isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan
وَأَنَّهُمْ ظَنُّوا كَمَا ظَنَنتُمْ أَن لَّن يَبْعَثَ اللَّهُ أَحَدًا ٧
📖 Hiikkaa
Aayah 7
Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga duee) hin kaasu jechuu yaadaa turan
وَأَنَّا لَمَسْنَا السَّمَاءَ فَوَجَدْنَاهَا مُلِئَتْ حَرَسًا شَدِيدًا وَشُهُبًا ٨
📖 Hiikkaa
Aayah 8
Nutis samiitti gauu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine
وَأَنَّا كُنَّا نَقْعُدُ مِنْهَا مَقَاعِدَ لِلسَّمْعِ ۖ فَمَن يَسْتَمِعِ الْآنَ يَجِدْ لَهُ شِهَابًا رَّصَدًا ٩
📖 Hiikkaa
Aayah 9
Nuti ishee irraa teessuma (haasaa) dhageeffachuuf teenyu qabna turreNamni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga
وَأَنَّا لَا نَدْرِي أَشَرٌّ أُرِيدَ بِمَن فِي الْأَرْضِ أَمْ أَرَادَ بِهِمْ رَبُّهُمْ رَشَدًا ١٠
📖 Hiikkaa
Aayah 10
Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadamuu yookiin Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhuu hin beeknu
وَأَنَّا مِنَّا الصَّالِحُونَ وَمِنَّا دُونَ ذَٰلِكَ ۖ كُنَّا طَرَائِقَ قِدَدًا ١١
📖 Hiikkaa
Aayah 11
Nutis nurraa gaggaariin ni jiranAmmas nurraa kan sanaan ala taantu jiruNuti warra karaa adda addaati turre
وَأَنَّا ظَنَنَّا أَن لَّن نُّعْجِزَ اللَّهَ فِي الْأَرْضِ وَلَن نُّعْجِزَهُ هَرَبًا ١٢
📖 Hiikkaa
Aayah 12
Nuti dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu beeknee jirra
وَأَنَّا لَمَّا سَمِعْنَا الْهُدَىٰ آمَنَّا بِهِ ۖ فَمَن يُؤْمِن بِرَبِّهِ فَلَا يَخَافُ بَخْسًا وَلَا رَهَقًا ١٣
📖 Hiikkaa
Aayah 13
Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanneNamni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) taee dabaltii (adabaa) hin sodaatu
وَأَنَّا مِنَّا الْمُسْلِمُونَ وَمِنَّا الْقَاسِطُونَ ۖ فَمَنْ أَسْلَمَ فَأُولَٰئِكَ تَحَرَّوْا رَشَدًا ١٤
📖 Hiikkaa
Aayah 14
Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamayes warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru
وَأَمَّا الْقَاسِطُونَ فَكَانُوا لِجَهَنَّمَ حَطَبًا ١٥
📖 Hiikkaa
Aayah 15
Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan taan.”
وَأَن لَّوِ اسْتَقَامُوا عَلَى الطَّرِيقَةِ لَأَسْقَيْنَاهُم مَّاءً غَدَقًا ١٦
📖 Hiikkaa
Aayah 16
Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baayee (samii irraa) isaan obaafna turre
لِّنَفْتِنَهُمْ فِيهِ ۚ وَمَن يُعْرِضْ عَن ذِكْرِ رَبِّهِ يَسْلُكْهُ عَذَابًا صَعَدًا ١٧
📖 Hiikkaa
Aayah 17
Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture)Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Quraana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa
وَأَنَّ الْمَسَاجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدْعُوا مَعَ اللَّهِ أَحَدًا ١٨
📖 Hiikkaa
Aayah 18
Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa
وَأَنَّهُ لَمَّا قَامَ عَبْدُ اللَّهِ يَدْعُوهُ كَادُوا يَكُونُونَ عَلَيْهِ لِبَدًا ١٩
📖 Hiikkaa
Aayah 19
Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta tautti dhihaatu
قُلْ إِنَّمَا أَدْعُو رَبِّي وَلَا أُشْرِكُ بِهِ أَحَدًا ٢٠
📖 Hiikkaa
Aayah 20
(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattiis waan tokkollee hin qindeessu
قُلْ إِنِّي لَا أَمْلِكُ لَكُمْ ضَرًّا وَلَا رَشَدًا ٢١
📖 Hiikkaa
Aayah 21
Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas taee qajelluma isiniif (fiduu) hin dandau
قُلْ إِنِّي لَن يُجِيرَنِي مِنَ اللَّهِ أَحَدٌ وَلَنْ أَجِدَ مِن دُونِهِ مُلْتَحَدًا ٢٢
📖 Hiikkaa
Aayah 22
Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsuIsa malees hirkoo hin argadhu
إِلَّا بَلَاغًا مِّنَ اللَّهِ وَرِسَالَاتِهِ ۚ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَإِنَّ لَهُ نَارَ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ٢٣
📖 Hiikkaa
Aayah 23
Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin dandau)Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan ishee keessatti hafutu isaaf jira
حَتَّىٰ إِذَا رَأَوْا مَا يُوعَدُونَ فَسَيَعْلَمُونَ مَنْ أَضْعَفُ نَاصِرًا وَأَقَلُّ عَدَدًا ٢٤
📖 Hiikkaa
Aayah 24
Yeroo waan ittiin sodaachifaman argan namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka tae beekuuf jiru
قُلْ إِنْ أَدْرِي أَقَرِيبٌ مَّا تُوعَدُونَ أَمْ يَجْعَلُ لَهُ رَبِّي أَمَدًا ٢٥
📖 Hiikkaa
Aayah 25
“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo tauu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin
عَالِمُ الْغَيْبِ فَلَا يُظْهِرُ عَلَىٰ غَيْبِهِ أَحَدًا ٢٦
📖 Hiikkaa
Aayah 26
(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mulisu
إِلَّا مَنِ ارْتَضَىٰ مِن رَّسُولٍ فَإِنَّهُ يَسْلُكُ مِن بَيْنِ يَدَيْهِ وَمِنْ خَلْفِهِ رَصَدًا ٢٧
📖 Hiikkaa
Aayah 27
Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mulisu)Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa
لِّيَعْلَمَ أَن قَدْ أَبْلَغُوا رِسَالَاتِ رَبِّهِمْ وَأَحَاطَ بِمَا لَدَيْهِمْ وَأَحْصَىٰ كُلَّ شَيْءٍ عَدَدًا ٢٨
📖 Hiikkaa
Aayah 28
Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marseefi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun ‘ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan gauu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaae)
Dubbisi Suuratu Al-Jinn Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers

