PDF —
28 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Jinn pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Jinn pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Jinn Hiikkaa. Suuratu Al-Jinn (Meccan) 28 Aayah.

← NuhSuuratu Al-Jinn Al-Muzzammil →


28 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
72:1 (Yaa Muhammad SAW!) Gareen jinnii irraa taan (Quraana) dhageeffatanii (akkana) jedhaniin wahyiin natti godhameera jedhi: “nuti dhugumatti, Quraana dinqisiisaa dhageenye
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
72:2 [Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; kanaafuu, isatti amanneerraGooftaa keenyattis waan tokkollee hin qindeessinu
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
72:3 Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis taee ilmoo hin godhanne
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
72:4 Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
72:5 Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
72:6 Ammas dhiironni nama irraa taan dhiirota jinnii irraa taanitti maganfatanii boona qofa isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
72:7 Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga duee) hin kaasu jechuu yaadaa turan
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
72:8 Nutis samiitti gauu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
72:9 Nuti ishee irraa teessuma (haasaa) dhageeffachuuf teenyu qabna turreNamni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
72:10 Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadamuu yookiin Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhuu hin beeknu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
72:11 Nutis nurraa gaggaariin ni jiranAmmas nurraa kan sanaan ala taantu jiruNuti warra karaa adda addaati turre
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
72:12 Nuti dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu beeknee jirra
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
72:13 Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanneNamni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) taee dabaltii (adabaa) hin sodaatu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
72:14 Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamayes warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
72:15 Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan taan.”
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
72:16 Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baayee (samii irraa) isaan obaafna turre
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
72:17 Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture)Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Quraana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
72:18 Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
72:19 Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta tautti dhihaatu
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
72:20 (Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattiis waan tokkollee hin qindeessu
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
72:21 Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas taee qajelluma isiniif (fiduu) hin dandau
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
72:22 Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsuIsa malees hirkoo hin argadhu
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
72:23 Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin dandau)Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan ishee keessatti hafutu isaaf jira
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
72:24 Yeroo waan ittiin sodaachifaman argan namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka tae beekuuf jiru
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
72:25 “Wanti isin sodaachifamtan dhihoo tauu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
72:26 (Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mulisu
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
72:27 Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mulisu)Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘ
72:28 Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marseefi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun ‘ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan gauu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaae)

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers