La sourate Al-Furqan en Oromo
تَبَارَكَ الَّذِي نَزَّلَ الْفُرْقَانَ عَلَىٰ عَبْدِهِ لِيَكُونَ لِلْعَالَمِينَ نَذِيرًا(1) Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte |
[Inni] Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta’e; ilmas kan hin godhatin; kan mootummaa [isaa] keessattis hiriyaan Isaaf hin jirreefi waan hundaa uumee akka isaaniin maluun sirreesse |
Isaa gaditti gooftolee homaa hin uumne kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye [gabbaramoo] godhatan |
Warri kafaran “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti” jedhanDhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru |
وَقَالُوا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ اكْتَتَبَهَا فَهِيَ تُمْلَىٰ عَلَيْهِ بُكْرَةً وَأَصِيلًا(5) “(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheenis ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan |
”Isa samiifi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhiDhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera |
Isaanis “kan nyaata nyaatuufi magaalota keessa adeemu kun ergamaa akkamiiti? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamanii isaa wajjin dinniinaa hin taane” jedhan |
”Yookiin immoo maaliif qabeenyi guddaan wahii gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu)Miidhaa hojjatoonnis “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan |
انظُرْ كَيْفَ ضَرَبُوا لَكَ الْأَمْثَالَ فَضَلُّوا فَلَا يَسْتَطِيعُونَ سَبِيلًا(9) Akka isaan fakkeenya siif godhanii jallatanii karaa sirrii [argachuu] hin dandeenye ilaali (xiinxali) |
Inni (Rabbiin) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannata jala ishee laggeen yaatu siif godhee gamoowwanis siif godhu toltuun isaa baay’ate |
بَلْ كَذَّبُوا بِالسَّاعَةِ ۖ وَأَعْتَدْنَا لِمَن كَذَّبَ بِالسَّاعَةِ سَعِيرًا(11) Dhugumatti isaan Qiyaamaa ni sobsiisanNama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra |
إِذَا رَأَتْهُم مِّن مَّكَانٍ بَعِيدٍ سَمِعُوا لَهَا تَغَيُّظًا وَزَفِيرًا(12) Yeroo iddoo fagoo irraa isaan argite dallansuufi halaaka (iyya akka harree) isheef ni dhagahu |
وَإِذَا أُلْقُوا مِنْهَا مَكَانًا ضَيِّقًا مُّقَرَّنِينَ دَعَوْا هُنَالِكَ ثُبُورًا(13) Yeroo takaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) ishee irraa iddoo dhiphootti darbamanis achitti badii waammatan |
لَّا تَدْعُوا الْيَوْمَ ثُبُورًا وَاحِدًا وَادْعُوا ثُبُورًا كَثِيرًا(14) “Har’a badii tokko qofa hin waaminaatii badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama] |
”Sila kanatu caalamoo Jannata yeroo hundaa ishee warri Rabbiin sodaatan baallamamantu caala?” jedhiinIsheen isaaniif mindaafi itti gala taateetti |
لَّهُمْ فِيهَا مَا يَشَاءُونَ خَالِدِينَ ۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ وَعْدًا مَّسْئُولًا(16) Kan keessatti hafan ta’anii ishee keessatti wanta fedhan hundatu isaaniif jira; [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera |
Guyyaa Rabbiin isaaniifi wantoota isaan Rabbii gaditti gabbaran walitti qabee “sila gabroota kiyya kanneen isintu jallisemoo isaanumatu karaa bade?” jedhu san [yaadadhu] |
[Isaanis] “[yaa Rabbi!] Ati qulqulloofte! Sii gaditti gargaartota (jaalalleewwan) godhachuun kan nuuf malu hin taane; Garuu hanga gorsa [kee] dagatanii ummata bade ta’anitti Ati isaaniifi abbootii isaaniis qanansiifte” jedhan |
Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiruKanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessanNama isin irraa miidhaa hojjates adabbii guddaa isa dhandhamsiifna |
Siin durattis ergamoota irraa kan nyaata nyaataniifi magaalota keessa deeman taasifnee malee hin ergine; garii keessan gariidhaaf mokkoroo taasifne; ni obsituu? Gooftaan kee [waan hunda] argaadha |
Warri qunnamtii keenya hin sodaanne “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhanDhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru |
Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru[Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti) dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu |
وَقَدِمْنَا إِلَىٰ مَا عَمِلُوا مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَاهُ هَبَاءً مَّنثُورًا(23) Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone |
أَصْحَابُ الْجَنَّةِ يَوْمَئِذٍ خَيْرٌ مُّسْتَقَرًّا وَأَحْسَنُ مَقِيلًا(24) Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha |
وَيَوْمَ تَشَقَّقُ السَّمَاءُ بِالْغَمَامِ وَنُزِّلَ الْمَلَائِكَةُ تَنزِيلًا(25) Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni[] bu’iinsa buufamanis [yaadadhaa] |
الْمُلْكُ يَوْمَئِذٍ الْحَقُّ لِلرَّحْمَٰنِ ۚ وَكَانَ يَوْمًا عَلَى الْكَافِرِينَ عَسِيرًا(26) Mootummaan dhugaa guyyaa san kan RahmaaniInni guyyaa kaafiroota irratti cimaa ta’eedha |
Guyyaa miidhaa hojjattoonni “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhee [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa] |
يَا وَيْلَتَىٰ لَيْتَنِي لَمْ أَتَّخِذْ فُلَانًا خَلِيلًا(28) ”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba |
لَّقَدْ أَضَلَّنِي عَنِ الذِّكْرِ بَعْدَ إِذْ جَاءَنِي ۗ وَكَانَ الشَّيْطَانُ لِلْإِنسَانِ خَذُولًا(29) Dhugumatti, gorsa irraa erga inni natti dhufee booda na jalliseera.” Sheyxaanni namaaf salphisaa ta’eera |
وَقَالَ الرَّسُولُ يَا رَبِّ إِنَّ قَوْمِي اتَّخَذُوا هَٰذَا الْقُرْآنَ مَهْجُورًا(30) Ergamichis “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan” jedhe |
Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif gooneKaraa irratti qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha |
Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundi al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne)Suuta suutaan isa ibsine |
وَلَا يَأْتُونَكَ بِمَثَلٍ إِلَّا جِئْنَاكَ بِالْحَقِّ وَأَحْسَنَ تَفْسِيرًا(33) Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan |
[Isaan] warra fuula isaanii irratti gara jahannam oofamaniidhaIsaan warra iddoo hamaa qubataniifi karaas jallataniidha |
وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْكِتَابَ وَجَعَلْنَا مَعَهُ أَخَاهُ هَارُونَ وَزِيرًا(35) Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin deeggaraa taasifnee jirra |
فَقُلْنَا اذْهَبَا إِلَى الْقَوْمِ الَّذِينَ كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا فَدَمَّرْنَاهُمْ تَدْمِيرًا(36) ”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenneAchumaan [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine |
Ummata Nuuhis yeroma isaan ergamoota sobsiisan isaan dhidhimsinee namootaafis mallattoo isaan taasifneMiidhaa raawwattootaafis adabbii laalessaa qopheessineerra |
وَعَادًا وَثَمُودَ وَأَصْحَابَ الرَّسِّ وَقُرُونًا بَيْنَ ذَٰلِكَ كَثِيرًا(38) [Ummata] Aad, Samuud, warra Eelaa[]fi jaarrota baay’ee jidduu sana jiranis (balleesinee jira) |
وَكُلًّا ضَرَبْنَا لَهُ الْأَمْثَالَ ۖ وَكُلًّا تَبَّرْنَا تَتْبِيرًا(39) Hunda isaanitiif fakkeenyota taasifnee jirraHunda isaaniis barbadeessuu barbadeessinee jirra |
Dhugumatti, isaan Magaalattii Roobni hamaan itti roobe irra qaxxaamuraa turaniiruSila isaan kan ishee argan hin taanee [maaliif hin gorfamne]? Dhugaatti kaafama [Qiyaamaa] kan sodaatan hin taane |
وَإِذَا رَأَوْكَ إِن يَتَّخِذُونَكَ إِلَّا هُزُوًا أَهَٰذَا الَّذِي بَعَثَ اللَّهُ رَسُولًا(41) Yeroo si arganis “Isa kanaa inni Rabbiin ergamaa taasisee erge” jechuun qishnaa malee waan biraa si hin taasifatanu |
”Odoo nuti isaan [gabbaruu] irratti obsuu baannee, silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture” (jedhu)Fuulduratti yeroo adabbii argan immoo namni karaa bade eenyuun akka ta’e beekuuf jiru |
أَرَأَيْتَ مَنِ اتَّخَذَ إِلَٰهَهُ هَوَاهُ أَفَأَنتَ تَكُونُ عَلَيْهِ وَكِيلًا(43) Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa |
Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu jettee yaaddaa? Isaan akka beyladaa malee waan biraa hin taaneInumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha |
Sila gara Gooftaa keetii akkamitti Gaaddisa akka diriirse hin ilaallee?[] Odoo fedhees turaa isa taasisa tureErgasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne |
Ergasiis qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne (hir’isne) |
وَهُوَ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ اللَّيْلَ لِبَاسًا وَالنَّوْمَ سُبَاتًا وَجَعَلَ النَّهَارَ نُشُورًا(47) Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasiseefi Guyyaas yeroo olii gadi sochootan taasiseedha |
Ammas Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedhaSamii irraas bishaan qulqulluu buusne |
لِّنُحْيِيَ بِهِ بَلْدَةً مَّيْتًا وَنُسْقِيَهُ مِمَّا خَلَقْنَا أَنْعَامًا وَأَنَاسِيَّ كَثِيرًا(49) Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi waan uumne irraa horiifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne] |
وَلَقَدْ صَرَّفْنَاهُ بَيْنَهُمْ لِيَذَّكَّرُوا فَأَبَىٰ أَكْثَرُ النَّاسِ إِلَّا كُفُورًا(50) Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirraIrra hedduun namaas kafaruu malee [amanuu] ni didan |
Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture |
فَلَا تُطِعِ الْكَافِرِينَ وَجَاهِدْهُم بِهِ جِهَادًا كَبِيرًا(52) Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i |
Inni Isa galaana lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiisee jidduu isaan lamaanittis dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha |
وَهُوَ الَّذِي خَلَقَ مِنَ الْمَاءِ بَشَرًا فَجَعَلَهُ نَسَبًا وَصِهْرًا ۗ وَكَانَ رَبُّكَ قَدِيرًا(54) Ammas Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedhaGooftaan kee danda’aa ta’e |
Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaruKaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera |
Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine |
قُلْ مَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِلَّا مَن شَاءَ أَن يَتَّخِذَ إِلَىٰ رَبِّهِ سَبِيلًا(57) Jedhi: “Isa irratti mindaa isin hin gaafadhu; garuu namni karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe [haa saddaqatu].” |
Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhuFaarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessiBadii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha |
Inni Samiifi Dachii, akkasumas waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) RahmaaniKanaaf haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu |
[Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan immoo maali? Waanuma isin nu ajajjan hundaaf sujuuda goonaa?” jedhuKunis Rabbirraa] fagaachuu isaaniif dabale |
تَبَارَكَ الَّذِي جَعَلَ فِي السَّمَاءِ بُرُوجًا وَجَعَلَ فِيهَا سِرَاجًا وَقَمَرًا مُّنِيرًا(61) Inni Samii keessatti buruuja[] taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate |
Inni Isa halkaniifi guyyaa namoota gorfamuu fedhaniif yookiin galata galchuu fedhaniif wal irraa bakka bu’aa taasiseedha |
Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deeman; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaaman” (nagaa) jedhanuudha |
Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha |
وَالَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا اصْرِفْ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَ ۖ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا(65) Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! adabbii jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee kan nama irraa hin deemneedha |
Dhugumatti, isheen iddoo qubannaafi jireenyaa ta’uun fokkattee jirti.” |
وَالَّذِينَ إِذَا أَنفَقُوا لَمْ يُسْرِفُوا وَلَمْ يَقْتُرُوا وَكَانَ بَيْنَ ذَٰلِكَ قَوَامًا(67) Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha |
Ammas isaan Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedhaNamni (hojii gadhee) kana raawwate, adabbii qunnama |
يُضَاعَفْ لَهُ الْعَذَابُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَيَخْلُدْ فِيهِ مُهَانًا(69) Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifamaIsa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas |
Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate maleeIsaan sun Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiiraafRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera |
وَمَن تَابَ وَعَمِلَ صَالِحًا فَإِنَّهُ يَتُوبُ إِلَى اللَّهِ مَتَابًا(71) Namni tawbateefi gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaarii gara Rabbiitti deebi’ee jira |
وَالَّذِينَ لَا يَشْهَدُونَ الزُّورَ وَإِذَا مَرُّوا بِاللَّغْوِ مَرُّوا كِرَامًا(72) Ammas (gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha |
وَالَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُوا بِآيَاتِ رَبِّهِمْ لَمْ يَخِرُّوا عَلَيْهَا صُمًّا وَعُمْيَانًا(73) Ammas isaan yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha |
Ammas warra “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyii keenyas gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenniWarra Rabbiin sodaataniifis imaama (dursaa) nu taasisi” jedhanuudha |
أُولَٰئِكَ يُجْزَوْنَ الْغُرْفَةَ بِمَا صَبَرُوا وَيُلَقَّوْنَ فِيهَا تَحِيَّةً وَسَلَامًا(75) Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamuIshee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu |
Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIsheen iddoo qubannaafi jireenyaa kan akkaan miidhagdeedha |
قُلْ مَا يَعْبَأُ بِكُمْ رَبِّي لَوْلَا دُعَاؤُكُمْ ۖ فَقَدْ كَذَّبْتُمْ فَسَوْفَ يَكُونُ لِزَامًا(77) Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u tureDhugumatti isin sobsiiftanii jirtuKanaaf adabbiin (isiniif qophaa’e) kan yeroo hunda isin waliin jiraatu ta’a.” |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Al-Furqan : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Al-Furqan complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide