Suuratu An-Nahl pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu An-Nahl pdf Oromo — Buufi Suuratu An-Nahl Hiikkaa. Suuratu An-Nahl (Meccan) 128 Aayah.
Related
- Suuratu An-Nahl HiikkaaOromo
- Suuratu An-Nahl mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu An-Nahl

ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
16:1
Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) dhufee, kanaafuu isa hin ariifachiisinaa(Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
16:2
Maleeykota wahyiidhaan eeyyama Isaatiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti buusa“(kaafiroota adabaan) akeekkachiisaaDubbiin, Gooftaan dhugaan gabbaramu Ana malee hin jiru; Anuma sodaadhaa” jechuun (malaykaa buusa)
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
16:3
Samiifi dachii dhugaadhaan uumeeraInni waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’eera
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
16:4
Bishaan xiqqoo irraa nama uumeYoma san inni (Aakiraa sobsiisuun) mormaa ifa bahaadha
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
16:5
Beyladas isiniif ishee uumeIsaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jiraIshee irraas ni nyaattu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
16:6
Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
16:7
Ba’aa keessan ulfaataas gara biyya isin ifaajee (rakkina) lubbuutiin malee isa gahoo hin taaneetti baadhattiDhugumatti, Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
16:8
Farda, gaangewwaniifi harrootas akka yaabbattaniifi miidhaginaaf jecha (isiniif uume)Wantoota isin hin beeknes ni uuma
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
16:9
(Tola isaatiin) karaa qajeelaa ibsuun Rabbuma irra jiraIshee irraas jallaatu jira(Rabbiin) odoo fedhee hunda keessan isin qajeelcha ture
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
16:10
Inni Isa samii irraa bishaan isiniif buuseIsiniif isa irraa dhugaatiitu jiraIsa irraas muka isin ishee keessatti (beyladoota) tikfattantu (marga)
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
16:11
Isaan sanyii, Zeytuuna, muka Timiraa, Inabaafi fuduraalee hunda irraa isiniif magarsaDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
16:12
Halkan, guyyaa, aduufi ji’as isiniif laaffiseUrjiiwwanis ajaja Isaatiin laaffifamoodhaDhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif mallattooleetu jira
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
16:13
Bifti isaanii adda adda ta’ee wantoota dachii keessatti isiniif uumes (isiniif laaffise)Dhugumatti, kana keessa namoota gorfamaniif mallattootu jira
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
16:14
Inni Isa akka isa irraa foon haarawa nyaattaniifi faaya ishee uffattanis isa irraa baafattaniif jecha galaana isiniif laaffiseedhaDooniwwanis isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) argitaAkka tola isaa irraa barbaaddaniifi akka galateeffattaniif jecha (kana godhe)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
16:15
Gaarreenis akka isiniin hin sochooneef dachii keessatti godheLaggeeniifi karaalees akka qajeeltaniif (godhe)
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
16:16
Mallattoolees (isiniif godhe)Urjiidhaanis isaan (karaa) qajeelu
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
16:17
Sila Inni (waan hunda) uumu akka isa (waan tokkos) hin uumneetii? Sila isin hin gorfamtanuu
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
16:18
Tola Rabbii yoo lakkooftan waliin gahuu hin dandeessanuDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
16:19
Rabbiin waan isin gadi qabattaniifi waan ol qabattanis ni beeka
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
16:20
Warri isaan Rabbii gaditti gabbaranu homaa hin uumanuIsaanumtuu ni uumamu
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
16:21
(Isaan) du’aawwan fayyaa hin taaneedhaYoom akka kaafamaniis hin beekanu
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
16:22
Dhugumatti gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsaan Aakhiraatti hin amanne, onneen isaanii (tokkichummaa Rabbii) mormituudha; isaanis boontota
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
16:23
Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul’isanis beekaa ta’uutti shakkiin hin jiruInni boontota hin jaallatu
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
16:24
Yeroo “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse” isaaniin jedhame, “(inni) afoola (ogbarruu) warra duriiti” jedhu
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
16:25
Akka Guyyaa Qiyaamaa guutuu taatee badii isaaniitiifi badii warra beekumsa malee jallisanii irraa baadhatanuuf (kana jedhu)Dhagahaa! Wanti isaan baadhatan waa fokkate
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
16:26
Dhugumatti, warri isaan dura turan tooftaa baasaniiru(adabbiin) Rabbii bu’uura irraan manneen isaaniitti dhufee (ishee diige)Ijoon (gubbaan manaa) gubbaa isaaniitiin isaan irratti kufeAdabnis karaa isaan hin beekneen isaanitti dhufe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
16:27
Sana booda Guyyaa Qiyaamaa isaan salphisa“Hiriyoonni kiyya kan (dhimma) isaanii keessatti (mu’uminoota) faallessaa turtan eessa jiru?” jedhaIsaan beekumsa kennaman “dhugumatti har’a salphinaafi hamtuun kaafiroota irratti ta’eera” jedhu
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
16:28
(Isaan) warra lubbuu isaanii miidhoo ta’anii maleeykonni isaan ajjeesaniidhaHamtuu tokkollee kan dalagnu hin turre jechuun ajajamoo ta’uu isaanii (sobaan) ibsu“Lakkisaa dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjachaa turtan beekaadha
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
16:29
Ishee keessatti kan haftan ta’aatii balbala Jahannam seenaa.” (isaaniin jedhama)Dhugumatti, teessoon boontotaa waa fokkate
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
16:30
Isaan (Rabbiin) sodaataniin “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse?” jedhame“Gaarii (buuse)” jedhanWarra toltuu hojjataniif addunyaa kana keessatti (jiruu) gaariitu jiraManni Aakhiraa immoo irra caalaadhaGandi warra (Rabbiin) sodaatanii waa tole
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
16:31
(Isheen) Jannata qubsumaa jala ishee laggeen kan yaatu taatee, Ishee keessa wanti isaan fedhan isaaniif ta’uun kan ishee seenaniidhaAkka kanatti Rabbiin sodaattota (Isaa) mindeessa
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
16:32
(Isaan) warra gaggaarii ta’anii maleykonni “nageenyi isin irratti haa jiraatu; waan hojjachaa turtaniinis jannata seenaa” jedhaa isaan ajjeefteedha
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
16:33
Sila (kaafiroonni) maleeykonni isaanitti dhufuu yookiin ajajni Gooftaa keetii isaanitti dhufuu malee (waan biraa) ni eeguu? Warri isaaniin duraas akkuma kana dalaganiiruRabbiin isaan hin miineGaruu isaan lubbuu isaanii kan miidhan turan
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
16:34
(Adabni) hamtuuwwan isaan hojjatanii isaan argatteWanti isaan itti qishinaa turanis isaanitti marse
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
16:35
Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan ni jedhan: “odoo Rabbiin fedhee, nutis ta’ee abbootiin keenya Isaa gaditti waan biraa hin gabbarru turre(Ajaja) Isaatiin alas homaa haraama hin goonu turre.” Warri isaaniin duraas akkuma kana dalaganSila ergamtoota irra (ergaa) ifatti qaqqabsiisuu malee wanti biraa jiraa
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
16:36
Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirraIsaan irraa nama Rabbiin isa qajeelchetu jiraAmmas isaan irraa nama jallinni isa irratti mirkanaa’etu jiraDachii keessa deemaatii booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
16:37
Yoo qajeeluma isaanii irratti bololtes (qajeelchuu hin dandeessu)Dhugumatti Rabbiin namoota jallisu hin qajeelchu; tumsitoonnis isaaniif hin jiran
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
16:38
Kakaa isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatanLakkisaa (isin kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa ta’e (Rabbiin seeneera)Garuu irra hedduun namaa hin beekanu
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
16:39
(Sababni du’a irraa isaan kaasuuf) akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif ibsuufi akka warri kafaran dhugumatti kijiboota ta’uu isaanii beekaniifi
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
16:40
Wanta kamillee (ta’uu) isaa yoo feene, jechi keenya isaan ‘ta’i’ (jechuu) qofaAchumaan ta’a
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃ
16:41
Isaan erga miidhamanii booda (karaa) Rabbii keessatti godaanan, dhugumatti addunyaa keessatti (qubannaa) gaarii ta’e isaan qubsiifnaOdoo kan beekan ta’anii mindaa Aakhiraatu irra guddaadha
ﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
16:42
(Isaan) warra obsanii, Gooftaa isaanii (qofa) irratti hirkataniidha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
16:43
Nuti si dura dhiirota wahyii gara isaaniitti goone malee (waan biraa) hin ergineYoo kan hin beekne taatan, abbootii beekumsaa gaafadhaa
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
16:44
Mallattoolee ifa ta’aniifi kitaabotaan (isaan ergine)Akka namootaaf waan gara isaaniitti buufame ibsituufi isaanis xiinxalaniif Qur’aana gara keetti buufne
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
16:45
Sila isaan tooftaa badaa baasan ‘Rabbiin dachii isaaniin gadi kutuu yookiin iddoo isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufuu’ hin sodaatanuu
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
16:46
Yookiin deddeebi’uu isaanii keessatti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Isaanis dadhabsiisoo hin taane
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
16:47
Yookiin sodaa (isaanii) irratti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
16:48
Sila wantoota irraa gara waan Rabbiin uumee, kan gaaddisni isaanii xiqqaatoo ta’anii Rabbiif sujuuduudhaan gara mirgaafi bitaatti daban hin ilaalanii
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
16:49
Lubbu qabeeyyii irraa Wanti samii keessa jiraniifi Wanti dachii keessa jiran, maleeykonnis Rabbiif sujuuda godhuIsaanis hin boonanu
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
16:50
Gubbaa isaanii irratti Gooftaa isaanii sodaatu; waan itti ajajamaniis ni dalagu
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
16:51
Rabbiinis “gabbaramoota lama hin godhatinaaDhugumatti, Inni Gooftaa tokko qofaAnuma qofa sodaadhaa” jedhe
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
16:52
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan IsaatiAmantiinis walitti fufaa ta’ee kan IsaatiSila waan Rabbiin ala jiru sodaattuu
ﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
16:53
Ni’imaa irraa wanti isin bira jirus Rabbuma irraayyiErgasii yeroo miidhaan isin tuqe, garuma Isaatti waywaattu
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
16:54
Ergasii yeroo Inni miidhaa san isin irraa kaasu, yeroma san gareen isin irraa ta’e Gooftaa isaaniitti (wanta biraa) qindeessu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
16:55
Waan Nuti isaaniif kenninetti kafaruuf (Isatti qindeessu)Qanani’aa; fuula dura (waan isin mudatu ) ni beektuu
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
16:56
Waan Nuti isaaniif kennine irraa waan hin beekneef qooda taasisuRabbitti kakadhee! waan (sobaan) odeessaa turtan irraa ni gaafatamtu
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
16:57
(Maleykaa irraa) Rabbiif shamarran taasisuQulqullina isaa (qulqullaa’e)Isaaniif immoo waan fedhan (dhiirota) taasisu
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
16:58
Tokkoon isaanii yeroo dubaraan gammachiifame, innis gaddaan kan guutame ta’ee fuulli isaa gurraacha ta’a
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
16:59
Fokkina waan ittiin gammachiifamee irraas “Sila salphina irratti ishee qabata moo? biyyee keessatti ishee awwaala?” (jechuun kan dhama’e ta’ee) namoota irraa dhokataDhagahaa! Wanti isaan murteessan waa fokkate
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
16:60
Isaan Aakhiraatti hin amanneef amala gadheetu jiraRabbiif immoo sifaata ol ta’aatu jiraInni injifataa, ogeessa
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
16:61
Odoo Rabbiin namoota miidhaa isaaniitiin qabee, silaa dugda ishee (dachii) irratti lubbuu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu tureGaruu hanga beellama murtaa’eetti isaan tursiisaYeroo beellamni isaanii ga’e, sa’aatii tokkollee hin tursiifamanu; duras hin bu’anu
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
16:62
Waan ofii jibbanis Rabbiif taasisu“Toltuun (Jannanni) numaafi” (jechuun) Arrabni isaaniis kijiba dubbattiIbiddi isaaniif ta’ee isaan (gara ishee) jalqaba oofamuutti shakkiin hin jiru
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
16:63
Rabbitti kakadhee! Dhugumatti, Nuti gara ummatoota si duraa (ergamtoota) erginee jirraSheyxaannis dalagaa isaanii isaaniif miidhagsee jiraInni (sheyxaanni) har’a jaalallee (gargaaraa) isaaniitiIsaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
16:64
Mu’uminootaaf qajeelumaafi rahmata ta’ee akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif addeessituuf malee (waa biraatiif) Nuti kitaaba sirratti hin buufne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
16:65
Rabbiin samii irraa bishaan buusee dachiis erga isheen duute booda ittiin jiraachiseDhugumatti kana keessa ummata dhaga’aniif mallattootu jira
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
16:66
Dhugumatti beellada keessas xiinxalatu isiniif jiraWaan garaa isaanii keessa jiru irraa cumaafi dhiiga gidduu aannan qulqulluu dhugdootaaf gadi liqimfamaa ta’e isin obaafna
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
16:67
Fuduraalee mukkeen Tamiriitiifi Inabaa irraas dhugaatii macheessuufi soorata gaggaarii godhattuDhugumatti kana keessa namoota hubannoo qabaniif mallattootu jira
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
16:68
Gooftaan keetis “gaarreen, mukaafi waan isaan ijaaran irraas mana godha dhu” (jechuun) gara kanniisaatti beeksisa godhe
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
16:69
“Ergasii fuduraa hunda irraa nyaadhuu laafaa haala ta’een karaalee Gooftaa keetii seeni.” Garaa ishee irraa dhugaatii bifti isaa gara gara ta’e, kan isa keessa namaaf dawaan jirutu bahaDhugumatti kana keessa namoota xiinxalaniif mallatootu jira
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
16:70
Rabbiin isin uumeErgasii isin ajjeesaBeekumsa booda akka homaa hin beekneef, Isin irraas nama gara umrii gadi aanaa (dullumaa) deebifamutu jiraDhugumatti, Rabbiin beekaa, danda’aadha
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
16:71
Rabbiin soorata keessatti garii keessan garii irra caalchiseeraIsaan caalchifaman qabeenya isaanii gara waan (gabroota) harki isaanii dhuunfattee deebisanii isaanis isa keessati kan wal qixxaatanu hin taaneSila tola Rabbii mormuu
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
16:72
Rabbiin lubbuu keessan irraas haadhotii manaa isiniif godheHaadhotii manaa keessan irraas ilmaaniifi ilmaan ilmaaniis isiniif godheWantoota gaggaarii irraas isin sooreSila isaan sobatti amananii tola Rabbiitti kafaruu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
16:73
Rabbiin ala wantoota samiifi dachii irraas soorata isaaniif hin kennineefi (waan tokko) kan hin dandeenye gabbaru
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
16:74
Rabbiif fakkeenya hin godhinaaDhugumatti, Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
16:75
Rabbiin gabricha horatamaa, kan homaa irratti dandeettii hin qabneefi nama Nuti of biraa soorata gaarii isaaf kenninee, inni isa irraa dhoksaafi ifattis kan arjoomu (isaafi wantoota isaan alaatiif) fakkeenya taasiseeraSila isaan wal qixa ta’uu? Faaruun hundi kan RabbiitiDhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
16:76
Rabbiin namoota lama (mu’uminootaafi kaafirootaaf) fakkeenya taasiseera: tokkoon isaan lamaanii arraba hidhamaadha; homaa irrattis dandeettii hin qabu; inni maatii isaa irratti ba’aadha; bakkuma inni isa erge hunda irraayyuu waan gaariin hin dhufuSila inniifi namni inni karaa qajeelaa irra jiraatee haqatti ajaju, wal qixa ta’aa
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
16:77
Iccitiin fagoo samiifi dachii (hunduu) kan RabbiitiWaa’een Qiyaamaas akka libsuu ijaa malee hin taane; yookiin inni isa irra dhihoodhaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
16:78
Rabbiin kan homaa hin beekne taatanii garaa haadha keessanii irraa isin baaseAkka galateeffattanuuf dhageettii, argaafi onnees isiniif godhe
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
16:79
Sila gara allaattii hawaa samii keessa (kufuu irraa) Rabbiin malee wanti biraa kan ishee hin qabne taatee (bararuuf) laaffifamtuu taatee hin ilaallee? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
16:80
Rabbiin manneen keessan irraa iddoo teessumaa isiniif godheGogaa beyladaa irraas manneen guyyaa imala deemtaniifi guyyaa mana jireenya keessaniis salphifattan isiniif taasiseeraAkkasumas suufa hoolaa, rifeensa gaalaafi rifeensa re’ee irraas hanga yerootiif meeshaafi faa’idaalee (isiniif godheera)
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
16:81
Rabbiin wantoota uume irraa gaaddisawwan isiniif godheGaarreen irraas iddoo dhokannaa (isinii godhe)Uffatawwan ho’aa (fi qorra) isin irraa dhorgitus isiniif godhe; uffatawwan balaa waraanaa irraa isin tiksitusAkka isin (isaaf) ajajamtaniif akka kanatti (Rabbiin) tola Isaa isin irratti guuta
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
16:82
Yoo (haqa irraa) garagalaniif, dhugumatti wanti sirra jiru (ergaa) qaqqabsiisuu ifa ta’e qofa
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
16:83
Tola Rabbii ni beekuErgasii ishee mormuIra hedduun isaaniis kaafiroota
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
16:84
Guyyaa ummata hunda irraa ragaa kaafnus [yaadadhaa]Sana booda isaan kafaraniif (akka haasa’an) hayyamni hin kennamu(Komii dhiifama qabus) hin komatamanu
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
16:85
Isaan miidhaa dalagan yeroo adabbii argan, isaan irraa hin salphifamu; Yeroonis isaaniif hin kennamu
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
16:86
Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan yeroo qindoolee isaanii argan “Gooftaa keenya! Isaan kun qidoolee keenya warra nuti siin ala kadhachaa turreedha” jedhu(Gabbaramtoonnis) “dhugumatti isin kijiboodha” (jedhuun) jecha gara isaanii darbatu
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
16:87
Isaan guyyaa san ajajamoo ta’uu gara Rabbiitti dhiyeessuWanti isaan sobaan uumaa turanis isaan irraa bade
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
16:88
Isaan kafaranii karaa Rabbii irraas (namoota) deebisan, waan isaan balleessaa turaniif jecha, adabbii irratti adabbii isaaniif daballa
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
16:89
Guyyaa Nuti ummata hunda keessatti lubbuma isaanii irraa ragaa isaan irratti baafnuufi sis (yaa Muhammad SAW!) isaan kana irratti ragaa goonee si fidnu [yaadadhu]Waan hunda addeessuuf jecha, Muslimootaaf qajeeluma, rahmataafi gammachuu goonee Kitaaba (Qur’aana) sirratti buufne
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
16:90
Dhugumatti, Rabbiin haqatti, toltuu hojjachuufi firootaaf (gargaarsa) kennuutti ajajaWantoota fokkatoo, waan jibbamaadhaafi miidhaa irraas ni dhorgaAkka gorfamtaniif jechas isin gorsa
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
16:91
Yeroo waadaa seentan waadaa Rabbii guutaaKakuus dhugumatti Rabbiin kan ragaa of irratti gootan taatanii eega ishee jabeessitanii booda hin diiginaaDhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan ni beekaa
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
16:92
Ummanni tokko ummata biraa irra sababa baay’achuutiin kakuu keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa godhattanii akka ishee jibrii ishee erga footee jabeessitee booda diiginsa diigdee hin ta’inaaRabbiin kanaan isin qormaatuuf (kana godhe)Guyyaa Qiyaamaas waan isa keessatti wal dhabaa turtan dhugumatti isiniif addeessa
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
16:93
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa tureGaruu nama fedhe ni jallisa; nama fedhes ni qajeelchaWaan dalagaa turtan irraas dhugumatti ni gaafatamtu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
16:94
Faanti erga lafa qabattee booda akka hin mucucaanneefi sababaa karaa Rabbii irraa (namoota) deebiftaniif hamtuu akka hin dhandhamneef kakuu keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa hin godhatinaa(Oggas) isiniif adabbii guddaatu jira
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
16:95
Waadaa Rabbiis maallaqa xiqqaatti hin gurguratinaaYoo kan beektan taatan dhugumatti, wanti Rabbiin bira jiru, isatu isiniif caalaadha
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
16:96
Wanti isin biraa ni dhumaWanti Rabbiin biraa immoo hafaadhaIsaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
16:97
Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
16:98
Yeroo Qur’aana qaraatu sheyxaana darbatamaa irraa Rabbitti maganfadhu
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
16:99
Dhugumatti, inni warra amananii Gooftaa isaanii irratti hirkatan irratti aangoon isaaf hin jiru
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
16:100
Aangoon isaa warruma jaalalloo isa godhataniifi warra Isatti qindeessoo ta’an (qofa) irratti
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
16:101
Yeroo keeyyata tokko bakka keeyyata biraa jijjiirre, Rabbiin waan buusu akkan beekaadha; “Ati (yaa Muhammad!) soba of biraa uumaa malee kan biraa miti” jedhuDhugumatti irra baay’een isaanii hin beekanu
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
16:102
“Akka warra amanan (haqa irra) gadi dhaabuuf, Muslimootaaf qajeelumaafi gammachuu ta’ee, ruuhiin qulqulluun (Jibriil) Gooftaa kee irraa isa buuse” jedhi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
16:103
Nuti dhugumatti “kan (Qur’aana) isa barsiisu nama malee waan biraa miti” jechuu isaanii ni beeknaQooqni inni isaan gara isaatti jallisanii ‘Ajamii’dha(Qur’aanni) kun immoo qooqa Arabiffaa ifa bahaadha
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
16:104
Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne, Rabbiin isaan hin qajeelchu; isaaniifis adabbii laalessaatu jira
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
16:105
Dhugumatti kan kijiba uumu isaan keeyyattoota Rabbiitti hin amanne qofaWarri sun isaanumatu kijibdoota
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
16:106
Nama odoo qalbiin isaa Iimaana irratti ragga’ee jiruu (kufriitti) dirqisiifame malee, namni eega amanuu isaatii kafare (Adaba laalessaatu isaaf jira)Garuu namni qoma isaa kufriif bal’ise dallansuu Rabbi irraa ta’etu isaan irra jira; Isaaniifis adabbii guddaatu jira
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
16:107
Kun waan isaan jireenya addunyaa Aakhiraa caalaa jaalataniifi Rabbiinis ummata kaafirootaa waan hin jaallanneefi
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
16:108
Isaan warra Rabbiin onnee isaanii, dhageettii isaaniifi agartuu isaanii irratti cufeedhaIsaan sun isaanumatu dagattoota
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
16:109
Dhugumatti isaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oo ta’uutti shakkiin hin jiru
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
16:110
Ergasii Gooftaan kee isaan erga rakkifamanii booda godaananii, ergasii qabsaa’anii, obsaniif (araaramaa, rahmata godhaa dha); dhugumatti Gooftaan kee booda isheetii (rakkifamuutii) araaramaa, rahmata godhaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
16:111
Guyyaa lubbuun hundi kan ofirraa mormitu taatee dhuftuufi Isaan kan hin miidhamne ta’anii lubbuun hundi waan dalagdeen mindeeffamtu [yaadadhu]
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
16:112
Rabbiin magaalattii nagaa tasgabbooftuu turte, kan sooranni ishee iddoo hunda irraa baay’inaan isheetti dhufu, kan tola Rabbiitti kafartee Rabbiin waan isaan hojjachaa turaniin uffata beelaafi sodaa ishee dhandhamsiise (nama tola isaatti kafareef) fakkeenya taasise
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
16:113
Dhugumatti ergamaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufee, isas sobsiisani; odoo isaan miidhaa hojjatoota ta’anii jiranuu adabbiin isaan qabate
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
16:114
Hayyamamaa, gaarii haala ta’een waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaaYoo kan Isa (qofa) gabbartan taataniif tola Rabbii galateeffadhaa
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
16:115
Wanti (Rabbiin) isin irratti haraama (dhorgamaa) godhe baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan wantoota (gabbaramtoota) Rabbiin alaatiif sagaleen irratti olfuudhameedhaNamni odoo halaalli mijaa’uu haraamatti darbuufi nyaata isaa keessatti daangaa darbuun maleetti rakkifame (badiin isarra hin jiru)Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
16:116
Rabbirratti kijiba uumuuf jettanii waan arrabni keessan kijiba dubbatuun “kun hayyamamaadha; kun immoo dhorgamaadha” hin jedhinaaDhugumatti isaan Rabbirratti soba odeessan hin milkaa’anu
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
16:117
(Isaaniif) qananii xiqqootu jira(Aakhiraatti immoo) isaaniif adabbii laalessaatu jira
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
16:118
Isaan yahuudota ta’an irrattis waan kana dura siif himne dhorgaa taasifnee jirraNuti waa isaan hin miinee, garuu isaan lubbuu isaanii kan miidhan turan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
16:119
San booda Gooftaan kee isaan wallaalumaan hamtuu dalaganii sana booda tawbatanii (hojii isaanii) tolchan, dhugumatti Gooftaan kee ishee booda araaramaa, rahmata godhaadha
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
16:120
Dhugumatti Ibraahiim ogganaa Rabbiif ajajamaa, qajeelaa tureMushrikoota irraa hin taane
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
16:121
Tolawwan Isaatiif galatoomfataa ture(Rabbiin) isa filatee gara karaa sirriis isa qajeelche
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
16:122
Addunyaa keessattis toltuu isaaf kenninee jirraDhugumatti inni Aakhiraa keessattis gaggaarii irraayyi
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
16:123
Ergasii “karaa Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofaa” (jechuun) beeksisa gara keetti gooneInni (Ibraahiim) mushrikoota irraa hin taane
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
16:124
Sanbatni (dhorgaa) kan godhame warruma isa keessatti wal dhaban qofa irrattiDhugumatti Gooftaan keetis guyyaa qiyaamaa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaanitti murtii kenna
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
16:125
Gara karaa Gooftaa keetii ogummaafi gorsa bareedaan waamiIshee (falmii) irra gaarii taateen isaan falmiDhugumatti Gooftaan kee nama karaa Isaa irraa jallate ni beekaaInni qajeeltotas beekaadha
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
16:126
Yoo haaloo bahattan fakkaatuma waan miidhamtaniitiin bahadhaaYoo obsitan immoo obsitootaaf isatu caalaadha
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
16:127
Obsi; obsuun kee (si dandeessisuu) Rabbiitiin malee hin taaneIsaan irrattis hin gaddinTooftaa isaan baasan irraa dhiphina keessatti hin ta’in
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
16:128
Dhugumatti, Rabbiin warra Isa sodaataniifi warra toltuu hojjattan wajjin jira
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







