PDF —
59 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Ad-Dukhan pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Ad-Dukhan pdf Oromo — Buufi Suuratu Ad-Dukhan Hiikkaa. Suuratu Ad-Dukhan (Meccan) 59 Aayah.



59 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒ
44:1 Haa Miim
ﭓﭔﭕ
44:2 Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha)
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
44:3 Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
44:4 Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
44:5 Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
44:6 Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
44:7 (Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa)
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
44:8 Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
44:9 Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
44:10 Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
44:11 (Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
44:12 (Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu)
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
44:13 Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
44:14 Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
44:15 Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
44:16 Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
44:17 Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
44:18 “Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
44:19 “Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
44:20 “Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
44:21 Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
44:22 Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe)
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
44:23 (Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
44:24 Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
44:25 Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan
ﮄﮅﮆﮇ
44:26 Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis
ﮈﮉﮊﮋﮌ
44:27 Qananii ishee keessatti gammadaa turanis
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
44:28 Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
44:29 Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
44:30 Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
44:31 Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
44:32 Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
44:33 Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine
ﯝﯞﯟﯠ
44:34 Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
44:35 “Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
44:36 Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
44:37 Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine
ﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
44:38 Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎ
44:39 Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
44:40 Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
44:41 Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
44:42 Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha
ﭫﭬﭭﭮ
44:43 Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’
ﭯﭰﭱ
44:44 Nyaata dilaawaati
ﭲﭳﭴﭵﭶ
44:45 Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa
ﭷﭸﭹ
44:46 Akka danfuu bishaan ho’aatti
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
44:47 (Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
44:48 Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
44:49 Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
44:50 Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama)
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
44:51 Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa
ﮛﮜﮝﮞ
44:52 Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
44:53 Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu
ﮥﮦﮧﮨﮩ
44:54 Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
44:55 Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
44:56 Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
44:57 Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
44:58 Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne
ﯬﯭﯮﯯ
44:59 (Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers