Suuratu Al-Haqqah pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Haqqah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Haqqah Hiikkaa. Suuratu Al-Haqqah (Meccan) 52 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Haqqah HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Haqqah mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Haqqah

ﮯﮰ
69:1
Mirkaneessituun
ﮱﯓﯔ
69:2
Mirkaneessituttiin maali
ﯕﯖﯗﯘﯙ
69:3
Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise
ﯚﯛﯜﯝﯞ
69:4
(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru
ﯟﯠﯡﯢﯣ
69:5
Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
69:6
Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
69:7
Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
69:8
Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
69:9
Firawn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
69:10
Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
69:11
Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
69:12
Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
69:13
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
69:14
Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban
ﭼﭽﭾﭿ
69:15
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
69:16
Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
69:17
Maleeykonnis daangawwan ishee irratti tauArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
69:18
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
69:19
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
69:20
Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”
ﮨﮩﮪﮫﮬ
69:21
Innis jireenya jaalatamtuu keessa taa
ﮭﮮﮯﮰ
69:22
Jannata ol fuudhamtuu keessa (taa)
ﮱﯓﯔ
69:23
Kan firiiwwan ishee dhihoo taan
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
69:24
Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama)
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
69:25
Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee
ﯩﯪﯫﯬﯭ
69:26
Qormaanni kiyya maal akka taes (odoon) beekuu hafee
ﯮﯯﯰﯱ
69:27
Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
69:28
Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne)
ﯸﯹﯺﯻ
69:29
Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha)
ﯼﯽﯾ
69:30
Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa)
ﯿﰀﰁﰂ
69:31
Ergasii ibidda isa seensisaa
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
69:32
Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama tae keessa isa seensisaa
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
69:33
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture
ﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
69:34
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture
ﰘﰙﰚﰛﰜﰝ
69:35
Har’a asitti firri isaaf hin jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
69:36
Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru
ﭗﭘﭙﭚﭛ
69:37
Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu
ﭜﭝﭞﭟﭠ
69:38
Waan isin argitaniinis niin kakadha
ﭡﭢﭣﭤ
69:39
Waan isin hin argineenis (niin kakadha)
ﭥﭦﭧﭨﭩ
69:40
Dhugumatti, inni (Quraanni) jecha ergamaa kabajamaati
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
69:41
Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
69:42
Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu
ﭻﭼﭽﭾﭿ
69:43
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
69:44
Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee
ﮆﮇﮈﮉ
69:45
Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre
ﮊﮋﮌﮍﮎ
69:46
Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
69:47
Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru
ﮖﮗﮘﮙ
69:48
Innis (Quraanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
69:49
Dhugumatti isin irraa namoonni (Quraana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna
ﮠﮡﮢﮣﮤ
69:50
Inni (Quraanni) kaafiroota irratti gaabbiidha
ﮥﮦﮧﮨ
69:51
Dhugumatti, inni (Quraanni) dhugaa mirkanaa’aadha
ﮩﮪﮫﮬﮭ
69:52
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







