Suuratu Al-Ghashiyah pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Ghashiyah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Ghashiyah Hiikkaa. Suuratu Al-Ghashiyah (Meccan) 26 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Ghashiyah

ﭽﭾﭿﮀﮁ
88:1
Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa
ﮂﮃﮄﮅ
88:2
Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha
ﮆﮇﮈ
88:3
Hojjattuu ifaajjuudha
ﮉﮊﮋﮌ
88:4
Ibidda gubduu seenti
ﮍﮎﮏﮐﮑ
88:5
Burqituu danfituu irraa obaafamti
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
88:6
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
88:7
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu
ﮠﮡﮢﮣ
88:8
Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha
ﮤﮥﮦ
88:9
Dalagaa ishee jaalattuudha
ﮧﮨﮩﮪ
88:10
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti
ﮫﮬﮭﮮﮯ
88:11
Ishee keessatti waca hin dhagaanu
ﮰﮱﯓﯔ
88:12
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti
ﯕﯖﯗﯘ
88:13
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti
ﯙﯚﯛ
88:14
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti
ﯜﯝﯞ
88:15
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira)
ﯟﯠﯡ
88:16
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti)
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
88:17
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu
ﯩﯪﯫﯬﯭ
88:18
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)
ﯮﯯﯰﯱﯲ
88:19
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)
ﯳﯴﯵﯶﯷ
88:20
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)
ﯸﯹﯺﯻﯼ
88:21
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa
ﯽﯾﯿﰀ
88:22
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane
ﭑﭒﭓﭔﭕ
88:23
Garuu nama gara galee kafare
ﭖﭗﭘﭙﭚ
88:24
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba
ﭛﭜﭝﭞ
88:25
Deebiin isaanii garuma Keenya
ﭟﭠﭡﭢﭣ
88:26
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







