Suuratu Al-Hajj pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Hajj pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Hajj Hiikkaa. Suuratu Al-Hajj (Medinan) 78 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Hajj HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Hajj mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Hajj

ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
22:1
Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaaDhugumatti, sochiin Qiyaamaa waan guddaadha
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
22:2
Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti(Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbitiNamootas (sodaa irraa) machaa’aa agartaIsaan waa machaaoo mitiGaruu adabbii Rabbiitu garmalee cimaadha
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
22:3
Namoota irraas nama waaee Rabbii keessatti beekumsa malee falmee, sheyxaana didaa ta’e hunda hordofutu jira
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
22:4
Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaas isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
22:5
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin irraa isin uumne; (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone)Nuti waan (abbaa) feene hanga yeroo murtaa’eetti gadaamessa keessa teessifnee, ergasii daa’imman goonee isin baafnaErgasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna)Isin irraas nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jiraErga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef, isin irraas nama gara umrii gadi aanaa deebiutu jiraDachiis gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti(Ashaakiltii) bifa hundaa irraas ni biqilchiti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
22:6
Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi Isatu du’aa kan kaasuu, ammas Inni waan hunda irratti danda’aa ta’eefi
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
22:7
Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiruAmmas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran (hunda) ni kaasa
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
22:8
Namoota irraa nama beekumsa, qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee (waaee) Rabbii keessatti falmutu jira
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
22:9
Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira)Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jiraGuyyaa Qiyaamaas adabbii gubaa ta’e isa dhandhamsiifna
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
22:10
“Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama)Dhugumatti, Allaahnis gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
22:11
Namoota irraas nama amantii irraa moggaatti ta’ee (shakkiin) Rabbi gabbarutu jiraYoo toltuun isa tuqe, isatti raga’aYoo rakkoon isa tuqe ammoo, fuula isaa irratti garagalaInni addunyaafi Aakhiraa hoonga’ee jiraSun isatu hoongoo ifa bahaadha
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
22:12
Rabbiin ala waan isa hin miineefi isa hin fayyadne kadhataSun isatu jallina fagoodha
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
22:13
Nama miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhataJaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
22:14
Dhugumatti, Rabbiin isaan amananii, gaggaarii dalagan Jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensisaDhugumatti, Rabbiin waan fedhu hojjata
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙ
22:15
Namni duuniyaafi Aakhiraa keessatti Rabbiin isa (Muhammadiin-SAW) hin tumsu jechuu yaade, gara samii haada hidhatee of haa fannisuErgasii tooftaan isaa waan inni jibbu dhabamsiisuu haa ilaalu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
22:16
Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufneDhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
22:17
Dhugumatti, isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’anis; Rabbiin dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessaDhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
22:18
Sila akka Rabbiin wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi namoonni baay’enis sujuuda Isaaf godhan hin arginee? (Namoota) baay’ee adabbiin isa irratti mirkanaa’ee jiraNama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiruDhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
22:19
Gareen kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidhaIsaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif kutamee, mataa isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
22:20
Isa sanaan wanti garaa isaanii keessa jiruufi gogaan (isaanii) baqfama
ﯙﯚﯛﯜﯝ
22:21
Ammas jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
22:22
Dhawaata isaan yaaddoodhaan ishee irraa ba’uu fedhaniin ishee keessatti deebifaman“Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani)
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
22:23
Dhugumatti, Rabbiin isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisaIshee keessattis gumeewwan (kilkillee) warqeefi faaya irraa ta’an uffifamuUffanni isaaniis ishee keessatti hariira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
22:24
(Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfamanAmmas gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
22:25
Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota ishee (Makkaan) keessa jiraataniifi biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan, (hoonga’an)Nama ishee keessatti sababa miidhaatiin jallachuu fedhes adabbii laalessaa irraa isa dhandhamsiifna
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
22:26
Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Kaabaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu)
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
22:27
(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi(Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
22:28
Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif, guyyoota beekamoo taan keessattis beylada irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti akka maqaa Rabbii dubbataniif (beeksisi)Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa dhabaas nyaachisaa
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
22:29
Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanMana turaa (Ka’abaan) haa naanna’anii
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
22:30
(Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje guddise, Gooftaa isaa biratti sanatu isaaf caalaIsaan (of duratti) isiniif ibsamuuf (jiran) malee beyladoonni (hundi) isiniif eeyyamamteXurii taabotaa irraa fagaadhaaJecha cubbuu irraas fagaadhaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
22:31
Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa)Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
22:32
(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee amantii Rabbii kabajes, dhugumatti sun onneen sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
22:33
Isiniif isaan (beyladoota wareegaa) keessa hanga beellama murtaa’eetti bu’aawwantu jiraSana booda iddoon isaanii gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
22:34
Ummata hundaafuu akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Isaa faarsaniif jecha bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraDhugaan gabbaramaan keessanis Gooftaa tokkichaIsaaf harka kennaaWarra Isaaf gad of qaban gammachiisi
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
22:35
Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame onneen isaanii sodaattu, kan waan isaan tuqe irratti obsan , kan salaata dhaabaniifi waan isaaniif kennine irraa kennaniidha
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
22:36
Beeyladoota wareega Ka’abaa mallattoolee Rabbii irraa isiniif gooneIsaan keessa gaggaariitu isiniif jiraOdoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii isaan irratti faarsaaYeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaaAkka isin galata galchitaniif Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
22:37
Foon isaaniitiifi dhiigni isaaniis Rabbiin bira hin ga’uGaruu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’aAkka kanatti waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, isiniif laaffiseGaarii hojjattoota gammachiisi
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
22:38
Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisaDhugumatti nama akkaan gantuu, kafaraa tae Rabbiin hin jaallatu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
22:39
Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif hayyamni godhameefRabbiinis isaan tumsuu irratti danda’aadha
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
22:40
Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidhaOdoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turanDhugumatti, Rabbiin nama (amantii) Isaa tumsu, tumsuuf jiraDhugumatti, Rabbiin irra jabaa, injifataadha
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
22:41
Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuuttis (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidhaBooddeen waan hundaa Rabbumaafi
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
22:42
Yoo si sobsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud sobsiisanii jiru
ﮡﮢﮣﮤﮥ
22:43
Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma)
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
22:44
Jiraattonni Madyanis (akkasuma)Muusaanis sobsiifamee jiraAni kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabeadabbiin kiyya akkam (hamaa) dha
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
22:45
Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine! Isheen gubbaa ishee irratti kukkuftuudhaEela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne)
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
22:46
Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneen ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif taaDhugumatti, kan jaamtu ija (gubbaa kanaa) mitiGaruu kan jaamtu onnee laphee keessa jiruudha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
22:47
Adabatti si jarjarfatuRabbiin waadaa Isaa hin diiguDhugumatti, guyyaan tokko Rabbii kee biratti waan isin lakkooftan irraa akka waggaa kumaati
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
22:48
Magaalota irraa haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin Ani yeroo isheef kennee, ergasii (adabaan) ishee qabee kan deebiin ishee gara kiyyatti ta’uuf taa’u meeqaatama
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
22:49
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaa malee hin taane.”
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
22:50
Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi kennaa gaariitu jira
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
22:51
Isaan Nu dadhabsiisuun miliquu yaadanii aayatoota keenya balleessuuf deeman, isaan sun warra jahannami
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
22:52
Nuti si dura ergamaas ta’ee nabiyyii tokko erginee ‘yeroo inni dubbise sheyxaanni dubbisa isaa keessa (gurra ummataa irratti soba) darbu malee’ kan hafu hin taaneRabbiin waan sheyxaanni itti darbu san ni balleessaSana booda aayatoota isaa ni raggaasisaRabbiin beekaa, ogeessa
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
22:53
Waan sheyxaanni darbu san isaan onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneen isaanii gogeef qormaata gochuuf (akkas taasise)Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
22:54
Ammas akka isaan beekumsa kennaman dhugaa Rabbii kee irraa dhufe ta’uu isaa beekanii isatti amananii, onneen isaanii isatti tasgabbii argattuuf (kana taasise)Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan gara karaa sirrii qajeelchaadha
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
22:55
Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
22:56
Mootummaan guyyaa san kan AllaahtiGidduu isaaniitti ni murteessaIsaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa ta’u
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
22:57
Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
22:58
Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jiraDhugumatti, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
22:59
Dhugumatti, Inni isaan seensa isa jaallatan seensisaDhugumatti, Rabbiin beekaa, obsaadha
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
22:60
(Dubbiin) akkanaNamni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsaDhugumatti, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
22:61
Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisa taeefiDhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
22:62
Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, ammas Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa taeefi
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
22:63
Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Dhugumatti, Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
22:64
Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan IsaatiDhugumatti, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
22:65
Sila akka Allaahn wantoota dachii keessa jiraniifi dooniwwan galaana keessa daakan ajaja Isaatiin isiniif mijeesse hin arginee? Eeyyama Isaatiin yoo tae malee akka samiin dachii irratti hin kufne qabaRabbiin namootaaf akkaan mararfataa, rahmata godhaadha
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
22:66
Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudhaDhugumatti, namni akkaan (Rabbitti) kafaraadha
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
22:67
Ummata hundaaf seera isaan amantii ittiin geggeeffatan isaaniif taasifnee jirraKanaafuu (mushrikoonni Makkaa) dhimma kana irratti akka siin hin falmineGara Gooftaa keetiittis waamiDhugumatti, ati karaa qajeelaa irra jirta
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
22:68
Yoo siin falmanis “Rabbiin akkaan beekaa waan isin hojjattaniiti” jedhiin
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
22:69
Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan gidduu keessanitti murteessa
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
22:70
Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? Dhugumatti, kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jiraDhugumatti, kun Rabbi irratti laafaadha
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
22:71
Rabbiin alatti waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaanis isa ilaalchisee beekumsa homaatuu hin qabne gabbaruMiidhaa hojjattootaaf gargaaraan tokkos hin jiru
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
22:72
Yeroo keeyyattoonni keenya kan ifa ta’an isaan irratti dubbifamanis, fuula warra kafaranii irraa (ajaja Rabbii) diduu hubattaWarra keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisanitti utaaluutti dhihaatu(Yaa Muhammad!) “Sila waan sana caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? Ibidda Rabbiin isaan kafaraniif waadaa galeedhaDeebichi waa fokkate!” jedhi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
22:73
Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaaDhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanuYoo tiisisni waan tokko isaan harkaa butes, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anuGabbaraafi gabbaramaan dadhabeera
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
22:74
Dhugaa guddina Isaa Rabbiin hin guddifneDhugumatti, Rabbiin jabaa, injifataadha
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
22:75
Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata)Dhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
22:76
Inni wantoota fuuldura isaanii jiraniifi wantoota duuba isaanii jiran hunda ni beekaWantoonni hundi gara Rabbiitti deebifamti
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
22:77
Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa; Gooftaa keessanis gabbaraa; akka milkooftaniif toltuus hojjadhaa
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
22:78
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin gooneKaraa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa)Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa ba’uufi isinis namoota irratti ragaa baataniif Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaaseKanaaf salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaaInni jaalalloo keessaniJaalallee tauuf waa tolee! Gargaaraa tauufis waa tole
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







