Suuratu Al-'Ankabut
PDF —
Built right in your browser — download starts automatically
Suuratu Al-'Ankabut pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-'Ankabut pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-'Ankabut Hiikkaa. Al-'Ankabut (Meccan) 69 Aayah.
Related
- Al-'Ankabut HiikkaaOromo
- Al-'Ankabut mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-'Ankabut

ﮡﮢ
Alif Laam Miim
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
Sila namoonni “amanne” jechuudhaan odoo hin mokkoramin dhiifamuu yaaduu
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
Dhugumatti, Nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirraDhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuuf jira, sobdootas beekuuf jira
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
Sila isaan hojii gadhee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
Namni qunnamtii Allaah sodaate, dhugumatti beellamni Rabbii dhufaadhaInni dhagayaa, beekaadhas
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifiRabbiin Dhugumatti, aalama hunda irraa dureessa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan badii isaanii isaan irraa haqnaDhugumatti, gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
Namaaf haadhaafi abbaa isaatti tola ooluu dhaamneYoo waan ati beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sirratti qabsaayan, isaan lamaaniin hin bulinDeebiin keessanis garuma kiyyaWaan hojjachaa turtanis isinittin odeessa
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, namoota gaggaarii keessa isaan galchina
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
Namoota irraa nama “Rabbitti amanneerra” jedhaa yeroo karaa Rabbii keessatti rakkifame, rakkina namni isa irratti raawwatu akka adabbii Rabbii taasisutu jiraYoo injifannoon Rabbii kee irraa dhufes dhugumatti “nuti isinii wajjin turre” jedhuSila Allaahn waan qoma aalamaa keessa jiru akkaan beekaa hin taanee
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
Dugumatti Allaahn warra amanan ni beekaMunaafiqootas ni beeka
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
Isaan kafaran warra amananiin “karaa keenya hordofaa; nuti cubbuu keessan isin irraa baadhannaa” jedhanIsaan badii isaanii irraa homaa hin baadhatanuDhugumatti, isaan sobdoota
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
Dhugumatti, isaan ba’aa isaaniitiifi ba’aa biraas kan isaanii wajjin ni baadhatuDhugumatti, isaan waan soba uuman irraa Guyyaa Qiyaamaa ni gaafatamu
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
Dhugumatti, nabi Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra[Inni] waggaa kuma tokkoof, waggaan shantamni odoo hafuu isaan keessa tureOdoo isaan miidhaa hojjattoota ta’anii jiranii bishaaniin dhidhimfamuun isaan qabe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
Isaafi warra doonii (keessa turan) ni baraarsine; aalama hundaaf mallattoo ishee goone
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
Ibraahiimiinis yeroo inni ummata isaatiin “Allaah gabbaraaIsa sodaadhaaYoo kan beektan taataniif santu irra isiniif caala” jedhe [yaadadhu]
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
“Wanti isin Rabbii gaditti gabbartan taabotuma qofa; cubbuus ni uumtuDhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti gabbartan soorata isiniif kennuutti dandeettii hin qabanuSoorata Rabbuma biraa barbaadaaIsa gabbaraasGalatas Isaaf galchaaGaruma Isaa deebifamtu
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
Yoo sobsiiftanis, dhugumatti ummanni isin duraas sobsiisanii jiruErgamaa irras geessuu ifa ta’e malee homaa hin jiru
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
Sila isaan akka Rabbiin uumuu eegalee ergasii isa deebisu hin ilaalanuu? Sun Allaah irratti laafaadha
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
[Yaa Muhammad!] “dachii keessa deemaatii akka Rabbiin uumuu itti jalqabe ilaalaa! Sana booda Allaahn kaasiinsa dhumaa ni kaasaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha” jedhiin
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
Nama fedhe ni adaba; nama fedhes rahmata isaaf godhaGara Isaa qofatti deebifamtu
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
Isin dachiifi samii keessatti kan dadhabsiiftan hin taaneRabbiin ala jaalalleefi tumsaan isiniif hin jiru
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
Isaan keeyyattoota Rabbiitiifi qunnamtii Isaatti kafaran, isaan sun rahmata kiyya irraa abdii kutatanii jiruIsaan sun adabbii laaleessaa ta’etu isaaniif jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
Deebiin ummata isaas “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa” jechuu malee waan biraa hin taaneAllaahnis Ibidda irraa isa baraarsee jiraDhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
[Ibraahiimis] “Isin Rabbii gaditti jiruu addunyaa keessatti sanama wanti tolfattaniif jaalala jidduu keessaniitiif qofaSana booda Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garitti kafaraGariin keessan garii abaarasManni jireenya keessaniis ibidda ta’a; tumsitoonni homaatuu isiniif hin jiru” jedhe
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
Luuxis isaaf (Ibraahiimiif) ni amane(Ibraahiimis) “ani gara Rabbii kiyyaa godaanaadhaDhugumatti, Inni injifataa, ogeessa” jedhe
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
Is-haaqiifi Ya’iquubiinis isaaf kennineSanyii isaa keessa nabiyyummaafi Kitaaba ni taasifneMindaa isaa addunyaa keessattis isaaf kennineDhugumatti, inni Aakhiratti namoota gaggaarii irraayi
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “dhugumatti, isin gocha fokkataa kan aalama hunda irraa ummanni tokkollee isin dura hin hojjatin raawwattu” jedheen (erginee jirra)
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
“Sila isin (qunnamtii saalatiif) dhiiratti dhuftuu?! (Saamichaanis) karaa kuttuu? Iddoo Yaa’ii keessanii keessattis gochoota jibbamoo ta’an raawwattuu? Deebiin ummata isaa “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef, adabbii Rabbiitiin nutti kottu” jechuu malee homaa hin taane
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
(Luuxis) “Gooftaa kiyya! Ummata balleessitoota kanneen irratti na tumsi” jedhe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
Yeroma ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahiimitti dhufan “nuti dhugumatti, jiraattota magaalaa kanaa waan warri ishee miidhaa hojjattoota ta’aniif isaan balleessoodha” jedhan
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
(Ibraahiimis) “Dhugumatti Luux ishee keessa jira” jedhe(Maleykonnis) “nuti nama ishee keessa jiru akkaan beekna; dhugumatti, haadha manaa isaa kan warra hafan keessatti taatu malee isaafi maatii isaa ni baraarsina” jedhan
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan isaaniif yaadda’ee qomti isaas isaaniif dhiphatteIsaanis “hin sodaatin; hin yaadda’inisDhugumatti, nuti siifi maatii kee nagaa baafnaGaruu niitiin kee warra (adaba keessatti) hafan irraa taati” jedhan
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
“Nuti jiraattota magaalaa kanaa irratti waan isaan finciltoota ta’aniif samii irraa adabbii cimaa buusoodha” jedhan
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
Dhugumatti, Nuti ishee irraa namoota sammuu qabaniif mallattoo ifa taate hanbifnee jirra
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
Gara (ummata) Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra)Innis “Yaa ummata kiyya! Allaah qofa gabbaraaGuyyaa Aakhiraas sodaadhaaBalleessitoota taataniis badii dachii keessa hin tamsaasinaa” jedheen
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
Isa kijibsiisanKirkirri (sochiin) lafaas isaan qabatteYoosuu ganda isaanii keessatti jilbeenfatanii dhumanii bulan
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
Aadiifi Samuudiinis ni balleessine; (Isaan balleessuun keenyas) gandoota isaanii irraa ifa isiniif ta’ee jiraOdoo kan argan ta’anii jiranuu shayxaanni hojii isaanii isaaniif miidhagsee, karaa haqaa irraa isaan deebise
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
Qaaruuniin, Fir’awniifi Haamaaniinis (balleessineerra)Dhugumatti, Muusaan ragaa ifa ta’een isaanitti dhufeeti, dachii keessatti boonanii (isaan qabne)Kan Nu jalaa miliqanis hin taane
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
Hundumaa badii isaatiif isa qabneIsaan irraa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jiraIsaan irraas namoota iyyansi isaan qabetu jiraIsaan irraas namoota dachii ittiin kunnetu jiraIsaan irraas namoota bishaan nyaachifnetu jiraRabbiin kan isaan miidhu hin taaneGaruu isaan lubbuu ofii kan miidhan ta’aniiru
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
Fakkeenyi isaan Rabbii gaditti jaalallee godhatanii (gabbaranii) akka birbirooftuu (sharariitii) mana ijaarratteetiDhugumatti odoo kan beekan ta’anii irra laafaan manaa mana birbirooftuuti
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irraa waan isaan Isaa gaditti kadhatan ni beekaInni injifataa, ogeessa
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
Fakkeenyota san namootaaf ishee ni goona; beektota malees ishee hin hubatu
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
Rabbiin samiifi dachii dhugaan uumeDhugumatti, sana keessa mu’uminootaaf mallattootu jira
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
(Yaa Muhammad!) kitaaba irraa waan gara kee buufame dubbisiSalaatas haqa isaa guutii sagadiDhugumatti, salaanni wantoota fokkatoofi jibbamoo ta’an irraa dhorgitiZikrii (faaruu) Rabbiitu (waan hunda irra) guddaadhaRabbiin waan isin hojjattan ni beeka
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
Warra kitaabaatiin falmii gaariin malee hin falminaa; isaan irraa warri miidhaa dalagan odoo hafanuuNuti “isa gara keenyatti bufameefi gara keessanittis buufametti amanneerraGabbaramaan keenyaafi gabbaramaan keessanis tokkoNuti isaaf ajajamoodha” jedhaa
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
Akkuma (warra si duraa irratti buufne) kitaaba gara keetti buufneIsaan kitaaba kennineef isatti ni amanuIsaan kana irraas (warra makkaa irraas) namoota isatti amanutu jiraKaafiroota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi harka keetiinis barreessitu hin turreOdoo akkas taatee warri badii ni shakku turan
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
Garuu inni keeyyattoota ifa ta’an kan qoma warra beekumsa kennamee keessa jiruudhaMiidhaa hojjattoota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
Isaanis ni jedhan: “Maaliif raajiiwwan Gooftaa Isaa biraa isa irratti hin buufamin? (Atis) “raajiwwan kan jiran Allaah bira qofaAni immoo akeekkachiisaa ifa ta’e qofa” jedhiin
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
Sila kitaaba (Qur’aana) isaan irratti qara’amu si irratti buusuun keenya qofti isaaniif hin ga’uu? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif rahmataafi yaadannootu jira
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
Jedhi: “jidduu kiyyaafi keessanitti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadhaWaan samiifi dachii keessa jiru hundaa ni beekaIsaan sobatti amananiifi Rabbitti kafaran, warri sun isaanumatu hoonga’oodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
Adabatti si ariifachiisuOdoo beellamni beekamaan jiraachuu baatee silaa adabbiin (addunyaattis) isaanitti dhufa tureDhugumatti akka tasaa odoo isaan hin beekin isaanitti dhufa
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
Adabbiitti si ariifachiisuDhugumatti, jahannam kaafirootatti marsituudha
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
Guyyaa adabbiin (Ibiddi) gubbaa isaanii irraafi miila isaanii jalaan isaan haguugu, (Maleykan ibiddaas) “Waan dalagaa turtan dhandhamaa” jedha
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
“Yaa gabroota kiyya warra amantan! Dachiin kiyya bal’oodhaa, Anuma qofa gabbaraa.”
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
Lubbuun hunduu du’a ni dhandhamtiSana booda gara keenyatti deebifamtu
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, dhugumatti jannata irraa manneen jireenyaa kan laggeen ishee jala yaatu, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan ta’anii isaan qubsiifnaMindaan hojjattootaa waa tole
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
[Isaan] warra obsaniifi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
Lubbu qabeeyyii irraa kan soorata isaanii hin baadhanne kan Rabbiin isiniifi isaanis sooru hedduudha
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
Dhugumatti “eenyutu samiifi dachii uumee, aduufi baatiis laaffise?” jettee yoo isaan gaafatte “Allaahdha” siin jedhuAkkamitti (tawhiida irraa) garagalfamu ree
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata ni bal’isa(Nama fedhe immoo) isatti dhiphisaDhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
Dhugumatti, yoo “eenyutu samii irraa bishaan buusee, dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachise?” jettee isaan gaafatte “Allaahdha” jedhu(Yaa Muhammad!) “Faaruun hunduu kan Allaahti” jedhiGaruu irra hedduun isaanii hin hubatan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
Jireenyi addunyaa kun qoosaafi tapha malee waan biraa hin taaneDhugumatti, manni Aakhiraa odoo beektanii isheetu jireenya dhugaati
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatuYeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
Waan nuti isaaniif kenninetti kafaruufi qanani’anuuf (Rabbitti qindeessu)Garuu (waan booddeen isaanii ta’u) fuula duratti ni beeku
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
Sila isaan namoonni moggaa isaaniitii (ajjeechaafi saamichaan) kan bubbutaman osoo ta’anuu akka nuti (Makkaa) iddoo kabajamaa, tasgabbaayaa taasifne hin ilaalanuu? Sila sobatti amananii ni’imaa Rabbiitti kafaruu
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
Nama Rabbirratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate (tokkolleen) hin jiruSila teessoon kaafirootaa jahannam hin taanee
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Warra Nu (karaa keenya) keessatti qabsaa’an karaa keenya isaan qajeelchinaDhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







