PDF —
78 Aayah Medinan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Ar-Rahman pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Ar-Rahman pdf Oromo — Buufi Suuratu Ar-Rahman Hiikkaa. Suuratu Ar-Rahman (Medinan) 78 Aayah.

← Al-QamarSuuratu Ar-Rahman Al-Waqi'ah →


78 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﭷﭸ
55:1 Ar-Rahmaan
ﭹﭺﭻ
55:2 Qur’aana barsiise
ﭼﭽﭾ
55:3 Nama ni uume
ﭿﮀﮁ
55:4 Haasa’a isa barsiise
ﮂﮃﮄﮅ
55:5 Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu
ﮆﮇﮈﮉ
55:6 Biqilaafi mukkeenis (Allaahf) sujuudu
ﮊﮋﮌﮍﮎ
55:7 Samii ol ishee fuudhe; madaalas ni kaaye
ﮏﮐﮑﮒﮓ
55:8 Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
55:9 Madaala sirriitti qajeelchaa; madaala hin hir’isinaa
ﮛﮜﮝﮞ
55:10 Dachiis uumama hundaaf ishee kaaye
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
55:11 Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira
ﮥﮦﮧﮨﮩ
55:12 Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru
ﮪﮫﮬﮭﮮ
55:13 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
55:14 (Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
55:15 Sheyxaana immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume
ﯝﯞﯟﯠﯡ
55:16 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯢﯣﯤﯥﯦ
55:17 (Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti
ﯧﯨﯩﯪﯫ
55:18 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭑﭒﭓﭔ
55:19 Galaanota lamaan kan wal qunnaman taasisee gadi lakkise
ﭕﭖﭗﭘﭙ
55:20 Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makamanu
ﭚﭛﭜﭝﭞ
55:21 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭟﭠﭡﭢﭣ
55:22 Isaan lamaan irraayyuu faayaafi burjaanaatu baha
ﭤﭥﭦﭧﭨ
55:23 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
55:24 Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati
ﭰﭱﭲﭳﭴ
55:25 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭵﭶﭷﭸﭹ
55:26 Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
55:27 Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa
ﮁﮂﮃﮄﮅ
55:28 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
55:29 Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Isa kadhataGuyyaa hunda Inni hojiitti jira
ﮒﮓﮔﮕﮖ
55:30 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮗﮘﮙﮚﮛ
55:31 Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna
ﮜﮝﮞﮟﮠ
55:32 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
55:33 Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiifi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraaDandeettiin malee hin qaxxaamurtan
ﯔﯕﯖﯗﯘ
55:34 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
55:35 Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergamaErgasii of irraa dhorguu hin dandeessanu
ﯢﯣﯤﯥﯦ
55:36 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
55:37 Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate
ﯮﯯﯰﯱﯲ
55:38 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
55:39 Ilmi namaas ta’ee jinniin guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu
ﯼﯽﯾﯿﰀ
55:40 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
55:41 Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamuSammuufi miila ni qabamu
ﭑﭒﭓﭔﭕ
55:42 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
55:43 “Kun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama)
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
55:44 Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u
ﭣﭤﭥﭦﭧ
55:45 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
55:46 Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira
ﭮﭯﭰﭱﭲ
55:47 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭳﭴﭵ
55:48 Kan dameewwan dhedheeroo qaban
ﭶﭷﭸﭹﭺ
55:49 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭻﭼﭽﭾ
55:50 Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira
ﭿﮀﮁﮂﮃ
55:51 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
55:52 Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira
ﮊﮋﮌﮍﮎ
55:53 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
55:54 Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’uFuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha
ﮚﮛﮜﮝﮞ
55:55 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
55:56 Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namniifi jinniin hin tuqintu jira
ﮩﮪﮫﮬﮭ
55:57 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﮮﮯﮰﮱ
55:58 Faayaafi burjaana fakkaatu
ﯓﯔﯕﯖﯗ
55:59 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
55:60 Sila mindaan toltuu toltuu malee ni jiraa
ﯞﯟﯠﯡﯢ
55:61 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯣﯤﯥﯦ
55:62 Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira
ﯧﯨﯩﯪﯫ
55:63 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯬﯭ
55:64 Magariisa gurraacha’aadha
ﯮﯯﯰﯱﯲ
55:65 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯳﯴﯵﯶ
55:66 Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru
ﯷﯸﯹﯺﯻ
55:67 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﯼﯽﯾﯿﰀ
55:68 Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira
ﰁﰂﰃﰄﰅ
55:69 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭑﭒﭓﭔ
55:70 Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira
ﭕﭖﭗﭘﭙ
55:71 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭚﭛﭜﭝﭞ
55:72 Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru
ﭟﭠﭡﭢﭣ
55:73 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
55:74 Isaan dura namaafi jinniinis hin tuqne
ﭫﭬﭭﭮﭯ
55:75 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
55:76 Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii taa’u
ﭷﭸﭹﭺﭻ
55:77 Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
55:78 Maqaan Gooftaa keetii, abbaa guddinnaafi ulfinaa guddate

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers