Suuratu Al-Fath
PDF —
29 Aayah Medinan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Fath pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Fath pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Fath Hiikkaa. Al-Fath (Medinan) 29 Aayah.



Suuratu Al-Fath
29 Aayah · Medinan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
(Yaa Muhammad!) Nuti injifannoo ifa ta’e si gonfachiifneerra
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
Akka Rabbiin dilii kee irraa waan dabreefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi akka karaa qajeelaa si qajeelchuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne)
ﭧﭨﭩﭪﭫ
Rabbiin tumsa cimaa sii tumsuuf (si injifachiise)
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
Inni Isa tasgabbii onnee mu’uminootaa keessatti buuse(Kunis) akka isaan iimaana isaanii wajjiin iimaana dabalataniifiWaraanni samiifi dachii kanuma RabbiitiRabbiin beekaa ogeessa ta’eera
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
Mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa jannata isa jala laggeen yaa’an kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan akka seensisuufi ammas hamtuu isaanii isaan irraa haquufiSun Rabbiin biratti milkii guddaa ta’eera
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
Munaafiqoota dhiiraafi dubartootaa, mushrikoota dhiiraafi dhalaas, isaan Rabbi irratti hamtuu yaadan, isaan irratti marsaan hamtuun taatuudhaDallansuun Rabbii isaan irratti haa jiraatuRabbiin rahmata irraa isaan haa fageessuJahannamiinis isaaniif qopheesseera(Isheen) deebii akkaan fokkattuu dha
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
Waraanni samiifi dachii (hundi) kan AllaahtiRabbiin injifataa, ogeessa ta’eera
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
(Yaa Muhammad!) Nuti ragaa, gammachiisaafi sodaachisaa goonee si ergine
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
(Yaa Namootaa!) Akka isin Allaahfi ergamaa isaatti amantan, isa guddiftan, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
Isaan waadaa siif galan, kan isaan waadaa galan RabbiifiHarki Rabbii harka isaanii gubbaadhaNamni waadaa diige, kan inni waadaa diige lubbuma isaa irrattiNama waan irratti Rabbiif waadaa gale guute, Inni mindaa guddaa isaa kennuuf jira
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenya keenyaafi maatii keenyatu nu qabe; kanaaf Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiruWaan onnee isaanii keessa hin jirre arraba isaanitiin jedhu(Yaa Muhammad) “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, eenyutu waan Allaahn barbaade gochuu irraa Isa dhorguu danda’a? Garuu Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Dhugumatti, Ergamaan Rabbiitiifi mu’uminoonni gara maatii isaanii gonkumaa deebi’uu dhabuu yaaddanii turtanSun onnee keessan keessatti miidhagfameeti, yaada hamtuu yaaddanii ummata mancaafamoo taatan
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
Namni Rabbiifi ergamaa Isaatti hin amanin (kaafira)Nuti kaafirootaaf ibidda boba’aa qopheessinee jirra
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
Mootummaan samiifi dachii kan Rabbii qofaNama fedheef ni araarama; nama fedhes ni adabaRabbiin araaramaa, mararfataa ta’eera
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
Isaan duubatti hafan “yeroo gara boojuu, ishee fudhachuuf deemtan isin hordofnaa nu dhiisaa” jedhuJecha Rabbii jijjiiruu fedhu“Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin“Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiruWaa xiqqoo malee hin hubatanu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
Shanaanota irraa isaan duubatti hafaniin jedhi: “gara namoota lolatti cimoo ta’aniitti waamamuuf jirtu; isaaniin loltu yookiin harka kennuKana yoo fudhattan, Rabbiin mindaa gaarii isiniif kennaYoo akkuma duraan garagaltanitti ammas garagaltan, Inni adabbii laalessaa isin adaba
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
(Lola irraa hafuudhaan) jaamaa irra badiin hin jiruHokkolaa irras badiin hin jiruDhukkubsataa irras diliin hin jiruNama Rabbiifi ergamaa isaatif ajajame, (Rabbiin) jannata laggeen ishee jala yaatu isa seensisaNama irraa garagale immoo adabbii laalessaa isa adaba
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
(Yaa Muhammad!) Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateeraWaan onnee isaanii keessa jirus beekeeraTasgabbii isaan irratti buusee injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeebiyaa) isaaniif galata galche
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
Boojii baay’ee ta’e kan isaan fudhatanis (galata galche)Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
Rabbiin boojii baay’ee kan ishee fudhattan waadaa isiniif galeeraIshee kana immoo isiniif jarjarseHarka namootaas isin irraa qabe(Kanas kan godhe) akka isheen mu’uminootaaf mallattoo taatee, karaa qajeelaas isin qajeelchuuf
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
(Injifannoofi boojii) biraa kan to’annaa keessan jala hin jirre kan Rabbiin dhugumatti ishee marsetu jiraRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
Isaan kafaran odoo isinin lolaniiyyuu, dugda garagalanii eegasii tiksaafi tumsaa hin argatanu ture
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
Karaa Rabbii kan dhugumatti duraan dabarte (karaa godhe)Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
Innis Isa Laga Makkaa keessatti erga isaan irratti isin moosisee booda harka isaanii isin irraa, harka keessanis isaan irraa qabeedhaRabbiin waan isin hojjattan argaa ta’eera
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas akka iddoo qalma isaanii hin geenye dhorgamaa godhaniidhaOdoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture)Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini)Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
Yeroo warri kafare qalbii isaanii keessa haaloo, hinaaffaa wallaaltotaa godhee, Rabbiin tasgabbii isaa ergamaa isaatiifi mu’uminoota irratti buusee, jecha sodaa (Isaa) isaan qabachiise [yaadadhu]Isaanumatu ishee haqa godhatee, warra ishee ta’eRabbiin waan hunda beekaa ta’eera
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
Rabbiin ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugoomsee jiraYoo Rabbiin fedhe nagayaan mataa keessan haaddachaa, (gariinis) gabaabsachaa, odoo hin sodaanne masjiida kabajamaa seenuuf jirtuInni (Rabbiin) waan isin hin beekin beekeeti sanaa asitti injifannoo dhihoo (araara hudeeybiyaa) godhe
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
Inni Isa ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii dhugaatiin, amantii hunda irratti ol isa taasisuuf jecha ergeedhaRagaaf Rabbiin qofti ga’aadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
Muhammad ergamaa RabbiitiWarri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodhaTolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argitaMallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jiraSun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaatiFakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti(Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufiRabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers