Suuratu Al-Hujurat
PDF —
Built right in your browser — download starts automatically
Suuratu Al-Hujurat pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Hujurat pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Hujurat Hiikkaa. Al-Hujurat (Medinan) 18 Aayah.
Related
- Al-Hujurat HiikkaaOromo
- Al-Hujurat mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Hujurat

ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaaRabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyichaa irra ol hin kaasinaaAkka dalagaawwan keessan odoo isin hin beekne hin banneef jecha, haasa’a akka gariin keessan garii irratti ol fuudhutti isa irratti ol hin fuudhinaa
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
Isaan sagaleewwan isaanii ergamaa Rabbii biratti gadi qabatan, isaan sun warra Rabbiin onnee isaanii sodaa Rabbiitif qopheesseIsaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatanu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala tureRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
Yaa warra amantan! Yoo fincilaan tokko oduun isinitti dhufe, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti hin gaabbineef dubbii adda baafadhaa
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
Isin keessa ergamaan Rabbii jiraachuu beekaaDhimmoota baay’ee keessatti odoo isin jala deemee rakkinni isin irra ga’a tureGaruu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiiseeti, onnee keessan keessattis isa miidhagsee, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godheIsaan sun isaanumatu qajeeloodha
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe)Rabbiinis beekaa, ogeessa
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaaniitti araara buusaaYoo lamaan keessaa isheen tokko ishee lammataa irratti daangaa darbite, ishee daangaa darbite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaaYoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessasDhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
Mu’uminoonni obboleeyyani; kanaafuu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaaAkka mararfatamtanuuf jecha Rabbiin sodaadhaa
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatinIsaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaDubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni malaTokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaaErga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidhaWalis hin basaasinaaGariin keessanis garii hin hamatinTokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? (Yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaaRabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti, akka wal beektaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifneRabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessaniRabbiin beekaa keessa hubataadha
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
Shanaanoon “nuti amanneerra” jedhu“Waan ammallee iimaanni onnee keessan keessa hin seeniniif jecha, isin hin amanne; garuu ‘islaamofne’ jedhaa.” Garuu yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, Inni hojiiwwan keessan irraa homaa hin hir’isuRabbiin araaramaa, mararfataadha
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii shakkii hin qabaatiniifi qabeenya isaanitiifi lubbuu isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidhaIsaan isaanumatu warra dhugaati
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
Jedhi: “Waa’ee amantii keessanii Rabbiin barsiisuu feetuu? Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beekaRabbiin waan hunda beekaadha.”
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
Islaamawuu isaaniitiin sirratti dhaaddatu“Islaamummaa keessaniin ana irratti hin dhaaddatinaaYoo warra dhugaa dubbatu taatan, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti dhaaddata” jedhiin
ﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔ
Rabbiin fagoo samiifi dachii keessaa ni beekaRabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.”
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







