Suuratu An-Najm
62 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔ
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’u (seenu)
ﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres
ﭛﭜﭝﭞﭟ
Fedha lubbuu irraas hin haasa’u
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa
ﭦﭧﭨﭩ
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise
ﭪﭫﭬﭭ
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e
ﭮﭯﭰﭱ
Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e)
ﭲﭳﭴﭵ
Ergasii dhihaatee gadis bu’e
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
Hanga fageenya qabannaa gooboo lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne
ﮈﮉﮊﮋﮌ
Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu
ﮍﮎﮏﮐﮑ
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera
ﮒﮓﮔﮕ
Qurquraa daangaa (samii torbaffaa) biratti arge
ﮖﮗﮘﮙ
Ishee bira jannata qubsumaatu jira
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge)
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera
ﮭﮮﮯﮰ
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa
ﮱﯓﯔﯕ
Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa)
ﯖﯗﯘﯙﯚ
Sila isiniif dhiirri taeeti dubartiin isaaf taatee
ﯛﯜﯝﯞﯟ
Isheen kun oggas qooda jalloodha
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan odoo Rabbiin ragaa isheef hin buusin moggaaftani malee homaa mitiSe’aafi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofuDhugumaan qajeelfamni Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira
ﯼﯽﯾﯿﰀ
Moo namaaf waanuma hawwetu jira
ﰁﰂﰃﰄ
Aakiraafi addunyaanis kan Rabbiiti
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘ
Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay’eetu samii keessa jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanShakkii malee homaa hin hordofanuShakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniitiDhugumatti, Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadhaInni nama qajeeles akkaan beekaadha
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan RabbiitiIsaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif mindeessuufi isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume)
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidhaDhugumatti, Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadhaInni yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha keessanii keessatti ulfa taatanii jirtan akkaan isin beekaLubbuu keessan hin qulqulleessinaaInni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha
ﯢﯣﯤﯥ
Mee isa gara gale naaf himi
ﯦﯧﯨﯩ
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
Sila beekumsi fagoo isa bira jiraannaan inni (isa) beekee
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii
ﯸﯹﯺﯻ
Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈ
Namaafis waan hojjate malee hintaaneedha
ﰉﰊﰋﰌﰍ
Hojiin isaas of duratti mul’achuuf jiraadha
ﰎﰏﰐﰑﰒ
Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha
ﰓﰔﰕﰖﰗ
Xumurri (waan hundaas) gara Rabbiitti ta’uudha
ﰘﰙﰚﰛﰜ
Inni Isumatu kofalchiise; boochises
ﰝﰞﰟﰠﰡ
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume
ﭗﭘﭙﭚﭛ
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo buufamtu
ﭜﭝﭞﭟﭠ
Uumuun boodaas Rabbuma irra jira
ﭡﭢﭣﭤﭥ
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha
ﭦﭧﭨﭩﭪ
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
ﭫﭬﭭﭮﭯ
Isumatu Aadii duraa balleesse
ﭰﭱﭲﭳ
(Ummata) Samuudis hin hambifne
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
Ummata Nuuhis sana dura (balleesse)Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan
ﭿﮀﮁ
Ganda gombifamtuus gadi kuffise
ﮂﮃﮄﮅ
Wanti haguuge ishee haguuge
ﮆﮇﮈﮉﮊ
Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha
ﮑﮒﮓ
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu
ﮛﮜﮝﮞﮟ
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii
ﮠﮡﮢﮣ
Ni kolfituu! Hin boochanuu
ﮤﮥﮦ
Haala sirbitanuun (irraa garagaltuu)
ﮧﮨﮩﮪﮫ
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers