Suuratu Maryam pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Maryam pdf Oromo — Buufi Suuratu Maryam Hiikkaa. Suuratu Maryam (Meccan) 98 Aayah.
Related
- Suuratu Maryam HiikkaaOromo
- Suuratu Maryam mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Maryam

ﭑﭒ
19:1
Kaaf Haa Yaa Ayn Saade
ﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
19:2
(Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
19:3
Yeroo inni Rabbii Isaa waamicha dhoksaa waame (dubbadhu)
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
19:4
“Rabbii kiyya! Ani lafeen kiyya laafte; mataan kiyyas Arrii makatee; Rabbii kiyya ani kadhaa keetiin hoonga’aa hin taane” jedhe
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
19:5
“Ani booda kootii firoota kiyya sodaadheen jiraNiitiin kiyyas maseentuudhaSuma biraa ilma naaf kenni
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
19:6
“Kan ana (amantii kiyya) dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaaluYaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaas isa taasisi.”
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
19:7
(Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Dhugumatti, Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’e, kan kana dura maqaa isaa eenyuufillee hin taasisiniin si gammachiifna.”
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
19:8
(Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Odoo haati manaa koo maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu akkamitti ilmi naaf ta’uu danda?”
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
19:9
Ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kanaRabbiin kee ‘Kun anaaf laafaadhaDhugumatti, ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira’ jedhe.”
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
19:10
(Zakariyyaanis) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo wahii naaf godhi.” (Rabbiinis) ni jedhe: “Mallattoon kee halkan sadihiif odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha.”
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
19:11
Ergasii iddoo sagadaa keessaa ummata isaa irratti gadi ba’ee, ganamaafi galgala Rabbiin qulqulleessuu mallattoon itti beeksise
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
19:12
“Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen)Beekumsas ijoollummaan isaaf kennine
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
19:13
Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra)Innis (Rabbiin) sodaataa ta’eera
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
19:14
Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eeraOf tuulaa, didaas hin taane
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
19:15
Nageenyis guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni lubbuun kaafamus isa irra haa jiraatu
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
19:16
Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiinis yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
19:17
Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregineInnis namuma (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
19:18
Ni jette: “Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef dhugumatti, ani Rahmaaniinin si irraa tikfama.”
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
19:19
(Jibriilis): “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; akkan ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)” jedheen
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
19:20
Ni jette: “Odoo namni tokko ana hin tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in akkamitti ilmi naaf ta’uu danda’a?”
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
19:21
Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kanaGooftaan keetis ‘kuni natti laafaadha; Namootaafis raajiifi rahmata Nu irraa ta’es akka isa taasifnuufi” jedhe(Kun) dhimma dura murtaa’e ta’eera
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
19:22
Yoosuu isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
19:23
Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqseNi jette: “Yaa badii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamaa ta’ee maal qaba!”
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
19:24
“Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun ishee jalaa isheetti lallabe
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
19:25
“Gufuu timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
19:26
Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadiYoo nama tokko argites ‘Dhugumatti, ani Rahmaaniif eenyullee dubbisuu dhabuu qodhaa (nazrii) galeen jiraKanaaf hardha nama tokkos hin dubbisu” jedhi
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
19:27
Ergasii isa baadhattee gara ummata ishee dhufte[Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan jabaatu fidde
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
19:28
Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati keetis sagaagaltuu hin turre.”
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
19:29
(Isiinis) gara isaatti akeekte[Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
19:30
Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
19:31
Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
19:32
Haadha kiyyaafis tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aas, ana hin taasifne
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
19:33
Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus nageenyi ana irra jira.”
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
19:34
Inni sun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkan saniidha
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
19:35
Rabbiif ilma taasifachuun hin maluInni qulqullaa’eYeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
19:36
(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessaniKanaaf Isa qofa gabbaraaSantu karaa qajeelaadha” jedhe
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
19:37
Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti warra kafaraniif adabbiin mirkanaa’eera
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑ
19:38
(Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan, maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise! Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
19:39
Haala isaan daguu keessatti ta’aniin odoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa’u, Guyyaa Gaabbii san isaan sodaachisi
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
19:40
Dhugumatti, Nuti Numatu dachiifi waan ishee irra jiru dhaala; garuma keenya deebifamus
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
19:41
Kitaaba keessatti Ibraahiimis dubbadhuDhugumatti, inni nama akkaan dhugaa dubbataa, nabiyyii ture
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
19:42
Yeroo inni abbaa isaatiin “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?” jedhe (dubbadhu)
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
19:43
“Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin natti dhufee jiraKanaafuu na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
19:44
Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin; dhugumatti sheyxaanni Rahmaan didaa ta’eera
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
19:45
Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani Rahmaan irraa adabbiin si tuqee, atis sheyxaanaaf jaalallee ta’uu keen sodaadha.”
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
19:46
(Abbaan isaas) “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya jibbitaa? Yoo hin dhorgamne, dhugumatti ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa)Yeroo dheeraaf ana irraa fagaadhu” jedhe
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
19:47
(Ibraahiimis) “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadhaDhugumatti, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera” jedhe
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
19:48
“Isiniifi wantoota isin Rabbiin alatti gabbartan irraan fagaadhaGooftaa kiyya qofan gabbarasGooftaa kiyya gabbaruu kootiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha.”
ﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
19:49
Yeroma inni isaaniifi waan isaan Rabbii gaditti gabbaran irraa fagaatu, Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennineHunda isaaniis nabiyyii taasifne
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
19:50
Rahmata keenya irraas isaaniif kennineGaariin dubbatamuu (faaruu) ol fuudhamaas isaaniif goone
ﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
19:51
Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhuDhugumatti, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyis ta’eera
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
19:52
Nutis moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
19:53
Tola keenya irraas obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
19:54
Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iilis dubbadhuDhugumatti, inni dhugoomsaa waadaa ta’ee jiraErgamaa, nabiyyiis ta’ee jira
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
19:55
Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju tureGooftaa isaa birattis jaallatamaa ture
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
19:56
Kitaaba keessatti Idriisiinis dubbadhuDhugumatti, inni dhugaa dubbataa, nabiyyii ture
ﮂﮃﮄﮅ
19:57
Iddoo ol aanaattis ol isa fuunee jirra
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
19:58
Isaan sun warra Rabbiin isaan irratti tola oole; nabiyyoota ilmaan Aadam irraa ta’anii, warra Nuuhii wajjiin (doonii irratti) baadhanne irraas ta’anii, ilmaan Ibraahiimiifi Israa’iil irraas ta’anii, ammas warra Nuti qajeelchinee filanne irraas kan ta’aniidhaKan yeroo keeyyattoonni Rahmaan isaan irratti dubbifamu sujuudaafi booyaa kufaniidha
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
19:59
Isaan boodaas bakka bu’oota (gadhee) salaata miidhaniifi fedha lubbuu isaanii hordofantu hafeHallayyaa jahannam quunnamuuf jiru
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
19:60
Garuu Namni tawbatee, amanee, gaarii hojjate, Warri sun jannata seenu; homaas hin miidhamanu
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
19:61
Jannata qubsumaa ishee Rahmaan gabroota Isaatiif fagootti waadaa gale (seenu)Dhugumatti, Inni waadaan Isaa dhufamaa ta’eera
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
19:62
Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a bu’a dhabeessa hin dhagayanIshee keessas isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅ
19:63
Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha
ﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚ
19:64
Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin ala hin buunuWanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan IsaatiGooftaan keetis dagataa hin taane
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
19:65
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaan jiran hundaatiKanaafuu Isa (qofa) gabbari; Isa gabbaruu irrattis obsa qabaadhuSila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
19:66
Namni “Sila ani ergan du’ee lubbuun jiraadhee (qabrii) baafamaa?” jedha
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
19:67
Sila namni akka Nuti kanaan dura dhabama irraa isa uumne hin yaadatuu
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
19:68
Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabneeti, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
19:69
Sana booda garee hunda irraa isaan Rahmaan irratti jallinatti irra cimoo ta’an ni baafna
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
19:70
Ergasii, dhugumatti, Nuti (isaan irraa) warra ishee (Ibidda) seenuu qaban akkaan beekna
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
19:71
Isin irraa eenyulleen ishee seenu malee hin hafuDirqama Rabbii keetiin murteeffameedha
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
19:72
Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
19:73
Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifamanis, kaafiroonni mu’uminootaan “Garee lamaan keessaa isa kamtu caalmaa sadarkaatiifi miidhagina iddoo waltajjii qaba?” jedhu
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
19:74
Isaaniin duras dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’anis balleessinee jirra
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
19:75
Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; yeroo waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
19:76
Rabbiinis warra qajeelaniif qajeeluma dabalaHojiiwwan gaggaarii yeroo dheeraaf turantu Rabbii kee biratti mindaa ta’uun caalaadha; deebiidhaanis isatu (irra) caalaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
19:77
Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe naaf himi
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
19:78
Sila (iccitii) fagoo irratti mul’atemoo Rahmaan biratti waadaa wahii godhate
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
19:79
Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhus ni galmeessina; adabbii irraas dabaltii (isaaf malu) isaaf daballa
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
19:80
Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; innis kophaa isaa Nutti dhufa
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
19:81
Akka humnaafi kabajaa isaaniif ta’aniif jecha Rabbiin alatti gabbaramoo godhatan
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
19:82
Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa ta’anii dhiaatu
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
19:83
Sila akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasanii dhiibaa turan hin arginee
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
19:84
Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkaayaa jirra
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
19:85
Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti garee kabajamoo taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu]
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
19:86
Badii raawwattoota immoo dheebotoo taasifnee gara Jahannam oofna
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
19:87
Nama Rahmaan biraa waadaa qabu malee araarsaa argachuu hin danda’anu
ﮮﮯﮰﮱﯓ
19:88
“Rahmaan ilma godhate” jedhu
ﯔﯕﯖﯗﯘ
19:89
Dhugumatti, isin waan fokkataa fiddaniirtu
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
19:90
(Kana) irraa samiin babbaqaquu, dachiinis dhodhooyuufi gaarreenis caccabanii kufuuf dhiaatu (fiddan)
ﯣﯤﯥﯦﯧ
19:91
Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu)
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
19:92
Rahmaan ilma godhachuun isaaf hin malu
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
19:93
Wanti samiifi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan
ﯺﯻﯼﯽﯾ
19:94
Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
19:95
Hundi isaaniis Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
19:96
Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Rahmaan fuulduratti jaalala isaaniif taasisa
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
19:97
Wanti Nuti arraba kee irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
19:98
Isaan duras dhaloota irraa meeqaatama balleessinee jirra! Sila isaan irraa tokkos argitaa? Yookiin hasaasa (qilixii) isaaniif ni dhageessaa
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







