PDF —
99 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Hijr pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Hijr pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Hijr Hiikkaa. Suuratu Al-Hijr (Meccan) 99 Aayah.

← IbrahimSuuratu Al-Hijr An-Nahl →


99 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
15:1 Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
15:2 Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
15:3 Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
15:4 Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
15:5 Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
15:6 “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
15:7 Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan)
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
15:8 Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
15:9 Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
15:10 Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
15:11 Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
15:12 Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
15:13 Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
15:14 Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱ
15:15 Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
15:16 Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
15:17 Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
15:18 Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa tae isa hordofe malee
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
15:19 Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
15:20 Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
15:21 Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
15:22 Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
15:23 Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
15:24 Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
15:25 Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
15:26 Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
15:27 Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
15:28 Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
15:29 Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa
ﯶﯷﯸﯹﯺ
15:30 Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
15:31 Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
15:32 (Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
15:33 [Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
15:34 (Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
15:35 Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.”
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
15:36 “Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe
ﭺﭻﭼﭽﭾ
15:37 (Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe
ﭿﮀﮁﮂﮃ
15:38 “Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
15:39 (Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa
ﮏﮐﮑﮒﮓ
15:40 Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
15:41 (Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
15:42 Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru
ﮦﮧﮨﮩﮪ
15:43 Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
15:44 Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
15:45 Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru
ﯛﯜﯝﯞ
15:46 “Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan)
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
15:47 Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
15:48 Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
15:49 “Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
15:50 “Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi)
ﰁﰂﰃﰄﰅ
15:51 Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
15:52 Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
15:53 “Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
15:54 “Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
15:55 “(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
15:56 “Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
15:57 “Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
15:58 “Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
15:59 “Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
15:60 “Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
15:61 Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu
ﮞﮟﮠﮡﮢ
15:62 “Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
15:63 “Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan
ﮫﮬﮭﮮﮯ
15:64 “Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
15:65 Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.”
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
15:66 “Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine
ﯪﯫﯬﯭﯮ
15:67 Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
15:68 (Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe
ﯶﯷﯸﯹﯺ
15:69 “Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.”
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
15:70 (Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗ
15:71 (Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
15:72 (Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u
ﭞﭟﭠﭡ
15:73 Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
15:74 Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
15:75 Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira
ﭱﭲﭳﭴ
15:76 Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
15:77 Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
15:78 Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
15:79 Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
15:80 Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
15:81 Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
15:82 Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru
ﮚﮛﮜﮝ
15:83 Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
15:84 Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
15:85 Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
15:86 Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
15:87 Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
15:88 Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
15:89 “Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi
ﯻﯼﯽﯾﯿ
15:90 Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne
ﭑﭒﭓﭔﭕ
15:91 Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran)
ﭖﭗﭘﭙ
15:92 Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna
ﭚﭛﭜﭝ
15:93 Waan isaan dalagaa turan irraa
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
15:94 Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali
ﭥﭦﭧﭨ
15:95 Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
15:96 (Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
15:97 Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
15:98 Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
15:99 Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers