Suuratu Al-Hashr pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Hashr pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Hashr Hiikkaa. Suuratu Al-Hashr (Medinan) 24 Aayah.
Related
- Suuratu Al-Hashr HiikkaaOromo
- Suuratu Al-Hashr mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Hashr

ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
59:1
Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis Injifataa Ogeessa
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
59:2
Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedhaBahuu isaanii isin hin yaadne turtanIsaanis daannoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadaniRabbiinis bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onnee isaanii keessatti sodaa darbeManneen isaanii harka isaaniifi harka mu’uminootaatiin onsanYaa warra sammuu qabdan mee xiinxalaa
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
59:3
Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) godaansa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adabbii tureIsaaniifis Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
59:4
Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifiNama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaadha
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
59:5
Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini(wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
59:6
Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisaRabbiinis waan hunda irratti dandaaadha
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
59:7
Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise akka jidduu dureeyyii isin irraa taaniitti kan naannau hin taaneef jecha Rabbi, ergamaa, fira dhihoo (ergamaa), yatiimotaa, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame)Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kennes qabadhaaWaan inni irraa isin dhowwes dhowwamaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
59:8
Hiyyeeyyii godaantotaa warra tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaa tumsuuf jecha manaafi qabeenya isaanii irraa baafamaniifis (ni kennama)Isaan sun isaanumatu warra dhugaati
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
59:9
Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatuWaan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganuOdoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatuNamoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
59:10
Warri booda isaaniitii dhufanis "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami; akkasumas, onnee Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisinGooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha" jedhu
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
59:11
Sila gara warra munaafiqa taanii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa taanii kafaraniin "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waaee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra" jedhuRabbiinis akka isaan kijibdoota taan ragaa baa
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
59:12
Odoo isaan baafamaniis isaanii wajjiin hin baanu; odoo isaan lolamaniiyyuu isaan hin tumsanu; odoma isaan tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasiihis hin tumsamanu
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
59:13
Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadhaKun waan isaan ummata hin hubanne taaniifi
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
59:14
Yoo magaalota daannaan marfamte keessa taan yookiin dallaa duubaan tae malee waliin taanii isin hin waraananuDiinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadhaHaala onneen isaanii adda qoqqoodamee jiruun tokkummaa qaban isaan seetaKun waan isaan namoota hin xiinxalle taaniifi
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
59:15
(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii dalagaa isaanii dhandhamaniitiIsaaniifis adabbii laalessaatu jira
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
59:16
Akka fakkii sheyxaanaa ilma namaatiin "(Rabbitti) kafari" jedhee erga inni kafaree booda immoo "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
59:17
Xumurri isaan lamaaniituu keessatti hafoo taanii ibidda keessa tauudhaKun immoo mindaa miidhaa raawwattootaati
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
59:18
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaaLubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltuAmmas Rabbiin sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
59:19
Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiisee hin tainaaIsaan isaanumatu finciltoota
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
59:20
Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatanuWarri Jannataa isaanumatu milkaaoodha
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
59:21
Odoo Quraana kana gaara irratti buufnee, silaa sodaa Rabbii irraa kaee kan inni xinnaatee dhodhooyu argita tureFakkeenyota kana akka isaan xiinxalaniif jecha namootaaf taasifna
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
59:22
Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre(Inni) Beekaa fagoofi dhihootiInni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
59:23
Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hirina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol taaa), boonaadhaWaan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaae
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
59:24
Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa taeedhaIsaaf maqoolee gaggaarii taantu jiraWantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu)Inni Injifataa ogeessa
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







