PDF —
96 Aayah Meccan PDF
Built right in your browser — download starts automatically

Suuratu Al-Waqi'ah pdf — Buufi (Oromo)

Suuratu Al-Waqi'ah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Waqi'ah Hiikkaa. Suuratu Al-Waqi'ah (Meccan) 96 Aayah.

← Ar-RahmanSuuratu Al-Waqi'ah Al-Hadid →


96 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮃﮄﮅﮆ
56:1 Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte
ﮇﮈﮉﮊ
56:2 Argama isheetiif kijibni hin jirtu
ﮋﮌﮍ
56:3 Gadi qabduu, ol fuutuudha
ﮎﮏﮐﮑﮒ
56:4 Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte
ﮓﮔﮕﮖ
56:5 (Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte
ﮗﮘﮙﮚ
56:6 Dhukkee facaafamtuus taate
ﮛﮜﮝﮞ
56:7 (Yeroo) Isinis garee sadi taatan
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
56:8 (Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
56:9 (Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)
ﮫﮬﮭ
56:10 (Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha
ﮮﮯﮰ
56:11 Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota
ﮱﯓﯔﯕ
56:12 Jannata qananii keessatti ta’u
ﯖﯗﯘﯙ
56:13 Warra duraa irraa baay’eedha
ﯚﯛﯜﯝ
56:14 Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha
ﯞﯟﯠﯡ
56:15 Sireewwan dhawamte irratti ta’u
ﯢﯣﯤﯥ
56:16 Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu
ﭑﭒﭓﭔﭕ
56:17 Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a
ﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
56:18 Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
56:19 Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis
ﭢﭣﭤﭥ
56:20 Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u)
ﭦﭧﭨﭩﭪ
56:21 Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin
ﭫﭬﭭ
56:22 Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira)
ﭮﭯﭰﭱ
56:23 Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan
ﭲﭳﭴﭵﭶ
56:24 Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone)
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
56:25 Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an
ﭾﭿﮀﮁﮂ
56:26 “Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an)
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
56:27 Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola
ﮉﮊﮋﮌ
56:28 (Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu
ﮍﮎﮏ
56:29 Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu)
ﮐﮑﮒ
56:30 Gaaddisa diriirfamaa (keessa)
ﮓﮔﮕ
56:31 Bishaan dhangala’u (keessa)
ﮖﮗﮘ
56:32 Fuduraalee baay’ee (keessa)
ﮙﮚﮛﮜﮝ
56:33 Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa)
ﮞﮟﮠ
56:34 Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu)
ﮡﮢﮣﮤ
56:35 Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne
ﮥﮦﮧ
56:36 Dubroota isaan goone
ﮨﮩﮪ
56:37 Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone)
ﮫﮬﮭ
56:38 Warra mirgaatiif (qophaa’an)
ﮮﮯﮰﮱ
56:39 Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi
ﯓﯔﯕﯖ
56:40 Warra boodaa irraahis baay’eedha
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
56:41 Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)
ﯝﯞﯟﯠ
56:42 Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu
ﯡﯢﯣﯤ
56:43 Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa
ﯥﯦﯧﯨﯩ
56:44 (Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
56:45 Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
56:46 Dilii guddaa itti fufu turan
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
56:47 “Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan
ﰀﰁﰂ
56:48 “Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan)
ﰃﰄﰅﰆﰇ
56:49 “(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin
ﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
56:50 Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
56:51 Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa
ﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
56:52 Muka Zaqquum irraa nyaatoodha
ﭝﭞﭟﭠ
56:53 Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha
ﭡﭢﭣﭤﭥ
56:54 Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha
ﭦﭧﭨﭩ
56:55 Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu
ﭪﭫﭬﭭﭮ
56:56 Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti
ﭯﭰﭱﭲﭳ
56:57 Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine
ﭴﭵﭶﭷ
56:58 Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
56:59 Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
56:60 Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
56:61 Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti)
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
56:62 Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne
ﮗﮘﮙﮚ
56:63 Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
56:64 Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
56:65 Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan
ﮨﮩﮪ
56:66 “Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu)
ﮫﮬﮭﮮ
56:67 “Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu)
ﮯﮰﮱﯓﯔ
56:68 Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
56:69 Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
56:70 Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne
ﯤﯥﯦﯧﯨ
56:71 Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
56:72 Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
56:73 Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone
ﯶﯷﯸﯹﯺ
56:74 Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
56:75 Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha
ﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
56:76 Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha
ﭑﭒﭓﭔ
56:77 Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha
ﭕﭖﭗﭘ
56:78 Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira
ﭙﭚﭛﭜﭝ
56:79 Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu
ﭞﭟﭠﭡﭢ
56:80 Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha
ﭣﭤﭥﭦﭧ
56:81 Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan
ﭨﭩﭪﭫﭬ
56:82 (Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii
ﭭﭮﭯﭰﭱ
56:83 Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)
ﭲﭳﭴﭵ
56:84 Odoo yeroo san isin ilaaltanuu
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
56:85 Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
56:86 Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa)
ﮄﮅﮆﮇﮈ
56:87 Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
56:88 Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e
ﮏﮐﮑﮒﮓ
56:89 (Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
56:90 Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
56:91 Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
56:92 Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo
ﮨﮩﮪﮫ
56:93 Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira
ﮬﮭﮮ
56:94 Jahiim seenuutu isaaf jira
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
56:95 Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha
ﯖﯗﯘﯙﯚ
56:96 Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi)

Qur'aana Qulqulluu


Wednesday, September 9, 2026

Don't forget us in your sincere prayers