Surah Al-Waqiah with Afaan Oromoo

  1. Surah mp3
  2. More
  3. Afaan Oromoo
The Holy Quran | Quran translation | Language Afaan Oromoo | Surah Waqiah | الواقعة - Ayat Count 96 - The number of the surah in moshaf: 56 - The meaning of the surah in English: The Inevitable, The Event.

إِذَا وَقَعَتِ الْوَاقِعَةُ(1)

 Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte

لَيْسَ لِوَقْعَتِهَا كَاذِبَةٌ(2)

 Argama isheetiif kijibni hin jirtu

خَافِضَةٌ رَّافِعَةٌ(3)

 Gadi qabduu, ol fuutuudha

إِذَا رُجَّتِ الْأَرْضُ رَجًّا(4)

 Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte

وَبُسَّتِ الْجِبَالُ بَسًّا(5)

 (Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte

فَكَانَتْ هَبَاءً مُّنبَثًّا(6)

 Dhukkee facaafamtuus taate

وَكُنتُمْ أَزْوَاجًا ثَلَاثَةً(7)

 (Yeroo) Isinis garee sadi taatan

فَأَصْحَابُ الْمَيْمَنَةِ مَا أَصْحَابُ الْمَيْمَنَةِ(8)

 (Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)

وَأَصْحَابُ الْمَشْأَمَةِ مَا أَصْحَابُ الْمَشْأَمَةِ(9)

 (Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)

وَالسَّابِقُونَ السَّابِقُونَ(10)

 (Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha

أُولَٰئِكَ الْمُقَرَّبُونَ(11)

 Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota

فِي جَنَّاتِ النَّعِيمِ(12)

 Jannata qananii keessatti ta’u

ثُلَّةٌ مِّنَ الْأَوَّلِينَ(13)

 Warra duraa irraa baay’eedha

وَقَلِيلٌ مِّنَ الْآخِرِينَ(14)

 Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha

عَلَىٰ سُرُرٍ مَّوْضُونَةٍ(15)

 Sireewwan dhawamte irratti ta’u

مُّتَّكِئِينَ عَلَيْهَا مُتَقَابِلِينَ(16)

 Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu

يَطُوفُ عَلَيْهِمْ وِلْدَانٌ مُّخَلَّدُونَ(17)

 Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a

بِأَكْوَابٍ وَأَبَارِيقَ وَكَأْسٍ مِّن مَّعِينٍ(18)

 Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een

لَّا يُصَدَّعُونَ عَنْهَا وَلَا يُنزِفُونَ(19)

 Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis

وَفَاكِهَةٍ مِّمَّا يَتَخَيَّرُونَ(20)

 Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u)

وَلَحْمِ طَيْرٍ مِّمَّا يَشْتَهُونَ(21)

 Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin

وَحُورٌ عِينٌ(22)

 Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira)

كَأَمْثَالِ اللُّؤْلُؤِ الْمَكْنُونِ(23)

 Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan

جَزَاءً بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ(24)

 Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone)

لَا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا وَلَا تَأْثِيمًا(25)

 Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an

إِلَّا قِيلًا سَلَامًا سَلَامًا(26)

 “Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an)

وَأَصْحَابُ الْيَمِينِ مَا أَصْحَابُ الْيَمِينِ(27)

 Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola

فِي سِدْرٍ مَّخْضُودٍ(28)

 (Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu

وَطَلْحٍ مَّنضُودٍ(29)

 Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu)

وَظِلٍّ مَّمْدُودٍ(30)

 Gaaddisa diriirfamaa (keessa)

وَمَاءٍ مَّسْكُوبٍ(31)

 Bishaan dhangala’u (keessa)

وَفَاكِهَةٍ كَثِيرَةٍ(32)

 Fuduraalee baay’ee (keessa)

لَّا مَقْطُوعَةٍ وَلَا مَمْنُوعَةٍ(33)

 Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa)

وَفُرُشٍ مَّرْفُوعَةٍ(34)

 Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu)

إِنَّا أَنشَأْنَاهُنَّ إِنشَاءً(35)

 Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne

فَجَعَلْنَاهُنَّ أَبْكَارًا(36)

 Dubroota isaan goone

عُرُبًا أَتْرَابًا(37)

 Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone)

لِّأَصْحَابِ الْيَمِينِ(38)

 Warra mirgaatiif (qophaa’an)

ثُلَّةٌ مِّنَ الْأَوَّلِينَ(39)

 Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi

وَثُلَّةٌ مِّنَ الْآخِرِينَ(40)

 Warra boodaa irraahis baay’eedha

وَأَصْحَابُ الشِّمَالِ مَا أَصْحَابُ الشِّمَالِ(41)

 Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)

فِي سَمُومٍ وَحَمِيمٍ(42)

 Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu

وَظِلٍّ مِّن يَحْمُومٍ(43)

 Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa

لَّا بَارِدٍ وَلَا كَرِيمٍ(44)

 (Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in

إِنَّهُمْ كَانُوا قَبْلَ ذَٰلِكَ مُتْرَفِينَ(45)

 Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan

وَكَانُوا يُصِرُّونَ عَلَى الْحِنثِ الْعَظِيمِ(46)

 Dilii guddaa itti fufu turan

وَكَانُوا يَقُولُونَ أَئِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَامًا أَإِنَّا لَمَبْعُوثُونَ(47)

 “Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan

أَوَآبَاؤُنَا الْأَوَّلُونَ(48)

 “Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan)

قُلْ إِنَّ الْأَوَّلِينَ وَالْآخِرِينَ(49)

 “(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin

لَمَجْمُوعُونَ إِلَىٰ مِيقَاتِ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ(50)

 Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru

ثُمَّ إِنَّكُمْ أَيُّهَا الضَّالُّونَ الْمُكَذِّبُونَ(51)

 Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa

لَآكِلُونَ مِن شَجَرٍ مِّن زَقُّومٍ(52)

 Muka Zaqquum irraa nyaatoodha

فَمَالِئُونَ مِنْهَا الْبُطُونَ(53)

 Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha

فَشَارِبُونَ عَلَيْهِ مِنَ الْحَمِيمِ(54)

 Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha

فَشَارِبُونَ شُرْبَ الْهِيمِ(55)

 Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu

هَٰذَا نُزُلُهُمْ يَوْمَ الدِّينِ(56)

 Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti

نَحْنُ خَلَقْنَاكُمْ فَلَوْلَا تُصَدِّقُونَ(57)

 Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine

أَفَرَأَيْتُم مَّا تُمْنُونَ(58)

 Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa

أَأَنتُمْ تَخْلُقُونَهُ أَمْ نَحْنُ الْخَالِقُونَ(59)

 Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha

نَحْنُ قَدَّرْنَا بَيْنَكُمُ الْمَوْتَ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ(60)

 Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti

عَلَىٰ أَن نُّبَدِّلَ أَمْثَالَكُمْ وَنُنشِئَكُمْ فِي مَا لَا تَعْلَمُونَ(61)

 Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti)

وَلَقَدْ عَلِمْتُمُ النَّشْأَةَ الْأُولَىٰ فَلَوْلَا تَذَكَّرُونَ(62)

 Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne

أَفَرَأَيْتُم مَّا تَحْرُثُونَ(63)

 Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa

أَأَنتُمْ تَزْرَعُونَهُ أَمْ نَحْنُ الزَّارِعُونَ(64)

 Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha

لَوْ نَشَاءُ لَجَعَلْنَاهُ حُطَامًا فَظَلْتُمْ تَفَكَّهُونَ(65)

 Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan

إِنَّا لَمُغْرَمُونَ(66)

 “Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu)

بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ(67)

 “Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu)

أَفَرَأَيْتُمُ الْمَاءَ الَّذِي تَشْرَبُونَ(68)

 Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa

أَأَنتُمْ أَنزَلْتُمُوهُ مِنَ الْمُزْنِ أَمْ نَحْنُ الْمُنزِلُونَ(69)

 Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha

لَوْ نَشَاءُ جَعَلْنَاهُ أُجَاجًا فَلَوْلَا تَشْكُرُونَ(70)

 Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne

أَفَرَأَيْتُمُ النَّارَ الَّتِي تُورُونَ(71)

 Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa

أَأَنتُمْ أَنشَأْتُمْ شَجَرَتَهَا أَمْ نَحْنُ الْمُنشِئُونَ(72)

 Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha

نَحْنُ جَعَلْنَاهَا تَذْكِرَةً وَمَتَاعًا لِّلْمُقْوِينَ(73)

 Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone

فَسَبِّحْ بِاسْمِ رَبِّكَ الْعَظِيمِ(74)

 Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi

۞ فَلَا أُقْسِمُ بِمَوَاقِعِ النُّجُومِ(75)

 Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha

وَإِنَّهُ لَقَسَمٌ لَّوْ تَعْلَمُونَ عَظِيمٌ(76)

 Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha

إِنَّهُ لَقُرْآنٌ كَرِيمٌ(77)

 Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha

فِي كِتَابٍ مَّكْنُونٍ(78)

 Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira

لَّا يَمَسُّهُ إِلَّا الْمُطَهَّرُونَ(79)

 Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu

تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ(80)

 Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha

أَفَبِهَٰذَا الْحَدِيثِ أَنتُم مُّدْهِنُونَ(81)

 Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan

وَتَجْعَلُونَ رِزْقَكُمْ أَنَّكُمْ تُكَذِّبُونَ(82)

 (Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii

فَلَوْلَا إِذَا بَلَغَتِ الْحُلْقُومَ(83)

 Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)

وَأَنتُمْ حِينَئِذٍ تَنظُرُونَ(84)

 Odoo yeroo san isin ilaaltanuu

وَنَحْنُ أَقْرَبُ إِلَيْهِ مِنكُمْ وَلَٰكِن لَّا تُبْصِرُونَ(85)

 Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra

فَلَوْلَا إِن كُنتُمْ غَيْرَ مَدِينِينَ(86)

 Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa)

تَرْجِعُونَهَا إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ(87)

 Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu

فَأَمَّا إِن كَانَ مِنَ الْمُقَرَّبِينَ(88)

 Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e

فَرَوْحٌ وَرَيْحَانٌ وَجَنَّتُ نَعِيمٍ(89)

 (Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira

وَأَمَّا إِن كَانَ مِنْ أَصْحَابِ الْيَمِينِ(90)

 Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo

فَسَلَامٌ لَّكَ مِنْ أَصْحَابِ الْيَمِينِ(91)

 Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)

وَأَمَّا إِن كَانَ مِنَ الْمُكَذِّبِينَ الضَّالِّينَ(92)

 Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo

فَنُزُلٌ مِّنْ حَمِيمٍ(93)

 Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira

وَتَصْلِيَةُ جَحِيمٍ(94)

 Jahiim seenuutu isaaf jira

إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ حَقُّ الْيَقِينِ(95)

 Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha

فَسَبِّحْ بِاسْمِ رَبِّكَ الْعَظِيمِ(96)

 Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi)


More surahs in Afaan Oromoo:


Al-Baqarah Al-'Imran An-Nisa'
Al-Ma'idah Yusuf Ibrahim
Al-Hijr Al-Kahf Maryam
Al-Hajj Al-Qasas Al-'Ankabut
As-Sajdah Ya Sin Ad-Dukhan
Al-Fath Al-Hujurat Qaf
An-Najm Ar-Rahman Al-Waqi'ah
Al-Hashr Al-Mulk Al-Haqqah
Al-Inshiqaq Al-A'la Al-Ghashiyah

Download surah Al-Waqiah with the voice of the most famous Quran reciters :

surah Al-Waqiah mp3 : choose the reciter to listen and download the chapter Al-Waqiah Complete with high quality
surah Al-Waqiah Ahmed El Agamy
Ahmed Al Ajmy
surah Al-Waqiah Bandar Balila
Bandar Balila
surah Al-Waqiah Khalid Al Jalil
Khalid Al Jalil
surah Al-Waqiah Saad Al Ghamdi
Saad Al Ghamdi
surah Al-Waqiah Saud Al Shuraim
Saud Al Shuraim
surah Al-Waqiah Abdul Basit Abdul Samad
Abdul Basit
surah Al-Waqiah Abdul Rashid Sufi
Abdul Rashid Sufi
surah Al-Waqiah Abdullah Basfar
Abdullah Basfar
surah Al-Waqiah Abdullah Awwad Al Juhani
Abdullah Al Juhani
surah Al-Waqiah Fares Abbad
Fares Abbad
surah Al-Waqiah Maher Al Muaiqly
Maher Al Muaiqly
surah Al-Waqiah Muhammad Siddiq Al Minshawi
Al Minshawi
surah Al-Waqiah Al Hosary
Al Hosary
surah Al-Waqiah Al-afasi
Mishari Al-afasi
surah Al-Waqiah Yasser Al Dosari
Yasser Al Dosari


Tuesday, February 11, 2025

لا تنسنا من دعوة صالحة بظهر الغيب