Suuratu Ar-Rum Arabiffaa fi Oromoo

Suuratu Ar-Rum hiikkaa guutuu Afaan Oromoo fi sagalee qara'uu wajjin dubbisi. (60 Aayah — مكية). Ar-Rum Caqasi, Ar-Rum Hiikkaa, Ar-Rum mp3, Ar-Rum pdf.

Suuratu Ar-Rum Dubbisi fi Caqasi

🎧 Aayah
M Mishary Rashid Alafasy
M Mahmoud Khalil Al-Husary
A Abdurrahman As-Sudais
M Mohamed Siddiq Al-Minshawi
A Abdul Basit Abdul Samad
A Ali Al-Hudhaify
A Ahmed ibn Ali al-Ajamy
A Abu Bakr Ash-Shaatree
M Muhammad Ayyoub
A Abdullah Basfar
A Abdullah Al-Juhani
M Maher Al Muaiqly
x1
الم ۝١
📖 Hiikkaa Aayah 1
Alif Laam Miim
غُلِبَتِ الرُّومُ ۝٢
📖 Hiikkaa Aayah 2
Roomaan injifatamte
فِي أَدْنَى الْأَرْضِ وَهُم مِّن بَعْدِ غَلَبِهِمْ سَيَغْلِبُونَ ۝٣
📖 Hiikkaa Aayah 3
Irra dhihoo dachii keessatti (injifataman)Isaanis mo’atamuu isaanii booda fuulduratti ni mo’atu
فِي بِضْعِ سِنِينَ ۗ لِلَّهِ الْأَمْرُ مِن قَبْلُ وَمِن بَعْدُ ۚ وَيَوْمَئِذٍ يَفْرَحُ الْمُؤْمِنُونَ ۝٤
📖 Hiikkaa Aayah 4
Waggoota muraasa keessatti (moo’atu)Murtiin dhimma duraas ta’ee boodaa kan RabbiitiGuyyaa san mu’uminoonni ni gammadu
بِنَصْرِ اللَّهِ ۚ يَنصُرُ مَن يَشَاءُ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ ۝٥
📖 Hiikkaa Aayah 5
Tumsa Allaahtiin (gammadu)(Rabbiin) nama fedhe ni tumsaInni injifataa, rahmata godhaadha
وَعْدَ اللَّهِ ۖ لَا يُخْلِفُ اللَّهُ وَعْدَهُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ ۝٦
📖 Hiikkaa Aayah 6
Waadaa Rabbii (Rabbiin beellame)Rabbiin waadaa isaa hin diiguGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu
يَعْلَمُونَ ظَاهِرًا مِّنَ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَهُمْ عَنِ الْآخِرَةِ هُمْ غَافِلُونَ ۝٧
📖 Hiikkaa Aayah 7
Isaan jireenya addunyaa irraa gubbuma beekuIsaan Aakhiraa irraa immoo daguu keessa jiru
أَوَلَمْ يَتَفَكَّرُوا فِي أَنفُسِهِم ۗ مَّا خَلَقَ اللَّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا إِلَّا بِالْحَقِّ وَأَجَلٍ مُّسَمًّى ۗ وَإِنَّ كَثِيرًا مِّنَ النَّاسِ بِلِقَاءِ رَبِّهِمْ لَكَافِرُونَ ۝٨
📖 Hiikkaa Aayah 8
Sila lubbuma isaanii keessatti Rabbiin samiifi dachii, akkasumas wantoota isaan lamaan gidduu jiranu, haqaafi beellama beekamaadhaan malee hin uumne jechuu gadi fageenyaan hin xiinxallee? Dhugumatti, irra hedduun namootaa qunnamtii Gooftaa isaaniitti kafaroodha
أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً وَأَثَارُوا الْأَرْضَ وَعَمَرُوهَا أَكْثَرَ مِمَّا عَمَرُوهَا وَجَاءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ ۖ فَمَا كَانَ اللَّهُ لِيَظْلِمَهُمْ وَلَٰكِن كَانُوا أَنفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ ۝٩
📖 Hiikkaa Aayah 9
Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Humnaan isaan irra cimoo turanDachiis qotanii waan isaan (warri Makkaa) misoomsan irra hedduu misoomsaniiruErgamtoonni isaaniis ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufanDhugumatti, Rabbiin kan isaan miidhu hin taaneGaruu isaan lubbuu isaanii kan miidhan ta’an
ثُمَّ كَانَ عَاقِبَةَ الَّذِينَ أَسَاءُوا السُّوأَىٰ أَن كَذَّبُوا بِآيَاتِ اللَّهِ وَكَانُوا بِهَا يَسْتَهْزِئُونَ ۝١٠
📖 Hiikkaa Aayah 10
Sana booda booddeen isaan hamtuu dalaganii, sababa waan isaan keeyyattoota Rabbii sobsiisaniifi isheettis kan qishnaa godhan ta’aniif (adabbii) fokkataa ta’e
اللَّهُ يَبْدَأُ الْخَلْقَ ثُمَّ يُعِيدُهُ ثُمَّ إِلَيْهِ تُرْجَعُونَ ۝١١
📖 Hiikkaa Aayah 11
Rabbiin uuminsa ni jalqabaSana booda isa ni deebisaSana booda gara Isaa deebifamtu
وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ يُبْلِسُ الْمُجْرِمُونَ ۝١٢
📖 Hiikkaa Aayah 12
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattus, badii raawwattoonni abdii kutatu
وَلَمْ يَكُن لَّهُم مِّن شُرَكَائِهِمْ شُفَعَاءُ وَكَانُوا بِشُرَكَائِهِمْ كَافِرِينَ ۝١٣
📖 Hiikkaa Aayah 13
Warra isaan Rabbitti dabalan irraa jaarsi araaraa isaaniif hin argamuIsaanis waan isaan Rabbitti qindeessaa turanitti kafaroota (mormitoota) ta’u
وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ يَوْمَئِذٍ يَتَفَرَّقُونَ ۝١٤
📖 Hiikkaa Aayah 14
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattus, guyyaa san (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahu
فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَهُمْ فِي رَوْضَةٍ يُحْبَرُونَ ۝١٥
📖 Hiikkaa Aayah 15
Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaan caffee (jannata) keessatti gammachiifamu
وَأَمَّا الَّذِينَ كَفَرُوا وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا وَلِقَاءِ الْآخِرَةِ فَأُولَٰئِكَ فِي الْعَذَابِ مُحْضَرُونَ ۝١٦
📖 Hiikkaa Aayah 16
Warri kafaranii keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa sobsiisan immoo, isaan sun adabbii keessa fidamoodha
فَسُبْحَانَ اللَّهِ حِينَ تُمْسُونَ وَحِينَ تُصْبِحُونَ ۝١٧
📖 Hiikkaa Aayah 17
Yeroo dhiisifattaniifi yeroo bariisifattanis, qulqullina isaan malu Allaah (qulqulleessaa)
وَلَهُ الْحَمْدُ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَعَشِيًّا وَحِينَ تُظْهِرُونَ ۝١٨
📖 Hiikkaa Aayah 18
Samiifi dachii keessattis faaruun hundi kan Isaati; waaree boodaafi yeroo waareetti seentanis isa faarsaa
يُخْرِجُ الْحَيَّ مِنَ الْمَيِّتِ وَيُخْرِجُ الْمَيِّتَ مِنَ الْحَيِّ وَيُحْيِي الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ وَكَذَٰلِكَ تُخْرَجُونَ ۝١٩
📖 Hiikkaa Aayah 19
(Inni) jiraa du’aa irraa baasa; du’aas jiraa irraa baasaDachiis erga isheen duutee booda jiraachisaAkkuma kanatti kaafamtu
وَمِنْ آيَاتِهِ أَنْ خَلَقَكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ إِذَا أَنتُم بَشَرٌ تَنتَشِرُونَ ۝٢٠
📖 Hiikkaa Aayah 20
(Rabbiin) biyyee irraa isin (abbaa keessan) uumuufi san booda isin yeroma san namoota dachii keessa faffaca’u ta’uun mallattoolee isaa irraayyi
وَمِنْ آيَاتِهِ أَنْ خَلَقَ لَكُم مِّنْ أَنفُسِكُمْ أَزْوَاجًا لِّتَسْكُنُوا إِلَيْهَا وَجَعَلَ بَيْنَكُم مَّوَدَّةً وَرَحْمَةً ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّقَوْمٍ يَتَفَكَّرُونَ ۝٢١
📖 Hiikkaa Aayah 21
Lubbuma keessan irraa akka gara isaaniitti boqottaniif haadholee manaa isiniif uumuufi gidduu keessanittis jaalalaafi mararfannaa gochuun mallattoolee Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira
وَمِنْ آيَاتِهِ خَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَاخْتِلَافُ أَلْسِنَتِكُمْ وَأَلْوَانِكُمْ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّلْعَالِمِينَ ۝٢٢
📖 Hiikkaa Aayah 22
Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan waldhabuunis mallattoo Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa aalama hundaaf mallattooleetu jiru
وَمِنْ آيَاتِهِ مَنَامُكُم بِاللَّيْلِ وَالنَّهَارِ وَابْتِغَاؤُكُم مِّن فَضْلِهِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّقَوْمٍ يَسْمَعُونَ ۝٢٣
📖 Hiikkaa Aayah 23
Hirribni keessan kan halkaniifi guyyaa, tola isaa irraa barbaaddachuun keessanis mallattoolee (dandeettii) Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota dhagahaniif mallattooleetu jira
وَمِنْ آيَاتِهِ يُرِيكُمُ الْبَرْقَ خَوْفًا وَطَمَعًا وَيُنَزِّلُ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَيُحْيِي بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّقَوْمٍ يَعْقِلُونَ ۝٢٤
📖 Hiikkaa Aayah 24
Akka (bakakkaa) sodaattaniifi (roobas) kajeeltaniif hangaasuu isin agarsiisuu, bishaan samii irraa buusuufi booda isheen duutee dachii ittiin jiraachisuun, mallattoolee dandeettii isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota sammuu qabaniif mallattooleetu jira
وَمِنْ آيَاتِهِ أَن تَقُومَ السَّمَاءُ وَالْأَرْضُ بِأَمْرِهِ ۚ ثُمَّ إِذَا دَعَاكُمْ دَعْوَةً مِّنَ الْأَرْضِ إِذَا أَنتُمْ تَخْرُجُونَ ۝٢٥
📖 Hiikkaa Aayah 25
Samiifi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuun, sana booda yeroo Inni dachii irraa waamicha tokko isin waame, yeroma san isin (awwaala keessaa) bahuun mallattoolee isaa irraayyi
وَلَهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ كُلٌّ لَّهُ قَانِتُونَ ۝٢٦
📖 Hiikkaa Aayah 26
Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi kan IsaatiHunduu Isaaf ajajamu
وَهُوَ الَّذِي يَبْدَأُ الْخَلْقَ ثُمَّ يُعِيدُهُ وَهُوَ أَهْوَنُ عَلَيْهِ ۚ وَلَهُ الْمَثَلُ الْأَعْلَىٰ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ ۝٢٧
📖 Hiikkaa Aayah 27
Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda kan isa deebisuudhaInni isa irratti akkaan laafaadhaDachiifi samii keessa sifaata ol aanaatu Isaaf jiraInni injifataa ogeessa
ضَرَبَ لَكُم مَّثَلًا مِّنْ أَنفُسِكُمْ ۖ هَل لَّكُم مِّن مَّا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُم مِّن شُرَكَاءَ فِي مَا رَزَقْنَاكُمْ فَأَنتُمْ فِيهِ سَوَاءٌ تَخَافُونَهُمْ كَخِيفَتِكُمْ أَنفُسَكُمْ ۚ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ الْآيَاتِ لِقَوْمٍ يَعْقِلُونَ ۝٢٨
📖 Hiikkaa Aayah 28
(Rabbiin) lubbuma keessan irraa fakkeenya isiniif taasiseSila waan harki mirgaa keessan horatte (Gabroota keessan) irraa soorata isiniif kennine keessatti shariikni isin isa (sooraticha) keessatti walqixa taatanii akka lubbuu keessan (nama gita keessanii) sodaattanitti isa sodaattan, isiniif ni jiraa? Akka kanatti namoota sammuu qabaniif keeyyattoota addeessina
بَلِ اتَّبَعَ الَّذِينَ ظَلَمُوا أَهْوَاءَهُم بِغَيْرِ عِلْمٍ ۖ فَمَن يَهْدِي مَنْ أَضَلَّ اللَّهُ ۖ وَمَا لَهُم مِّن نَّاصِرِينَ ۝٢٩
📖 Hiikkaa Aayah 29
Dhugumatti, isaan miidhaa hojjatan beekumsaan ala fedha lubbuu isaanii hordofanNama Rabbiin jallise eenyutu isa qajeelcha? Gargaartonni isaaniif hin jiranu
فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ ۝٣٠
📖 Hiikkaa Aayah 30
(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessiUumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa)Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiruSantu amantii qajeelaadhaGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu
۞ مُنِيبِينَ إِلَيْهِ وَاتَّقُوهُ وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَلَا تَكُونُوا مِنَ الْمُشْرِكِينَ ۝٣١
📖 Hiikkaa Aayah 31
Gara Isaatti deebi’oo ta’uun (diinii Isaa qabadhaa); Isa sodaadhaaSalaatas (haqaan) sagadaaMushrikoota irraa hin ta’inaa
مِنَ الَّذِينَ فَرَّقُوا دِينَهُمْ وَكَانُوا شِيَعًا ۖ كُلُّ حِزْبٍ بِمَا لَدَيْهِمْ فَرِحُونَ ۝٣٢
📖 Hiikkaa Aayah 32
Isaan amantii isaanii gargar qoqqoodaniifi garee garee ta’an irraas (hin ta’inaa)Gareen hunduu waan isaan bira jirutti gammadu
وَإِذَا مَسَّ النَّاسَ ضُرٌّ دَعَوْا رَبَّهُم مُّنِيبِينَ إِلَيْهِ ثُمَّ إِذَا أَذَاقَهُم مِّنْهُ رَحْمَةً إِذَا فَرِيقٌ مِّنْهُم بِرَبِّهِمْ يُشْرِكُونَ ۝٣٣
📖 Hiikkaa Aayah 33
Namoonni yeroo rakkoon isaan tuqu gara Isaatti tawbaa deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatuSana booda yeroo inni rahmata Isa biraa ta’e isaan dhandhamsiise immoo, yeroma san gareen isaan irraa ta’e Rabbii isaaniitti (wanta biraa) qindeessu
لِيَكْفُرُوا بِمَا آتَيْنَاهُمْ ۚ فَتَمَتَّعُوا فَسَوْفَ تَعْلَمُونَ ۝٣٤
📖 Hiikkaa Aayah 34
Waan isaaniif kenninetti kafaruuf (kana godhu)(Dhugaa) fuuladuratti ni beektuu (addunyaa irratti) qanani’aa
أَمْ أَنزَلْنَا عَلَيْهِمْ سُلْطَانًا فَهُوَ يَتَكَلَّمُ بِمَا كَانُوا بِهِ يُشْرِكُونَ ۝٣٥
📖 Hiikkaa Aayah 35
Sila nuti ragaa kan waan isaan (Rabbitti) qindeessan dubbatu isaan irratti hin buufnee
وَإِذَا أَذَقْنَا النَّاسَ رَحْمَةً فَرِحُوا بِهَا ۖ وَإِن تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ إِذَا هُمْ يَقْنَطُونَ ۝٣٦
📖 Hiikkaa Aayah 36
Yeroo namoota rahmata dhandhamsiifne isheetti gammaduyeroo sababa waan harki isaanii dabarsitee (hojjattee)tiin hamtuun wahii isaan tuqxe immoo yeroma san abdii muratu
أَوَلَمْ يَرَوْا أَنَّ اللَّهَ يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَن يَشَاءُ وَيَقْدِرُ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ ۝٣٧
📖 Hiikkaa Aayah 37
Sila akka Rabbiin nama fedheef soorata bal’isuufi (nama fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira
فَآتِ ذَا الْقُرْبَىٰ حَقَّهُ وَالْمِسْكِينَ وَابْنَ السَّبِيلِ ۚ ذَٰلِكَ خَيْرٌ لِّلَّذِينَ يُرِيدُونَ وَجْهَ اللَّهِ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ ۝٣٨
📖 Hiikkaa Aayah 38
Nama firaa, hiyyeessaafi kara deemaafis haqa isaa kenniIsaan fuula Rabbii kajeelaniif kanatu caalaIsaan sun isaanumatu milkaa’oodha
وَمَا آتَيْتُم مِّن رِّبًا لِّيَرْبُوَ فِي أَمْوَالِ النَّاسِ فَلَا يَرْبُو عِندَ اللَّهِ ۖ وَمَا آتَيْتُم مِّن زَكَاةٍ تُرِيدُونَ وَجْهَ اللَّهِ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُضْعِفُونَ ۝٣٩
📖 Hiikkaa Aayah 39
Wanti dhala irraa qabeenya namaa keessatti haa dhaluuf isin kennitan Rabbiin biratti homaa hin dhaluGaruu zakaa irraa wanti isin fuula Rabbii feetanii kennitan, (isatu isiniif dhala)Jarri sun (kennattoonni) isaantu (mindaa) dachaa argamsiisoodha
اللَّهُ الَّذِي خَلَقَكُمْ ثُمَّ رَزَقَكُمْ ثُمَّ يُمِيتُكُمْ ثُمَّ يُحْيِيكُمْ ۖ هَلْ مِن شُرَكَائِكُم مَّن يَفْعَلُ مِن ذَٰلِكُم مِّن شَيْءٍ ۚ سُبْحَانَهُ وَتَعَالَىٰ عَمَّا يُشْرِكُونَ ۝٤٠
📖 Hiikkaa Aayah 40
Allaahn Isa isin uumeSan booda kan soorata isiniif kenneSana booda isin ajjeesaSana booda isin jiraachisaSila warra isin Rabbitti (qindeessitan) irraa kan wantoota kanneen irraa waan tokko dalagan ni jiruu? (Rabbiin) wantoota isaan isatti qindeessan hunda irraa qulqullaa’ee ol ta’e
ظَهَرَ الْفَسَادُ فِي الْبَرِّ وَالْبَحْرِ بِمَا كَسَبَتْ أَيْدِي النَّاسِ لِيُذِيقَهُم بَعْضَ الَّذِي عَمِلُوا لَعَلَّهُمْ يَرْجِعُونَ ۝٤١
📖 Hiikkaa Aayah 41
Garii waan isaan dalaganii akka isaan dhandhamsiisnuuf jecha, sababa waan harki namaa hojjatteetiin dachiifi galaana keessattis badiin mul’ateDeebi’uun isaaniis ni kajeelama
قُلْ سِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَانظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلُ ۚ كَانَ أَكْثَرُهُم مُّشْرِكِينَ ۝٤٢
📖 Hiikkaa Aayah 42
(Yaa Muhammad!) “dachii keessa deemaa; booddeen warra isiniin duraas akkam akka ta’e ilaalaa; irra hedduun isaaniis mushrikoota turan” jedhiin
فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ الْقَيِّمِ مِن قَبْلِ أَن يَأْتِيَ يَوْمٌ لَّا مَرَدَّ لَهُ مِنَ اللَّهِ ۖ يَوْمَئِذٍ يَصَّدَّعُونَ ۝٤٣
📖 Hiikkaa Aayah 43
Guyyaan deebi’uun isaaf hin jirre odoo hin dhufne dura fuula kee amantii sirrii ta’eef sirreessiGuyyaa san (gara jannataafi ibiddaatti) qoodamu
مَن كَفَرَ فَعَلَيْهِ كُفْرُهُ ۖ وَمَنْ عَمِلَ صَالِحًا فَلِأَنفُسِهِمْ يَمْهَدُونَ ۝٤٤
📖 Hiikkaa Aayah 44
Nama kafare kufriin isaa isuma irratti ta’aNamoonni dalagaa gaarii hojjatanis, lubbuma isaaniitiif qopheeffatu
لِيَجْزِيَ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ مِن فَضْلِهِ ۚ إِنَّهُ لَا يُحِبُّ الْكَافِرِينَ ۝٤٥
📖 Hiikkaa Aayah 45
Isaan amananii hojiiwwan gaggaarii dalagan tola Isaa irraa akka mindeessuuf (kana hojjate)Dhugumatti, Inni kaafiroota hin jaallatu
وَمِنْ آيَاتِهِ أَن يُرْسِلَ الرِّيَاحَ مُبَشِّرَاتٍ وَلِيُذِيقَكُم مِّن رَّحْمَتِهِ وَلِتَجْرِيَ الْفُلْكُ بِأَمْرِهِ وَلِتَبْتَغُوا مِن فَضْلِهِ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ ۝٤٦
📖 Hiikkaa Aayah 46
Rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuf, dooniinis ajaja Isaatiin akka deemtuuf, tola Isaa irraas akka barbaaddattaniifi akka Isa galateeffattaniif, gammachiiftuu taasisee qilleensa erguun Isaa mallattoolee Isaa irraayyi
وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ رُسُلًا إِلَىٰ قَوْمِهِمْ فَجَاءُوهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَانتَقَمْنَا مِنَ الَّذِينَ أَجْرَمُوا ۖ وَكَانَ حَقًّا عَلَيْنَا نَصْرُ الْمُؤْمِنِينَ ۝٤٧
📖 Hiikkaa Aayah 47
Dhugumatti, si duras ergamtoota gara ummatoota isaaniitti erginee jirraIsaanis ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufanii jiruIsaan daangaa dabran irraas haaloo bahanneMu’uminoota gargaaruun immoo haqa Nurratti ta’eera
اللَّهُ الَّذِي يُرْسِلُ الرِّيَاحَ فَتُثِيرُ سَحَابًا فَيَبْسُطُهُ فِي السَّمَاءِ كَيْفَ يَشَاءُ وَيَجْعَلُهُ كِسَفًا فَتَرَى الْوَدْقَ يَخْرُجُ مِنْ خِلَالِهِ ۖ فَإِذَا أَصَابَ بِهِ مَن يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ إِذَا هُمْ يَسْتَبْشِرُونَ ۝٤٨
📖 Hiikkaa Aayah 48
Rabbiin Isa qilleensa erginaan duumessa sochooftuudha; akka fedhetti samii keessa ni bittinneessa; addaan kukkutamaas isa taasisaRoobas kan gidduu isaatii bahu argitaYeroo ittiin (rooba sanaan) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu
وَإِن كَانُوا مِن قَبْلِ أَن يُنَزَّلَ عَلَيْهِم مِّن قَبْلِهِ لَمُبْلِسِينَ ۝٤٩
📖 Hiikkaa Aayah 49
Odoo (roobni) isaan irratti hin bu’in dura immoo, sana dura dhugumatti abdii murattoota turan
فَانظُرْ إِلَىٰ آثَارِ رَحْمَتِ اللَّهِ كَيْفَ يُحْيِي الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمُحْيِي الْمَوْتَىٰ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ ۝٥٠
📖 Hiikkaa Aayah 50
Gara faana rahmata Rabbii, akka (inni) erga isheen duutee booda dachii jiraachisu ilaaliDhugumatti [Rabbiin] Sun du’aawwan ni jiraachisaInni waan hunda irratti danda’aadha
وَلَئِنْ أَرْسَلْنَا رِيحًا فَرَأَوْهُ مُصْفَرًّا لَّظَلُّوا مِن بَعْدِهِ يَكْفُرُونَ ۝٥١
📖 Hiikkaa Aayah 51
Dhugumatti, odoo bubbee (oyruu isaaniitti) erginee daalacha ta’ee isa arganii, silaa booda isaatii (tola kiyyatti) kan kafaran ta’u
فَإِنَّكَ لَا تُسْمِعُ الْمَوْتَىٰ وَلَا تُسْمِعُ الصُّمَّ الدُّعَاءَ إِذَا وَلَّوْا مُدْبِرِينَ ۝٥٢
📖 Hiikkaa Aayah 52
(Yaa Muhammad!) ati du’aa hin dhageessiftuNama duudaawwanis yeroo isaan of duuba deebi’anii garagalan waamicha hin dhageessiftu
وَمَا أَنتَ بِهَادِ الْعُمْيِ عَن ضَلَالَتِهِمْ ۖ إِن تُسْمِعُ إِلَّا مَن يُؤْمِنُ بِآيَاتِنَا فَهُم مُّسْلِمُونَ ۝٥٣
📖 Hiikkaa Aayah 53
(Yaa Muhammad!) ati jaamaawwan jallina isaa irraa kan isaan qajeelchitu hin taane(Ati) namoota Rabbiif ajajamoo ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee (warra biraa) hin dhageessiftu
۞ اللَّهُ الَّذِي خَلَقَكُم مِّن ضَعْفٍ ثُمَّ جَعَلَ مِن بَعْدِ ضَعْفٍ قُوَّةً ثُمَّ جَعَلَ مِن بَعْدِ قُوَّةٍ ضَعْفًا وَشَيْبَةً ۚ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ ۖ وَهُوَ الْعَلِيمُ الْقَدِيرُ ۝٥٤
📖 Hiikkaa Aayah 54
Rabbiin isa (bishaan) laafaa irraa isin uumee, sana booda laafina boodaan cimina taasisee; sana booda cimina boodaan laafinaafi arrii taasiseedhaWaan barbaades ni uumaInnis beekaa danda’aadha
وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ يُقْسِمُ الْمُجْرِمُونَ مَا لَبِثُوا غَيْرَ سَاعَةٍ ۚ كَذَٰلِكَ كَانُوا يُؤْفَكُونَ ۝٥٥
📖 Hiikkaa Aayah 55
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aatii tokko malee (addunyaa irra) hin turre (jedhanii) kakatuAkkuma kanatti (haqa irraa) kan gara galfaman turan
وَقَالَ الَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ وَالْإِيمَانَ لَقَدْ لَبِثْتُمْ فِي كِتَابِ اللَّهِ إِلَىٰ يَوْمِ الْبَعْثِ ۖ فَهَٰذَا يَوْمُ الْبَعْثِ وَلَٰكِنَّكُمْ كُنتُمْ لَا تَعْلَمُونَ ۝٥٦
📖 Hiikkaa Aayah 56
Isaan beekumsaafi iimaana kennaman immoo “dhugumatti, isin akkuma kitaaba Rabbii keessatti (murtaa’etti,) hanga guyyaa kaafamaatti turtaniittuKunis guyyaa kaafamaatiGaruu isin (dhufuu isaa) hin beektanu turtan.”
فَيَوْمَئِذٍ لَّا يَنفَعُ الَّذِينَ ظَلَمُوا مَعْذِرَتُهُمْ وَلَا هُمْ يُسْتَعْتَبُونَ ۝٥٧
📖 Hiikkaa Aayah 57
Guyyaa san warra miidhaa hojjatan rakkoo himachuun isaanii (isaan) hin fayyaduIsaan ceephoos hin buufachiifamanu
وَلَقَدْ ضَرَبْنَا لِلنَّاسِ فِي هَٰذَا الْقُرْآنِ مِن كُلِّ مَثَلٍ ۚ وَلَئِن جِئْتَهُم بِآيَةٍ لَّيَقُولَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا إِنْ أَنتُمْ إِلَّا مُبْطِلُونَ ۝٥٨
📖 Hiikkaa Aayah 58
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti namootaaf fakkeenya hunda irraa taasifnee jirraGaruu (Yaa Muhammad!) yoo ati mallattoo wahiitiin isaan itti dhufte warri kafaran “isin kijibdoota malee waan biraa hin taane” jedhu
كَذَٰلِكَ يَطْبَعُ اللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِ الَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ ۝٥٩
📖 Hiikkaa Aayah 59
Akka kanatti Allaahn onnee warra haqa hin beeknee irratti cufaa godha
فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ وَلَا يَسْتَخِفَّنَّكَ الَّذِينَ لَا يُوقِنُونَ ۝٦٠
📖 Hiikkaa Aayah 60
(Yaa Muhammad!) ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaIsaan (Qiyaamaa) hin dhugoomsine akka si hin xiqqeessine
← 29 Ar-Rum (30/114) 31 →
Dubbisi Suuratu Ar-Rum Afaan Oromoo – Hiikkaa fi Sagalee

30الروم Ar-Rum 📚 60 Aayah مكية

Aayah amma aayah – Suuratu Ar-Rum — 60 Aayah




Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers