Suuratu Muhammad pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Muhammad pdf Oromo — Buufi Suuratu Muhammad Hiikkaa. Suuratu Muhammad (Medinan) 38 Aayah.
Related
- Suuratu Muhammad HiikkaaOromo
- Suuratu Muhammad mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Muhammad

ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙ
47:1
Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
47:2
Warra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ jechuu amanan, (Rabbiin) dilii isaanii isaan irraa haqeeti, haala isaaniis tolche
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
47:3
Kun waan warri kafaran dhara bu’ura hin qabne hordofaniifi warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii biraa ta’e hordofaniifiAkka kanatti Rabbiin fakkeenya isaanii ilma namaatiif taasisa
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
47:4
Yeroo warra kafare qunnamtan morma dhawaaYeroo isaan baay’ee ajjeeftan, hidhaa jabeessaaSana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa)Dubbiin kanaRabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahataGaruu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jechaWarra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu
ﮫﮬﮭﮮ
47:5
Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha
ﮯﮰﮱﯓﯔ
47:6
Jannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
47:7
Yaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isin tumsaFaana keessanis gadi dhaaba
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
47:8
Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha(Rabbiin) dalagaa (hojii) isaaniis ni balleessa
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
47:9
Kun waan isaan (Qur’aana) Rabbiin buuse jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii duraa balleesse
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
47:10
Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan duraa maal akka ta’e hin ilaallee? Rabbiin guutumatti isaan barbadeesseKaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎ
47:11
Kun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafirootaaf immoo gargaaraan waan hin jirreefi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
47:12
Rabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannata laggeen isaan keessa yaa’u seensisaWarri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa jiraatanIbiddi bakka jireenya isaaniiti
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
47:13
Baay’ee magaalotaa, kan magaalaa kee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirraHomaa tumsaan isaaniif hin jiru
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
47:14
Sila inni ragaa ifa ba’aa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee, fedha lubbuu isaanii hordofanii ni ta’aa
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
47:15
Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaataniif waadaa galamee (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’e, laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa ta’etu jiraAmmas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira(Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
47:16
Isaan irraa namoota si dhaggeeffatee yeroo si biraa gadi bahe, warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?” jedhantu jiraIsaan sun warra qalbii isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhii isaanii hordofaniidha
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
47:17
Isaan karaa qajeelaa hordofan, (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
47:18
Sila (Qiyaaman) tasa isaanitti dhufuu malee maal eegu? Mallattooleen ishee dhufaniiruYeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a
ﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙ
47:19
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki; dilii keetiifis araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu)Rabbiin sochii keessaniifi iddoo isin qubattanis ni beeka
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
47:20
Warri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhuYeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onnee isaanii keessa dhukkubni jiru ilaalcha nama machii du’aa keessa jiruu kan gara kee ilaalu argitaBadiin isaaniif haa ta’u
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
47:21
Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala)Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
47:22
Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
47:23
Isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ija isaaniis jaamseedha
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
47:24
Sila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onnee isaanii irra cufaa isheetu jira
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
47:25
Isaan erga karaan qajeelaan ifa isaaniif ta’ee booda duubatti jedhan, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
47:26
Kun waan isaan warra waan Rabbiin buuse jibbaniin “dhimma garii keessatti ajaja keessan fudhanna” jedhaniifRabbiin iccitii isaanii ni beeka
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
47:27
Yeroo maleeykonni fuula isaaniitiifi dugda isaanii rukutuun isaan ajjeesan akkam tahuu taa’an
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
47:28
Kun waan isaan wanta Rabbiin dallansiisu hordofanii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
47:29
Sila warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa garaa isaanii keessa jiru hin baasuu yaadanii
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
47:30
Odoo feenee isaan sitti argisiifneeti, mallattoolee isaanitiin isaan beekta turteErgaa jechootaatiinis isaan ni beektaRabbiin dalagaa keessan ni beeka
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
47:31
Hanga qabsaa’otaafi obsitoota isin irraa adda baafnee, oduu keessanis hanga mul’ifnutti isin mokkorra
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
47:32
Isaan kafaranii karaa Rabbii irraa dhorgan, erga karaan qajeelaan isaaniif ifa ta’e booda ergamaa (Rabbii) faallessan, homaa Rabbiin hin miidhanu(Rabbiin) dalagaa isaanii balleessuuf jira
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
47:33
Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamaa (Isaatifis) ajajamaa; dalagaawwan keessanis hin balleessinaa
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
47:34
Isaan kafaranii (namoota) karaa Rabbii irraa dhorganii ergasii kafaroo ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
47:35
Hin dadhabinaa; haala isinumti gubbaa aantanii jirtanuun gara araaramaatti hin waaminaaRabbiin isin waliin jira; (mindaa) dalagaa keessaniis hin hir’isu
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
47:36
Jireenyi addunyaa taphaafi yeroo dabarfannaadhaYoo amantanii Rabbiin sodaattan mindaa keessan isiniif kenna; qabeenya keessan isin hin gaafatu
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
47:37
Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) iccitii keessan ni baasa
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
47:38
Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtuIsin irraa nama doynoomuutu jiraNamni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irrattiRabbiin dureessa; isintu hiyyeeyyiidhaYoo duubatti deebitanis, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusaIsaan ergasii akka keessan hin ta’an
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







