Suuratu Al-Mujadilah
PDF —
Built right in your browser — download starts automatically
Suuratu Al-Mujadilah pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-Mujadilah pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-Mujadilah Hiikkaa. Al-Mujadilah (Medinan) 22 Aayah.
Related
- Al-Mujadilah HiikkaaOromo
- Al-Mujadilah mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-Mujadilah

ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
Dhugumatti Rabbiin jecha ishee waaee abbaa manaa ishee keessatti siin wal –falmituufi gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu dhagaeeraRabbiinis falmii keessan lamaan ni dhagaaDhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii mitiHaadholiin isaanii isaanuma isaan daan sana qofaDhugumatti, isaan jecha irraa isa fokkataafi soba tae dubbatuDhugumatti Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhan keessa deebianus, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jiraKana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin tume)Rabbiinis waan isin hojjattan keessa beekaadha
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
Namni hin argatinis, odoo wal hin tuqin dura jioota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jiraNamni (kanas) hin dandain, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qabaKun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifiAkkasumas, isheen kun daangaa RabbiitiKaafirootafis adabbii laaleessaa taetu jira
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
Odoo Nuti dhugumaan ragaa ifaa buufnee jirruu warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiruKaafirootaafis adabbii xiqqeessaatu jira
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu](Isaan) kan dagatan ta’anii Rabbiin beekee galmeesseraRabbiinis waan hunda irratti ragaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
Sila Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku tauu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti, Inni afraffaa isaanii tau malee hin argamu, giddu namoota shaniittis Inni jahaffaa isaanii tau malee, giddu namoota sanaa gadiis taee kan sanaa olii iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee (hin argamu)Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti beekaadha
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
Sila gara warra iccitii (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamanii deebianii, akkasumas badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti wal mariatanuu hin ilaallee? Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatuLubbuu isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) "dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne?" jedhuJahannam isaaniif gaaadha; ishee seenuDeebichi (isaanii) waa fokkate
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mariatinaatii toltuufi sodaa Rabbii irratti mariadhaaRabbii gara Isaatti oofamtanis sodaadhaa
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
Dhugumatti, iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi(Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata)Eeyyama Rabbiitiin alas waan tokkollee isaan hin miidhuMu’uminoonnis Rabbiin qofa irratti haa hirkatan
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗ
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumma keessa waliif babalisaa isiniin jedhame waliif babalisaa; Rabbiin isiniif balisaaYeroo kaaa jedhames kaaaRabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay’ee isaan ol kaasaRabbiinis waan isin hojjattan keessa Beekaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa heddu dursaa (kennaa)Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadhaYoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo, dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaa dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheeraSalaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaaRabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Sila gara Isaan namoota Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; odoo beekanuu kijiba irratti kakatu
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
Rabbiin adabbii cimaa isaanif qopheessee jiraDhugumatti, isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
Kakuu isaanii gaachena taasifatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuKanaafuu, isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
Qabeenyi isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa wama tokko isaan hin duroomsanuIsaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu sana akkuma isiniif kakataa turan Isaafis (Rabbiifis) kakatuWaan (haqa) wahii irra jiran of seuDhagayaa! dhugumatti, isaanumatu sobdoota
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
Sheyxaanni isaan irratti mooee faaruu Rabbii isaan dagachiiseeraIsaan garee sheyxaanatiDhagaaa! Dhugumatti, gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha
ﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra gadi aanoo keessa ta’u
ﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝ
Rabbiin "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni moanna" (jechuun) murteesseeraDhugumatti, Rabbiin Jabaa, Injifataadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii taanillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argituIsaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa taeenis isaan jabeesseeraJannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala taaniin isaan seensisaRabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruIsaan garee RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







