Suuratu Al-An'am pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-An'am pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-An'am Hiikkaa. Suuratu Al-An'am (Meccan) 165 Aayah.
Related
- Suuratu Al-An'am HiikkaaOromo
- Suuratu Al-An'am mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-An'am

ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
6:1
Faaruun hundi kan Rabbii isa samiifi dachii uumee, dukkanaafi ifa argamsiiseetiErgasii isaan kafaran Rabbii isaaniitti qindeessu
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
6:2
Inni isa dhoqqee irraa isin uumee ergasii beellama (duaa) murteesseedhaBeellamni beekamaan (Qiyaamaan) immoo Isa bira jiraErgasii isin ni shakkitu
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
6:3
Inni samii keessattiifi dachii keessattis gabbaramaadhaIccitii keessaniifi ifa bahaa keessanis ni beekaWaan isin hojjattanis ni beeka
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊ
6:4
Keeyyanni keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa tae isaanitti dhufee yoo kan isaan ishee irraa gara galan tae malee hin hafu
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
6:5
Dhugumatti, isaan yeroma dhugaan isaanitti dhufu sobsiisaniiruOduun waan (adabbii) isaan itti qoosaa turanii fuulduratti isaanitti dhufa
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
6:6
Sila isaaniin dura jaarraa (ummata) irraa kan dachii keessatti hanga isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessine heddu balleessuu keenya hin ilaalanuu? Bokkaas wal hordofaa taee isaan irratti buufneLaggeenis jala isaanii akka yaatu gooneBadii isaaniitiin isaan balleessinee booda isaaniitii jaarraa biraa uumne
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
6:7
Odoo kitaaba waraqaa irratti barreeffame sirratti buufnee silaa harka isaanitiin isa tuqanii warri kafaran "kun sihrii ifa ta’e malee homaa miti" jedhu
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸ
6:8
Ni jedhu: "Maaliif Maleykaan isa irratti hin buufamin?" Odoo Maleykaa buufnee silaa dhimmichi ni murteeffama; Ergasii yeroon isaaniif hin kennamu ture
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚ
6:9
Odoma maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre
ﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
6:10
Dhugumatti, ergamoota si dura turanittis qoosamee tureIsaan irraa warra qoosanitti wanti isaan itti qoosaa turan isaanitti marse
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
6:11
Jedhi: "dachii keessa deemaa; ergasii booddeen warra dhugaa kijibsiisee akkam akka ta’e ilaalaa
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
6:12
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran hundi kan eenyuuti?" jedhi“Kan Rabbiiti” jedhiLubbuu Isaa irratti rahmata barreessee jiraDhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa mamiin isa keessa hin jirreef walitti isin qabaIsaan lubbuu isaanii hoongessan, hin amananu
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
6:13
Wanti halkaniifi guyyaa keessa callises kan RabbiitiInni dhagayaa, beekaadhas
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
6:14
Sila Rabbii uumaa samiifi dachii, inni kan nyaachisu hin nyaanne taeen alan gabbaramaa tolfadhaa?" jedhi"Ani jalqaba nama Rabbiif bulee tauuttin ajajameMushrikoota irraas hin tain (jedhameera)" jedhi
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
6:15
Ani yoon Gooftaa kiyya faallesseef adabbii guyyaa guddaan sodaadha" jedhi
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
6:16
Namni guyyaa san isa (adabicha) irraa deebifame, dhugumatti (Rabbiin) isa mararfateeraKun milkii guddaadha
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
6:17
Yoo Rabbiin miidhaan si tuqe, Isa malee deemsisaan isaaf hin jiruYoo toltuudhaan isin tuqes, Inni waan hunda irratti danda’aadha
ﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
6:18
Inni gabroota Isaa irratti mo’ataadhaInni ogeessa, keessa beekaadhas
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
6:19
Sila ragaadhaaf waan hunda irra maaltu guddaadha?" jedhi"RabbumaGidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaadhaQur’aanni kunis akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifameSila isin dhugumatti Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jira jettanii ragaa baatuu?" jedhiin"Ani ragaa (akkasii) hin ba’u" jedhi"Dhugumatti, Inni dhugaan gabbaramaa tokkichaAnis waan isin gabbartan irraa qulqulluudha" jedhi
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
6:20
Warri kitaaba isaaniif kennine akka ilmaan isaanii beekanitti isa beekuWarri lubbuu isaanii hoongessan, isaan hin amananu
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
6:21
Nama Rabbirratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
6:22
Guyyaa hunda isaanii walitti qabnee, ergasii isaan qindeessaniin "sila warri isin Rabbii wajjin gabbaramoodha jettanii mormaa turtan eessa jiru?" jennuun san [yaadadhu]
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
6:23
Ergasii deebiin isaanii "Rabbii keenyaan kakannee! nuti mushrikoota hin taane" jechuu malee hin jiru
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
6:24
Akka itti isaan lubbuu isaanii kijibsiisaniifi wanti isaan uumanii odeessaa turan akka itti isaan irraa bade mee ilaali
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
6:25
Isaan irraas nama gara kee dhageeffatutu jiraAkka isaan isa hin hubanne onnee isaanii irratti haguuggaa, gurra isaanii irratti immoo duudina taasifnee jirraOdoma mallattoowwan hundaa arganiiyyuu, isheetti hin amananuWarri kafare yeroo kan sitti falman taanii sibira dhufan, (Qur’aanni) kun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti" jedhu
ﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓ
6:26
Isaan isa (Muhammadiin) irraa dhorgu; Isa irraas fagaatanLubbuu isaanii malee homaa hin balleessan; garuu hin beekanu
ﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞﰟﰠﰡﰢﰣﰤ
6:27
Yeroo isaan ibidda irra dhaabamanii "yaa hawwii keenya! odoo (addunyaatti) deebifamnee aayatoota Rabbii keenyaas kijibsiisuu dhiifnee muumina irraas taanee" jedhan argitee (waan rifachiisaa argita ture)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
6:28
Dhugumatti wanti isaan kana dura dhoksaa turan isaaniif mul’ateOdoo deebifamaniis waan irraa dhorgamanitti deebi’uIsaan kijibdoota
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
6:29
Isheen jireenya addunyaati malee kan biraa miti, nutis (du’a booda) hin kaafamnu" jedhan
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
6:30
Yeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture)"Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe"Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan"Waan kafaraa turtaniif (amma) adabicha dhandhamaa!" jedhe
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
6:31
Isaan wal qunnamtii Rabbii kijibsiisan dhugumatti hoonga’aniiruYeroo Qiyaamattiin tasa isaanitti dhufte badii isaanii dugda isaanii irratti baataa "Waan ishee (addunyaa) keessatti hanqifneef yaa gaabbii keenya!" jedhanDhagayaa! Ba’aan isaanii waa fokkate
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
6:32
Jireenyi addunyaa taphaafi qoosaa malee waan biraa mitiDhugumatti warra (Rabbiin) sodaataniif ganda Aakhiraatu caalaSila isin hin xiinxaltanuu
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
6:33
Dhugumatti wanti isaan jedhan si gaddisiisuu ni beeknaIsaan (onnee isaatiin) si hin kijibsiisanuGaruu miidhaa raawwattoonni keeyyattoota Rabbii kijibsiisu
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
6:34
Dhugumatti, ergamoonni si duraas kijibsiifamaniiruWaan kijibsiifaman irrattis ni obsanHanga tumsi keenya isaaniif dhufuttis ni rakkifamanJechoota Rabbiitiif jijjiiraan hin jiruDhugumatti, oduu ergamootaa irraa (hangi tokko) sitti dhufeera
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙ
6:35
Yoo (sirraa) garagaluun isaanii sitti ulfaate, mallattoon isaanitti dhufuuf yoo qaawwa dachii keessa barbaaduu yookiin kortoo samii keessaa dandeesse (raawwadhu)Rabbiin odoo fedhee, (hunda isaanii) qajeeluma irratti walitti isaan qabaWallaalaa irraas hin ta’in
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
6:36
Kan owwaatu warruma dhaga’u qofaDuaawwan immoo Rabbiin isaan kaasaErgasii gara Isaatti deebifamu
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
6:37
Maaliif mallattoon Gooftaa isaa irraa isa irratti hin buufamne?" jedhu"Dhugumatti, Rabbiin mallattoo buusuu irratti danda’aa dha" jedhiGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
6:38
Deddeemtuu dachii keessaas taee simbirroon koola isaa lamaaniin bararus uumamuma akka keessanii malee hin taaneKitaaba keessatti Nuti homaa hin dhiifneErgasii gara Gooftaa isaanii oofamu
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
6:39
Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan duudaafi arraba qabamaa dukkana keessa jiraniidhaRabbiin nama fedhe isa jallisa; nama fedhe immoo karaa qajeelaa irra isa godha
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
6:40
Jedhi: "Sila yoo adabbiin Rabbii isinitti dhufe yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waan Rabbiin alaa ni kadhattuu? mee naaf himaa
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
6:41
Dhugumatti Isa qofa kadhattu, yoo fedhe waan isin gara isaatti kadhattan san isin irraa kaasaWaan qindeessitanis ni irraanfattu
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
6:42
Dhugumatti, gara ummattoota siin duraatti erginee jirraAkka isaan (Rabbitti) watwaataniif hiyyummaafi dhukkubaan isaan qabnee jirra
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
6:43
Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatinGaruu onneen isaanii ni gogdeSheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
6:44
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waan hundaa isaanitti banne; yeroo isaan waan kennamaniin gammadan odoo hin beekne (adabaan) isaan qabneIsaan yoosuu abdii murattoota
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
6:45
Booddeen ummata isaan miidhaa hojjatanii ni murameFaaruun kan Rabbii Gooftaa aalamaati
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
6:46
Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo Rabbiin dhageettiifi argaa keessan fudhatee, onnee keessan irrattis cufe, gabbaramaan Rabbiin alaa isa isiniif fidu eenyu?” Akkamitti keeyyattoota akka ibsinuufi ergasii akkamitti akka isaan gara galan ilaali
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
6:47
Jedhi: "Mee naaf himaa! Yoo adabbiin Rabbii tasa yookiin ifatti isinitti dhufe, sila ummata miidhaa hojjattoota malee ni balleeffama
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
6:48
Nuti ergamoota gammachiisoofi dinniinoo taasifnee malee hin erginuWarri amananiifi toltuu hojjatan sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
6:49
Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan, waan isaan fincilaa turaniif adabbiin isaan tuqa
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
6:50
Jedhi: "Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; fagoos hin beeku; ani Maleykaa dhas isiniin hin jedhuWaan gara kiyya buufame malee hin hordofuSila jaamaafi argaan wal qixxaataa? Sila hin xiinxaltanii?" (jedhi)
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
6:51
Isaan isa (Rabbiin) malee jaalalleefi manguddoo kan hin qabne taanii gara Gooftaa isaaniitti walitti qabamuu sodaatan akka isaan (Rabbiin) sodaataniif isaan (Qur’aanaan) dinniini
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
6:52
Warra fuula Isaa barbaaduuf ganamaafi galgala Gooftaa isaanii kadhatan hin ari’inIsaan ariitee miidhaa raawwattoota irraa akka taatuuf qormaata isaanii irraa waa tokko sirra hin jiru; qormaata kee irraas waa tokko isaan irra hin jiru
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡ
6:53
Akkasuma "isaan kana Rabbiin nu gidduudhaa tola itti oolee?" akka isaan jedhaniif garii isaanii gariin mokkoreSila Rabbiin galateeffattoota akkaan beekaa hin taanee
ﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
6:54
Yeroo warri keeyyattoota keenyatti amanan sitti dhufan "Nageenyi isin irra haa jiraatuGooftaan keessan lubbuu Isaa irratti rahmata barreesseera: ‘namni isin irraa wallaalumaan hamtuu hojjatee ergasii isa booda gara Rabbii deebi’ee toltuu hojjate, dhugumatti Inni (isaaf) araaramaa, (isaaf) rahmata godhaa dha" (jedhi)
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
6:55
Akkasumas akka (dhugaan mirkanaauu fi) karaan yakkamtootaas ifa ta’uuf jecha keeyyattoota addeessina
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
6:56
Ani warra isin Rabbiin ala gabbartan gabbaruu irraa dhorgameera" jedhi"Ani fedha lubbuu keessanii hin hordofu, yoos dhugumatti ani jalladhe; warra qajeelan irraahii miti" jedhi
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
6:57
Jedhi: "Ani ragaa ifa ta’e kan Gooftaa kiyya irraa dhufe irran jiraIsin isa kijibsiiftaniWanti isin arifachiifattan ana bira hin jiruMurtiin Rabbiif malee hin taaneInni dhugaa murteessaInni irra caalaa warra murteessaniiti
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
6:58
Jedhi: "Odoo wanti isin arifachiifattan ana bira jiraatee, silaa dhimmichi gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ni murtaa’a tureRabbiin miidhaa hojjattoota akkaan beekaadha
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
6:59
Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa bira jiraIsa malee homtuu ishee hin beekuInni waan dachii keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beekaBaala irraas tokkollee inni beeku malee hin kufuFiriin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
6:60
Inni Isa halkan isin ajjeesuudha; Waan isin guyyaa carraaqxanis ni beekaErgasii akka beellamni murtaaaan dhumuuf isa (guyyaa) keessa isin kaasaErgasiis deebiin keessan gara IsaatiErgasiis waan isin hojjachaa turtan isinitti hima
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
6:61
Inni gabroota Isaa gubbaa taee, hundaa injifataadhaIsin irrattis tiksitoota ergaYeroo duuti tokkoon keessanitti dhufe ergamoonni keenya isaan kan (ajaja) hin hanqifne taanii isa ajjeesu
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
6:62
Ergasiis gara Gooftaa isaanii dhugaa tae, gara Rabbii deebifamuDhagayaa! murtiin kan Isaa qofaInnis irra arifataa qorattootaati
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
6:63
Jedhi: "Sila dukkana dachiifi bahraa irraa kan isin muliftaniifi iccitiin isa waammattan taatanii ‘yoo kana irraa nu baraarseef, nuti galateeffattoota irraa taana’ (jettanu) eenyutu isin baraarsa
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
6:64
Jedhi: "Rabbumatu isheefi rakkoo hunda irraa isin baraarsaErgasii isin ni qindeessitu
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
6:65
Jedhi: "Inni adabbii gubbaa keessan irraa yookiin miila keessan jalaa isin irratti erguu, yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisuu irratti danda’aadha." Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
6:66
Odoo inni dhugaa taee jiruu ummanni kee isa kijibsiisan"Ani isin irratti tiksaa miti" jedhiin
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
6:67
Oduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jiraFuula dura beektu
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏ
6:68
Yeroo warra keeyyattoota keenya keessa seenan (itti qoosan) argite, hanga isaan dubbii sanaan alaa keessa seenanitti isaan irraa garagaliYoo sheyxaanni si dagachiises, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota wajjin hin taa’in
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
6:69
Warra (Rabbiin) sodaatan irra dilii isaanii irraa homaayyuu hin jiruGaruu akka isaan eeggataniif jecha gorsatu (isaaniif jira)
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
6:70
Warra amantii isaanii taphaafi qoosaa godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite isaan dhiisiAkka lubbuun waan hojjatteen hin banne isaan (Qur’aanaan) gorsiRabbii gaditti jaalalleefi manguddoonni isaaniif hin taaneLubbuun hundi odoo kafaltii hunda kafalteeyyuu ishee irraa hin fuudhamuIsaan sun warra waan hojjataniin balleeffamaniIsaaniif waan kafaraa turaniif jecha dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaa ta’etu jira
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
6:71
Jedhi: "Sila nuti Rabbii gaditti waan nu hin fayyanneefi nu hin miine gabbarraa? Erga Rabbiin nu qajeelchee booda akka isa dhamaaa taee sheyxaanni dachii keessa isa fuudhee, kan isaaf hiriyoonni gara keenya kottu (jechuun) gara qajeelumaa isa waaman jiranu (kan isaan hin hordofnee san) of duuba deebinaa?" Dhugumatti, qajeelfamni Rabbii isatu qajeelfama (sirrii)tiNutis Gooftaa aalamatiif akka bullu ajajamnee jirra" jedhi
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
6:72
Salaata dhaabuufi Isa sodaachuutti (ajajamne)Innis Isa gara Isaatti walitti qabamtaniidha
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
6:73
Inni Isa samiifi dachii dhugaan uumeGuyyaa ‘ta’i’ jennaan achumaan ta’u san [yaadadhu]Jechi Isaa dhugaadhaGuyyaa xurumbaan afuufamu mootummaan kan IsaatiInni beekaa fagoo (gheybii)fi dhihootiInni ogeessa, keessa beekaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
6:74
Yeroo Ibraahiim abbaa isaa Azaariin "sila ati taabota gabbaramoota godhattaa? Dhugumatti, ani siifi ummata kee jallina ifaa keessattiin argaara" jedhes [yaadadhu]
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
6:75
Akka (beekee) mirkaneeffattoota irraas ta’uuf jecha, akka kanatti Ibraahiimiin mootummaa samiifi dachii agarsiifne
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
6:76
Yeroo halkan isa irratti dukkanaa’es, urjii argeetiin "kun Gooftaa kiyya" jedheYeroo inni seenus "ani seentota hin jaaladhu" jedhe
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
6:77
Yeroma ji’as ba’aa taee argu "kuni Gooftaa kiyya" jedheYeroo inni seenus "odoo Gooftaan kiyya na qajeelchuu baatee silaa ani ummata jallattoota irraan ta’a" jedhe
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
6:78
Yeroma aduu kan baate taatee argu "kun Gooftaa kiyya; kanatu irra guddaa dha" jedheYeroo isheen seentu "yaa ummata kiyya! ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu dha" jedhe
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
6:79
Dhugumatti, ani fuula kiyya qajeelaa haalan ta’een gara Isa samiifi dachii uumee deebiseen jira; Ani mushrikoota irraas miti
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
6:80
Ummanni isaas isaan falme[Inni] ni jedhe: "Sila dhugumatti odoo Inni na qajeelchee jiruu isin (waa’ee) Rabbii keessatti na falmituu? Waan isin Isatti qindeessitanis hin sodaadhuYoo Gooftaan kiyya fedhe malee (homtuu narra hin ga’u)Gooftaan kiyya beekumsa Isaatiin waan hunda waliin ga’eeraSila hin gorfamtanuu
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
6:81
Odoo isin waan Inni ragaa isaa isin irratti hin buusin kan gabbartan hin sodaanne taatanuu, ani akkamittin waan isin qindeessitan sodaadha? Yoo kan beektan taataniif garee lamaan keessaa isa kamtu tasgabbii mirga godhata?" (jedhi)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
6:82
Isaannan amananii, iimaana isaanii shirkiidhaan hin makin isaaniif tasgabbiitu jiraIsaanis qajeelfamoodha
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
6:83
Isheen kun ragaa keenyaIbraahiimiif ummata isaa irratti kenninee jirraNama feenes sadarkaawwan keessatti ol fuunaDhugumatti, Gooftaan kee ogeessa, beekaadha
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
6:84
Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennineHundaahuu ni qajeelchineSana duras Nuuhiin qajeelchinee jirraSanyii isaa irraas Daawuud, Sulaymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaafi Haaruunin (qajeelchinee jirra)Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
6:85
Zakariyyaa, Yahyaa, Iisaafi Ilyaasiinis (ni qajeelchine)Hundinuu gaggaarii irraayyi
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
6:86
Ismaa’il, Yasa’i, Yuunusiifi Luuxiinis (qajeelchine)Hundaayyuu aalama irra caalchifne
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥ
6:87
Abbootii isaanii, ilmaan isaaniifi obboleeyyan isaanii irraas (qajeelchine)Isaan fillee, gara karaa qajeelaa isaan qajeelchinee jirra
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
6:88
Kun qajeelloo RabbiitiGabroota isaa irraa nama fedhe isaan qajeelchaOdoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
6:89
Isaan warra nuti kitaaba, ogummaafi nabiyyummaa isaaniif kennineedhaYoo isaan kun (warri Makkaa) isheetti kafaran, dhugumatti Nuti namoota isheetti hin kafarre isheef qopheessineerra
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
6:90
Isaan warra Rabbiin qajeelcheedhaQajeelfama isaanii hordofi"Ani isa irratti mindaa isin hin gaafadhuInni aalamaaf yaadannoo malee homaa miti" jedhi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
6:91
Yeroo "Rabbiin nama irratti homaa hin buufne" jedhan guddina Isaaf malu Rabbiin hin guddifne"Ifaafi namootaaf qajeelfama haala taeen kan isin waraqaalee heddu isa gootan kitaaba Muusaan ittiin dhufe eenyutu buuse? (Kan feetan) ishee muliftuHeddu immoo ni dhoksituWaan isiniifi abbootiin keessan hin beekne beeksifamtanii jirtan" jedhi"(Kan isa buuse) Rabbuma" jedhiErgasii haala isaan dhara isaanii keessa taphataniin isaan dhiisi
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
6:92
Kunis kitaaba barakaa qabu kan (kitaabota) isa duraa dhugoomsu, (jiraattota) haadha magaalotaa (Makkaa)fi namoota naannoo ishee jiran akka ittiin dinniinuuf Nuti buufneedhaWarri Aakhiratti amanan kan salaata isaanii irratti tikfatan taanii isatti ni amanu
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
6:93
Nama Rabbi irratti kijiba odeesse yookiin odoo wahyiin homaatuu isatti hin beeksifamin "wahyiin gara kiyyatti bu’eera" jedheefi nama "anis fakkaataa waan Rabbiin buuseetiin buusa" jedhe caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’anii malaykonnis harka isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; hara isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adabbii salphisaa galata galfamtu" (jedhanu) argitee (dubbii rifachiisaa argita ture)
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
6:94
Dhugumatti isin kophaa taatanii akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti Wantoota Nuti isiniif kennine hunda dugda duuba keessanitti dhiiftanii gara keenya dhuftaniittuNuti manguddoota (taabota) keessan kan isin “kun warra Rabbiin waliin gabbarru” jedhaa turtan isin wajjiin hin arginu(Hariiroon) gidduu keessanii dhugumatti citeeraWanti isin mormaa turtanis isin jalaa badeera
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
6:95
Rabbiin baqaqsaa fireetiifi ija tamriiti(Inni) du’aa irraa fayyaa baasaFayyaa irraas du’aa baasaadhaKun Rabbii keessaniIsin akkamumatti gara galturee
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
6:96
(Inni) baqaqsaa bariitiHalkan (yeroo) boqonnaa, aduufi ji’as lakkoofsa (yeroo ittiin beekuuf) godheKun qideessuu (Rabbii) injifataa, beekaati
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
6:97
Inni (Rabbiin) Isa akka dukkana dachiifi bahraa keessa isaaniin qajeeltaniif urjiiwwan isiniif godhe saniDhugumatti, Nuti keeyyattoota ummata beekaniif addeessinee jirra
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
6:98
Inni (Rabbiin) Isa lubbuu tokko irraa isin uumeedhaBakka raggaiinsaa (gad-aamessaa)fi bakka qubsumaa (dugdatu isiniif jira)Dhugumatti, Nuti namoota hubataniif keeyyattoota addeessineerra
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥ
6:99
Inni Isa samii irraa bishaan buuseIsaanis biqilaa waan hundaa baafnee, isa irraahis magariisa baafneIsa irraa firii wal koraa, muka Timiraa irraa, daraaraa ishee irraa yudoo dhihoo taate, ashaakiltii inaba irraa tae, zaytuuna, rummaana wal fakkaataafi wal fakkaataa hin taane baafnaMee gara oomisha isaa yeroo inni fireesseefi (gara) bilchina isaas ilaalaaDhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattoowwantu jira
ﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
6:100
Odoo inni isaanis uumee jiruu jinnoota Rabbiif shariika taasisan; isaan beekumsaan maleetti ilmaan dhiiraafi dhalaa Isaaf (Rabbiif) uumanInni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluufi ol ta’aadha
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
6:101
Jalqabaa uumama samiifi dachiitiWaan hundaa uumee, Niitii kan hin qabne taee akkamitti ilmoon isaaf ta’a? Inni waan hunda beekaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
6:102
Kan akkana hojjate kun Rabbii keessaniIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru(Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraaInnis waan hunda tiksaadha
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
6:103
(Addunyaatti) agartuun Isa hin agartuInni immoo agartuu hunda ni argaInni mararfataa, beekaadha
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
6:104
Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeeraNamni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiif (itti fayyadama)Namni jaames isheedhuma irratti (miidhaa geessisa)Aniis isin irratti tiksaa miti
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
6:105
Akkasumas (akka isaan xiinxalaniifi kitaaba durii) quate jedhaniifi ummata beekaniif immoo ibsuuf keeyyattoota addeessina
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
6:106
Waan Gooftaa kee irraa sitti beeksifame hordofiIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; mushrikoota irraas garagali
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
6:107
Odoo Rabbiin fedhee, silaa (isatti) hin qindeessanu tureIsaan irrattis tiksaa si hin gooneAti isaan irrattis moosifamaa miti
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
6:108
Beekumsa maleetti jibbaadhaan Rabbiin arrabsuu warra isaan Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaaAkka kanatti ummata hundaaf dalagaa isaanii miidhagsineErgasii deebiin isaanii gara Gooftaa isaaniiti; waan isaan dalagaa turanis isaanitti hima
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
6:109
Odoo mallattoon wahii isaanitti dhufee, silaa isatti amanna" jedhanii kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatani"Mallattoowwan Rabbuma biraayi" jedhiYeroo isheen (raajiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu)
ﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
6:110
Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amanin onnee isaaniitiifi agartuu isaanii gara gaggalchinaKan dhamaan taanii jallina isaanii keessatti isaan dhiifna
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
6:111
Odoo Nuti malaykota gara isaaniitti buufnee, du’aawwanis isaaniin haasaanii, waan hundayyuu isaan duratti walitti qabnellee, isaan yoo Rabbiin fedhe malee kan amananii mitiGaruu irra hedduun isaanii ni wallaalu
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
6:112
Akka kanatti nabiyyii hundaafuu diina shayxaana namaafi jinnii irraa ta’an, kan gowwoomsuuf jecha gariin isaanii gara gariitti, jecha miidhagaa beeksisan godheeraOdoo Gooftaan kee fedhee silaa hin raawwatanu tureIsaaniifi kijiba isaan uumanis dhiisi
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
6:113
Akka onneen warra Aakhiratti hin amaninii gara isaa daban, akka isas jaalataniifi (adaba irraa) waan raawwachaa jiranis akka raawwataniif
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
6:114
Odoo innni kitaaba addeeffamaa gara keessanitti buusee jiruun Rabbiin alatti murteessaa barbaaddadhaa?" (jedhi).Warri kitaaba isaaniif kennines, akka inni dhugaan Gooftaa kee irraa buufame ni beekuWarra maman irraas hin ta’in
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
6:115
Jechi Gooftaa keetii dhugaafi haqa haala taeen xumurameeraJechoota Isaatiif jijjiiraan hin jiruInni dhagayaa, beekaadha
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
6:116
Yoo irra hedduu namoota dachii keessaatiin ajajamte, karaa Rabbii irraa si jallisuIsaan shakkii malee homaa hin hordofanIsaan kijiboo malee homaa hin taane
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
6:117
Dhugumatti, Gooftaan kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallatu irra beeka; warra qajeelanis Isumatu beeka
ﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
6:118
Yoo keeyyattoota Isaatti kan amantan taataniif, waan maqaan Rabbii irratti dubbatame irraa qofa nyaadhaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
6:119
Sila maaltu isiniif jiraayyi waan maqaan Rabbii irratti dubbatame nyaachuu dhiiftan? Wanti gara isaatti rakkifamtan odoo hafuu dhugumatti, Inni wantoota isin irratti dhorgamaa godhe isiniif addeesseeraDhugumatti, (namoonni) baay’een beekumsaan malee fedha lubbuu isaaniitiin jallatuDhugumatti, Gooftaan kee Isaatu irra beekaa warra daangaa d
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
6:120
Badii ifa bahaafi dhokataa isaas dhiisaaDhugumatti, isaannan cubbuu hojjatan waan kijiba uumaniif fuuldura galata galfamu
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
6:121
Waan maqaan Rabbii isarratti hin dubbatamin hin nyaatinaaDhugumatti, inni fincilaDhugumatti, shayxaanonni akka isiniin falmanuuf gara jaalallee isaanii hasaasuIsinis yoo isaaniif ajajamtan dhugumatti isin mushrikoota
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
6:122
Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifnee ifa isaaf goone, akka fakkii nama dukkana keessa jiru, kan ishee irraa hin baanee taaa? Akka kanatti kaafirootaaf wanti isaan dalagaa turan miidhagfame
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
6:123
Akkasumas magaalota hunda keessatti gugurdoo jallattoota ishee akka ishee keessatti dhara karoorsaniif gooneHin beekanu malee, lubbuu isaanii irratti malee dhara hin karoorsanu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
6:124
Yeroo mallattoon wahii isaanitti dhuftes "hanga fakkaataan waan ergamoonni Rabbii kennamanii nuuf kennamutti hin amannu" jedhuRabbiin ergaa Isaa eessa akka kaayu akkaan beekaWarra badii hojjatan waan isaan dhara karoorsaa turaniif Rabbiin biratti xiqqeenyaafi adabbii cimaa ta’etu (isaan) tuqa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
6:125
Namni Rabbiin isa qajeelchuu fedhe, qoma Isaa Islaamaaf bal’isaNama isa jallisuu fedhe immoo qoma isaa akkaan dhiphaa, akka nama samii keessa ol ba’uu taasisaAkka kanatti Rabbiin adabbii warra hin amanne irratti godha
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
6:126
Kun qajeelaa haala ta’een karaa Gooftaa keetiitiUmmata gorfamaniif mallattoo dhugaadhaan adda baafneerra
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
6:127
Isaaniif Gooftaa isaanii bira ganda nagayaatu jiraInnis waan isaan dalagaa turaniif jecha gargaaraa isaaniiti
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
6:128
Guyyaa hunda isaanii walitti qabee "Yaa garee jinnootaa! Namoota daneeffattanii jirtu" (jedhuun yaadadhu)Jaalalleen isaanii kan namoota irraa ta’anis "Gooftaa keenya! gariin keenya gariitti fayyadamne; beellama keenya Ati nuuf beellamtes geenyee jirra" jedhu"Hangi Rabbiin fedhe qofti odoo hafuu, Ibiddi keessatti hafoo taatanii qubannaa keessani" jedhaDhugumatti Gooftaan kee ogeessa, beekaadha
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
6:129
Waan isaan hojjataa turaniif jecha, akka kanatti garii miidhaa hojjattoota garii irratti moosifna
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
6:130
Yaa garee jinniifi namaa! Sila ergam-oonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’aniifi qunnamtii guyyaa keessanii kana kan isin dinniinanu isinitti hin dhufnee?" (jedhamu)"Nuti lubbuu keenya irratti ragaa baanee jirra" jedhanJireenyi addunyaas isaan gowwoomsiteDhugumatti, isaan kaafiroota akka turan lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
6:131
Kun waan Gooftaan kee ganda tokko haala warri ishee dagataa taeen, badii (isheetiif jecha) kan balleessu hin tainiifi
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
6:132
Hundaafuu waan hojjattan irraa sadarkaaleetu jiraGooftaan keetis waan isaan dalagan irraa dagataa miti
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
6:133
Gooftaan kees dureessa, abbaa rahmataatiAkkuma isin sanyii ummata biraa irraa argamsiise, yoo fedhe, isin adeemsiseetiin (dhabamsiisetiin) isin booda waan fedhe bakka buusa
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
6:134
Dhugumatti, wanti waadaa isiniif galame dhufaadhaIsinis kan (adabbii irraa) maqsitanii miti
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
6:135
Yaa ummata kiyya! Akkaataa adeemsa keessanii irratti dalagaa; Anis dalagaadhaNamni manni booddee isaaf ta’u eenyuun akka ta’e fuulduratti ni beektuDhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaa’anu" jedhi
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
6:136
Oyruufi beyladaa inni uumerraa qooda Rabbiif godhaniiti yaaduma isaaniitiin "kun kan Rabbiiti, kun immoo kan gooftolee keenyaati" jedhanWanti gabbaramtoota isaaniitiif ta’e gara Rabbiitti hin ga’u; wanni Rabbiif ta’e immoo gara gabbaramtoota isaaniitti ni ga’aWanti isaan murteessan waa fokkate
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
6:137
Akka kanatti shariikonni isaanii hedduu mushrikoota irraa taaniif isaan balleessuufi amantii isaanii isaan irratti walitti makuuf jecha ajjeechaa ilmaan isaanii miidhagseefOdoo Rabbiin fedhee hin raawwatanu tureKijiba isaanii wajjin isaan dhiisi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
6:138
Yaada isaaniitiin "kun horiifi oyruu dhorgamtuudha; Nama nuti feene malee ishee hin nyaatu(kun) horii dugdi ishee (yaabbii irraa) dhorgamteedha; (kun immoo) horii maqaa Rabbii irratti hin dubbannee dha" jedhanRabbi irratti kijiba uumuuf (kana hojjatan)Rabbiin waan isaan kijibaa turaniin fuulduratti isaan mindeessa
ﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
6:139
Ni jedhan: "Wanti garaa horii kanneen keessaa dhiirota keenya qofaaf hayyamamtuudha; dubartoota keenya irratti immoo dhorgamoodhaYoo du’aa ta’eef, isaan hunduu isa keessatti shariika." Ibsa isaaniitiin (kijiba Rabbi irra kaaaniin) isaan mindeessaDhugumatti Inni ogeessa, beekaadha
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
6:140
Warri wallaalaan beekumsaan ala ilmaan isaanii ajjeesanii, Rabbiin irratti kijiba maxxansuun waan Rabbiin isaaniif kenne haraama taasisan, dhugumatti hoonga’aniiruIsaan jallataniiru; qajeeloo hin taane
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
6:141
Rabbiin isa ashaakiltii sireen godhamuufiifi sireen hin godhamneef uumeedhaMuka timiraa, sanyii dhandhamni wal dhabaa tae, Zaytuunaafi Rummaana wal fakkaataniifi wal hin fakkaannes (kan uumee dha)Firee isaa irraa yeroo inni fireesse nyaadhaa; guyyaa haamama isaas haqa isaa (zakaa) kennaa(Kennaan) daangaa hin dabrinaaDhugumatti, Inni warra daangaa dabran hin jaalatu
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
6:142
Horii irraas isaan fe’isaaf oolaniifi fe’isaaf hin oolle (uume)Waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaa; tarkaanfiilee shayxaanaas hin hordofinaaDhugumatti, inni isiniif diina ifa bahaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
6:143
Qindiiwwan saddeeti (uumne): hoolaa irraa lama (kormaafi dhalaa), Re’ee irraas lama (kormaafi dhalaa)"Sila (Rabbiin) korma lamaan haraam godhe moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu lamaanii of keessaa qabdu? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beekumsaan naaf himaa" jedhiin
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
6:144
Gaala irraas lama, Loon irraas lama (kormaafi dhalaa uume)"Sila (Rabbiin) korma lamaan dhorge moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu walitti qabatte? Moo yeroo Rabbiin kanatti isin ajaju hirmaataa turtani? Nama beekumsa malee namoota jallisuuf jecha Rabbiin irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate hin jiruDhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
6:145
Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
6:146
Warra yahuudoman irratti abbaa qeensaa hunda haraama taasifnee jirraSaaa, busaaee (re’eefi hoolaa) irraas cooma isaan lamaanii, waan dugdi isaaniitiifi marrimaan isaanii baatte yookiin waan lafeetti makame malee (isa biraa) isaan irratti haraama taasifnee jirraKana daangaa dabruu isaaniitiif isaan mindeessineNuti dhugaa dubbatoodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
6:147
Yoo isaan si kijibsiisan "Gooftaan keessan abbaa rahmata bal’aatiadabbiin Isaas ummata yakkamaa irraa hin deebifamu" jedhiin
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇ
6:148
Isaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turreWanta tokkos haraama hin taasifnu turreAkkasuma warri isaan dura turan hanga adabbii keenya dhandhamanitti kijibsiisan"Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanuIsinis kijiboo malee hin taane" jedhi
ﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
6:149
Ragaan guutuun kan RabbiitiInni odoo fedhee, silaa hunda keessan ni qajeelcha ture" jedhi
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
6:150
Jedhi: "Mee ragoota keessan kan akka Rabbiin waan kana haraama taasise ragaa ba’an fidadhaaYoo isaan ragaa ba’an, ati isaan waliin ragaa hin ba’inFedha lubbuu warra keeyyattoota keenya kijibsiisanii, warra Aakhiraatti hin amanneefi isaan (qaamota biraa) Gooftaa isaanii wajjin wal qixxeessan hin hordofin
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
6:151
Jedhi: "Kottaa! Waan Gooftaan keessan isin irratti haraama godhen isin irratti qara’a: Isatti waa qindeessuu dhiisuu, abbaafi haadhatti tola ooluu, ilmaan keessan beelaaf jecha hin ajjeesinaa, Nutu isiniifi isaanis soora; wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’ee waan dhokate itti hin dhihaatinaa; lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhes haqaan maleetti hin ajjeesinaaIsa san akka xiinxaltaniif ishee isiniif dhaame
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
6:152
Qabeenya yatiimaas yoo toltuudhaan ta’e malee hanga inni umrii cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa; safaraafi madaalas haqaan guutaaNuti lubbuu tokkos waan isheen dandeessutti malee hin dirqisiifnuOdoma fira dhihoo ta’ellee yeroo jecha (ragaa) kennitanis, haqa dalagaaWaadaa Rabbiis guutaaKana akka isin yaadattaniif isinii dhaama.”
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
6:153
Dhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaa dhaa, isa hordofaaKaraa Rabbii irraa isin baasanii karaa heddu hin hordofinaaKana akka isin sodaattaniif isa isiniif dhaama
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
6:154
Isaan toltuu hojjatan irratti (ni’imaa keenya) guutuuf, waan hunda addeessuuf, qajeelfamaafi rahmata gochuuf, akka isaan qunnamtii Gooftaa isaanii waliin godhanitti amananiif muusaaf kitaaba kennine
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
6:155
Kun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedhaKanaafuu isa hordofaaAkka rahmanni isiniif godhamu (Rabbiin) sodaadhaa
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
6:156
Akka isin (Arabni amantii hin qabne) "kitaabichi kan buufame garee lamaan nu duraatiifi, nutis qo’annoo isaanii irraa homaa hin beeknu" hin jenneefi
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
6:157
Yookiin akka isin "nuti odoo kitaabni nurratti buufamee dhugumatti silaa isaan (yahuudotaafi kiristaanota) caalaa karaa qajeelaa qabanna turre" hin janneefiDhugumatti, ragaan ifa ta’e (Qur’aanni), qajeelfamaafi rahmanni Gooftaa keessan irraa isiniif dhufeeraNama keeyyattoota Rabbii kijibsiiseefi ishee irraa gara gale caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti warra keeyyattoota keenya irraa gara galan sababaa isaan gara galaa turaniif adabbii hamaa isaan mindeessina
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
6:158
Sila malaykonni isaanitti dhufuu, yookiin Gooftaan kee dhufuu, yookiin gariin mallattoolee Gooftaa keetii dhufuu malee homaa ni eegaaruuGuyyaa gariin mallattoo Gooftaa keetii dhufu lubbuu san dura hin amanin, yookiin iimaana ishee keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu"Isin eegaa; Nuti eegoo dha" jedhiin
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
6:159
Dhugumatti, warri amantii isaanii qoqqoodaniifi garee garee taan, ati waan tokko keessattillee isaan irraayii mitiDhimmi isaanii gara Rabbiiti, ergasii Inni waan isaan dalagaa turan (hunda) isaanitti hima
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
6:160
Namni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jiraNamni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin mindeeffamuIsaanis hin miidhamanu
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱ
6:161
Dhugumatti, ani Gooftaan kiyya gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘haniifa’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti na qajeelchee jiraInni mushrikoota irraa hin turre" jedhi
ﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
6:162
Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
6:163
Shariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootati
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
6:164
Jedhi: "Sila ani Rabbiin ala odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru Gooftaa biraa barbaadaa? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu(Lubbuun) ba’aa (badii) baadhattu tokko ba’aa kan biraa hin baadhattuErgasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniitiWantoota isin isa keessattis wal dhabaa turtan (hunda) isinitti hima
ﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞ
6:165
Rabbiin Isa dachii keessatti bakka bu’oo isin godhe; waan isinii kenne keessatti isin qormaatuuf jecha, sadarkaa keessatti garii keessan garii irra ol fuudheDhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa saffisaadha; ammas dhugumatti Inni araaramaa, rahmata godhaadha
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







