Suuratu Al-A'raf
PDF —
Built right in your browser — download starts automatically
Suuratu Al-A'raf pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu Al-A'raf pdf Oromo — Buufi Suuratu Al-A'raf Hiikkaa. Al-A'raf (Meccan) 206 Aayah.
Related
- Al-A'raf HiikkaaOromo
- Al-A'raf mp3Caqasi
- Quran Index Oromo114
More Suuratu PDF
Suuratu Al-A'raf

ﭑﭒ
Alif Laam Miim Saad
ﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠ
(Kun) kitaaba gara keetti buufameIsa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatinAkka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)
ﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaaJaalallee (biraa) isaa gaditti hin hordofinaaXiqqoo qofa gorfamtu
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
Magaalota irraa kan Nuti balleessinee adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe hedduudha
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏ
Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessinaNuti (kana irraa) fagoo hin taane
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢ
Madaalli guyyaa san dhugaadhaNamni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphatte immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya miidhaa turaniif lubbuu isaanii hoongessaniidha
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
Dhugumatti, isin uumneerraErgasiis isin bocneErgasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenneAchumaan sujuudani; Ibliis maleeInni warra sujuudan irraa hin taane
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
(Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe(Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
(Rabbiinis) "ishee irraa bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; ba’i ati warra salphattoota irraayi" jedheen
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
(Ibliis) "Hanga guyyaa isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe
ﭸﭹﭺﭻﭼ
(Rabbiiniis) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
(Ibliisis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif taa’a
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
Ergasii fuuldura isaanii, duuba isaanii, mirga isaaniitiifi bitaa isaanii irraan isaanitti dhufaIrra hedduu isaaniis galateeffattoota taanii hin argitu
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
(Rabbiinis) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen ba’iIsaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
Yaa Aadam! Atiifi niitiin kee jannata keessa taaaa; iddoo feetan irraas nyaadhaaMiidhaa raawwattoota irraa taatu mukattii kanatti immoo hin dhihaatinaa
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
Shayxaanni qaama saalaa isaanii kan dhokatee ture ifatti mul’isuuf isaan lamaanitti hasaase; "Rabbiin keessan mukattii kana irraa akka isin lamaan malaykota hin taaneef yookiin akka isin lamaan hafoo hin taaneefi malee waan biraatiif isin hin dhorgine" jedheen
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔ
Gowwoomsuun isaan jalliseYeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii ni mulatte; isaanis qaama isaanii baala jannataatiin haguuguu jalqabanGooftaan isaaniis "Sila Ani mukattii tana irraa isin hin dhorginee; shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" jechuun isaanitti lallabe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
Gooftaa keenya! lubbuu keenya miinee jirraYoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin godhin, nuti Dhugumatti, warra hoonga’an irraa taana" jedhan
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
(Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin bu’aaIsiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’ee taeetu jira
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu; ishee irraas baafamtu" jedheen
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirraUffata sodaa Rabbiitu, saniitu caalaKun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne)
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaafi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun jannata irraa baasetti akka shayxaanni isin hin mokkorreDhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin arguNuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
Yeroo waan fokkattuu hojjatanis "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu"Rabbiin fokkataatti hin ajajuSila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?" jedhiin
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
Gooftaan kiyya haqatti ajajeMasjida hunda biratti fuula keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaaAmantii keessan isaaf qulqulleessaa haala taataniin isa gabbaraaAkkuma isin jalqabetti deebitu" jedhi
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
Garee tokko ni qajeelche; gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’eDhugumatti, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalallee taasifatani‘Isaan qajeeloo dha’ jechuus yaadu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
Yaa ilmaan Aadam! Masjida hunda birattuu uffata keessan qabadhaaNyaadhaa, dhugaa, daangaa immoo hin dabrinaaDhugumatti, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
Namni uffata ishee Rabbiin gabroota Isaatiif baaseefi soorata irraas gaggaarii dhorge eenyu?" jedhiIsheen Guyyaa Qiyaamaa warra amananiif dhuunfaa haala taateen jiruu addunyaa keessattis kan isaaniiti" jedhiAkka kanatti keeyyattoota ummata beekaniif addeessina
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
Jedhi: "wanti Gooftaan kiyya haraama godhe gochaalee fokkatoo, isaan irraa waan ifa ta’ees ta’ee kan dhokate, dilii, karaan ala daangaa dabruu, waan inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuufi Rabbi irratti waan hin beekne jechuudha
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Ummata hundaafuu yeroo murtaa’etu jiraYeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko booda hin aanfamanu; duras hin dabranu
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an isinitti dhufan, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫ
Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, sunniin warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha
ﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔ
Nama Rabbiin irratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Sunniin qoodni isaanii kitaaba irraa haala taeen isaan dhaqqaba; Ergamoonni keenya lubbuu isaanii kan fuudhan taanii yeroo isaanitti dhufan "Warri Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiru?" jedhu"Nurraa badaniiru" jedhu"Isaan kaafiroota" jechuu lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
(Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessa ta’aatii ibidda seenaa." Ummanni wahii dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaartiYeroo hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiruKanaaf adabbii dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jedhu(Rabbiinis) "Hundaafuu dachaatu jiraGaruu isin hin beektanu" jedhe
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
Warri jalqabaas warra boodaatiin "isiniif nurra caaliinsi wahii hin jiru; Waan hojjachaa turtaniif jecha adabbii dhandhamaa" jedhaniin
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi isaan irraa boonan, balballan samii isaaniif hin banamuHanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanuAkka kanatti yakkamtoota mindeessina
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
Isaaniif Jahannam irraa firaashii, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu jiraAkka kanatti miidhaa raawwattoota mindeessina
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti lubbuu tokkos dandeettii ishee malee hin dirqisiifnu; isaan sun warra jannataatiIsaan ishee keessatti hafoodha
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
Jibbaa qoma isaanii keessa jirus ni baafneLaggeen jala (gamoo) isaanii yaati"Faaruun kan Rabbii kanaaf nu qajeelcheetiOdoo Rabbiin nu qajeelchuu baatee hin qajeellu turre; ergamoonni Rabbii keenyaa dhugaadhaan dhufteetti" jedhan"Jannanni kun sababa waan hojjataa turtaniitiin dhaalchifamtanii dha" jechuun (isaanitti) lallabamu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
Warri jannataa warra ibiddaatti "Nuti Dhugumatti, waan Gooftaan keenya waadaa nuuf gale dhugaa haala ta’een arganneerraIsin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif gale haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" jechuun itti lallabu"Eeyyeen" jedhanLallabaan gidduu isaaniitti ta’e "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" jechuun lallabe
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
(Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidhaIsaanis Aakhiratti kafaroodha
ﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
Gidduu isaanii haguuggaatu jiraA’araaf irras dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiruWarra jannataatiinis "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun itti lallabuIsaanis (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan taaniin ishee hin seenne
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
Yeroo ijji isaanii gara warra ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya! Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
Warri a’araaf dhiirota mallattoo isaanitiin beekanitti lallaban"(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
Sila isaan kun warra Rabbiin rahmataan isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa? Jannata seenaa, sodaan isin irra hin jiru; isinis kan gadditanu hin taane (jedhamu)
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
Warri ibiddaa "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isin soore irraa nurratti dhangalaasaa" jechuun warra jannataatti lallabu"Dhugumatti, Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera" jedhaniin
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋ
(Isaan) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedhaAkkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfataniifi keeyyattoota keenya mormaa turan guyyaa haraa isaan irraanfanna
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif taeen isaanitti dhufnee jirra
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
Sila isaan xumura isaa malee maal eegaaru? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan "Dhugumatti, ergamoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufteettiSila araarsonni nuuf araarsan nuuf jiraa? Yookiin dalagaa isa hojjataa turreen alaa hojjachuuf (gara addunyaatti) deebifamnaa?" jedhuDhugumatti, lubbuu isaanii hoongessanii jiruWanti isaan kijibaan uumaa turanis isaan jalaa badeera
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedhaHaala ariitiidhaan isa barbaada taeen halkaniin guyyaa haguugaAduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman taanii (isaan uume)Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan IsaatiRabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
Gooftaa keessan gadi of qabuufi dhoksaadhaan kadhaaDhugumatti, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
Dachii irrattis erga isheen toltee booda hin balleessinaaSodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaaDhugumatti, rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudhaYeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda baafneAkka isin gorfamtaniif jecha akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin bahaInni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahuAkka kanatti keeyyattoota namoota galateeffataniif addeessina
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruDhugumatti, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen
ﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "Dhugumatti, nuti jallina ifa galaa keessatti si argina" jedhan
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
(Nuuhis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiruGaruu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
Ergaa Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa; toltuus isiniifin yaadaRabbi irraahis waan isin hin beeknen beeka
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
Akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif nama isin irraa ta’e tokko irratti akka isin akeekkachiisuuf gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu dinqisiifattanii?" (isaaniin jedhe)
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
Isa kijibsiisanIsaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarsineIsaan keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo bishaaniin dhidhimsineDhugumatti, isaan ummata jaamaa turan
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
Gara Aadis obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSila hin sodaattanuu?" jedheen
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
Ummata isaa irraas qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti, nuti gowwummaa keessatti si arginaDhugumatti, kijibdootaa irraa tauu kees yaanna" jedhaniin
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
(Huudis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiruGaruu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa taeedha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘ
Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisaAnis isiniif tola yaadaa, amanamaadha
ﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
Akka isin akeekkachiisuuf jecha gorsi Rabbii keessan irraa nama isin irraa tae irratti (buee) isinitti dhufuu dinqisiifattanii? Yeroo Inni ummata Nuuh booda bakka bu’oota isin taasiseefi uumama keessattis balina isiniif dabale yaadadhaaAkka milkooftaniif jecha ni’imaa Rabbii yaadadhaa
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruufi wantoota abbootiin keenya gabbaraa turan dhiifnuuf nutti dhuftee? Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu san nutti fidi" jedhan
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
Dhugumatti, adabniifi dallansuun Gooftaa keessan irraa isin irratti bu’eeraSila isin maqaalee isiniifi abbootiin keessan ishee moggaaftan kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin keessatti na mormituu? Eegaa; ani isin wajjin warra eegan irraayii" jedhe
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
Isaafi warra isa waliin turan rahmata nurraa ta’een nagaa baafneWarra keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi isaan mu’uminootas hin ta’in hundee isaanii buqqifne
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginaan) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruDhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirtiKun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattuHamtuunis ishee hin tuqinaa adabbii laalessaatu isin qabata
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
Yeroo Inni Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaaDirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftuKanaafuu, ni’imaa Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
Ummata isaa irraa qondaalonni warri boonan warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektuu?" jedhaniin"(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
Yeroma san gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraas bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu nutti fidi" jedhan
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariifatan
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
(Saalihis) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera; tolas isiniif yaadeeraGaruu isin nama isiniif yaadu hin jaalattanu" jedhe
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
Luuxiinis, yeroo inni ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkoyyuu isheedhaan isin hin dursin raawwattuu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif jecha dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
Deebiin ummata isaas "magaalaa keessan irraa isaan baasaa; isaan Dhugumatti, ummata qulqulleeffatanuu dha" jechuu malee homaa hin turre
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
Isaafi maatii isaa ni baraarsineNiitiin isaa garuu warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
Rooba (adabaas) isaan irratti roobsifneBooddeen yakkamtootaa akkam akka ta’e ilaali
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruDhugumatti, ragaan ifa taate isiniif dhuftee jirtiSafaraafi madaalas guutaaNamootas waan isaanii jalaa hin hir’isinaaDachii keessattis erga toluu isheetii hin balleessinaaYoo mu’uminoota taatan sanatu isiniif caala
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
Namoota sodaachisuufi karaa Rabbii irraas namoota isatti amanan deebisuun akka isheen jallattu kan barbaaddan taatanii xiqqoo turtanii isin baay’esses yaadadhaa.karaa hunda irraa hin taa’inaaYeroo isin Booddeen warra badii raawwatanii akkam akka ta’es ilaalaa
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
Yoo gareen isin irraa ta’e tokko waan ani ittiin ergametti amananii gareen biraa immoo hin amanin hanga Rabbiin gidduu keenyatti murteessutti obsaaInnis irra caalaa warra murteessaniiti" (isaaniin jedhe)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
Ummata isaa irraa qondaalonni warra boonanii "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, siifi isaan si waliin amananis magaalaa keenya irraa ni baafna; yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan"Sila odoo kan jibbinus taanee moo!" jedhe
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
Nuti yoo erga Rabbiin sana irraa nu baraarsee booda gara amantii keessanii deebine, Dhugumatti, Rabbiin irratti kijiba uumnee jirraYoo Rabbiin, Gooftaan keenya fedhe malee ishee keessatti deebi’uun nuuf hin taaneGooftaan keenya beekumsaan waan hunda marsee jiraRabbi irratti hirkannee jirra(Yaa) Gooftaa keenya! Gidduu keenyaafi gidduu namoota keenyaatti dhugaan murteessi; Ati irra caalaa warra murteessaniiti" (jedhe)
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oo dha" jedhan
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo taanii (duanii) bariisifatan
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
Warri Shu’aybiin kijibsiisan akka waan ishee keessa hin turree ta’anWarri Shu’aybiin kijibsiisan isaan hoonga’oo ta’an
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
(Shu’ayb) isaan irraa gara galee "yaa ummata kiyya! Ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseeraToltuus isiniif dhaameeraKanaafuu ani ummata kafaran irratti akkamittiin gadda!" jedhe
ﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
Nuti gara magaalaa tokkoo nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee akka isaan gadi of qabaniif jecha, hiyyummaafi dhibeen isaan qabnee malee hin hafne
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍ
Ergasii hanga isaan baay’atanii "Dhugumatti, abbootii keenyas rakkinniifi toltuun tuqxee jirti (kun waanuma yeroon fiduu dha)" jedhanutti bakka hamtuu toltuutti jijjiirreAchumaan odoo isaan hin beekne tasa isaan qabne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
Odoo warri magaalattii amananii (Rabbiinis) sodaatanii, silaa Dhugumatti, Nuti samiifi dachii irraa barakaawwan isaaniif banna turreGaruu isaan ni sobsiisanKanaafuu waan isaan hojjataniif jecha isaan qabne
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭ
Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu adabbiin keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanuu
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya ganama isaanitti dhufuu of amanuu
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
Sila isaannan dachii (dhumiinsa) warra ishee boodaan dhaalanuuf nuti odoo feenee dilii isaaniitiin kan isaan adabnu ta’uun keenya isaaniif ifa hin taanee? Onnee isaanii irrattis cufaa goonaa isaan hin dhaga’anu
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) seenaalee isaanii irraa siif odeessinaDhugumatti, ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiruWaan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taaneAkka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞ
Irra hedduu isaaniis waadaa isaanii irra kan gadi dhaabbatan hin argine; irra hedduu isaanii finciltoota ta’uu argine
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
Ergasii isaan booda mallattoowwan keenyaan Muusaa gara Fir’awniifi qondaalota isaatti erginee jirraIsaanis fudhachuu didanBooddeen (itti galli) balleessa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
Muusaanis ni jedhe: "Yaa Fir’awna! Dhugumatti, ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta’eedha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti, ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeeraKanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
(Fir’awnis) "Yoo mallattoon dhufteef, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef ishee fidi" jedheen
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷ
Ulee isaa darbate; isheen yeroma san bofa ifa galaa taate
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
Harka isaas ni baase; isheenis yoosuu warra ilaalaniif adii (calaqqisaa) taate
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
Qondaalonni ummata Fir’awni irraa taan ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti, saahiree (nama falfalaa) beekaadha
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑ
Dachii keessan irraa isin baasuu fedha; maal ajajjuree?" (jedheen)
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
[Isaan] ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisiMagaalota keessas walitti qabdoota ergi
ﮚﮛﮜﮝﮞ
Saahiree beekaa hundaan sitti dhufu
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Saahiroonni gara Fir’awni dhufanii "yoo nuti kan injifannu taane mindaan nuuf jiraa?" jedhan
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰ
[Inni] "EeyyeenIsin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜ
Yaa Muusaa! Situ (ulee kee dura) darbatamoo nutu warra darbatu taana" jedhan
ﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
Darbadhaa" jedheYeroma (funyoo isaanii) darbatan ija namootaa falfalanii isaan sodaachisanSihrii guddaanis dhufan
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
Gara Muusaattis "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa gooneAchumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turanis ni bade
ﯿﰀﰁﰂﰃ
Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an
ﰄﰅﰆﰇ
Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan taanii kufan
ﭑﭒﭓﭔﭕ
Ni jedhan: "Gooftaa aalamaatti amanneerra
ﭖﭗﭘﭙ
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti
ﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
Fir’awnis ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, kun tooftaa isin magaalattii keessatti jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha mari’attaniidhaFuulduratti ni beektu
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
Dhugumatti, harka keessaniifi miila keessan wal faallessuunan kukkutaErgasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
Isaanis "Nuti Dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan
ﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiruGooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasiMuslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan)
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
Ummata Fir’awni irraas qondaalonni "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessanii (Muusaanis) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) dhiiftaa?" jedhan[Inni] ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefnaDubartoota isaanii immoo ni jiraachifnaDhugumatti, nuti isaan irratti moo’attoota
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛ
Muusaan ummata isaatiin "Rabbiin gargaarsifadhaa; obsaasDhugumatti, dachiin kan RabbiitiGabroota Isaa irraa nama fedhe ishee dhaalchisaBooddeenis kan warra Rabbiin sodaataniiti" jedhe
ﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳ
Nuti odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas rakkifamnee jirra" jedhan[Inni] "Gooftaan keessan diinota keessan balleessee dachii keessatti bakka isin buusee ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluutu mala" jedhe
ﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
Dhugumatti, Nuti ummata Fir’awni akka isaan gorfamaniif jecha gogiinsa waggootaaf tureefi hir’ina oomishaatiin isaan qabne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩ
Yeroo toltuun wahii isaanitti dhufte "kun nuuf malti" jedhuYoo hamtuun isaan tuqxe immoo milkii hamaa Muusaafi namoota isa waliinii irratti ilaallatuDhagayaa! Dhugumatti, gaddiin hamaan isaanii Rabbiin bira jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekan
ﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
Isaanis (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
Achumaan nuti lolaa dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga mallattoowwan addeeffamaa haala taaniin isaan irratti erginee jirraIsaan garuu ni boonan(Isaaniis) ummata yakkamtoota turan
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
Yeroo adabichi isaan irratti kufus ni jedhan: "yaa Muusaa! waan Inni si biraa waadaa qabuun Gooftaa kee nuuf kadhu; yoo ati adabicha nurraa deebifte, Dhugumatti, nuti siif amanna; Ilmaan Israa’ilis si waliin ergina
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
Hanga beellama isaan dhaqqabanuutti yeroma nuti isaan irraa adabicha deebifnu achumaan isaan waadaa isaanii diigu
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕ
Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis kan dagatan ta’aniif galaana keessatti isaan dhidhimsinee haaloo isaan irraa ba’anne
ﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
Nuti namoota hacuucamaa turan Bahaafi Dhiha dachii ishee barakaa keessa goonee dhaalchifneSababa isaan obsaniif jechi Rabbii keetii gaariin Banii Israa’iil irratti guutamteWaan Fir’awniifi ummanni isaa dalagaa turaniifi waan isaan ijaaraa turanis ni barbadeessine
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
Ilmaan Israa’iilis galaana ceesifneetiin ummata taabota isaanii (gabbaruu) irra taa’aa jirutti dhufanii "yaa Muusaa akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi" jedhan[Inni] ni jedhe: "Isin ummata wallaaloodha
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
Isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadhaWanti isaan dalagaa turanis kufaadha
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿ
Sila odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruun ani Rabbiin ala gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa?" jedhe
ﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
Yeroo Nuti namoota Fir’awni kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisaniifi ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan irraa nagaa isin baafnes [yaadadhaa]Kana keessas balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
Muusaafis halkan soddoma waadaa seenneKudhaniinis ishee guunneBeellamni Gooftaa isaas halkan afurtama guuteMuusaanis obboleessa isaa Haaruunin ni jedhe: "Namoota kiyya keessatti bakka na bu’iGaaromsisKaraa warra balleessaa hojjatanii hin hordofin
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu "Yaa gooftaa kiyya (of) na argisiisi sin ilaalaa!" jedhe(Rabbiinis) "Nan argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti raggaeef Na argitaa" jedheYeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu daakamaa lafaan qixxaaaa isa godheMuusaanis of wallaalee kufeYeroma of barus "ati qulqulloofte; ani gara keetti deebi’e anis jalqaba mu’uminootaati" jedhe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟ
(Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheeraWaan Ani siif kenne qabadhuGalateeffattoota irraas ta’i
ﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
Loohiwwan keessattis waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine"Ishee ciminaan qabadhuNamoota keetis akka toltuu ishee qabatan ajajiAni biyya finciltootaa fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen)
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
Ani warra haqaan ala dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galchaYoo mallattoolee hunda arganis isatti hin amananuYoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatanuYoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatuKun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii baddeSila waan hojjataa turan malee mindeeffamuu
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama sagalee (akka koqiinsaa) qabu tolfatanSila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganuu? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattootas ta’an
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
Yeroo gaabbanii jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii ariifachiifattani moo?" jedheLoohiiwwanis darbee mataa obboleessa isaa kan harkisu taee ofitti qabe(Obboleessis) "Yaa ilma haadha kiyyaa! Ummanni na hacuucanii anas ajjeesuuf dhihaataniKanaafuu diina natti hin gammachiisinUmmata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
(Muusaanis) "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araaramiRahmata kee keessas nu seensisiAti akkaan rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti" jedhe
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Dhugumatti, isaannan mirgoo (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa kanaa keessatti isaan argataAkka kanatti kijiba uumtota mindeessina
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
Isaannan dilii heddu hojjatanii sana booda tawbataniifi amanan, Dhugumatti, Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmata godhaadha
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
Yeroma dallansuun Muusaa irraa qabbanaa’u loohiwwan fuudheBarreefama ishee keessas qajeelfamaafi rahmatatu isaan Gooftaa isaanii sodaataniif jira
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉ
Muusaanis ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filateYeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita tureSila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee homaa mitiIsheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchitaAti gargaaraa keenyaNuufis araaramiRahmatas nuuf godhiAti caalaa warra araaramaniiti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabiNuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) adabbii kiyya; naman fedhen isaan tuqaRahmanni kiyyas waan hundaaf ballatteIshee fuulduratti warra Rabbiin sodaatan, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin barreessa
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
(Isaan) warra ergamaa, nabiyyii hin barreessineefi hin dubbifne, isa isaan biratti Tawraatiifi Injiiliin keessatti barreeffamee isa argan, kan toltutti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu, fokkataa immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitiifi hidhaa isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu hordofaniidhaIsaannan isatti amananii isa kabajan, kan isa gargaaraniifi ifa isa waliin bu’e hordofan, isaan isaanumatu warra milkaa’oodha
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha)Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeesasRabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’ee Rabbiifi jechoota Isaatti amanutti, amanaaAkka qajeeltaniif jecha isa hordofaa
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬ
Ummata Muusaa irraas ummata dhugaan qajeelaniifi ittiin haqa murteessantu jira
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodneGara Muusattis, yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee keetiin dhagaa rukuti" jechuu beeksifneIsa irraas burqituu kudha lamatu madditeNamoonni hunduu iddoo irraa dhugan ni beekanDuumessa isaan irratti gaaddiseessineManniifi salwiis isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen)Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
Yeroo "magaalattii kana keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa(kan nu feenu Badiin nurraa) harcauudhas jedhaaBalbalas sujuuda godhaa seenaaBadiiwwan keessan isiniif dhiifna(Mindaa) warra toltuu hojjataniis ni daballa" jedhames [yaadadhaa]
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiranWaan miidhaa hojjataa turaniif jecha adabbii samii irraa isaan irratti ergine
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
Waa’ee magaalattii galaanicha cinaa jirtuu yeroo isaan sanbata keessatti daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu irraa isaan gaafadhu; guyyaa isaan sanbata hin guddifne (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftuWaan isaan fincilaa turaniif akka kanatti isaan qormaanna
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
Yeroo ummanni isaan irraa ta’e "Namoota Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" jedhan yaadadhu(Gorsitoonnis) "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa tauufi akka isaanis Rabbiin sodaataniifi" jedhan
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee isaan miidhaa hojjatan immoo waan isaan fincilaa turaniif jecha adabbii hamaan isaan qabne
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii darban "jaldeessa salphattoota ta’aa" isaanin jenne
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadhaInnis akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirraIsaan irraas gaggaariitu jiraIsaan irraas sanaan alatu jiraAkka isaan deebi’aniif jecha toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷ
Booda isaaniitiis bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan bakka bu’anMeeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhuYoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufes ni fudhatuSila waadaan kitaabaa kan akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraas isaan Rabbiin sodaataniif caalaadhaSila isin hin xiinxaltanuu
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
Isaannan kitaabicha qabatanii, salaatas sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa warra toltuu hojjatanuu hin balleessinu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
Yeroo Nuti gaara xuur gubbaa isaanii irratti akka gaaddisaa ta’ee ol fuunee, isaanis nurratti kufa jechuu dhugoomsanii "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaaAkka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru qu’adhaa" (jenne yaadadhu)
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂ
Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugda isaanii irraa sanyii isaanii baaseefi "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jechuun lubbuu isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu]Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhanKunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi
ﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓ
“Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nutis sanyii isaaniin boodaa turreSila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone)
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Akka isaan (yaadanii)fi deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
Oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninaan ishee irraa bahee, sheyxaana isa hordofsiiseefi jallattoota irraa ta’ee isaan irratti dubbisi
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna tureGaruu inni gara dachiitti dabe; fedhii lubbuu isaas ni hordofeFakkeenyi isaa akka fakkii saree yoo ariite arraba baasuu, yoo dhiiftes arraba baasuutiKuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniitiAkka isaan xiinxalaniif jecha seenaalee odeessi
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴ
Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi Lubbuu isaanii kan miidhan ta’anii waa fokkate
ﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀ
Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadhaNamni Inni jallise immoo, isaan warra hoonga’oodha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲ
Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirraIsaan onnee ittiin hin hubanne qabuIsaan ijas kan ittiin hin argine qabuAmmas isaan gurra ittiin hin dhageenye qabuWarri sun akka beyladaatiInumaa jarri irra jallatoodhaIsaan isaanumatu dagattoota
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃ
Rabbiif maqaalee gaariitu jiruIsheedhaan Isa kadhaaWarra maqaalee Isaa jallisanis dhiisaaWaan dalagaa turan fuulduratti mindeffamu
ﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
Namoota Nuti uumne irraa, ummata dhugaan qajeelaniifi isaanis haqa murteessantu jiru
ﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
Isaannan keeyyattoota keenya kijibsiisan, Nuti karaa isaan hin beekne irraan sadarkaa sadarkaadhaan isaan qabna
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛ
Yeroos isaaniifin kenna; Dhugumatti, tooftaan kiyya cimaadha
ﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
Sila isaan Nabiyyii isaaniitti maraa-tummaan dhibamuu hin xiinxalanuu? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee homaa miti
ﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
Sila mootummaa samii, dachiifi waan Rabbiin wantoota hunda irraa uume, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu hin ilaalanuu? Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮ
Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiruJallina isaanii keessattis dhamaaa taanii isaan dhiisa
ﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚ
Waa’ee Qiyaamaa irraa yoom akka dhaabbattu (dhuftu) si gaafatu"Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira qofaIsa malee homtuu yeroo isheetiif ishee hin ibsuSamiifi dachii keessatti ulfaatteIsheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" jedhiAkka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu"Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jiraGaruu irra hedduun namootaa hin beekan" jedhi
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
Ani waan Rabbiin fedhe malee lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin dandauOdoon kanin fagoo (ghaybii) beeku taee, silaa toltuu irraan baayifadha; hamtuunis na hin tuqu tureAni namoota amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee homaa miti" jedhi
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
Inni Isa lubbuu tokko irraa isin uumee isa irraas akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf) niitii isaaf taasiseedhaYeroo inni ishee qunnamus ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemteYeroma isheen ulfaattu "yoo Ati ilma gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" jechuun Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞ
Yeroo Inni ilma gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisanRabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera
ﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
Sila warra ofiifuu uumamoo ta’anii, waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
Isaan gargaaruus ta’ee lubbuu isaanii gargaaruu hin danda’an
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
Yoo isin gara qajeelumaa isaan waamtanis isin hin hordofanIsaan waamtanus yookiin cal’iftoota taatanus isin irratti walqixa
ﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
Dhugumatti, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan gabrootuma fakkii keessaniitiYoo kan dhugaa dubbattan taataniif mee isaan kadhaa isiniif haa awwaatanuu
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
Sila isaan miila ittiin deeman qabuu? Yookiin harka ittiin qabatan qabuu? Yookiin ija ittiin argan qabuu? Yookiin gurra ittiin dhagayan qabuu? "Mee warra Rabbii waliin gabbartan waamadhaaErgasii tooftaa kessan natti baasaaYeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
Dhugumatti, jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedhaInni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin)
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruus ta’ee lubbuu isaanii gargaaruu hin danda’anu
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴ
Yoo gara qajeelumaa isaan waamtanis hin dhagaanuKan isaan homaa hin argine taanii gara kee ilaalanu argita
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; toltuuttis ajaji; wallaalaa irraahis gara gali
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni dhagayaa, argaadha
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕ
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan yeroo naannaaan shayxaana irraa ta’e tokko isaan tuqe, (Rabbiin) yaadatuAchumaan argaa tau
ﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
Obboleeyyan isaaniis jallina isaaniif dabaluErgasiis (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu"Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa(Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa tae kan ummata amananiif qajeelfamaafi rahmata ta’ee dha" jedhi
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡ
Yeroo Qur’aanni qara’amus akka rahmanni isiniif godhamuuf gara isaa dhageeffadhaa; cal’isaas
ﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsiDagattoota irraas hin ta’in
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿ
Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessu; Isaafis sujuuda godhu
Qur'aana Qulqulluu
Tuesday, August 18, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







