La sourate Ash-Shuara en Oromo
طسم(1) Xaa Siin Miim |
Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti |
(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama |
إِن نَّشَأْ نُنَزِّلْ عَلَيْهِم مِّنَ السَّمَاءِ آيَةً فَظَلَّتْ أَعْنَاقُهُمْ لَهَا خَاضِعِينَ(4) Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture |
وَمَا يَأْتِيهِم مِّن ذِكْرٍ مِّنَ الرَّحْمَٰنِ مُحْدَثٍ إِلَّا كَانُوا عَنْهُ مُعْرِضِينَ(5) Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane |
فَقَدْ كَذَّبُوا فَسَيَأْتِيهِمْ أَنبَاءُ مَا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ(6) Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira |
أَوَلَمْ يَرَوْا إِلَى الْأَرْضِ كَمْ أَنبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ(7) Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(8) Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane |
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha |
وَإِذْ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰ أَنِ ائْتِ الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ(10) Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu] |
“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].” |
[Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha |
وَيَضِيقُ صَدْرِي وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِي فَأَرْسِلْ إِلَىٰ هَارُونَ(13) [Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi |
Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.” |
قَالَ كَلَّا ۖ فَاذْهَبَا بِآيَاتِنَا ۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسْتَمِعُونَ(15) [Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.” |
فَأْتِيَا فِرْعَوْنَ فَقُولَا إِنَّا رَسُولُ رَبِّ الْعَالَمِينَ(16) “Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa |
“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa] |
قَالَ أَلَمْ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدًا وَلَبِثْتَ فِينَا مِنْ عُمُرِكَ سِنِينَ(18) [Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree |
وَفَعَلْتَ فَعْلَتَكَ الَّتِي فَعَلْتَ وَأَنتَ مِنَ الْكَافِرِينَ(19) Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe] |
[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe |
فَفَرَرْتُ مِنكُمْ لَمَّا خِفْتُكُمْ فَوَهَبَ لِي رَبِّي حُكْمًا وَجَعَلَنِي مِنَ الْمُرْسَلِينَ(21) Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe |
وَتِلْكَ نِعْمَةٌ تَمُنُّهَا عَلَيَّ أَنْ عَبَّدتَّ بَنِي إِسْرَائِيلَ(22) Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.” |
Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe |
قَالَ رَبُّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ(24) [Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen |
[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe |
[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe |
قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ الَّذِي أُرْسِلَ إِلَيْكُمْ لَمَجْنُونٌ(27) [Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe |
قَالَ رَبُّ الْمَشْرِقِ وَالْمَغْرِبِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُمْ تَعْقِلُونَ(28) [Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe |
قَالَ لَئِنِ اتَّخَذْتَ إِلَٰهًا غَيْرِي لَأَجْعَلَنَّكَ مِنَ الْمَسْجُونِينَ(29) [Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe |
[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe |
[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe |
[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate |
Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate |
قَالَ لِلْمَلَإِ حَوْلَهُ إِنَّ هَٰذَا لَسَاحِرٌ عَلِيمٌ(34) [Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe |
يُرِيدُ أَن يُخْرِجَكُم مِّنْ أَرْضِكُم بِسِحْرِهِ فَمَاذَا تَأْمُرُونَ(35) “Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe) |
قَالُوا أَرْجِهْ وَأَخَاهُ وَابْعَثْ فِي الْمَدَائِنِ حَاشِرِينَ(36) [Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi |
Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.” |
Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman |
Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa) |
لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ السَّحَرَةَ إِن كَانُوا هُمُ الْغَالِبِينَ(40) Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.” |
Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan |
[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe |
Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe |
فَأَلْقَوْا حِبَالَهُمْ وَعِصِيَّهُمْ وَقَالُوا بِعِزَّةِ فِرْعَوْنَ إِنَّا لَنَحْنُ الْغَالِبُونَ(44) Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan |
فَأَلْقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ تَلْقَفُ مَا يَأْفِكُونَ(45) Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite |
Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan |
Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne |
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.” |
[Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.” |
قَالُوا لَا ضَيْرَ ۖ إِنَّا إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ(50) Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha |
إِنَّا نَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَايَانَا أَن كُنَّا أَوَّلَ الْمُؤْمِنِينَ(51) Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .” |
۞ وَأَوْحَيْنَا إِلَىٰ مُوسَىٰ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِي إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ(52) Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone |
Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee |
“Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha |
Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha |
Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe] |
Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne |
Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas |
Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne |
Bariifatoo ta’anii isaan hordofan |
فَلَمَّا تَرَاءَى الْجَمْعَانِ قَالَ أَصْحَابُ مُوسَىٰ إِنَّا لَمُدْرَكُونَ(61) Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan |
[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.” |
Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e |
Bakka sanattis warra biraa dhiheessine |
Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine |
Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(67) Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha |
Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi |
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe |
“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan |
[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii |
Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?” |
[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan |
[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu |
Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis |
Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti) |
[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.” |
Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha |
Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa |
Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha |
وَالَّذِي أَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لِي خَطِيئَتِي يَوْمَ الدِّينِ(82) Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha |
Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi |
Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi |
Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi |
Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera |
Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.” |
Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne |
Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee |
[Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte |
[Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte |
[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame |
“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?” |
Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman |
Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman) |
Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu |
Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre |
Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san |
Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne |
Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru |
Hiriyaan garaa laafus (hin jiru) |
فَلَوْ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَكُونَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ(102) Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(103) Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha |
Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti |
Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii |
Ani isiniif ergamaa amanamaadha |
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa |
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ(109) Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane |
Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.” |
[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan |
[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka |
إِنْ حِسَابُهُمْ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّي ۖ لَوْ تَشْعُرُونَ(113) Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane |
Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane |
Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.” |
قَالُوا لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَا نُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ الْمَرْجُومِينَ(116) [Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.” |
[Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru |
فَافْتَحْ بَيْنِي وَبَيْنَهُمْ فَتْحًا وَنَجِّنِي وَمَن مَّعِيَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ(118) Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.” |
فَأَنجَيْنَاهُ وَمَن مَّعَهُ فِي الْفُلْكِ الْمَشْحُونِ(119) Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine |
Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(121) Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha |
Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte |
Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii |
Ani isiniif ergamaa amanamaadha |
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa |
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ(127) Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane |
Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu |
Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu |
Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan |
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa |
Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa |
Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase |
وَجَنَّاتٍ وَعُيُونٍ(134) Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise] |
Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.” |
قَالُوا سَوَاءٌ عَلَيْنَا أَوَعَظْتَ أَمْ لَمْ تَكُن مِّنَ الْوَاعِظِينَ(136) [Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa |
Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti |
Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan] |
فَكَذَّبُوهُ فَأَهْلَكْنَاهُمْ ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(139) Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha |
Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte |
Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii |
Ani isiniif ergamaa amanamaadha |
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa |
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ(145) Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane |
Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu |
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti |
Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu) |
Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu) |
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa |
Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa |
Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe] |
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha |
مَا أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا فَأْتِ بِآيَةٍ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ(154) Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.” |
قَالَ هَٰذِهِ نَاقَةٌ لَّهَا شِرْبٌ وَلَكُمْ شِرْبُ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ(155) [Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira |
وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابُ يَوْمٍ عَظِيمٍ(156) Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.” |
Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an |
فَأَخَذَهُمُ الْعَذَابُ ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(158) Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha |
Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte |
Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii |
Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha |
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa |
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ(164) Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane |
Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu |
وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمْ رَبُّكُم مِّنْ أَزْوَاجِكُم ۚ بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ عَادُونَ(166) Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe] |
قَالُوا لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَا لُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ الْمُخْرَجِينَ(167) [Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.” |
[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi |
Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.” |
Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine |
Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee |
Ergasii warra biroo ni balleessine |
وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِم مَّطَرًا ۖ فَسَاءَ مَطَرُ الْمُنذَرِينَ(173) Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(174) Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha |
Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte |
Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu |
Ani isiniif ergamaa amanamaadha |
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa |
وَمَا أَسْأَلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ الْعَالَمِينَ(180) Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane |
۞ أَوْفُوا الْكَيْلَ وَلَا تَكُونُوا مِنَ الْمُخْسِرِينَ(181) Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa |
Madaala sirrii ta’een madaalaa |
وَلَا تَبْخَسُوا النَّاسَ أَشْيَاءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا فِي الْأَرْضِ مُفْسِدِينَ(183) Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa |
وَاتَّقُوا الَّذِي خَلَقَكُمْ وَالْجِبِلَّةَ الْأَوَّلِينَ(184) Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.” |
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha |
وَمَا أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ الْكَاذِبِينَ(186) Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna |
فَأَسْقِطْ عَلَيْنَا كِسَفًا مِّنَ السَّمَاءِ إِن كُنتَ مِنَ الصَّادِقِينَ(187) Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin] |
[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.” |
فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمْ عَذَابُ يَوْمِ الظُّلَّةِ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ(189) Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera |
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ(190) Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane |
Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha |
Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati |
Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e |
Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse] |
Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een |
Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira |
أَوَلَمْ يَكُن لَّهُمْ آيَةً أَن يَعْلَمَهُ عُلَمَاءُ بَنِي إِسْرَائِيلَ(197) Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu |
Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee |
Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane |
Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne |
لَا يُؤْمِنُونَ بِهِ حَتَّىٰ يَرَوُا الْعَذَابَ الْأَلِيمَ(201) Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu |
Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa |
[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu |
Sila adabbii keenya ariifachiifatuu |
Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee |
Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee |
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa |
Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine |
[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane |
Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune |
Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus |
Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha |
فَلَا تَدْعُ مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ فَتَكُونَ مِنَ الْمُعَذَّبِينَ(213) Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata |
Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi |
وَاخْفِضْ جَنَاحَكَ لِمَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ(215) Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi |
فَإِنْ عَصَوْكَ فَقُلْ إِنِّي بَرِيءٌ مِّمَّا تَعْمَلُونَ(216) Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin |
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu |
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu] |
[Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu] |
Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha |
Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu |
Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti |
Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota |
Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa |
Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu |
Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu] |
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Ash-Shuara : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Ash-Shuara complète en haute qualité.
![surah Ash-Shuara Ahmed El Agamy mp3 surah Ash-Shuara Ahmed El Agamy](https://i.pinimg.com/564x/b1/9f/03/b19f03a9f2f09c46afbfd4f03727aee7.jpg)
![surah Ash-Shuara Bandar Balila mp3 surah Ash-Shuara Bandar Balila](https://i.pinimg.com/564x/3e/27/fa/3e27fa5bbbd4d19ee2f4b4975224913e.jpg)
![surah Ash-Shuara Khalid Al Jalil mp3 surah Ash-Shuara Khalid Al Jalil](https://i.pinimg.com/564x/9b/26/36/9b2636f5bbf7ef72abdb817018e96a4d.jpg)
![surah Ash-Shuara Saad Al Ghamdi mp3 surah Ash-Shuara Saad Al Ghamdi](https://i.pinimg.com/564x/85/27/cf/8527cf694f379425e43b9a4fe54b6cfb.jpg)
![surah Ash-Shuara Saud Al Shuraim mp3 surah Ash-Shuara Saud Al Shuraim](https://i.pinimg.com/564x/ad/79/67/ad79679d76062df7166c6e2f52d397d6.jpg)
![surah Ash-Shuara Abdul Basit Abdul Samad mp3 surah Ash-Shuara Abdul Basit Abdul Samad](https://i.pinimg.com/564x/52/95/ae/5295ae7c08e4ebdc7eda3ddb5c6c0a19.jpg)
![surah Ash-Shuara Abdul Rashid Sufi mp3 surah Ash-Shuara Abdul Rashid Sufi](https://i.pinimg.com/564x/80/56/ee/8056ee030160e5c7216811b7b209343c.jpg)
![surah Ash-Shuara Abdullah Basfar mp3 surah Ash-Shuara Abdullah Basfar](https://i.pinimg.com/236x/f5/7b/a1/f57ba14ba4844cee88cdf7cfb2b06510.jpg)
![surah Ash-Shuara Abdullah Awwad Al Juhani mp3 surah Ash-Shuara Abdullah Awwad Al Juhani](https://i.pinimg.com/564x/aa/4d/0b/aa4d0b16c5fbc41efcd692947a4d75ad.jpg)
![surah Ash-Shuara Fares Abbad mp3 surah Ash-Shuara Fares Abbad](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/2b/28/ae/2b28aef3f9678b7cd89315d5ffceba2f.jpg)
![surah Ash-Shuara Maher Al Muaiqly mp3 surah Ash-Shuara Maher Al Muaiqly](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/ab/cc/99/abcc9949d0419ef1f0963a54aef06397.jpg)
![surah Ash-Shuara Al Minshawi mp3 surah Ash-Shuara Muhammad Siddiq Al Minshawi](https://i.pinimg.com/564x/21/76/8d/21768d297bd3460f7339b7b755f53d03.jpg)
![surah Ash-Shuara Mahmoud Khalil Al Hosary mp3 surah Ash-Shuara Al Hosary](https://i.pinimg.com/564x/3f/da/7e/3fda7ed5056347e700cac64d07e164c3.jpg)
![surah Ash-Shuara Mishari Al-afasi mp3 surah Ash-Shuara Al-afasi](https://i.pinimg.com/564x/0a/40/9e/0a409ef09a55700877c20d7195fe9126.jpg)
![surah Ash-Shuara Yasser Al Dosari mp3 surah Ash-Shuara Yasser Al Dosari](https://s-media-cache-ak0.pinimg.com/564x/32/3e/17/323e173f4833680898f51240bedd4973.jpg)
Donnez-nous une invitation valide