Suuratu At-Taghabun pdf — Buufi (Oromo)
Suuratu At-Taghabun pdf Oromo — Buufi Suuratu At-Taghabun Hiikkaa. Suuratu At-Taghabun (Medinan) 18 Aayah.
Related
More Suuratu PDF
Suuratu At-Taghabun

ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
64:1
Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessaMootummaan kan Isaa ti; faarunis kan IsaatiInni waan hunda irratti dandaaadha
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
64:2
Inni Isa isin uumeIsin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Muuminnis ni jiraRabbiin waan isin dalagdan argaadha
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
64:3
Samiifi dachii dhugaan uumeIsinis bocee boca keessan gaaromseDeebiinis garuma isaati
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
64:4
Wantoota samiifi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beekaRabbiin waan qoma keessaa beekaadha
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
64:5
Sila oduun warra duraan kafaranii adabbii kufrii isaanii dhandhamanii isinitti hin dhufnee! Isaaniifis ibidda laalessaatu jira
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭ
64:6
Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifiRabbiinis of gaeRabbiin dureessa faarfamaadha
ﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
64:7
Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himamaSunis Rabbirratti laafaa dha" jedhiin
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
64:8
Rabbiifi Ergamaa Isaatti, akkasumas ifa isa Nuti buufnetti amanaaRabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎ
64:9
Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]Sun guyyaa wal gowwoomsuutiNamni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) dilii isaa isarraa harcaasee Jannata jala ishee laggeen yaatu keessa abaditti hafoo taanii isa seensisaSun milkii guddaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
64:10
Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, ishee keessatti hafoo taanii isaan warra ibiddaati(Isheen) deebii tauun waa fokkatte
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
64:11
Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin ala nama hin tuquNama Rabbitti amanes qalbii isaa ni qajeelchaRabbiin waan hunda beekaadha
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
64:12
Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaaYoo gara galtanis wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu qofa
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
64:13
Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiruMuuminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
64:14
Yaa warra amantan! Dhugumatti, niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaaYoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala)Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
64:15
Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodhaRabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙ
64:16
Hanga dandeessaniin Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuu keessaniif caalaa taaNamni donummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaaoodha
ﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧ
64:17
Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramasRabbiin galateeffataa obsaadha
ﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
64:18
(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa
Qur'aana Qulqulluu
Wednesday, September 9, 2026
Don't forget us in your sincere prayers







