La sourate Ar-Rahman en Oromo
الرَّحْمَٰنُ(1) Ar-Rahmaan |
Qur’aana barsiise |
Nama ni uume |
Haasa’a isa barsiise |
Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu |
Biqilaafi mukkeenis (Allaahf) sujuudu |
Samii ol ishee fuudhe; madaalas ni kaaye |
Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha |
وَأَقِيمُوا الْوَزْنَ بِالْقِسْطِ وَلَا تُخْسِرُوا الْمِيزَانَ(9) Madaala sirriitti qajeelchaa; madaala hin hir’isinaa |
Dachiis uumama hundaaf ishee kaaye |
Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira |
Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume |
Sheyxaana immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Galaanota lamaan kan wal qunnaman taasisee gadi lakkise |
Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin makamanu |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan lamaan irraayyuu faayaafi burjaanaatu baha |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
وَلَهُ الْجَوَارِ الْمُنشَآتُ فِي الْبَحْرِ كَالْأَعْلَامِ(24) Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama |
Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
يَسْأَلُهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ كُلَّ يَوْمٍ هُوَ فِي شَأْنٍ(29) Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi Isa kadhataGuyyaa hunda Inni hojiitti jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiifi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraaDandeettiin malee hin qaxxaamurtan |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
يُرْسَلُ عَلَيْكُمَا شُوَاظٌ مِّن نَّارٍ وَنُحَاسٌ فَلَا تَنتَصِرَانِ(35) Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergamaErgasii of irraa dhorguu hin dandeessanu |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
فَإِذَا انشَقَّتِ السَّمَاءُ فَكَانَتْ وَرْدَةً كَالدِّهَانِ(37) Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
فَيَوْمَئِذٍ لَّا يُسْأَلُ عَن ذَنبِهِ إِنسٌ وَلَا جَانٌّ(39) Ilmi namaas ta’ee jinniin guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
يُعْرَفُ الْمُجْرِمُونَ بِسِيمَاهُمْ فَيُؤْخَذُ بِالنَّوَاصِي وَالْأَقْدَامِ(41) Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamuSammuufi miila ni qabamu |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
هَٰذِهِ جَهَنَّمُ الَّتِي يُكَذِّبُ بِهَا الْمُجْرِمُونَ(43) “Kun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama) |
Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Kan dameewwan dhedheeroo qaban |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
مُتَّكِئِينَ عَلَىٰ فُرُشٍ بَطَائِنُهَا مِنْ إِسْتَبْرَقٍ ۚ وَجَنَى الْجَنَّتَيْنِ دَانٍ(54) Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’uFuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
فِيهِنَّ قَاصِرَاتُ الطَّرْفِ لَمْ يَطْمِثْهُنَّ إِنسٌ قَبْلَهُمْ وَلَا جَانٌّ(56) Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namniifi jinniin hin tuqintu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Faayaafi burjaana fakkaatu |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Sila mindaan toltuu toltuu malee ni jiraa |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
مُدْهَامَّتَانِ(64) Magariisa gurraacha’aadha |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Isaan dura namaafi jinniinis hin tuqne |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
مُتَّكِئِينَ عَلَىٰ رَفْرَفٍ خُضْرٍ وَعَبْقَرِيٍّ حِسَانٍ(76) Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii taa’u |
Tola Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu |
Maqaan Gooftaa keetii, abbaa guddinnaafi ulfinaa guddate |
Plus de sourates en Oromo :
Téléchargez la sourate avec la voix des récitants du Coran les plus célèbres :
Téléchargez le fichier mp3 de la sourate Ar-Rahman : choisissez le récitateur pour écouter et télécharger la sourate Ar-Rahman complète en haute qualité.















Donnez-nous une invitation valide