Suuratu Hud
123 Aayah · Meccan · Oromo
bismillah
ﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟ
Alif Laam Raa(Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, sana booda (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraa addaan baafamteedha
ﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte)Dhugumatti, ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha
ﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦ
“Gooftaa keessanis araarama kadhadhaa; ergasiis gara Isaatti tawbaa deebi’aaInni hanga beellama beekamaatti qananii bareedaa isin qanansiisaAbbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte)Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha
ﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
Deebiin keessan gara RabbiittiInnis waan hunda irratti danda’aadha
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
Dhagayaa! Dhugumatti, isaan Isa jalaa dhokachuuf qoma isaanii maruDhagayaa! yeroo isaan uffata isaanii haguuggatan, (Rabbiin) waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekaDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣ
Lubbu qabeeyyiin tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee dachii keessatti hin taaneIddoo jireenya isheetiifi iddoo du’a ishees ni beekaHundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira
ﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄ
Inni (Rabbiin) Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumeedhaArshiin Isaas bishaan gubbaa tureEenyuu keessantu dalagaan isaa irra gaarii ta’uu isin qormaatuuf (isaan uume)Yoo ati “Dhugumatti isin du’a booda kaafamoodha” jetteen, isaan kafaran “kun sihrii ifa ta’e malee waan biraatii miti” jedhu
ﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
Adabichas yoo hanga beellama murtaa’eetti isaan irraa tursiifne, “maaltu isa qabe (tursiise)?” jedhuDhagayaa! guyyaa inni isaanitti dhufu, isaan irraa deebifamaa mitiWanti isaan ittiin qishinaa turanis isaanitti marsee jira
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara)Dhugumatti inni hedduu abdii murataa, hedduu kafaraadha
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘ
Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwantu narraa deeme” jedhaDhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha
ﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
Garuu isaannan obsaniifi toltuuwwan dalagan warri sun araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
“Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatamaAti akeekkachiisaa qofaRabbiin wanta hunda irratti tiksaadha
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤ
“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin
ﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
Yoo isaan isiniif hin awwaatin, inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre beekiSila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin)
ﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅ
Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaa isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kenninaIsaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu
ﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
Isaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedhaWanti isaan ishee keessatti dalaganis ni badeWanti isaan dalagaa turanis badaadha
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanuAhzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaatiIsa irraa shakkii keessatti hin ta’inDhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedhaGaruu irra hedduun namootaa hin amananu
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
Isa Rabbi irratti kijiba uume irra namni of miidhe eenyu? Warri sun Gooftaa isaanii irra fidamuRagoonnis “isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti sobaniidha” jedhuDhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
Isaanis warra karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi dabiinsa ishees fedhaniidhaIsaan isaanumatu Aakiraattis kaafiroota
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
Warri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turreRabbii alattis gargaaraan tokkolleen isaaniif hin turreAdabichis dachaa isaaniif godhama(Haqa) dhagahuus kan danda’an hin turre; kan arganis hin turre
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
Warri sun isaan lubbuu isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
Dhugumatti, isaan isaanumatu Aakiraatti hoonga’oota, jechuutti Shakkiin hin jiru
ﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍ
Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataatiIsaan ishee keessatti hafoodha
ﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜ
Fakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaatiSila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii
ﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra(Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔ
Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Dhugumatti, ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha.”
ﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarruGadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarreIsiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarreInumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” jedhan
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪ
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhuMindaan kiyya Rabbiin qofa irra jiraAnis ari’aa warra amananiitii mitiDhugumatti, isaan Gooftaa isaanii wajjin wal qunnamoodhaGaruu ani ummata wallaalaa ta’uun isin arga
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
Yaa ummata kiyya! Yoo ani isaan ari’e, (adabbii) Rabbii jalaa maaltu na baraarsa? Sila homaa hin gorfamtanuu
ﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
Ani kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhuGaybii (wanta fagoos) hin beekuAni maleeykaa dhas isiniin hin jedhuIsaannan ijji keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhuRabbiin waan lubbuu isaanii keessa jiru irra beekaadhaYoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi.”
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤ
[Isaan] “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirtaMormii keenyas baay’essitee jirtaYoo warra dhugaa dubbatan irraa taate, waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi” jedhan
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
Isa kana kan isinitti fidu Rabbuma qofaYoo fedhes (ni ariifachiisa)Isinis kan dadhabsiiftan hin taane” jedhe
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
“Yoo an isin gorsuu fedhes, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e gorsi koo isin hin fayyaduInni Gooftaa keessaniGaruma isaa qofa deebitus” jedhe
ﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲ
Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu? “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jiraAnis badii isin hojjattan irraa qulquulluudha” jedhiin
ﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄ
Gara Nuuhittis akkana jechuun beeksisa goone: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu;Kanaaf waan isaan hojjatanitti hin gaddin
ﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
Doonis ilaalcha (tika) keenyaafi ajaja keenyaan hojjadhuWarra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatinDhugumatti, isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥ
Innis (Nuuhis) doonii hojjata (ture)Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinuInnis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishintanis nutis akkuma isin qishintan isinitti qishinuuf jirra
ﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
Namni adabbiin isa salphisu itti dhufuufi adabbiin itti fufaanis isa irra qubatu eenyu akka ta’e beekuuf jirtu.”
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
Yeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” isaan jenneIsa waliinis namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
“Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een, ishee yaabbadhaaDhumatti Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮ
Isheenis danbalii akka gaaraa keessa isaanin adeemtiNuuhis ilma isaa(doonittii irraa) fagoo tureen “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhuWarra kafaran wajjinis hin ta’in” jechuun lallabe
ﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
(Ilmi isaas) ni jedhe: “Ani fuula dura gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuhis) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii irraa nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee.” Danbaliinis gidduu isaanii haguugeInni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
Ni jedhames: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsiYaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaanis xuuxamee hir’ateMurtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatameIsheenis tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatteNi jedhames: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌ
Nuuhis Gooftaa isaatti lallabee, “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayiWaadaan keetis dhugaadhaAtis irra haqa murteessaa abbootii murtiiti” jedhe
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
(Rabbiinis) “Yaa Nuuh! dhugumatti, inni maatii kee irraa mitiInni hojii gaarii hin ta’iniidhaKanaafuu waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatinAni akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa” jedhe
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
(Nuuhis) “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadhaYoo Ati naaf araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a” jedhe
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
“Yaa Nuuh nageenyaa Nu biraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) bu’aa(Sanyii isaanii irraas) ummata fuula dura yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin dhukkubsaan isaan tuqutu jira” jedhame
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
Isheen kun oduu fagoo kan gara keetti beeksisa goonu irraayiSis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee beektan hin turreObsiDhugumatti, booddeen (gaariin) kan warra (Rabbiin) sodataniiti
ﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠ
Gara Aadittis obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra)Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaGabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiruIsin kijiba uumoo malee waa biraa hin taane
ﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰ
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhuMindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taaneSila isin hin xiinxaltanii
ﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaBokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaaHumna keessan irrattis humna isiniif dabalaaYakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”
ﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒ
“Yaa Huud! Ati ragaan nutti hin dhufneNutis jecha keetiif jennee gabbaramtoota keenya kan dhiifnu hin taaneNutis siif amanoo miti” jedhan
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu(Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫ
Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudhaYoo dandeessan) Tooftaa natti baasaa haala huda taataniin; Sana booda yeroo naaf hin kenninaa
ﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀ
Ani Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheeraUumama lubbuu qabu tokkos kan Inni odoo sammuu isaa hin qabin hafe hin jiruDhugumatti, Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irra jira
ﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘ
Yoo gara galtanis, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame dhaqqabsiiseeraGooftaan kiyyas ummata isin hin ta’in bakka buusaHomaas Isa hin miitanDhugumatti, Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.”
ﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
Yeroo ajajni keenya dhufu, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafneadabbii cimaa ta’e irraas nagaa isaan baafne
ﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
Isheen sun (ummata) AadiMallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪ
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifamanii jiru; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma)Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiruDhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u
ﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊ
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra)Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaIsa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiruInni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachiseKanaaf araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaDhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihoo, awwaataa dhas.”
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝﰞﰟﰠﰡ
Ni jedhan: “Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turteSila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii guddaa qabna.”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, yoo ani Isa dide Rabbiin jalaa eenyutu na baraarsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
Yaa ummata kiyya! Isheen kun haala mallattoo isiniif taateen gaala RabbiitiDachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa(Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉ
Ishee ni waraananInnis “Manneen keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aaKun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha” jedhe
ﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
Yeroma ajajni keenya dhufu, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine)Dhugumatti, Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦ
Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabattee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) bariisifatan
ﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖ
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’anDhagayaa! Dhugumatti Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiruDhagayaa! fageenyi Samuudiif haa ta’u
ﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨ
Dhugumatti, ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufanii “nagaa (sirratti buufna)” jedhanInnis “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedheOdoo hin turre jibicha waadamaan dhufe
ﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼ
Yeroma harki isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate“Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee” jedhan
ﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆ
Niitiin isaa dhaabattuu turtee achumaan kolfiteNuti Isihaaqiin, Isihaaq boodas Ya’aquubiin ishee gammachiifne
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞ
Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, dhirsi kiyya kunis dullacha ta’ee jiruun da’aa? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”
ﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯ
Ni jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Yaa warra manichaa! Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu; dhugumatti, Inni faarfamaa, guddaadha.”
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻ
Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, inni ummata Luux keessatti Nuun falmuu eegale
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
Dhugumatti, Ibraahiim obsaa, mararfataa, deebi’aadha
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒ
Yaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara galiDhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jiraIsaanis adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa
ﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠ
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniif dhiphate“Kun guyyaa cimaadha” jedhe
ﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufanSana duras gocha fokkataa kan raawwatanu turan(Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan) isiniif qulqulluudhaRabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessattis na hin xiqqeessinaaSila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭ
Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa fedha hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu sirritti beekta.”
ﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹ
Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara gosa jabduu hirkadhee (isinin adabbii ture).”
ﯺﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏﰐﰑﰒﰓﰔﰕﰖﰗﰘﰙﰚﰛﰜﰝ
(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anuMaatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemiNiitii kee malee Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anneDhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadhaBeellamni isaaniis bariidhaSila bariin dhihoo mitii?”
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee, Ishee irrattis dhagaa dhoqqee gubamaa wal hordofaa irraa ta’e ishee irratti roobsifne
ﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine)Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆ
Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra)“Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaIsa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSafaraafi madaala hin hir’isinaaAni qabeenya keessattin isin argaaraDhugumatti ani adabbii guyyaa marsaa ta’een isin irratti sodaadha
ﮇﮈﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
Yaa ummata kiyya! Safaraafi madaalas haqaan guutaaNamoota jalaas wantoota isaanii hin hirdhisinaa; dachii keessattis balleessitoota taatanii badii hin facaasinaa
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
Yoo mu’uminoota taataniif waan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala; Anis isin irratti eegaa miti.”
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
Ni jedhan: “Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu waan abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnu yookiin akka nuti qabeenya keenya irratti akka feene hin dalagne si ajajjii? Dhugumatti, ati simatu obsaa, qajeelaa dha!”
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa)Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhuAni hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhuHaqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taaneIsa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
Yaa ummata kiyya! ana faallessuun akka fakkaataa waan ummata Nuuh yookiin ummata Huud yookiin ummata Saalih tuqee isin tuquu irratti isin hin kaasneUmmanni Luuxis isin irraa fagoo miti
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
Gooftaa keessan araarama kadhaaErgasii gara Isaa deebi’aaDhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaallataadha.”
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
“Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannuNu keessatti dadhabaa taateetiin si arginaOdoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turreAti nurratti jabaa miti” jedhan
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙ
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? Duuba keessan irraan gara dugdaa Isa gootanDhugumatti, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha
ﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯ
Yaa ummata kiyya! Isin sadarkaa keessaniin hojjadhaa; Ani hojjataadhaNama adabbiin isa xiqqeessu isatti dhufuufi nama isa kijibaa ta’e fuula dura beektuIsinis eegaa! Ani isin waliin eegaadha.”
ﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢﯣ
Yeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatanis iyyansi cimaan ni qabdeManneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’anDhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶ
Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra
ﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂ
Gara Fir’awniifi qondaalota isaa (ergine)Ajaja Fir’awni hordofanAjajni Fir’awnis sirrii miti
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛ
Guyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa(Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate
ﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦ
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifamanGuyyaa Qiyaamaas (akkasuma)Badhaasni badhaafaman waa fokkate
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱ
Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessinaIshee irraa dhaabbataafi haamamaatu jiru
ﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋﮌ
Nuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuu isaanii miidhanYeroma ajajni Gooftaa keetii dhufu gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadneHoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe
ﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
Qabaan Gooftaa keetiis yeroo magaalota haala miidhaa hojjattuu taateen qabe akkuma kanaDhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha
ﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨﮩﮪﮫﮬ
Dhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jiraSun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; ammas sun guyyaa dhufamaadha
ﮭﮮﮯﮰﮱﯓ
Beellama lakkaa’amaaf malee isa hin tursiifnu
ﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚﯛﯜﯝﯞﯟ
Guyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin ala hin dubbattuIsaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira
ﯠﯡﯢﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
Isaan hoonga’an ibidda keessa ta’uIshee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif jira
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺ
Waan Gooftaan kee fedhe malee, Hanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu)Dhugumatti, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha
ﯻﯼﯽﯾﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇﰈﰉﰊﰋﰌﰍﰎﰏ
Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatuWaan Gooftaan kee fedhe malee, hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu)Kennaa addaan hin cinne (kennaman)
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧ
(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin(Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranuDhugumatti, Nutis qooda isaanii odoo hin hirifamne guunnee isaaniif kennina
ﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼ
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama tureDhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru
ﭽﭾﭿﮀﮁﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈ
Dhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaa isaanii isaaniif guutaDhugumatti, Inni waan isaan dalagan beekaadha
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎﮏﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhuIsaan si waliin tawbatanis (gadi haa dhaabbatanii)Daangaas hin dabrinaaDhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha
ﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡﮢﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
Gara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa(Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqaRabbiin malees jaalallee biraa hin qabdanErgasii hin tumsamtanu
ﮩﮪﮫﮬﮭﮮﮯﮰﮱﯓﯔﯕﯖﯗﯘﯙﯚ
Qaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabaaToltuuwwan hamtuu ni deemsisuKun warra gorfamaniif gorsa
ﯛﯜﯝﯞﯟﯠﯡﯢ
Obsi! Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu
ﯣﯤﯥﯦﯧﯨﯩﯪﯫﯬﯭﯮﯯﯰﯱﯲﯳﯴﯵﯶﯷﯸﯹﯺﯻﯼﯽﯾ
Maaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? Garuu xiqqoo warra nuti nagaya baafnee irraa (argamaniiru)Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofee yakkamtoota irraa ta’an
ﯿﰀﰁﰂﰃﰄﰅﰆﰇ
Gooftaan kee magaalaa kamillee, odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatan ta’anii jiranuu, miidhaan ishee hin balleessu
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖﭗﭘﭙﭚﭛﭜ
Gooftaan kee odoo fedhee, silaa nama hunda ummata tokko taasisa tureWal dhaboo ta’uu irraa hin deemanu
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢﭣﭤﭥﭦﭧﭨﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
Nama Gooftaan kee mararfate malee (waldhabuu irraa hin deman)Kanumaafis isaan uumeJechi Gooftaa keetii “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta” jechuun guutamteetti
ﭯﭰﭱﭲﭳﭴﭵﭶﭷﭸﭹﭺﭻﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
Oduu ergamtootaa irraa waan ittiin onnee kee raggaasifnu hunda sirratti odeessinaIshee kana keessas dhugaa, gorsaafi yaadachiifni mu’uminootaaf ta’e siif dhufeera
ﮂﮃﮄﮅﮆﮇﮈﮉﮊﮋ
Isaan hin amanneenis jedhi: “sadarkaa keessaniin dalagaaNuti dalagoodha
ﮌﮍﮎﮏ
Isinis eegaa! Nutis eegoodha.”
ﮐﮑﮒﮓﮔﮕﮖﮗﮘﮙﮚﮛﮜﮝﮞﮟﮠﮡ
Iccitiin samiifi dachii keessaa kanuma RabbiitiDhimmi hundi gara Isaatti deebifamaIsa gabbariIsa irratti hirkadhuGooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti

Qur'aana Qulqulluu


Tuesday, August 18, 2026

Don't forget us in your sincere prayers